Home Maxxansituu Fuula 7

FOOLII BADAA MIILLAA ITTISUUN NI DANDA’AMA – Dr Gurmeessaa

0

****Fayyaan faaya****
1. Erga miilla dhiqannee booda miila keenya kafanaan haxaawuu
qabna. Kun seelotaa gogaa irratti dudu’anii hafan baakteeriyaa
keessummessan waan balleessuuf
2. Miilla keenya shayiidhaan (tea) dhiqachuu (sukkaara osoo hin
taane shayii). Kunis asidiin tannic acid kan shayii keessatti argamu
waan gargaaruuf. Guyyaatti daqiiqaa soddoma torban tokkoof walitti
fufnee miilla keenya keessa kaa’uu qabna.
3. Bishaan ashaboodhaan bulbullee miilla keenya ittiin dhiqachuun
gogsinee osoo bishaan biraa itti hin dabaliin gogsinee dhiisuu.
4. Miilla keenya gogsuu qabna. Kunis baakteeriyaan jiidha waan
jaallataniif akka carraa hin arganneef.
5. Antiperispirant kan dafqa ittisan kan yeroo baayyee bobaa
keenyaaf fayyadamnu miilla keenyaafis fayyadamuudhaan akka hin
dafqine ittisuu dandeenya. Kun jiidhina balleessuudhaan akka
baakteeriyaan wal hin horre godha.
6. Daakuu (Powder) baking soda bishaanitti naquun ittiin miilla
keenya dhiquu. Kun alkaline yokaan beeziii waan tahuuf
baakteriyaa irraan miidhaa gaha.
7. Vinegar bishaan waliin walitti makuun miila keessa kaa’achuun
asiidiin vinegar keessa jiru akka gargaaru taasisa.
8. Kaalsii yeroo yeroon jijjiirrachuu, yoo boqonnaa fudhannu kophee
baaqqee (sandels) kaa’achuu, kophee yeroo yeroon dhiqachuu,

 



Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

Dhibee ka’uu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa (Impotency ) – Dubarri dubbisuun dhoorkaadha.

0

DUBARRI AKKA HIN DUBBISNE DHIIRA QOFAAF!!!!
Dhibee ka’uu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa (Impotency )
****************
Qaamni saalaa dhiiraa kan dhaabbatu (erection) yoo hormooniin
sammuu keessaa gadi lakkifamee ujummoolee dhiigaa qaama
saalaa dhiiraa keessatti argaman dhiigaan guutuudhaan dhiibbaa
(pressure) uumudha. Haalli kamillee kan kana dangeessu, qaamni
saalaa dhiiraa dhaabbatee walqunnaamtii akka hin raawwanne
dhorka, osoo fedhii qabuu jechuudha. Yoo fedhii hin qabaanne
garuu inni kan biraati malee dhukkuba kanaan walqabachuu dhiisuu
danda’a (decreased libido).
Dhibeen kun akkuma umuriin dabaleen dabalaa deema. Giddu
galeessaan dhiirota waggaa 40 keessaa 5% yoo hubu, warreen
waggaa 70 ga’an keessaa ammoo haga 15% hubuu danda’a.
Dhibee kana kanneen namatti fidan keessaa.
1. Rakkoo xiinsammuu (psychological problems). Kun yeroo hedduu
namoota saalqunnaamtii waliin walqabatee miidhama, sodaaa fi kkf
qaban.
2. Dhukkuba sukkaaraa
3. Tamboo xuuxuu
4. Dhukkuba narvii
5. Qorichoota adoochan kan akka hashiishii fi kkf.
6. Qorichoota dhukkuba biraa yaaluuf ajajaman kan akka,
antihypertensive, antihistamine, antidepressants, etc.
7. Depression ( among psychiatric problem) fi kanneen biroon illee
in jiran.
Furmaanni rakkoo kanaa yeroo ammaa qorichoonni garaagaraa
jiraatanis yeroo baay’ee sildenafil (viagra) akka ballinaan
fayidaarra oolaa jiru beekamaadha. Qoricha kana ajaja ogeessaa
fayyaatiin qofa fayyadamna. Midhaawwan cinaa (side effects)
qorichi kun qabu keessaa; mataa dhukkubbii, gadteessisuu
(diarrhea), garaacha dhukkubsuu (dyspepsia), oldeebisuu (nausea).
Fi kkf.

Dr.gurmesa
GALATOOMAA.

Eenyu siin haajedhu, Eenyuun sii Moggaasu? – Ati Maqaa naaf laadhu : Walaloo Haadhaa.

5

Ati Maqaa Naaf Laadhu!!!
Mee enyu Siin jedhu moggaasni Siif malu
Damma moo Aannani jechi Siin madaalu?
Damma akkan hin jenneef Dammi Gagaa qaba


Aannanis jechuu dhaaf bullaan dhama qaba
Mee maaliin si waamu siifoo jechan dhaba.


Mee Bishaan siin jedhuu isa foolii hin qabne
kan dhagaan dhiitames garaa gara hin citne
inni Siif hin malu amalli isaa Lamaa
har’a yoo Calale bor booruun makamaa.


Erga akkas ta’ee Dacheen si moggaasuu?
Isheetti fakkeessee oolmaa kee ifa baasuu?
Dachee ishee dhugaa ishee hamii hinbeekne
na miiteetta jettee kan nama hin gaafanne.
Lakkii si hin madaaltu dacheen shira beekti
nama dhugaaf du’een anaa dhufu jetti
isheenoo dhoksinaan deebiftee hin muldhiftu
Firri yoo gaafates kunoo as jira hin jettu
Dacheenis si hin waamu ishee haqa hin beekne
Waadaa namaa fuutee galmaan ishee hin geenye.


Qoricha siin jedhuu kan nama Fayyisu?
Nama du’aaf eegan kan jiraa taasisu?
Qorichis hin ta’u maalsaa si Madaala?
Seeraan ala taanaan miidhaasaatu Caala
fayyisuunsaa hafee Fayyaattuu Awwaala.


Yoos Rooban jedha Roobni Jiidha qaba
Lafa hongeetu isaan biqilchuu jalqaba.
Lakkii natti haa hafu ati Rooba hin taatu
yoon Rooba siin jedhe nan dhiisu dhugaatu.
Gama kanaa Caamee gamasii bubbisa
Loogduuf ija Ilaaltuun Sanyiin Roobaa hinjirtu
ati Rooba miti boris Rooba hin taatu.
Haadha koo maal jedhuree Maaliin si Waammadhu
anoo Jechan dhabe at maqaa naaf Laadhu!!!

 


Horaa Bulaa

Gorsa Fayyaa : DHUKKUBA JUUZAMII(Leprosy) – Dr.Nuredin Luke

0

Dhukkubni Juuzamii dhukkuba daddarbaa baakteriyaa Mycobacterium Leprea jedhamuun dhufudha. Dhukkuba kanaan wolqabatee hawaasa keenya keessa hubannoo ykn odeeffannoo sirrii hin tahin heddutu jira. Isaan keessa akka waan sanyiin daddarbuu fi abaarsa waaqaatiin dhufuu, akkasumas dhukkuba yaalamee fayyuu hin dandeenye fi nama cubbuu ykn sanyii badaa irraa dhalate irratti mul’ate godhamee laallamuu fa’atu jira. Kun hundi ammoo sirrii kan hin ta’iniifii dhukkubni kun kan baakteeriya daddarbaa ta’een dhufu ta’uun isaa habatamuu qaba.

Namoota baakteriyaa dhukkuba Juuzamii fiduuf saaxilaman keessaa muraasa isaanii qofatu dhukkuba kanaan hubamuu danda’a. Isaan parsantii 95 ta’an baakteeriyaa kanaaf saaxilamaniyyuu dhukkuba kanaan akka hin qabmneef sirni ittisa qaamaa keenya kan dhoorku ta’a jechuudha. Isaan parsantii shan ta’an kan dhukkuba kana horachuu danda’an ammoo:
* Isaan nama dhukkuba kana qabuun wojji hariiroo dhihoo woggaa dheeraa qabaatan
* Isaan sirni ittisa qaamaa isaanii sababa garagaraatiif dadhabaa ta’e. Fkn Isaan yaala qoricha kaanserii fudhatan
* Sababa ifa hin ta’iniif shamara caalaa dachaa hanga lamaatiin dhiira irratti hedduminnaan mul’ata.

* Dhukkubni Juuzaamii irra jireessaan biyyoota guddataa jiran keessatti mul’ata. Namoota magaalaa caalaa kan baadiya irratti, akkasumas isaan galii jireenya gadi aanaa fi nyaata madaalama hin arganne irratti isaan kaan caalaa mul’ata.

  • Haalli baakteeriyaan kun nama tokko irraa kan biraatti dabaru un ammoo hariiroo wolitti dhihoo yeroo dheera qabaatan irraa hafuuraan gara sirna hargansuu nama kaanii seenuuni jedhamee amanama.
  • Garuu waan gogaa irratti bahe sana tuttuquun qorannoo hedduu irratti daddarbuu dhukkuba kanaaf shoora guddaa akka hin taphanne mul’isa.

* Uffata wolii uffachuun, siree tokko fayyadamuun, wojjin nyaachuun, fi mana fincaanii tokkotti fayyadamuun dhukkubni kun nama isa qabu irraa gara nama kaanitti hin darbu.

Mallattoon dhukkuba kanaa maali?
* Dhukkubni Juuzamii irra jireessaan gogaafi narvii keenya kan miidhudha.
~ Mallatoon isaa ijoon: Gogaa keenya irratti iddoo muraasa daalachayee ykn xiqqoo addaatee mul’atudha. Iddoon kun ammoo miira dhukkubbi fi yoo tuttuqan mirri kan itti hin dhagahamne ta’uu isaa irraa kan ka’a mammada’uu kan danda’udha. Dabalataaniis iddoon sun miira hoo’aa kan addaan hin baasne ta’uu irraa kan ka’e haaluma salphaa ta’een gubachuu danda’a.
~ Kuun ammoo narviileen keenya tokko tokko ni gurguddatu akkasumas yoo tuttuqan dhukkubbii qabaatu; kana ammoo ogeeyyileen fayyaa kan adda baasan ta’a.
~ Namoota parsantii 50 ta’an irratti ammoo sochii ykn tattaafii sirni ittisa qaamaa keenya baakteriya kana balleesuuf godhu keessatti iddoon gogaa sun i’iita’uu, madaa’uu, waan akka kormommaa fi finnisaa fa’a funyaani fi gurra keenya irratti mul’achuu.

~ Turtii keessa lafeen harkaa fi lukaa nyaatamuun, akkasumas harki ykn lukti kenya madaa’ee miidhamuu irraan Kan ka’e qubbin harkaafii miilaa nyaatamuu danda’u.

Yaalli isaa hoo akkam?
* Yaalli isaa baay’inna mallatoo googaa irratti mul’atee fi narvii miidhame irratti hundaa’uun ji’a jaha ykn ji’a kudha lamaaf qoricha fudhatamu ta’a.
* Qoricha kanniin ammoo guyyaa digdamii saddet saddeetiin mana yaalaa san deema ilaalamaa kan fudhatamu ta’a.
* Yaala dhukkuba kanaa keessatti inni ijoon qoricha addaan kutuu dhabuudha. Qoricha yoo addaan kunne baakteriyaan sun qoricha kaana haala salphaa ta’een dandamachuu danda’a, kanaaf qoricha kannin (yoo ogeessi ajaje malee) gonkumaa addaan kutuun hin barbaachisu.

* Hubannoo gahaa hawaasa keenya keesaatti uumuun, dhukkubni kun kan yaalamee fayyu ta’uu ibsuuniifi namoota mallatoon kun irratti mul’ate yeroodhaan gara mana yaalaa dhufanii akka yaalaman gochuun shoora nurraa eegamu taphachuun barbaachisaadha

Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

©Dr. Nuredin L.

 

 

Dhibee Garaachaa Qabduu? – Gorsa Fayyaa

0

DHIBEE GARAACHAA QABDU? – OBN tu Maxxanse

Dhukkubni garaachaa (peptic ulcer disease) qunca’uu garaachaa fi mar’umaan isa gara garaachaatti ol’aanuu irraa kan dhufu.

Kunis walmadaaluu dadhabuu asiidii garaachi keenya oomishuu fi wantoota uumamaan hubaatii asiidii kana irraa garaacha keenya ittisan gidduutti uumamuun kan dhufudha.

Hawaasa keessatti dhukkubni kun 1% gaha jedhama.

Haata’u malee lakkoofsi kun kan mana yaalaa deemee galmaa’ee yaala argate qofa.

Ka’umsa;

Baakteeriyaa H. paayloor

Baakteeriyaan kun garaacha keenya fi mar’umaan keenya ol’aanu miidhuudhaan kan dhukkuba kanaaf nu saaxilu yoo ta’u, biyya keenya keessatti namoonni 80% ta’an baakteeriyaa kanaan qabamoodha.

Haa ta’u malee namoonni baakteeriyaa kanaan qabaman hundi dhukkuba kana hin qabani.

Baakteeriyaa kana qoricha mana yaalaa deemnee fudhachuudhan dhabamsiisuu(eradicate) gochuun ni danda’ama.

Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman; NSAID jedhaman.

Isaan kun kanneen akka aspiriin, indoomeetaasiin, ibuproofeenii fi kkf.

Qorichootni kun yoo waa tokko nu dhukkubu dhukkubbii sana balleessudhaaf yeroo hedduu ajaja ogeessa fayyaatin ala kan ofii keenyaa fudhannu waan ta’aniif miidhaa isaanii ogeessaa fayyaa gaafachaa fi akeekkataa fayyadamuu qabna.

Keessumattuu namootni duraan dhukkuba garaachaa xiqqaa tahe qaban gara sadarkaa cimaatti waan dabarsuuf bakka isaanii ogeessa fayyaa mariisisuun qorichoota biroo fudhachuutu filatama.

Tamboo xuuxuu;

Dhukkubni garaachaa akka dafee sadarkaa badaa irra gahuu fi yaaluuf ulfaataa ta’urra geessisa.

Alkoolii dhuguu;

Alkoolii keessumattuu kan qabiyyeen alkoolii isaa olka’aa ta’e dhuguun yokaan ammoo kan qabiyyeen alkoolii isaa gadi aanaa ta’e baay’isanii dhuguun dhukkuba garaachaa yeroo gabaabaa ( acute gastritis) kan namatti fidu yoo ta’u, yeroo tokko tokko haga garaacha keenya dhiigsuutti deema.

Rakkoo hawaasummaa;

Rakkoon hawaasummaa ka’umsaa fi baballachuu rakkoo garaachaaf sababa akka ta’an kitaabonnihedduun ni eeru.

Rakkoolee hawaasaa kana keessaa muraasni;
maatii waliin waldhabuu, hojiin garmalee bay’achuu, hojii dhabuu, galii baay’ee gadi aanaa argachuu, fi kkf.

Of eeggannoo;

Alkoolii baay’isuu dhiisuu, tamboo xuuxuu dhaabuu, qorichoota ajaja malee fayyadamuu dhaabuu fi of dhiphisuu dhiisuu.

Nyaata dhukkuba kana nutti cimsan irraa fagaachuu.

Nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka. Nyaata nutti cimsu irra fagaachuu.

Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaa fi dhugaatii erga hojjetamanii turan, afaanitti hadhaa’an (farsoo ba’ee ture) namatti kaasu.

Dhukkuba kana irraa fayyuuf nyaata nu gargaaran nyaachuu.

Isaan keessa dammi isa hangafaa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha.

Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa h. paayloor jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa. Fudraa fi mudraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.

Gara mana yaalaa deemuun sadarkaa inni irra jiruu fi yoo baakteriyaan h. paayloor jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.


Gorsi; Health Digest fi Doktar Gurmeessaa

Odaa fi Sirna Gadaa Oromoo

0

Odaa fi Sirna Gadaa Oromoo
==========//============
Ummatni Oromoo hortee latiinsa hidda kuush keessaa isa guddaa fi Baha Afrikaatti ummata baldhina qabu yoo ta’u waggoota kumaatama dura sirna gadaatiin buluu kan jalqabeefi karaa nageenyaatiin lafa quubsumaa, dheedaa fi hora horii isaaniitiif tolu akkasumas qilleensa jiruuf jireenya isaaniitiif mijaa’u filachaa dhiibbaa tokko malee lafa duwwaa ilaalee qubachaa sirna Gadaa isaatiin wal bulchaa heera uumamaa eeggatee saba jiraataa ture ta’uu seenaatu raga baha.

Ummatni Oromoo babaldhifannaa lafaa kana sababni guddaan inni taasiseef horsiifate bulaa waan tureef lafa dheedaa fi bishaan Horaa horiif wayita barbaadu iddoo marga qabu yoo itti godaanu lafa ummanni biraa irra jiraatu osoo hin taane Bineensota bosonaa Gurguddoo kanneen akka Arbaa, Leencaa, Qeerransaa, Jawwee, Waraabessaa, Sattawwaa fi kkf qofaan darbe darbee kan walitti bu’aniin ala ummata yookaan saba kamiinuu kan walitti hin buune ta’uu fi boodas sirna Gadaatiin Bineensotaafi Bosonas tuquun dhorkaa fi safuu akka ta’e lallabuun/labsuun akka qabeenya ofiitti eeguun jaalalaan waliin jiraachaa turuun isaanii dhugaa dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufedha.

Sirni Gadaa giddugala Bulchiinsaa, Siyaasaa, Aadaa, Amantaa akkasumas jiruuf jireenya ummata Oromoo qofa osoo hin taane uumama waaqaa hundaa karaa miidhaarra hin geessisneen duudhaafi safuu uumamaa eeguun karaa diimokiraatawaan sirna ummatni Oromoo ittiin wal bulchaa tureefi fakkeenya Gaarii Addunyaan amma ittin bultuuti.

Odaa
=====
Odaan mallattoo Diimokiraasii caayaa sirni Gadaa Oromoo jalatti lallabamu, gaaddisa ulfinaa, Asxaa Ummata Oromoo isa jalqabaati.
Odaa mallattoo diimokiraasii akka ta’u wantoota isa filachiisan keessaa muraasni:-
 Gaaddisni Odaa uumamumaan biqiltuuwwan isa jalatti biqilan hin miidhu
 Gaaddisa guddaa waan qabuuf akka galmaatti tajaajiluun alattis horiin/loon waaree galee jala ciisuuf ni fayyada.
 Odaan Bonaaf Ganna hin gogu baalas hin harcaafatu
 Odaan qaamni isaa yoo madaa’e Aannan waan baasuuf hariiroo horsiifate bulaa Oromoo fi Aannan gidduu jiru muldhisa
 Odaan hiddi isaa baayyee lafa keessan fagaatee jiidha bishaanii barbaada. Yoo dhagaarratti biqiles qilee bu’ee bishaan argata. Kun immoo hidda gadi faheenya ummata Oromoo fi obsa inni qabuun walfakkeefama.
 Firiin isaa ni nyaatama, bineensotni firii mukaa sooratan ittiin jiraatu.
 Mukni Odaa meeshaalee garaagaraa, Gaagura, Yabala (Doonii) xixiqqaa hojjechuuf ni Tajaajila.

Walumaagalatti amalli Odaan qabu garalaafummaan, Aannaniin adda bahuu dhaabuu, hidda gadi fageeffachuun isaa, mukni bira yoo irratti biqiles obsaan baachuu fi kkf haalaa fi amala ummatni Oromoo uumamaan qabuun waan walfakkaatuuf akka fakkeenya guddaa sirna Gadaa fi galma lallaba Heeraaf Seeraa akkasumas Ardaa Jilaa Ummata Oromoo ta’uun filatamuu danda’eera.


Maddi:- Biiroo Aadaa Tuurizimii Oromiyaa

DHUKKUBOOTA JAALALAA

3

Dhukkuba jaalalaa (waantoota jaalala ykn relation keenya miidhan):-

1. Waantoota xixiqqoo waldiduu.
Waantoota xixiqqoo yo waldidan yeroo sanaaf salphaa fakkaata. Fakkeenyaaf… “qodaa kana fuudhii achi kaa’i” jechuun waan yoo jenne kun waan salphaa fakkataa …. “lakki” yoo inni tokko jedhe sammuun keenya galmeessaa deema. Dhumarratti gara dubbii ijoo “ati dhimma kiyya hin qabdu” jedhuutti dhufa.

2. Yoo wal lolan wal cufuu.
Jaalala keessaatti wal loluu ykn mufachuun waanuma jiru haa ta’u garuu namoonni tokko tokko lola isaanii walitti dubbachuudhaan baafatu. Kuun immoo walcufaniit eenyu akka dura haasofsiisu akka adurreef hantuutaa wal eeggatu. Abbaan dura haasofsise gadaantummmaadha jedhanii yaadu. Kanaaf yoo wal lolan walcufuun amala taanaan hammuma wallolan jaalalli badaa deema. Sababa lolaa osoo hin taane sababa WAL CUFUU! Kanaafuu wal hin cufiinaa.

3. Sammuu namaa keessatti waa dubbisuuf yaaluu ( Mindreading)
Jaalaleewwan tokko tokko waan ati yaaddu nan beeka sammuu keessatti waliin jedhu. Kana garuu kan beeku rabbi qofa. Kanaaf waan namni tokko hin duubbatiin akkasitti yaadda ykn akka sana gochuuf ati jedhanii abbaa dursanii lafa kaa’uun deemee deemee walitti bu’iinsa guddaa fida.

4. Hiriyyaa keessan nama biraa waliin wal hin dorgomsiisiinaa.
Hiriyyaan kee nama biraadha, siif adda. Kanaaf nama biraa waliin madaalsistee karaa kamiinuu olaantummaa ykn gadaantummaa hin kennin…

5. Hiriyyaa keessan to’achuuf hin yaaliinaa. Hiriyyaan jaalalaan to’atama ykn to’atamti malee qamaan to’achuun dhumarratti lola fida.

Galatoomaa!


Maddi: Fuula FB Dr. Gurmeessaa irraa

Dhaha ykn Kalaandarii Oromoo fi Simannaa Bara Haaraa Oromoo biratti guyyaa 11 booda.

9

Dhaha jechuun guyyoottan baatii keessatti argaman jechuudha. Dhaha (Calendar) jechuun faana buutuu Gadaa Oromoo jechuudha. Oromoon yoo bara lakkaayu akka biyyoota biroo Aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaa’a osoo hin taane sochii Ji’aa(baatii) fi Urjii irratti illee kan hundaa’e dha.kunis Dhaha Urjii ykn” Guided by Stars” jedhama.Akka Kalaandarii Oromootti Ji’a tokko ykn Baatii Tokko kan jedhamu Guyyoota digdamii sagalii fi Walakkaa (29.5) of keessaa qaba.”Guyyaan Walakkaa jedhamu eessaa ba’e?” jettanii gaafachuu dandeessu. Oromoon cal’isee Aduu baatee seentuun Guyyaa tokko hin jedhu. warra aduu baatee galtuun guyyaa tokko jedhan illee qorattoonni dhimma kana irratti qorannoo adeemsisan yeroo tokko tokko Guyyaan dheeratee halkan waan gabaabbatuuf yeroo mara guyyaa fi halkan akka tokko hin taane bira ga’uu dhaan dhimma kana fashaleessaniiru.Oromoon garuu kana osoo qorattoonni kaleessa dhalatte hin dhalatin waan beekuuf Aduu dhiitee bariituun Guyyaa tokko jedhee hin fudhatu.kanaaf Ji’a Ilaaluu dhaan guyyaa murteessa.akka Ayyaantonni Oromoo jedhanitti Ji’i gaafa baatu keessa isheetti sarara Geengoo ykn Marfata qabdi jedhu.”Ayyaantota” jechuun warra Ji’a Ilaalanii guyyaa murteessan jechuu dha.Ji’a kan Ilaalan meeshaa dhaan osoo hin taane kennaa Waaqni ganama kenneefitti dhimma ba’uu dhaan qaroo ykn Ija isaanii qofaan Ilaalu. Ayyaantonni kun Sirna Gadaa keessattis ta’e uummata Oromoo biratti kabajaa fi Iddoo guddaa qabu. Ji’i tokko baatee gaafa Goobantu dhuma irratti Sararri Geengoo(marfati) ji’a kana keessaa mul’atu Guutuu 29 fi Walakkaa dha.sararri Geengoo ji’a kana keessaa mul’attu tokkoon ishee naannoftee gaafa wal quunnamtu Guyyaa tokko jedhamti.Ji’i kun garuu jalqaba gaafa baatu walakkaa qofatu ba’a.kanaaf sararri dhuma irratti Ji’a tokko keessaa mul’atu 29 fi walakkaa ta’a.kanaafuu ALOtti Ji’i tokko Guyyaa 29 fi walakkaa qabdi jechuu dha.akka Kalaandarii Addunyaan kun itti bultutti Ji’i Onkololeessaa(February) jedhamtu kan murtoofte miti. Fknf bara 2012 guyyaa 29’n dhumte.bara(2013,2014,2015) immoo guyyaa 28’n dhumti.deebitee 2016 guyyaa 29’n dhumti.Ji’i February ykn Onkololeessa jedhamtu kun Guyyaa 28’n haa beekamtu malee waggaa afuritti si’a tokko 29 taati.habashoonnis kalaandarii isaanii kan addunyaa waliin wal qixxeessuuf ji’a 13ffaa Qaammee ykn Phaagumee kan jedhamtu waggaa afuritti si’a tokko kan Guyyaa shan turte Ja’a taati.kanaaf sababa yoo gaafattan kalaandariin Addunyaas ta’e kan Habashaa deebii quubsaa ta’e isiniif hin laatu.kalaandariin keessan kalaandariin Oromoo garuu kanaaf sababa quubsaa ta’e qaba.akka kalaandarii Oromootti ji’i tokko guyyaa 29 fi Walakkaa haa qabaatu malee waggaa afuritti si’a tokko Ji’i Onkololeessaa guyyaa soddoma taati.Guyyaa kana akkuma Ji’aa, Urjiiwwan Oromoon guyyaa murteessuuf itti dhimma ba’u kanneen (Lamii,Buusan,Bakkalcha,Algaajimaa,Arba,Gaadduu fi Wallaa) kanneen jedhaman torban osoo sarara isaanii irra naanna’anii waggaa afuritti si’a tokko sararri isaanii wal argee Guyyaa kana wal irra oolu. baatiin Urjiiwwan kunneen wal irra oolan baatii itti ji’i Onkololeessaa baatu dha.yeroo kanas ji’i kanaan dura jalqaba walakkaa qofa taatee baatu Guutuu taatee jalqabdi.kanaaf dhuma irratti sararri Geengoo(marfati) ji’a kana keessaa mul’atu Guutuu soddama taati.Guyyaan Ji’a kana keessa lakkaa’amus Soddoma ta’a.akka sirna Gadaatti guyyaan kun guyyaa itti Abbaan Gadaa Aangoo qabatee jiru bara hojii isaa itti walakkeeffatu dha.guyyaa kanas hojiin inni waggaa afran darban keessatti raawwate sakatta’amee wantoonni sirrachuu qaban waggaa Afran dhufan keessatti akka sirrataniif yeroo itti Gabaasni Abbaa Gadaatiif dhiyaatu jedhamee beekama. akkuma kanaan olitti ibsame Kalaandarii Oromoo keessatti Guyyoonni ji’a tokko keessatti argaman walitti Ida’amanii Ji’oota waggaa tokko keessatti mul’atan Kudha Lamaan yoo baayyifaman Guyyoota 354 ta’u (29.5*12=354).kalaandariin Addunyaa garuu guyyoonni waggaa tokko keessa jiran 365 dha jedha.dhimma kana irratti Kalaandariin Oromoo sababa quubsaa ta’e dhiyeessuu dhaan kansaa sirrii ta’uu mirkaneessa malee akka Kalaandarii Habashootaa Addunyaa waliin wal qixxeeffachuu dhaaf Ji’a dabalataa ykn Qaammee(Phaagumee) uumee waan hin jirre hin dalagu.sababni Oromoon dhimma kana irratti dhiyeessu maali laata? Akka Kalaandarii Oromootti guyyaan barri haaraa itti wal jijjiiru yoomi? Akka Kalaandarii Oromootti Guyyoonni Waggaa tokko keessa jiran 354 dha.Kalandariin Addunyaa immoo Guyyoonni waggaa tokko keessa jiran 365 dha jedha.Kamtu sirrii akka ta’e mirkaneeffachuuf dhufaatii Kalandarii Addunyaan kun ittiin bultu(Gregorian Calender) haa ilaallu. Kaalaandariin Girigooriyaa Bara 1582 nama “Pop Gregory XIII” jedhamuun dalagame.isa dura Addunyaan kun Kaalendarii Roomaa “Julian Calender” jedhamuun fayyadamaa turte.Kalaandariin warra Roomaa kun waggaa tokkotti sekoondii 10.3 boodatti hafaa ture jechuu dhaan sababa Pop Gregory dhiyeesse irratti wal mormii guddaan uumamu illee Addunyaan kun kaalendarii haala teessuma biyyoota Addunyaa hunda giddu galeeffate Kaalendarii Girigooriyaa fudhachuuf dirqamte.gaafa Gregorian calender hojii irra oole akka warra Julianitti oct/4/1582 ture.Kalaandariin Girigooriyaa garuu kanaan dura guyyaan boodatti hafe jira jedhee waan amanuuf Oct/15/1582 jedhee jalqabe.guyyaa 11tu itti dabalame jechuu dha.dhimma kana irrattis faransay,spain fi Portugal yeroo dhaaf mormii dhiyeessani fudhachuu baatanis kalaandarii mataa isaanii waan hin qabneef waggaa muraasa booda fudhataniiru.warri Roomaa garuu hanga har’aatti garaa garummaan guyyaa 11 waan gidduutti uumameef Kalaandariin Girigooriyaa guyyaa 11 hateera jedhanii falmu.fakkeenyaaf Turkii yoo fudhanne kalaandariin Girigooriyaa kun guyyaa 11 seeraan ala itti dabaleera jettee osoo falmituu dhuma irratti kalaandarii dhuunfaa ishee waan hin qabneef jan/01/1927 fudhachuu dandeesseetti.Oromoonis hanga har’aatti Kalaandarii fi eenyummaan isaa hin ukkaamfane osoo ta’ee akkuma biyyoota kanaa Kalaandariin Girigooriyaa guyyaa 11 hateera jedhee warra dubbatu ture.sababni isaas kalaandariin Girigooriyaa waggaa keessa guyyaa 365’tu jira jechaa jira kan Oromoo garuu 354’tu jira jechaa jirti.kana gidduu garaa garummaa guyyaa 11tu jira.haa ta’u malee Pop Gregory gaafa kalaandarii kana uume biyyoonni Addunyaa irra jiran kaalendarii mataa isaanii akka hin uumne hin daangessine.Kaalendariin inni uume kun kan Biyyoota hunda Giddugaleeffate dha jedhe malee biyyoota hunda sirriitti bakka bu’u hin jenne.kanaaf Kalaandariin Oromiyaa sababa quubsaa waan qabuuf akka teessuma lafa Oromiyaatti Guyyoonni waggaa tokko keessa jiran 354 dha jedhee yoo dhiyeeffate namni Lakkii 365 dha jedhee isa mormu hin jiru.sababni isaas inni 365 jedhu kan biyyoota hunda Giddugaleeffate waan ta’eef.Habashoonnis akka kaalendarii isaaniitti Ji’i hundi guyyaa 30 qaba jedhanii waan amananiif kudha Lamaan baayyisanii waggaa tokko keessa guyyoota 360’tu jira jechuu ni danda’u turan.garuu ragaa waan hin qabneef akkasumas haalli lakkoofsa isaanii maal irratti akka hundaa’e waan hin beekamneef gara kan Addunyaatti siqsiisuuf dirqaman. kanaafis ji’a 13ffaa uumuu dhaan guyyaa shan itti dabalanii kan addunyaa waliin wal qixxeessan.kun immo kalaandariin habashootaa kun soba irratti akka hundaa’e agarsiisa!!!fakkeenya biroo yoo kaasne biyyoonni hedduu December/mudde 25 “chirismass day” jechuu dhaan bara haaraa simatu.akkasumas warri Almerian jedhaman “old chrismass” kan jedhamu Jan/06 kabajuu dhaan bara haaraa simatu.kana gidduus yoo ilaalle garaa garummaa guyyaa 11tu jira.walumaa gala yeroo kaleendariin Julian cufamee Gregorian banamu guyyaan 11 itti dabalamte sun biyyoota baayyee biratti rakkoo uumtee jirti.kalaandarii Oromoos kan mudate kanuma.malee kalaandariin Oromoo dhugaa irratti kan hundaa’e dha!! Dhimmi Ijoo keenya inni Lammaffaan “Oroomoon Guyyaa Kam Bara haaraa simata?” kan jedhu dha.Oromoon waa’ee bara haaraa waan beektu hin qabdu.Oromoon kan beektu bara haaraa osoo hin taane Gadaa Haaraa dha.Oromoo biratti bara haaraa ykn Gadaa Haaraa kan jedhamu gaafa Abbaan Gadaa Aangoo irra jiru Abbaa Gadaa isa itti aanuuf Aangoo dabarsu dha.Guyyaa kana wanti hundumtuu ni haareffama.kanaaf Gadaa Haaraa ykn Bara Haaraa jedhama. Fknf Intala ykn Ilma Oromoo tokkon “bara kam dhalatte?” jettee hin gaafattu.”Gadaa kam dhalatte?” jettee gaafatta malee.isheenis “Gadaa Ebeluun dhaladhe” jettee siif deebisti.malee Oromoo biratti wanti sirna Gadaan ala ta’ee Bara Haaraa jedhamu hin jiru.bara Haaraa ykn Gadaa Haaraa kan jedhamu gaafa Oromoon Aangoo waliif dabarsistu dha!!! Bara lakkaahuun yoo barbaachisèmmo oromoon amma bara 6411 keessa kan jiru yoo ta’u bara haaraa kan simatu ji’a muddee fixee amajjii gara jalqabaati. Akka dhaha Oromootti waggaan tokko baatiiwwan kudha lama qaba. Guyyoonni ji’a keessa jiran hundumtuu maqaafi hiika mataa isaanii qabu jedhama. Guyyoota ji’a keessatti argaman:-

  1. Innika
  2. Soonsa

  3. Alkaajima

  4. Arba

  5. Walqaa

  6. Basaa duraa

  7. Basaa boodaa

  8. Carraa

  9. Dureettii

  10. Dullattii duraa

  11. Dullattii boodaa

  12. Salbaana duraa

  13. Salbaana jidduu

  14. Salbaana boodaa

  15. Gardaaduma

  16. Waata

  17. Ruuruma

  18. Lumaasaa

  19. Gidaadaa

  20. Ruuda

  21. Areerii duraa

  22. Areerii boodaa

  23. Aduulaa duraa

  24. Aduulaa boodaa

  25. Garba duraa

  26. Garba jidduu

  27. Garba boodaa

  28. Bitaa

Guyyoonni ji’aa armaan olitti ibsaman hundi isaanii hiikaafi milkii mataa isaanii qabu. Kanamalees, guyyoonni torban keessatti argaman hiikaafi milkii mataa isaanii qabu. Isaanis; Wixata ~ guyyaa ekeraa kibxata ~ guyyaa biqilaa Roobii ~ guyyaa cagginoo Kamisa ~ guyyaa ateetee Jimaata ~ Jimuu dhiigaa Sambata ~ Dhaabaa lakkuu Dilbata ~ Dhaabaa lakkuuti. Walumaa galatti, aadaa uummanni Oromoo ittiin beekamu keessaa kan baay’ee nama ajaa’ibsiisu lakkoofsa guyyaafi kan waggaa ofiisaa qabaachuu isaati. Maddi waantotan gamaa gamanaa dubbiserraa!!!

Fayyaa Ija keenyaatiif Nyaata Barbaachisan

1

Fayyaa ija keenyaf maal soorrannu?
Dhibamnee rakkoorra bu’uu keenyan dura waan salphaa naannoo keenyatti argannu sirriitti fayyadamuun fayyaa keenya eeguu dandeenya.
Soorata guyyaa guyyaa keenya keessaa waan magariisaa, fudraa fi mudraa osoo dhabuu baannee fayyaa waliigalaa keenyaf ni gorfama.
Fayyaa ija keenyaaf vaaytaamin A fi beettaa kaarootiin osoo argannee ni gorfamu.
Nyaata argannuun ala oolmaa fi amaleeffannaa ija keenya miidhanirraa fagaachuu qabna.
Aduu keessatti dubbisuu, hojii yoo hojjennu of eeggannaa gochuu dhabuu, guutumatti wantoota nu miidhanirraa fagaachuun gaariidha.Dabalataan qulqullina keenyas eeggachuun murteessaadha.
Soorrattoonni kanneen fayyaa ijaaf ni gorfamu;
Hanqaaquu, luutiyanii fi zaakaantiin, vaaytaamiin A, ziinkii qaba. Kanneenis reetinana fi koorniyaan akka fayyaa ta’an gargaaru. Halkan argaan akka nutti hin ulfaannee fi rakkoon ijaa umrii waliin dhufu akka nu hin miine oolu.

Qurxummii, Faaty asiidii Ratinaa ijaa keessatti argamuun badhaadhaadha. Faatii asiidiin kun hanqachuun dhibee ijaa ‘dry eye syndrome ‘ hariiroo akka qabu ogeeyyiin fayyaa ni- ibsu.
Lawzii, vaaytaamiin E qaba. Kun ammoo miidhaa ijaa umrii waliin uumamu hir’isuuf gargaara. Ijjis akka hin gogne fayyada.

Aannanii fi bu’aawwan aannanii, vaaytaamiin A fi ziinkii fayyaa ijaaf fayyadan qabu. Vaaytaamiin A reetiinaan akka hin miidhamne ittisa. Ziinkin ammoo tiruurraa vaaytaamiinni faayidaa ijaaf oolu akka dhufu gargaara. Ziinkin qaamni ijaa akka hin mammadoofnee fi halkan argaan akka nutti hin ulfaanne gargaara.
Kaarotii, vaaytaamiin A qaba. Ijji infeekshiniiwwan addaddaaf akka hin saaxilamnee fi sirriitti akka agarru gargaara.

Raafuu, vaaytaaminootaa fi albuudota fayyaa keenyaf oolan hedduu qaba. Dhibee yookin rakkoo ijaa umrii waliin walqabatanii dhufan ni hir’isa. Aantii ooksiidantoota hedduus ni qaba.
Burtukaana;vaaytaamiina fayyaa waliigalaaf oolu qaba. Ijji akka hin mammadoofne, infeekshiniif akka hin saaxilamne, fayyaa ujummoowwan ija keessaas eeguuf ni oola.
Qabiyyeewwan gosoota soorataa kanneenirraa kan argannus; dimimmisaa’uu argaa, dhibee yookin rakkoo ijaa umrii waliin dhufu, glaakoomaa, gogoo ijaa fi halkan sirriitti arguu dhabuurraa nu baraaru.


Madda:www.health.com

What is Gada? Is it System or Institutions or Culturally Practiced Concepts?

2

Gadaa is a broad concept, a system that consists a number of institutions, concepts, values and knowledge in it.

By Gemechu Kedir
Oromo elites, Abba Gadaa (father of Gadaa), historians most often say that it is impossible to know about Oromo’s background without understanding the ruling scheme of the Gadaa System. They also say investigating Oromo society without considering the Gadaa System is merely like a man walking without a skeleton. In fact, many scholars have given various explanations of Gadaa System.

Generally speaking, Gadaa is a broad concept, and it is a system that consists a number of institutions, concepts, values and knowledge in it. It refers to temporal and religious institution in the Oromo society. It would be very difficult to define and easily know the meaning of Gadaa unless we split it into the religious, political, and cultural institutions. According to the meaning given by scholars, the Gada System was associated with the development of religious and political culture of the Oromo. It appears in five names of Gadaa parties that were named by relating to the religious, political and economic life of the society. Namely, Gadaa of peace, Gadaa of prosperity, Gadaa of conflict (war) and Gadaa of Melba. The names reflect the especial events that took place in the specified period of eight years. Each Gadaa has eight years.
According to Prof. Asmerom Legesse’s explanation, Gadaa is a system of generation classes that succeed each other every eight years in assuming political, military, judicial, legislative and ritual responsibilities. Each one of the ten active generation classes beyond the three grades has its own internal leadership and its own assembly (ya’a ). But the leaders of the class become the leader of the nation
as a whole when their class comes to power in the middle of the life course, a stage life called “Gadaa” among the Borana and “Luba” among the central Oromo. Prof. Asmerom further stated that Gadaa does not only refers to ‘Buttaa’ ceremony that takes place in changes of grade every eight years. All political, social and economic affairs of Oromo and institutions like adoption (‘Moggaasaa’), conflict resolution (‘Araara’), compensation (‘Gumaa’), marriage law (‘Rakoo’), Oromo religion (‘Waaqeffannaa’), ‘Irreeaaaa’, Siinqee and
Marabbaa were make up of Gada system.

ARTICLE CONTINUES AFTER ADVERTISEMENT
The historical and anthropological studies on Gadaa mostly deal with the political and social nature than the essences, origin and development of the system. But, they have given information on their reference to African societies that used to live along the Nile Valley and around East African peoples. Gadaa regarded as one of the ancient type of social organization by relating it to culture of other Cushitic people. As to Tsegaye Gebre-Medhin description, Gadaa laws are originally derived from Waaqa (God). To spell, the single unit ‘Ga‘ represents law and ‘Da‘ represents ‘Waaqa’ (God). In general the word Gada means ‘Seera waaqaa’ (law of God) of
the ancient Cushitics known as Osiris. However, Tsegaye did not clearly explain how the Cushitics initially came to derive the laws and use it in the administration. Proto-cushitic peoples used to believe in a single God, and some times Osirs and Monotheism was a common religion of the same peoples of the Nile Valley. On the other hand, the fact that many Cushitic peoples and other East African peoples practice age-set type of organization in their culture in the long time presence in East Africa symbolized that Gadaa was an ancient institution and might have began before the dispersion of the proto-cushitics into different nation.
MORE ON THIS
Unesco Highlights Ethiopia’s Intangible Gada Heritage Preserving Heritages Is Preserving Identity Benefits of Gada’s Inscription in UNESCO Oromo oral traditional also supports the above view. As to elders in the earlier days, Gadaa was purely a religious institution that helped the society as a constitution. Later it came to bind the socio-economic, political and religious life of the innocent man living by raising cattle around Walaabuu. The innocent person is called ‘Garraamitichaa’ which literary means an old innocent man of Walabuu. Fortunately, while he was looking after his herds Waaqa (God) spoke to him under Odaa tree (sycamore tree) that he had to preform what Waaqaa (God) order him. While he was taking rest under the shade of Odaa (sycamore tree) instantly covered by cloud and mist Waaqaa (God) told him all laws and moral values to the innocent man of Walaabuu. And ordered the man to teach peoples of Walaabuu.Then on, peoples of Walaabuu obeyed the laws and the man became messenger of Waaqaa (God).

As to other scholars, the term Gadaa is very difficult to define precisely. It is a term loosely used for so many varied concepts that it has not any single meaning. The dividing line between the various definitions is shrouded in mystery and indistinct unless contexts or terms are understood. This is because the interpretation of Oromo terms, idiomatic expressions and proverbs related to the Gadaa have extra meaning other than their surface meanings. Based upon this diction, it impossible to give precise meaning and definition of
Gadaa. Its meaning varies from time to time. Some call it a calendar, others referred it as titles given to the men who have reached six stages which means (8X 6=48) years.
ARTICLE CONTINUES AFTER ADVERTISEMENT
Hence, Gadaa is instrumental in examining and understanding the cultural and historical experience of the Oromo people. Concerning its genesis,German scholar E. Habeland also argued that Oromo’s culture is archaic and extremely simple. He as well suggested that the complicated nature of the Gadaa System of the Oromo has made the system to appear
as a foreign element. Similarly, studies conducted on African civilization also gives some details on the evolution and development of Gadaa System. As to the study, age-set type of organizations might have begun when the society needed to sustain social order among themselves and to repel their rivals that were competing with them for land, water and power. Members of each group have the right to participate and preform obligation.
Every members of age-set is expected to be trained, to share experience and to play significant role turn by turn. Age-set (Gadaa’s grade) with their right and obligation

  • Gaammee (0-8) playing (singing) training for fight,
  • Dabballee (8-16) dancing (singing cultural songs),
  • Kuusaa (16-24) training and fighting,
  • Raabaa (25-32), Doorii (33-40),
  • Luba (Gadaa) 41-48.

In general(0-40)were called as active members and 41-88 were passive according to ‘seera caffee’ (council laws) presentation. Every
individual through age-set enjoys various right and takes obligation in the life of the society in his life time. Active members implement all laws set by the passive members. This might be related to the ancient division of labour. Some scholars argue that the social organization of Gadaa System has something to do with the core democratic principles and gives big lesson to the world in various field of study.

For instance Prof. Asmarom on his part stated that Gadaa is significant for scholars of anthropology, sociology, psychology, history, culture, linguistics and others. Also Dr. Gemechu Megersa who deeply knows the culture of the Oromo society and conducted research for a long time supports the above views. Some constituents of the Gadaa System ‘Qaalluu’ (religious institution): In most literature, the Qaaalluu institution was referred to as Abbaa Muuda which is derived from ritual muudaa of principal figure. Literary Abbaa Muudaa
means father or owner of muudaa ceremony. So, both bear the same type of ritual leaders of Gadaa institution. Abbaa muudaa deals with the Gadaa System and offices are hereditary. Oditu, Karrayu, Qaalluu of Borena clan as well as
great Qaalluu of Gujii clan were said to be originally descendants from heaven.

In Oromo religion (Waaqeffannaa) the first Qaalluu (spiral) said to have been born exactly when Waaqaa (God) created ‘Horoo‘ who mean the first person out of Walaabuu. Still among various Oromo groups Qaalluu is believed to be the eldest son of Oromo and therefore given the title of father. Every eight years power is transferred from one Gadaa class to other without violence or conflicts due to the presences of Qaaluu. Rule of laws in Gadaa System governance in such a way that every individual must obey ‘Safuu’ (moral values) and ‘Seeraa’ (law) monitored by Qaalluu. Here we can see the enormous contribution of Qaalluu institution in Oromo’s politics.

ARTICLE CONTINUES AFTER ADVERTISEMENT
In the process of Gadaa governance Qaalluu is regarded as a representative of God, who is responsible to keep peace and order in the society. In general, according to Oromo’s societal perspective, Qaalluu institution act as a mediator between
Waaqaa (God) and the Oromo society. Kallachaa and Caaccuu: In the Gadaa System both Kallachaa and Caaccuu are the ritual materials used for demonstration of the Oromo society at large. They have their own time, place and events to do so. Kallachaa is a highly respected material and considered as cursing object possessed by the first born among the clans. Most of the time possessor of ‘Kallachaa’ can possess Bokkuu the sign of political power. Belongs to Oromo’s society Kallacahaa is believed to have come from Waaqaa (God) through lightening and Waaqaa. It is offered for human beings to maintain peace. It is not openly possessed and publicized to see and significant to ensure peace in resolution process. In genera Kallachaa is a symbol of peace and reconciliation. It is the most respected of all ritual objects which consists of a phallic ornament worn on the forehead by the ritual experts. Similarly, Caaccuu is symbol of fertility. Therefore it is used in rain making ceremony, in prayers to get children etc. Hadha Caaccuu (mother of Chaachuu) is the leader of Caaccuu. As Kallachaa represents Waaqaa (God) Caaccuu represents earth. Males are essential for the fertility of female: the same implication Waaqaa (God) drop rain (water) which is crucial for the fertility of the earth. There in lies why females and earth are considered as fertile.
To sum up ‘Caacuu‘ is a symbol of fertility and prosperity and also female ritual symbol according to Diinsa’s description. Abbaa Kallachaa and Haadha Caaccuu were identified from other member of the society by possessing the ritual objects of Kallachaa and Caaccuu to play pivotal role in socio-political and religious life of the Oromo society.

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)