Home Maxxansituu Fuula 14

Faayidaa Afoola Oromoo

0

FAAYIDAA AFOOLA OROMOO – BEEKAN GULUMMAATIIN


Faayidaalee afoola saba tokkoo gabaabsuudhaan ibsuun salphaa hinta’u. Akkuma gosooti afoolaa hedduun jiranu faayidaaleen isaaniis hedduudha. Kana jechuunis tokkoon tokkoon gosa afoolaa faayidaalee ofii qabu jechuudha. Kanaafuu faayidaalee afoolaa kanneen jedhaman kunneen kanneen afoola maraaf ta’u qofaadha. Kana jechuunis waa’ee afoolaa yaadolee bu’uura ta’an gabbisuuf nigargaara jechuudha malee gosoonni afoolaa adda addadha. Fakkeenyaaf, mammaaksi,hibboon, geerarsi, sirbi aadaa, taphni ijoollee, kkf faayidaalee mataa isaanii kan qabanu ta’uu dagachuudhaan miti. Akkuma mammaaksi namootaaf beekumsa/barnoota dabarsuudhaaf fayyadu geerarsis barnoota dhaggeeffattootaaf dabarsu niqaba. Kun ammoo faayidaa tokkoof oolan jechuudha.

Qabxii kana ka’umsa godhachuudhaan faayidaaleen afoolaa dimshaashumatti malfaa ta’uu danda’u gara jedhutti taruu nidandeenya. Faayidaaleen afoolaa isaan bu’uura ta’an bakka shanitti qoodamuu danda’u. Isaanis:

Ibsuu
Cimsuu fi dabarsuu
Miliquu
Barsiisuu
To’achuu
1. Ibsuuf: Gosti afoolaa tokko tokko, fakkeenyaaf oduu durii, gaaffilee bu’uura ta’an kan sammuu namoota naannoo murtaawaa (kkeessumattuu daa’imman) jiraatanuuf deebii kennuuf yaalu kan akka jaaffilee namaa, mukaa, bineensa, kkf maaltu uume jedhaniif debii laatu. Oduuwwan ykn sheekkowwan madda waantotaa ibsuudhaaf yaalanu kaayyoo isaaniitiif bifa seera qabeessa uumuu yaalu. Saboota addaa addaa biratti himni tokko ykn waanti tokko haala adda addaatiin uumaa ta’ee dhiyaata. Faallaan uumaa (creater) kanaa karaa tokkoon yoo jiraatu, deeggartoonni isaa ammoo karaa biraatiin nijiraatu. Waan bifaanis ta’e qabiyyeedhaan hubannoof rakkisaa ta’ee argameef ykn uumama sodaachisaa itti ta’eef dhalli namaa haala kanaan bifaafi hiika kennaaf jechuudha. Yoo kan godhu hanga tokko naannoo isaa sirna qabsiisa; sammuun isaas hanga tokko boqonnaa argata.
2. Cimsuuf: Sadarkaa beekumsaa yeroon haayyameef irratti hundaa’ee ofis ta’e naannoo isaa ibsuuf ykn hubachuuf akkuma yaalii godhu, ibsaafi hubannoo isaa kana hordofee dhaabbileefi aadaalee isaa afoolaadhaan cimsa ykn gad-dhaaba. Guyyaa dhalootatii eegalee hanga du’a isaatti gochaalee raawwachuu qabu, maaliif akka raawwachuu qabu, amansiisa. Gochaaleen hawaasaa kunis akka hinbadneef; akka dhaloota itti aanu keessattis itti-fufanu taasisu hawaasa barnoota hammayyaa hinqabne (katabuufi dubbisuu hindandeenye) keessatti dalagaaleen raawwatanu, fakkeenyaaf, kanneen dhaloota, dhaqna qabaa, fuudhaafi heeruma, gootummaa, du’a, kkf waliin hariiroo qabanu akka itti fufanu gochuun kan danda’amu afoolatti fayyadamuudhaan ta’a. Hundeen dalagaalee hawaasaa kun akka cimu ykn gad- dhaabbatu godhus afooladha.

  1. Miliquuf: Dhalli namaa bu’aa bayii jireenya isaa keessatti kan isa mudatu jalaa miliquu barbaada. Bu’aa bayii jireenyaa kana jalaa miliquuf afoolatti fayyadama. Jireenya nuffisiisaa kolfaan dabarsa. Addunyaa haaraa keessa seenee gammachuu waliin qooddatee jiraachuu fedha.

Dhiibbaaa aadaafi barsiifanni adda addaa irra buuse / danbiilee gara garaa jalaa afoolatti fayyadamuun miliqa. Aadaa ykn safuu tuqamuu hinqabne/ofiisaafis cabsuuf kan hinyaalle/ namoonni biroonis yoo tuqan arguu kan hinbarbaanne afoolatti fayyadamuun addunyaa gammachuu (kolfaafi qoosaa) keessa burraaqa. Osoo balaan tokkollee irra hingahiin yeroo afoolatti fayyadamu waan barbaade sana arga ykn dhagaha jechuudha.

Dhiibbaa abbootiin aangoo sababa adda addaatiin irraan gahanu, kan fuulaan mormuu hindandeenye afoolatti fayyadamee morma ykn ibsa.

  1. Barsiisuu: Gosoon afoolaa hedduun keessumattuu kanneen akka sheekkoo, mammaaksa, hibbboo, geerarsa, walaloo, sirboota adda addaa kkf. Amala gaariifi tooftaalee jireenyaa barsiisuuf nifayyadu. Seera nyaataa, dhugaatii, uffannaa, taa’umsaa, haasaa, kkf. adeemsa dhala namaa barsiisuuf fayyadandha. Jiruufi jireenya hawaasaa keessatti bu’aalee arjummaan, tattaafannaan, tokkummaan, kkf. qaban nuhubachiisu. Amala iloolleefi dargaggoonni horachuu qabanu daa’imummaatii eegalanii sirreessuuf nigargaaru.

  2. To’achuuf: Gosooti afoolaa mala ykn tooftaa jireenyaatiifi amala gaarii barsiisanu, amaloonni hawaasa biratti jibbamanu akka hin babal’annes to’achuu nidanda’u. Hattuummaan, sobuun, doqnummaan, garaa-jabummaan, kkf amala gadhee ta’uu ibsu: Akka miseensonni hawaasaa irraa of-eeggatanu akeekkachiisu; nito’atu. Raawwilee hawaasa biratti fudhatama qabanuufi jibamanu adda baafachuun akka qajeelfamaatti akka itti fayyadamanu nitaasisu.

Kaayyoon afoolaa sabni tokko haala inni itti jiraatu barsiisuuudhaan miseensi hawaasaa kamiyyuu akka hordofu gochuudha. Xiyyeeffannoon isaas dhimmoota hawaasni miidhagoodha ykn fudhatamaa jedheen ala kan jiraachuuf yaalanu/ seera kabajamoo hawaasni hordofu kanneen cabsaniif of-eeggannooo kennuu ykn daandii sirriitti deebisuudha. Haalli itti dhiyaatani garuu garaa garummaa qaba. Kanneen keessaa tokko namfakkiiwwan afoola keessatti argaman keessaa kanneen jireenya haala hawaasaa irraa maqanitti kofalchiisuu, itti baacuu, fi ciguun tooflaalee yeroo baayee hojiirra oolanidha. Kanneen aadaa hawaasaa kabajanii jiraataiin immoo nijaju; nidinqisiifatu. Haala kanaan seerri jireenya hawaasaa akka eeggamu to’atu.

Jechoota Afaan Oromoo, Jechoota Afaan Amaaraatiin Liqimfamutti jiran: Walhaa sirreessinuu

2

Jechoota Afaan Oromoo, Jechoota Afaan Amaaraatiin Liqimfamutti jiran: Walhaa sirreessinuu


#Jechoota‬ Ergifatamee Afaan Keenya Keessatti Lubbuu horachuun Jechoota mimmidhaagoo Afaan Oromoo bakka bu’uun keenya akka badan godhee, Jechootni kunneen Afaan Oromoo keessatti iddoo qabachaa jira. Kanumaaf, Ofirraa kaanee, Hiriyyaa, Maatii fi hunnda keenya haa sirreessinuu!

Jechoo afaan Oromoo yeroo baayyee hin amaleeffatamneef akkasumas Yeroo ammaa Naannolee Oromiyaa heddu keessatti Hawaasni yeroo jechooota armaan gadii kana AFAAN OROMOOtiin walitti makee haasa’u hunduu ni beekna, Kana Balleessuuf akkasumas Qulqullinaafi Guddina Afaan Oromootiif Ofii keenyarraa kaanee walsirreessuu qabnaan DHAAMSA KEENYA….

Afaan oromoo afaan hirkate utuu hin taane of danda’ee kan dhaabatedha.Amalli guddina magaalaamoo yoomiyyuu afaan keenya jallisuu(akka itti maknu) nu gochuu qabu.”MAAL BAASUUF DHAMA RAASUREE”?.Artiin hammuma guddataa jiru qulqullinni afaan oromoos eegamu qaba,Seenaa nu gaafata. Waanan dogYoon Dogoggore na sirreessaa!!!!!!!

Afaan Amaaraa           Afaan Oromoo

  1. Ishi———Tole
  2. Bicha——-Qofa
  3. tinnish——-xiqqoo
  4. hizbii———-Ummata
  5. silxanaa——- leenjii
  6. likkii miti—— Sirrii miti
  7. Alaafii———–Dura taa’aa
  8. mikittilii——- itti aanaa
  9. Caawutaa——- Tapha
  10. Budun———-Garee
  11. sixootaa——— Kennaa
  12. Shilimat———Badhaasa
  13. Ashannafuu——Moo’achuu
  14. Giximii———–Walaloo
  15. tsifeti————-Barreeffama
  16. kaffitagna——–Olaanaa
  17.  Beqqaa~—–ni ga’a
  18. Qidaame~—Sanbata/Sanbata xiqqaa(duraa)
  19. Ihud———-Dilbata/Sanbata guddaa
  20.  Ni dabbara~—-Ni jibbisiisa
  21.  Xifir qalem~Halluu qeensaa
  22.  Tsagur maheja~Qabsiisaa rifeensaa
  23.  Xuux maheja~Qabsiisaa harmaa
  24.  Kaalsii~Shurraaba miillaa
  25.  Surree~Kofoo
  26.  Caammaa~Kophee
  27.  Temari~Barataa
  28. Astemari— Barsiisaa
  29. timirti——-Barumsa
  30. Mana Temari~Mana barumsaa
  31.  Shaanxaa~Boorsaa
  32.  Cuggaarraa~ Garaachaa
  33.  Shinwpeet~Mana fincaanii
  34. kushina——Gola nyaataa
  35.  Wax~Ittoo
  36.  Miizana~Madaalaa
  37.  Maskootii~Foddaa
  38.  Gaxerii~ Baadiyyaa
  39. Katemaa~Magaalaa
  40.  Meedaa~Dirree
  41.  Birdlibsii~Uffata qorraa
  42. Birat distii~Distii sibiilaa
  43. birat———Sibiila
  44.  Waraaj~Na buusi(baasii,taaksii fkk….)
  45.  Qannesi~Hir’isi(sagalee televijiinii, raadiyoo fkk….)
  46.  Guaddenyaa~Hiriyyaa
  47.  Sargii~Cidha
  48.  Fooqii~Gamoo
  49. andanya fooq—-Darbii 1ffaa
  50. darajaa—Sadarkaa
  51.  Caakkaa~Bosona
  52.  Siqaayii~Gidiraa
  53.  Ciismaawucaa~ baastuu aaraa
  54.  Dawwaluu~Bilbiluu
  55.  Kuwaasii~Kubbaa
  56.  Taragaagga’i~Tasgabbaa’i
  57.  Mestawaqiyaa~Beeksisa
  58.  Mattawaqiyaa~Waraqaa eenyummaa
  59.  Qibaatii~Dibata
  60.  Daanyaa~abbaa Murtee
  61.  Barranyaa~Eegaa goolii
  62.  Tifozo~Hamilee
  63.  Qaxaruu~Miindeessuu yookiin Na qacari~na beellami
  64.  Shufeerii~konkolaachisaa
  65.  Raddaatii~Gargaaraa 
  66.  Misgabaa~Galmee(Galmaa’uu)
  67. Masgaba—-Galmee(Dookumantii)
  68.  Silkii~Bilbila
  69.  Hakiimii~Ogeessa fayyaa
  70.  Zabanyaa~Waardiyyaa
  71.  Damoosa~Miindaa
  72.  Mannooriyaa bet~Mana jireenyaa
  73.  Mannaariyaa~Buufata konkolaataa
  74. shiggirii——–Rakkoo
  75. Zeenaa———Oduu

 

AFAAN OROMO – Oromo Language 

 

 


  •       Marsiimoy Sabaaf irraa 

Sirna Gadaa Ittiin Bulmaata Oromooti:- Abbaa Gadaatiin

0

Sirna Gadaa ittiin Bulmataa Oromooti….Abbaa Gadaatiin


Sirna Gadaa Sirna ittiin bulmataaOromooti. Gadaan jaarmayaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta’u sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha.

Gadaan sirna ittiinsiyaasni,dinagdeeniifi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaafi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru. Sadarkaa Gadaa Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama.

Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaannamni Oromoo hamma gaafa dulloomee du’utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.*.

  • Dabballooma (waggaa 0-8)*.
  • Gaammoma (waggaa 9- 16)*.
  • Dargaggooma (waggaa 17- 24)*.
  • Kuusoma (waggaa 25- 32)*.
  • Raaboma (waggaa 33 – 40)*.
  • Gadooma (waggaa 41- 48)*.
  • Yubooma (waggaa 49- 56)

 

  • Dabballee (Ganna 0-8)

Dabballeen sadarkaan daa’immaaniiti, da’imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana huluuqe, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk. Jaldeessoo, Qamalee kkf.). Warri isaanii horii aannanii kan hin qabaane yoo ta’an gosatu annan kennaf. Wa’ee safuu bu’uuraa baratu, fkn kan akka gadhee fi gaarii, firaa fi diina addaan baasuu baratu. Galgala galgala himtee (myth), tabahiibboofi seenaa akaakayuu fi abbaa bileetuu itti himama.Ittimakoo (Gaammee Didiqqaa) (Ganna 8-16)Mucaa sadarkaa Dabballeerraa rifeensi mataa haadamee, firri waamamee ayyaani guddaan godhamme, kennaan goromsa tokkoo (Gubbisa) erga godhameefii booda gara Sadarkaa Gadaa Ittimakootti (Gaammee Didiqqaa) ce’a. Kana jechaan Hammachiifamee maqaan baafama. Guyyaa hammachiisaa kanaa eegalee maqaa kanaan beekama. Ijooleen Sadarkaa Ittimakoo seenan bara afur booda gaammee haaddatanii, Roggee filatanii, jabii tiksuu, bishaan daakuu, farada gulufuu, sirba sirbuu fi geerarsa geeraruu baratu. Hidda saynii yoo xinaate amma mana kudhatokkoo beekuu qabu. Hojii tiiksaa, qonnaa fi adamoo, morkii ispoortii akkasumas warri durbaa hojjii jirbii fo’uu baratu. Wa’ee siyaasa (mirgaa fi dirqamaa, seeraa) fi hawaasummaa baratu.Ayyaana ijoolee ykn guyyaa kabaja ijoolee (ayyaana taaboree), obbolaa fi hiriyaa ofii wajjin ayyaaneffatu. Guyyaa taaboree ijooleen bixxillee nyataa, farsoo dhugaa, sirbaa gammachuudhan dabarsu. Yeroo gaammee haadattanu goromsi tokko dhuunfaatti nikeenamaaf. Karaa uumatiin waggaa 16tti ijoolen areeda fi guntuta baasu, sagaleen isaanii ni jijjiirama. Haaluma kanaan qoodni fi itti-gaafatumman isaanis ni jijjirama jechaadha.Foollee (Gaammee Guguddaa) (Ganna 16-24)Gaammee Didiqqaan Ukkee ykn Unkee jala ba’uudhan gara sadarkaa Foolleetti ce’u. Godoon Ukee ida ijaaramee booda isa keessatti haati gurbichaa waan barbaachisaa ta’an hundaa (fkn Coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffachuu, bixxillee sagal caccabsuudhan itittuu fi aannan itti dhibaasuudhaan) erga qopheessitee booda hiriyoonni isaa bakka argamanitti eebiftee sirni ayyaanaa sirbaancalqabama. Sirbuma kana keessa gurbichi godoo cabsee karaa boroo keessaan baha.Sana booda ijoolleen maaliif godoo keenyakeessa bahe jedhanii dhaanuuf itti fiigu. Innis arreedee ykn dhaadachuudhan harkaa baha, ukee cabsee bahe jedhama. Ijoollummaa keessaa bahe jechuudha. Ciisa ijoolleetii baheetu mana jala buluu eegala. Ayyaani ukee kun yeroo gannaa rawwatama. Namni ukkee bahe birraa masqalarratti Giifatoo sirbee horii fudhata. Achumaan Foollee sirbuu itti fufa.Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaane ittisuu) akkasumas barumsa waraanaa fi ispoortii kkf. baratu, biyya irra deemudhaan sirbaa, foolisaa sabaan wal baru.Yeroo buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba. Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaattii wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni buttaa jalate (seera irraa gore) foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba (fkn namichi buttaa qaluu fedhe nama seera cabsee yoo ta’e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu. Foolleen seeramalee nama hin sodaatu, waan jedhuu fedhe, saalfii tokko malee sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa(seera tolchuu irrati jabaa yoo ta’e) ykn ni abaara (seera yoo cabse). Dhiisi jedhama malee hin adabamu.Sadarkaa Gadaa Foollee keessati dargagoon siritti biyyas walis baru (hiriyumaadhan wajjin deemu). Booranatti, jalqabaaf koree hayyuu hiriyaa jedhamu namoota jaha kan of keessaa qabu ofuma isaaniitii filatu. Akkuma sadarkaa Gadaa Ittimakkootii Foolee gidduutis walmorkiin jiru kanuma qaamaa (ispoorti fi dandeetti adamoo kkf.) qofaadha. Yeroo isaanii isa irra caalaa waan wajjin dabarsaniif sirriiti wal beeku. Dur Foolleen yeroo ajjeesu hin gaafatamu, du’us gumaa seeraan hin qabujedhama.Qondaala (Kuusaa) (Ganna 24-32)Dursee galmi (masari) guddaan gosa gosatti erga ijaaramee booda hayyoota (koree) Gadaa sadarkaa kanaa hoogganuutu filatama. Alaabaa mallattoo Kuusaa (diimaa adii) kan ta’e erga dhaabatanii booda sirba Xunnee (kan umurii isaanii) fi sirba ce’umsaa Mokkee jedhamu sirbu. Abbootiin ijoolee kanaa (sadarkaa Gadaa Yuuba 3ffaa keesa kan jiranu), bakka faajjiin isaanii itti dhabatte irraa jalqabuudhan sirba Mokkeetiin haadha manaa ofii (haadha ijoolee kuusaa)faarsaa gara bosonaa deemanii damee muka mi’eessaa kan baala qabu muratanii qabatanii deebi’u. Baala mi’eesaa karraatii suuqu. Haadhotiin ammoo bishaan aannaniin makaniii gabatee guutuu dhiyyeesu. Abbootiin ijoolee bishaan aannanii kanaan rifeensa mataa ijoolee ofiilaaffisanii irraa erga haadanii booda morma irraati callee godhuuf.Kanati aansee saan eelmamtu tokko jabbii ishii waliin badhaasa kan godhameef fudhatee hiriyyoota ofii wajjin torban lamaaf bakka tokkooti ulma galu. Haadhoonni isaanii achitti Galaa aannan fiduuf. Garuu ijoolleedhaan wal hin arganu.Galaa yeroo kennanu maqaa ilma ofii otoo hin ta’in maqaa gosaa ofiitti waamuu. Torban lama booda wayyaa aadaa ufatanii Liichoo bokkuu xiqqoon itti hidhamee qabatanii galama ulmaa keessaa bahu. Horii badhaasaan fudhatan sana horii warra ofiitti dabalatu. Kana booda ulmaa bahe jedhama. Ayyaani kun boorana keessati Ayyaana Godiyyaa jedhama. Jarreen kun Foollee sirbaa horii sanbi kennuuf qalachaa nyaachaa, bineensaa fi diina adamsaa bara saddeetif wal-faana turu.Raabaa (Raabaa Doorii) (Ganna 32-40)Ce’umsi sadarkaa Gadaa Kuusaa iraa gara sadarkaa Gadaa Raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu. Hayyoonni warri sadarkaa Gadaa kuusaa keessatti filataman kan du’anii fi kan dadhaboo ta’anbakka buufatamu malee akkuma jiruti itti-fufuu. Warri sadarkaa Raabaa hoogganan kun Aduulaa Raabaa jedhamuudhan beekamu Ittigaaffatumaan isaanii ini duraa waraana hoogganuu yoo ta’u yeroo nagaa immoo aadaa, seeraa fi Seenaa adda addaa baratu. Torban tokkoofjaarsolii isaan gorsan (barsiisan) wajjin ardaa-jilaatti ulma galu. Yeroo kana nama biraa waliin dubbachuun dhoowadha. Yeroo ulmaa fixanii bahan hiriyyoon isaansii damee muka daannisaa badhaasudhaan sirbaa siimatu. Isaanis kanaaf galata galfachaa daanisa sana irra dhaabatanii waliin sirbaa sirnichi xumuurama.Sadarkaa Raabaa keessati niitii fuudhuu fi qabeenya dhuunfaa godhachuu nama irra eegama. Miseensi Aduulaa Raabaa ta’e tokkoo fuudhuu akkasumas qabeenya dhabee yoo dhabe horii shan kan kottee afuriin adeemu qabaachuu isaan irra jira. Kana guutuu baanan umrii isaa guutuu Raabaa ta’eet hafa (Gadoomuu hin danda’u jechaadha). Namni akkanaa Qoleeykn Cufattee jedhama. Cufatteen nama waan waamuu fi waan yaasu hin qabaaneedha. Cufateen hin gadoomu malee waan yakka miti (namn ofii ta’uu dadhabe biyyaafis hin ta’u jedhameetti). Sadarkan Gadaa Raabaa waggoota sadeet idda xumuurre booda Raabaa Doorii jedhama. Warra hayyuu fi Abbootii Gadaa aangoo irra jiran irraa sirriiti muuxannoo argachuu akka danda’anu walumatti waggoota 13 sadarkaa Raabaa fi Raabaa Doori keessa turu. Sana booda ni Gadoomu.Waggaa 40tti namni tokkoo waan hundaanuu ni bilchaata (muuxxannoo fi beeku


Maddi: Fuula Facebook Abdii Gadaati

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)