Dhukkuba jaalalaa (waantoota jaalala ykn relation keenya miidhan):-

1. Waantoota xixiqqoo waldiduu.
Waantoota xixiqqoo yo waldidan yeroo sanaaf salphaa fakkaata. Fakkeenyaaf… “qodaa kana fuudhii achi kaa’i” jechuun waan yoo jenne kun waan salphaa fakkataa …. “lakki” yoo inni tokko jedhe sammuun keenya galmeessaa deema. Dhumarratti gara dubbii ijoo “ati dhimma kiyya hin qabdu” jedhuutti dhufa.

2. Yoo wal lolan wal cufuu.
Jaalala keessaatti wal loluu ykn mufachuun waanuma jiru haa ta’u garuu namoonni tokko tokko lola isaanii walitti dubbachuudhaan baafatu. Kuun immoo walcufaniit eenyu akka dura haasofsiisu akka adurreef hantuutaa wal eeggatu. Abbaan dura haasofsise gadaantummmaadha jedhanii yaadu. Kanaaf yoo wal lolan walcufuun amala taanaan hammuma wallolan jaalalli badaa deema. Sababa lolaa osoo hin taane sababa WAL CUFUU! Kanaafuu wal hin cufiinaa.

3. Sammuu namaa keessatti waa dubbisuuf yaaluu ( Mindreading)
Jaalaleewwan tokko tokko waan ati yaaddu nan beeka sammuu keessatti waliin jedhu. Kana garuu kan beeku rabbi qofa. Kanaaf waan namni tokko hin duubbatiin akkasitti yaadda ykn akka sana gochuuf ati jedhanii abbaa dursanii lafa kaa’uun deemee deemee walitti bu’iinsa guddaa fida.

4. Hiriyyaa keessan nama biraa waliin wal hin dorgomsiisiinaa.
Hiriyyaan kee nama biraadha, siif adda. Kanaaf nama biraa waliin madaalsistee karaa kamiinuu olaantummaa ykn gadaantummaa hin kennin…

5. Hiriyyaa keessan to’achuuf hin yaaliinaa. Hiriyyaan jaalalaan to’atama ykn to’atamti malee qamaan to’achuun dhumarratti lola fida.

Galatoomaa!


Maddi: Fuula FB Dr. Gurmeessaa irraa

3 COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here