Home Maxxansituu Fuula 6

CAASAA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO – B/sa Fedhasaa Taaddasaatiin

0

Guddinni afaanii bu’aa waliigalteeti. Hawaasni akka dubbatutti waliigalee, akka waliigalutti dubbata. Caasaan barreeffamaas akkaataa hawaasni itti dubbatuun hinsirratu yoo ta’e, afaanichi gara biraatti daba. Sababnisaa, hawaasni akka dubbatutti dubbisa.

Afaan Oromoo keessatti rakkoon mul’atu kana. Akka hawaasni itti dubbatu dhiifnee akka faranjiin barreessitutti barreessuuf dhamaana. Saayinsii barreeffamaa afaan biraatiin baranne waan ta’eefis akkuma barannetti qindeessina. Kunimmoo, Afaan Oromoo caasaa ofiisaa akka hinqabaanne gochuurra darbee afaan jijjiirraan dhufe (kan of hindandeenye) fakkeessa. Kanaafuu, dhimmi caasaa Afaan Oromoo uummata afaanicha dubbatu bakka bu’uutu irraa eegama. Osoo caasaa barreeffamaa sirreessuu hinjalqabin akkaataa itti dhalataan Oromoo caasaa dubbiin mul’isu qorachuu barbaachisa.

Kana ta’uu baannaan saayinsii warri dhidhimaa (Faranjiin) ittiin waliigalteef jennee akkaataa Oromoon itti waliigalu faallessuu ta’a. Fakkeenyaaf, jechi tokko caasaa barreeffamaa keessatti qofaa dhaabachuufi jecha biraatiin walitti hidhachuusaa mirkaneessuuf, afaan biraa keessatti akkamitti caaseffame jennee gaafachuu hinbarbaachisu. Afaan Oromoo keessatti yeroo dubbatamu akkamitti caaseffamee akka jiru dhaggeeffachuun ga’aadha. Sababnisaa, yeroo baay’ee Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama. Kunimmoo, caasaa dubbiifi barreeffama keenyaa irra caalaatti tokko taasisa. Yaada kana hubadhaa! Yeroo hundaa hinjenne. Yeroo baay’een jedhe malee. Tarii yeroo tokko tokko waanuma dubbannu barreessuu hindandeenyu ta’a; sanas gara caasaa waliigalteetti fiduun wayyuma. Ammaaf garuu isa akka dubbannutti barreessuu dandeenyurratti hubannoo uumnee kana haferratti mariyanna.

Akkaataa itti Oromoon afaansaa caaseffatu beekuuf jalqabumarratti moggaasa maqaasaa ilaaluun hubachuun nidandaa’ama. Mee maquma ‘FEDHASAA’ jedhu haalaallu. Maqaan kun jechoota lama [fedha+isaa] jedhurraa caaseffame. Jechoota lamaanuu akkuma dubbatanitti walitti erbuun waamanii moggaasan.

Maqaalee akka Waaqasaa, [Waaqa+isaa] Biraanee [bira+aanee], Asafaa (as+afaa), Hundarraa [Hunda+irraa],Waaqumaa [Waaqa+uumaa], Bariisaa [barii+isaa]… tarreessinee fixuu waan dandeenyu miti. Kun maaliif akkas ta’e? Jechoota lamaan dhimma tokkoof fayyadamaa jiru. Yeroo dubbatanis qaawwaan gidduutti mul’atu hinjiru. Kanaaf walitti fifsiisuun caasessus jechuudha.

Ilaalchi caaseffama haala barreeffama haaraa kunis kanarraa madde. Caasaa afaan biroo hordofuuf jecha, caasaa afaan keenyaa balleessuu hinqabnu. Kun silumayyuu, afaan biraa Afaan Oromootiin barreessuudha. Fakkeenyaaf, Afaan Ingiliziin ’for’ kan jedhu Afaan Oromootiin qubee ’f’ qofaan bakka bu’a.[Its profit only for you] isa jedhuuf, Afaan Oromootiin”Bu’aansaa siif qofa” jenna. Afaan Ingilizii keessatti, ’for’ qofaa dhaabatti jennee Afaan Oromoo keessatti ’f’ qofaa dhaabnuun tasayyuu ta’uu hindanda’u. Inni biraas akkasiin sirrachuu barbaada.

Rakkoolee mul’atan keessaa tokko caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa waliin makuudha. Jarreen kun garuu waan adda addaati. Fkn. jechi ‘irra’ jettu tajaajilli isheen laattu firoomsuudha. Ta’us caasaa barreeffamaa keessatti jechatti fufuun barreeffamti. “Sangaan kee tabbarra dheeda” hima jedhu keessatti ‘irra’ kan jettu sun caasaa sanaan barreeffamtee tajaajila firoomsee (proposition) laatti. Isa Afaan Inglizii keessatti jecha ofdandeesse taatee dhaabattu sana Afaan Oromoo keessatti fufii taati jechuudha.

Kanarraa kan hubatamu, Afaan Oromoo keessatti jechi ofdanda’uyyuu fufii/ maxxantuu ta’uu danda’uusaati. Sana kan murteessus akkaataa dubbii ummataati jechuudha. Yeroo dubbatamu qaawwaan (space) gidduutti mul’atu hinjiru taanaan wanti nuti addaan bunnuuf hinjiru.

Asitti tajaajilaafi caasaa adda baafnee ilaaluu barbaachisa. Yeroo tokko tokko tajaajila jechi sun qabuun barreeffama keessatti caasessuuf deemna. Sun dogoggora. Sababnisaa, akkaataa itti abbaan Afaanichaa dubbatuun caasessina malee caasaa haaraa afaan biraan walbira qabnee hinuumnu. Mee keeyyata yaada falmii caasaa duraanii dhiyeessu kan hiriyaan koo tokko fuula fb irratti barreesse haalaallu! (Nama sana maqaa dhahuu beekuman dhiise)

“Jechoonni maxxantuu qofaa isaanii dhaabbatanii hiika laachuu hin dandeenye akkasumas qophaa ijaajjanii mirkaneessitoota ykn abbummaa, kallattii hin agarsiifne itti maxxanuu qabu. Fakkeenyaaf, “mobile koo” jecha jedhu yoo “mobilekoo” jenne jecha of danda’aa lama walitti maxxansine waan ta’eef kun dogoggora. “Mobile + koo= mobile koo” sababnisaa “koo” abbummaa agarsiifti.
Jecha “Tolasaa dha” jedhu yoo “Tolasaadha” jennes sirrii miti. Sababnisaa maxxantuun “dha” mirkaneessituu dha. Kanaafuu, jechi sirriin “Tolasaa dha”
Garuu, maxxantoota qofaa dhaabbatanii hiika hinlaanne maxxansinee barreessina. Fakkeenyaaf: jecha “Dhaabbataniiru” jettu kana yoo ilaalle, Jecha “dhaabbatan” jettutu, maxxantuu “niiruu” jedhu dabalate. “niiruu” jettu kun qofaa hiika hinlaattu; garuu, mirkaneessituu dha. Akkasumas baayyina agarsiifti. Sababa qofaa hiika hinlaanneef itti maxxanuu qabdi!” jedhee barreessa.

Keeyyata kana keessatti caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa walmakee jira. Jechi tokko bakka gale sanatti tajaajila kennu qabaachuunsaa ifa. Ta’us bakki dhaabbii inni caasaa barreeffamaa keessatti qabu tajaajilaan caalaa caaseffama dubbiin murtaa’a (Afaan Oromoo keessatti). Akka Lalisaan jedhutti “ …‘mobile koo’ jecha jedhu yoo “mobilekoo” jenne jecha of danda’aa lama walitti maxxansine waan ta’eef kun dogoggora. “Mobile + koo= mobile koo” sababnisaa “koo” abbummaa agarsiifti.” jedha. Anillee, gama tajaajila kennituun abbummaa agarsiisuushee hinmormu. Haata’u malee, jecharraa fagaachuufi maxxanuunshee dhimmi kun hinmurteessu. Sababnisaa, dhimmi maxxanuufi ofdanda’uu jechootaa tajaajilaan osoo hintaane, caasaa dubbii afaanichaatiin murtaa’a. Yeroo dubbannu sagaleen addaan citiinsaa dhaga’amee qaawwi uumama yoo ta’e addaan bunna. Dursa sana mirkaneessuu barbaada. Kanaaf, caasaafi tajaajila adda baasanii ilaaluu barbaachisa.

Keeyyata olii sana yeroon dubbisu yaadota waldhahan laman arga. Hima jalqabarra jiru ilaalaa: “Jechoonni maxxantuu qofaa isaanii dhaabbatanii hiika laachuu hindandeenye akkasumas qophaa ijaajjanii mirkaneessitoota ykn abbummaa, kallattii hinagarsiifne itti maxxanuu qabu” jedha. Gadi siqeemmoo “-dha maxxansuun sirii akka hintaane yeroo falmu ’Tolasaadha’ jennee barreessuun sirrii miti” jedha. ‘-dha’ kan jettu kana qofaa yoo dhaabne hiika qabdii? ‘hin-‘ kan jettu kan inni barreeffamicha keessatti qofaa dhaabaa jiru sunoo hiikaa qabdii qofaa dhaabattee? Ibsi inni laataa jiruufi wanti inni barreessaa jiruyyuu waldhahe jechuudha. Rakkoon kun sababa tajaajilaafi caasaan waldhaheef uumame.

Barreeffama hiriyaa kootii sana akka fakkeenyaatti fudhachuun koo hamaaf miti. Jaarraa 21ffaa keessatti oduun osoo hintaane barreeffamaan waliif deebisuun caalaa fudhatama qaba. Isa ani jedhetu sirraadhaa osoo hintaane maaliif akka jedhame ragaan agarsiisuun barbaachisaa waan ta’eef.

Egaa namnoo akkuma barbaade caasessee barreessaa jiraa egereen Afaan Oromoo maalta’aree? Dhimma kanarratti, waggaa lamman darbe Hoggantoota Biiroo Barnoota Oromiyaa waltajjii tokkorratti argannee mariisifnee turre. Yeroo sana caasaa haarawaa kana akka gara dirree barnootaatti seensisaa jiran nuuf himanii turan. Kitaaba barataa amma qophaa’aa jiru keessattis hanga tokko caasicha hojiirra oolchu jedheen abdadha.

Kitaaba Afaan Oromoo kutaa 9ffaa gidduu kana dubbiseen ture. Kitaabicharratti caasaan jechootas ta’e maxxantuulee fufuu qaban kanaa sirrateen arge. Fakkeenyaaf, ’hin-, -dha, -ti, ni-,-(i)rra, -fi, -f, – tti… jechatti maxxanuun caaseffaman. Egaa anis sanatti waliingala! Biiroon barnootaa dhimma kana xiyyeeffannoo keessa galchee barreeffama waltessuu qaba.

Walumaagalatti, akkuma caasaa dubbii Afaan Oromootti barreeffama keenyas sirreeffachuutu barbaachisa. Jecha maxxanuu qabu maxxansinee isa irraa butachuu qabus irraa bunna. Yoo yeroo dubbannu qaawaan uumame irraa bunna. Yoo qaawwaan hinjiru ta’es akkuma dubbannutti barreessina. Kanaaf, jechoota ofdandaa’anii dhaabbachuu danda’anuu seera afaanichaa eeguuf jecha yeroon maxxansinu nijira jechuudha. Fkn. -moo, (i)yyuu, ha(a)- (i)saa, (i)rra, (i)mmoo… karaa sarara xiqqaatiin jecha cina jirutti maxxansuuf yeroo dirqamnu qabna. Kunis, seera dubbii afaanichaa eeguuf raawwatama. Kun ijaarsa caasaatis malee tajaajila jechi sun kennurratti dhiibbaa hinuumu. Keeyyata itti aanu kana akka fakkeenyaatti dubbisaa!
Tolasaafi gaarumaan barattoota ciccimoodha. Guyyaa hundayyuu mana barumsaa deemuu nijaal’atu. Kanarraa kan ka’es, yeroo hundaa daree guutuurratti 1ffaa ba’u. Kunis, bu’aa hordoffii maatiisaaniiti. Ijoolleen kuniin garuu, barnootatti haaciman malee, hojii hinjaal’atan. Hojiimoo barnootatu caalaaree? Ciminni hojiin hinmul’anne bu’aa hinqabu.

Jechoota kanneen bifa kanaan caasessuun bu’aalee gurguddoo sadii qaba.
Isaanis:
1. Qusannoodhaaf baay’ee fayyada. Mormiin qubee Afaan Oromoo irratti ka’aa ture ‘bakka baay’ee fudhata…’ kan jedhu sana bifa kanaan hir’isuun akka dandaa’amu ani argeera. Fkn. Kitaaba fuula 200 qabu caasaa kanaan sirreessee fuula afurtama hir’isuu danda’eera. Sababnisaa, yeroo maxxansinu yoo xiqqaate qubee lama dhabamsiifna.

Hima “Maqaan isaa Beekaa dha” hima jedhu caasaa haarawaa kanaan yeroo barreessinu, “Maqaansaa Beekaadha” jenna. As keessatti qubee sadii hir’isuu dandeenyee jirra (Ilaalaa). Keeyyata tokko keessattii qubee meeqa hir’isuu dandeenya? Kanaaf qusannoof caasaan kun baay’ee fayyada jechuudha.

2. Akka Ummanni Oromoo dubbatutti caasessina. Caasaan barreeffamaa kanuma Oromoo ta’a gaafas. Sababnisaa, duraan caasaa barreeffama afaan biraa kan Afaan Oromoon ibsaa turre malee, Oromoon akkasitti hincaaseffatu. Fkn Abbaan gammachiis yeroo Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromootti hiike caasaa nuti reef kaafnu kana fayyadamaa ture. “…Waaqayyo maqaasaaf jedhee sabasaa gargaaruu jaallate…” jedha. Qubeetu kan saabaarraa bocame malee. Kitaabni Qulqulluun boodana Qubee Afaan Oromoon barreeffame garuu caasaa sanarraa kaatee jira “…Waaqayyo maqaa isaaf jedhee saba isaa…” jedha. Isa boodanaa kanarratti namoonni yeroo dubbisan baay’ee danqamu. Sababnisaa, akka dubbataa Afaan Oromootti waan hincaaseffamneefidha.

3. Bareedinaaf baay’ee gargaara. Yeroo caasaa Afaan Oromoo isa haaraa kana fayyadamnu barreeffamni faffaca’ee hinfokkisu. Mee kitaaba caasaa duraafi isa ammaan barreeffame walbira qabaa ilaalaa!

Feesbuukiinis bifa kanaan qindaa’uu qaba. Sababnisaa, miidiyaan afaan waaltessuu keessatti qooda guddaa qaba. Kottaamee, waliigallee barreessina; barreessinee waliigallas. ‘Waliigalan alaagalan’ jedha Oromoon. Egaa jarana muraa ooluun guuraa ooluudha! Anis asumattan gabaabsaa xiyyeeffadhaa dubbisaa!

Goolaba
1. Caasaan Afaan Oromoo akka Oromoon dubbatutti sirratee yoo barreeffame dhiibbaa inni uumu hinjiru.
1. Oromoon akka waliigalutti dubbatee, akka dubbatutti waliigala.
2. Caasaan Afaan Oromoo akka dubbataa afaanichaatti sirratee, qindaa’a malee caasaa afaan biraan walbira hinqabamu.
3. Yeroo baay’ee Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama (garuu yeroo hunda miti).
4. Caasaa afaan biroo hordofuuf jecha, caasaa afaan keenyaa balleessuu hinqabnu.
5. Caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa waliin makuun hinta’u
Caasaan barreeffama Afaan Oromoo haarawaa kun rakkoo akkamii fura?

Dhimma afaanii waliigaltee barbaada. Seera namni tokko hundeesseen osoo hintaane akka hawaasni fayyadamutti caaseffamuun seera baafata. Afaan Oromoos akka Oromoon dubbatutti caaseffamee barreeffamuu qaba. Sunis, ummatatti gadi ba’anii qorachuu barbaada.

Jechootas ta’e fufiiwwan maxxanuu qaban bifuma dubbannuun maxxansuun faayidaa gurguddoo sadii qaba. Isaanis:
1. Qusannoodhaaf baay’ee fayyada. Mormii qubee Afaan Oromoo fayyadamuun barreessuurratti ka’aa ture ‘bakka baay’ee fudhataa…’ sanaaf deebii quubsaadha.
2. Dubbataan Afaan Oromoo salphaatti dubbisa; sababnisaa, akkuma ofii dubbatutti barreeffamee argata.
3. Bareedinaaf baay’ee gargaara. Caasaa dubbii keenyaaf barreeffamaa walitti fiduun barreeffamichayyuu nikurfeessa. Sunimmoo, ijatti tola; miidhagaadha.
Kunneen bu’aa akkasiin barreessuurraa maddan taanaan caasaa haarawaa kanatti maaf mormiin itti baay’ata? Waan haaraa sammuu namaatu dafee hinfudhatu. Yaadni namaa yeroo kamuu haaluma kaleessaa keessa turuu barbaada. Kanatu mormii kaasa.

Akka kootti sadarkaa falmii kana qaqqabuun keenyayyuu guddina. Afaan qoratamaa yeroo deemu argannoo haarawaatu mul’ataa deema. Sunimmoo, mormiif karaa saaqa. Qaamni mormus ta’e kan qoratee mormamu karuma karaasaa qorannoo itti fufa. Kanaaf, namni maaf morma jechuurra ragaa amansiisu dhiyeessuun barbaachisaadha.

Bu’aan argamu inni 4ffaan hiika sirrii dabarsuuf gargaara.
Ergan xiyyeeffannoo kana maxxansuu jalqabee as wantoota adda addaa argachaan jira. Caasaa duraanii sana keessatti jechoonni yeroo irraa hiiqanii dhaabbatan hiika akka jijjiiranis bira ga’eera. Fakkeenyota kanaa gadii ilaalaa!
1. Isaan iyyuu dhufaa jiru (caasaa duraanii: walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu yeroo irraa siqxee qofaa dhaabbattu)
2. Isaaniyyuu dhufaa jiru (caasaa tibbanaa walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu yeroo jechatti maxxantu)
Himoota lamaan yoolaalle, hiika baay’ee walirraa fagaatan qabu. Haata’u malee, lammanuu jarris dabalataan as adeemaa akka jiran mul’isuuf barreeffaman. Himni jalqabaa (caasaan duraanii) sun sababa walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu irraa siqxeef hiika jijjiirrateera. “Isaan iyyuu dhufaa jiru” jechuun jarri caraanuu, boo’uu, gurra qabatanii wawwaachuuf as adeemaa akka jiran agarsiisa (barreessaan garuu sana barreessuuf yaadee miti).
Himni lammataa akkuma dubbatamutti waan barreeffameef isa yaadameef hiika sirrii qabaatee jira. Walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettus tajaajila sirrii laatte jechuudha. Himni lammataa kun ‘Jarris as adeemaa jiru’ yaada jedhuuf ergaa sirrii dabarsa. Kun kan agarsiisu garaagarummaa ijaarsa caasaa duukaa hiiknillee akka jijjiiramudha. Fakkeenyonni biraan:
3. Mana isaa isa tulluu duubaa deeme (isaa irraa butuun).
4. Manasaa isa tulluu duubaa deeme (isaa itti butuun)
Himoonni kun hiika adda addaa qabu. Inni jalqabaa, namichi mana nama maqaansaa ‘Isaa’ jedhamuu dhaqee akka jechuutti hiikama. Inni lammataammoo, namichumti mana ofiisaa akka deeme mul’isa. Kanneen akka fakkeenyaattin kaase malee, rakkooleen akkasii baay’eetu jiru. Kanaaf, osoo itti butuu qabnuu irraa butuun sun (Afaan Oromoo keessatti) hiika jijjiiruu dandaa’a jechuudha. Kanaaf, sirriitti dhimma kanaaf xiyyeeffannoo gochuun barbaachisaadha.

Xiyyee Afaan Oromoo itti fufa…
Afaan Oromoo niguddata; addunyaattis nimul’ata.

Horaa bulaa!

Fedhasaa Taaddasaati.

Hiikkaa Halluu Alaabaa Oromoo kan Sirna Gadaa – Gurraa-Diimaa-Adii

0

Alaabaan sirna Gadaa halluu (bifa) fi hiikaa mataasaa qaba. Halluun alaabichaas tartiibaan Gurraacha, Diimaa fi Adiidha.

Hiikawwan buufata halluu alaabaa

A. Hiikni buufata halluu #Gurraacha: Olaantummaa Waaqati. Oromoon Waaqni gurraacha jedheeti amana. Huurriin bokkaa qabu guraacha, qaroon ijaa, illi (agartuun) gurraacha. Gurraachi kabajaaf angafummaa, badhaadhummaafi waan hedduu of keessaa qaba.

B. Hiikni buufata halluu #diimaa: Ga’anii, bilchaatanii, guutanii argamuufi gootummaadhaan mirga lammiitiif wareegamuu bakka bu’a. Waanti hedduun yeroosaa eeggatee
ga’uufi ija guutuu isaa agarsiisa.

C. Hiikni buufata halluu #adii: Xumuramuu yookiin raawwachuu agarsiisa. Hurriin rooba hinqabne adiidha. Dabbasaan (rifeensi) nama dulloomee harriin adiidha, daaraan adiidha, lafee gogaan adiidha. Kanaaf adiin mallattoo raawwachuu ykn xumuramuuti.

Oromoon marti hiikawwan halluufi asxaa alaabaa isaa beekuun jaalala olaanaadhaan kunuunsee yoonaan ga’eera. Dhaloota dhufutti dabarsuufis hiika isaa beekuurra darbee wareegama itti kanfalame yaadachuun seenaa isaas dhalootaaf dabrsuu qaba jenna.

 


HORAA BULAA DEEBANAA

Injifannoo Qabsoo Qeerroo Oromiyaa(QQO) hanga Masara Mootummaa fi Abshaalummaafi Fayyadamummaa Habashootaa

0

#Diary koo gaafa Hiriira deeggarsaa irratti Boombiin nutti darbatame keessaa fudhadhe.

Ilmaan Oromoo hubannoo cimsuun murteessaadha. Ilmaan Oromoo jijjiirama amma biyya keessatti dhufeef wareegama qaqqaalii hanaga lubbuu ofii kennuu gochuun eenyuufuu ifaadha. Gaafa kana ilmaan seemi(Haabashoonni) cinaarra dhaabbatanii ilaaluu qofa osoo hin taane Qeerroo keenya jijjiirama biyyattii kanaatiif lubbuu ofii wareegaa ture tuffachuu arrabsuufi maqaalee adda adaa moggaasaafii akka turan ilmaan Oromoo hedduun keenya ni beekna.

Haatah’uu malee, Qabsoon Qeerroon Oromoo irratti cichanii ofwareeganii lubbuu takkittii hin deebineef kennan, hardha firee godhattee biyya Itoopiyaa tana diigamuu irraa hambiftee, yeroo ammaa ilmaan Oromoo dur tuffatamaa turan Masara mootummaa seenuu qofa osoo hin taane Qoricha biyya tanaa ta’anii akka jiran Ilmaan Oromoo osoo hin taane Habashootumatu hardha ragaa bahaa jiru. Isaanis akkas jechuun ibsaa jiru:
‘Lammaan Ergamaa Muusee kan rabbi biyya Xoobiyaatiif erga jechuun dhaadatu.’
‘Dr.Abiyiifi Obbo Lammaa – Rabbumatu biyya keenya Xoobiyaa akka hin diigamneef erge, Biyyi keenya Rabbumarraa eebba qabdi, silaa bara kana balaan dhufu guddaadhafikkkf…..’ waan heddu jechuun Gammachuun qabsoo Oromoo gara masara Mootummaa Itoopiyaa seenuuf imala jalqabde simachuuf yeroo ittin fudhanne, inumaayyuu hooggantootni sadarkaa oliirra jiran dabalatee harka garaa jalaatiin haalaa mijessuu kan eegaluufi Maqaa Oroomaaraatiin qabsoon dhiiga ilmaan Oromootiin karaa qabattee imala eegalte xumura yaadame hardhas gahuu dadhabdu, imala jalqabde akka hin gufanneef tumsi bitaaf mirgaa itti fufe, Dhaabbani dorgomaa OPDO tures, QQO akka hin dhaabbanne waan baraniif ofii keessaa ofbaasanii ilmaan Oromoo Masara Mootummaa kan dur-Oromoon dandeettiifi Gahumsa masara sana seenuun hin qabu jechaa turan seenaa godhanii imala jalqabame deeggaruun qofti furmaata akka tahe waan baraniif deeggarsumatti cichan, Dhuma sa’aatii 11ffaattis Filannoo keessaa harka fudhachuun ilmaan Oromoo galma yaadan akka qaqqaban gahee olaanaa taphachuun isaanii Ummata Oromoofi Itoopiyaa irraa akka eebbi itti roobsamu carraa argatan. Ummanni keenyaafi Haangawootni Mootummaa keessattuu OPDOn ifaan ifatti Galata galchaniif, kun Istraateejii Kab.MM Dr.Abiyyi hordofan(‘Innidamar’) jedhu sana akka hojitti seenuuf dhiibuun xiyyeeffannoo isaanii ijoodha.

Haalli kun, Eenyyun Fayyadamaa taasise?, Eenyuuf Haala mijeesse? Qeerroo Lubbuu takkittii qabu wareege moo kanneen xiggii irra dhaabbatee qeerroo arrabsaa turee? yaada jedhu yoo ilaallu, Hardha Hiriira Guddicha irratti ifaan ifatti muldhatee jira, Adeemsi garaf fuulduraa biyyattiis xiinxaltootni adda addaa yaada kennaa jiran qofa osoo hin taane ta’iiwwan muldhataniif Hamilee habashootni qabatanii Addabaabayii Masqalaatti bahan irraa hubachuun nama hin dhibu.

Haalli ture ifaan ifatti hiriira deeggarsaa PM Dr.Abiyyif Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame maal nutti agarsiise gaaffii jedhu osoo hin deebisin dura dursee, Amaloota Habashootaa(Ilmaan seemii) keessaa muraasa isiniif kaasuu yaala. Isaanis:
~Ilmaan Habashootaa Abshaala. Abshaalummaan isaaniitiin fayyadamanii waggaa 140 oliif Ummata Xoobiyaa mitii gaanfa Afrikaa keessatti lakkoofsaan olaanaa tahe ummata keenya too’annoo ofii jala galchanii turan.
~ Ilmaan Habashootaa yeroo kamiinuu iddoo isaan jiranitti wanta raawwatamu ykn qophaayu kamiinuu ala dhaabbatanii hin ilaalan, Affeerraa qaama biraallee hin eeggatan, OFUMAA hirmaatu, OFUMAA seenanii ta’ii qophaayetti abbaa ofgodhu, Ofumaa keessa seenanii kanneen biroo(warra qophicha qopheesseeyyuu) too’annaa ofii jala galchu, ajaju, faawulii tuqsiisanii taphaan ala baasu keessattuu Ilmaan Oromoo Faawulii tuqsiisuun hojiin ala gochuuf yeroo itti hin fudhatu, Sana booda ofii abbaa itti tahu.
~Yoo Qophii qophaayu sanaaf hoogganaa filadhaa jedhamee carraan kenname ofumaa harka baasanii ‘Ani Fedhiidhaan na ta’a!’ jedhanii of-filu, sana booda Fayyaalessa keenya akkamitti Faawulii tuqsiisanii akka taphaan ala godhan beeku sirritti. Kanaaf Fakkeenyi guddaan Waltajjii Artistootni Masara MMtti affeeraman yaadachuun gahaadha.
~Ilmaan Habashootaa Uumama isaaniitiin ‘hooyi-hooyii!’ jaalatu. Nama hojii jarri hin feene hojjatullee itti marsanii hooyi-hooyi itti jedhanii hamilee kennuuf, Sana booda nama sana kallattii inni itti karoorfate dhiisee kallattii jarri feetutti deebisuuf bitaaf-mirgaan harka itti rukutu, ni qajeelfatu. Hooyi-hooyi sana keessa faayidaalee muldhatan isaantu fayyadamaa taha.
– Kab.MM Dr.Abiyyin haala kana keessa seensifatan natti fakkaata.
~Akkuma Dr.Mararaan ‘jarri bofa, yoo balleessitellee isuma hafetu firaaf sanyiisaatti dhaamee dhalli dhufu nama isaan miidhe sana akka balleessu godhu, keenya ammoo qaamni tokko yoo nu miidhe immoo faallaasaaniiti, firaasf sanyii keenyaa dhaamnee akka safara sana hin geenye waliif dabarsina’ jedhe sana, isaan Afaan nutti kolfaa, harka nuuf rukutaa FAAWULII nama tuksiisu, sana booda taphaan ala gochuun taayitaas tahee faayidaa jiru dhuunfatu, yoo humnaa oltahee dadhabanis nama sana kallattii hundaan hooyi-hooyi itti jedhanii kaan gamaa gamanaan harka rukutee kallattii ofii barbaadanitti oofatu.
-Kab.Dr.Abiyyiin akkas gochaa jiru.
~ Jarri Habashootaa kun Dhaloota isaaniitii kaasanii #Shira xaxuu kanatti guddatu, oflamaaniifuu waliif hin dhiiftu, shira walirratti xaxaa, guddatti, ilmi abbaa jalaa, intalli haadha jalaa baru, walbarsiisus. Akka keenya fayyaalummaaf garalaafummaan hin jiru, Faayidaa isaanii irratti maaliif Abbaa ykn obboleessa isaanii hin taane irra waliif darbuu hin beekan, kanaaf Ummata keenya Fayyaalessaaf garalaafessa kana kuffisuun baay’ee itti hin ulfaatu.

Walumaagalatti, Hawaasa Habashootaa kana wajjiin yoo xiqqaate waggaa 12 ol wajjiin, ollaafi naannoo tokko keessa jiraanneerra, sirritti walbeekna, ija-garaa jalaatiin waan heddu xiinxallinee, humna ittiin dubbannee jijjiirama fidnu waan hin qabneef caljechaa turre. Sababa wajjiin jireenya keenyaatiinis Balaan Gurguddaan hanga lubbuu Hayyoota Qaqqaalii dhabuun nu mudatee, isaan yakka raawwataniifis hin gaafatamin hafaa turan.
Ani akka kootti qofa – Hayyuu Cimaa Biyyi kuniyyuu Abdattu barnootaaf biyya Siwzerland irraa Research hojjachuuf dhufe nu jalaa ajjeesisanii- hanga hardhaa xiinsammuu nagaa nudhabsiisaniiru, kun shira dubartiin habashaa mana keessatti nurratti raawwatteen nurra gahe.

Xumurarratti, Yoo gara yaada kiyya kan QQO fi Abshaalummaa isaanii guyyaa hardhaa(Hiriira deeggarsaa Kab.Dr.Abiyyi Addabaabayii Masqalaatti) godhamerratti akkuma kaasuuf yaale sana gabaabbinaan yoo ibsu:
~ Isaan Guyyaa shanii oliif walitti iyyatanii iyya dabarsanii(akka keenya xurumbaan osoo hin taane) keessaan waliin mari’atanii waltajjiin godhamu kan Habashaa akka tahu olaantummaa fudhachuuf hojii biraa dhiisanii isuma kana hojii godhatanii adda durummaan hojjachuu jalqaban.
~ baajata Miliyoona hedduun lakkaawamu kanaafis ramadan, Maxxansaaleen adda addaa akka qophaayu hojiin baldhaan hojjatame.
~ Hiriira Ummanni keenya Dr.Abiyyi deeggaruuf hiriirra jedhe, isaan GALII(Business focus) Argachuuf haalduree xumuran.
~ Dhaabbileen maxxansaa isaanii hundi walitti mari’atee qophaaye. Dhaabbanni Ani beeku tokkichi qofti T-Shirt Dhaadannoo Dr.Abiyyi qabdu 65,000(kuma jahaatamii shan) maxxansiise. T-shirt maxxanfame kun galgala jalabultii jimaata galagla dhumee bule. halkani sanas maxxansaa bulan, Hirriba dhiisanii Daldala cimaa banan.
Gabaabumatti namni hiriiruma ummanni keenna deeggarsaaf bahe kanarraa, Qaamni galii Biliyoonaan tilmaamamu hammaarate jiraachuu akkuma beektaniif fakkeenya tokkicha kaase malee daldaalli akkamii akka gaggeeffame hanga hardha galgala(Sanbata xiqqaa guyyaa hiriira deeggarsichaayyuu jechuu kooti) namootni Finfinnee keessa jiru ragaa baha.

~ Maal kana qofaree, Isaan dursanii waan ofqopheessaniifi qophaayaa turaniif Dhaadannoo, Ilaalcha siyaasaa, Ijjannoo isaanii, Halluu ofii barbaadan, Ergaa ofii barbaadan, Barreeffamaafi dhaadanoo ofii barbaadan qopheeffatanii WALTAJJII guutuun guutumatti too’achuun muldhataniiru, Hafuura Oromummaa kan Qeerroon kutaalee Oromiyaa garagaraarraa fedhiifi qindeessaa nama tokkootiin ala dhiibbatee seene sana haguuganii Habashummaafi Xoobiyummaa isaan barbaaddu Miidiyaa biyyattiifi Addunyaattilee agarsiifatanii milkaayinaan galaniiru.
Yoogalanis dhiischisaa sirbaa, akka milkaayan ifatti dhaadachaa galan.

Haaluma kanaan osoo xiqqoo hin bubbulles Artistoota keenya kan qabsoo Oromootiif hidhamee, wareegamee, tumamee, kolaafamee, waggoota dheeraaf qabsoo kana sad.kanaan gahuuf gahee isaanii bahan, hanga Goota Hacaaluu Hundeessaa kan Diina fuulduratti Galma barkumeetti dhaadate fa’a keessaa hambisanii Habashootni Maqaa ‘Maatii Artistootaatiin’ Marii Kab.MM Dr.Abiyyi wajjiin godhan.
Ammaafi kana boodallee haalotni kun kanuma itti fufu taha. Sababiileen Qeerroon Qabsoo Oromoo ofatti baase kun dhiibamee, Habashootni fayyadamoo taatuuf maali yoo jettan:
a) – Ilmaan oromoo anumarraa eegalee, ni saalfanna, Safuuf Sadoo jeechuu baay’ifna, hanga nawaamanii sanuu Xalayaadhaan affeeramutti ani waanuma na ilaallatu keessatti hirmaachuullee nan saalfadha, nan qaanfadha…. HANGA YOOMII??
b) Abshaalumaan nu hafa. Aaduma keessatti dhalanne tahee safuuf saalfii jechaa, ijaan lafa qabna, maaltu naannoo keennatti ta’aa jira jennee lafa hin mildhannu, hin taajjabnu, kan dursi nu kuffise kanuma.
c) Saffisatu nu hanqata. Nuti ni harkifanna, waan hardha gochuu qabnu, borullee yoo raawwadhe rakkoo hin qabu, ykn hiriyyaa keenyaanillee suutuma yeroo siif mijate hirmaadhu, xumuri, yoo sidhibe dhiisi…. jennee chilla jenna, kun Kufaatii guddaadha.
d) Hojii Tuffachuu – namni keenya heddu keessattuu dargaggeessi hojii tuffata, hojii salphasalphaa ni tuffanna, ni hifanna, hojiif kabaja hin qabnu, waan argine hojjannee faayidaa argachuuf kaka’umsi hin jiru. Kun Eeggattummaa uumuu bira darbee yeroo baay’ee naannoo keennatti Humni dargaggeessaa kan barateef hin baratinillee MOOTUMMAAtti quba qabuu qofatu baldhinaan muldhat.

e) Hangina Bilisummaa #Xiinsammuu – Namni keenya dhiibbaa waggaa dheeraa nurratti deemaa tureen dhibbaa cunqunsaafi gadi nuqabuudhaaf hojiiwwan hojjatamaa turaniin hardhas namni keenya hojiifis tahee hirmaannaa saffisaatiif qophii miti, kun immoo ammas jarumaaf karaa saaqee isaan nurratti #hartick hojjatu…… mee isinillee dabalaa tarreessaa

Kanneeniifi kan kana fakkaatan kan tarreessee hin dhumne heddutu jira.
RAKKOOLEE KEENYA olitti tarreeffame kana RAKKOO kiyya jennee fudhannee FURMAATA ofuma keenyaa yoo hin kaawwatin, BALAA keessaa hin baane kan akka kufaatii bara ce’umsaa 1991 sun nu mudachuu akka danda’u hubachuun salphaadha jedheen yaada.

 


HORAA BULAA DEEBANAA
Abdiisaa Bancaa Jaarraa
Yaadannoo gabaabduu – guyyaa Hiriira Deeggarsa Dr.Abiyyi Addabaabayii Masqalaattii taherraa kan fudhatame.

Walaloo Ajaa’ibaa Galma Barkumeetti – Feeneet Geetaachoo

0

Sabni sun – inni dur
Gaaddisa jalatti seerasaa tumate
Sabni Kuush – inni sun
Kan Odaa jalatti Gadaasaa uummate

Kan ofiin of tolche
Kan ofiin of bulche
Kan ofiin of oolche
Kan of babbareeche

Afaanii fi aadaa – latiinsa sabboonaa
Eenyummaa sabboonsaa
Dhiigasaatiin tursee
Kan nu boonse -boonsaa!

Inni Orom-duroo
Kan dursee heera baase
Kan Kallachaaf Bokkuu
Harka lamaan kaase

Aadaaf seenaasaatiif
(Sagal kufee ka’ee)
Dafqa dhangalaasee
Odaan akka hin gogneef
(Seenaa akka tursuuf)
Dhiigasaa obaase!

Kan kaleessa gadde
kan nu boonse har’a
Kan kalee gaaddisaa
har’a abbaa Galmaa
Oromoo ta’uusaa
Eenyutu nuun morma?

Gootota Oromoo kan akka Agarii
Leenca ilma Birruu – Kan akka Taaddasaa
Qorichi Faranjii, Qeerransi ilma Aagaa
– Kan akka Abdiisaa

Gootni warra Baalee
Jeneraal Waaqoo – Warqiin ilma Guutuu
Leenci leenca caalu
Baalchaa Abbaa Nabsoo – kan godaa baroodu
Kan akka Abbabaa, kan akka Jaagamaa, kan akka Garasuu
Garasuu Dhukii – Garasuu Abbaa Booraa
Dhirsa Faranjii Roomaa
Boora dalga kaachisee
Baandaa allaattii nyaachise
Qeerroo Nageessoo fi
Alamuu Qixxeessaa
Warra seenaan boonsaa

Gootota Oromoo kam waamee kam dhiisu?
Kam fuudhee kam gatu?
Hunduu seenaa qabu
Hunduu na komatu.

Lammii!
Haadha uummata guddaa
Biyya koo Oromiyaa
Deessee saba arjaa
Wiirtuu Itoophiyaa

Marsanii hooksanii
Jejanii faarsanii
‘Si malee’ jedhanii itti godaananii
Saamanii saamsisu, yeroo itti galani.
Sirna Guddifachaa yoom jifuu guutani?
Yoom eebbise Abbaan Gadaa?
Yoom damma muuxachiise?
Yoom baksaa cuubachiise?
Yoom aannan unachiise?
Yoom aadaa kakuu galche?
Yoom dhiigaaf foon taasise?

Dureettummaa laalanii
Daboo itti wal kadhatanii
Keessa oolanii bulanii
Humnaan kaadhimmatanii
‘Surgery’ itti taa’ani
Keessa sakatta’ani!

Shira diinni raawwate
Roorroo Oromoon baate
Ana xiqqashuu miti,
Harmee Oromiyaatu
Horteesheetiif dubbate!

Mar’immaan na cicciru
Kalee na keessaa baasu
Tiruu kiyya tuttuqu
Kaanserii natti riqu
Somba kiyya harkisu
Qilleensa ittiin hargansu
Hadhooftuu kiyya dhoosu
Warqii na keessaa baasu!

Na saamanii hin quufani
Gotaraaf gumbii guutu
Hambaatti na kuufatu
‘Swiss Bank’ kaawwatu

Arraba na dachaasu
Dabasaa natti hadhabsu
Onnee na babbaqaqsu
Sodaa na keessa rabsu

Ija na tuttumatu
Laalcha na laaffifatu
Sammuu kiyya jallisu
Aarsaa Taaddee balleessu

Beekaa koo mankaraarsu
Shororkeessaa taasisu
Caasaa koo burjaajessu
Taayitaa sobaa baachisu

Caasaa onneen hatame
Kan matta’aan faalame

Diinatti irreeffata
Lammii ofiitti goota
Ni ajjeesa ni hidha
Ni gama ni kakata
Eenyummaasaa gurgura
Diinaaf ni jilbeeffata
Nyaapha waliin of hata
Wal gurgura – wal nyaata

Dhaloota!
Hangafummaan keenya
Diinaan haguugamee
Wal dhaga’uu dinnee
(Kontiroobaandistiif)
Karra keenya saaqnee
Damma nuti nyaannu
Daawwaa isaa godhannee
Mirga abbummaa qabnu
Dabarsinee laannee
Mana ofiif keessummaa
Lammii ormaa taanee
Jilbi keenya laafee
Mataan lafa ilaallee…

Obsinee jiraannus
Birmadummaan hafee
Sabummaa qooddannee
Buqqa’uutu dhufe.

Garuu gootni Oromoo
Kalee dhiigasaa coccobsee
Ofii aarsaa ta’ee
Dungoo nuu qabsiise
Duudhaa sirna gadaa
Muudee nuu aangomse
Har’a maaltu dhufee
Dararamnee buluuf
Onnee nu laaffisee?

Hacuuccaa fi roorroo
Shira nu ukkaamse
Lagaan nu qoqqoodee
Eenyummaa balleesse
Qabsoofnee mo’achuuf
Seenaa bade galchuuf
Qeerransi Qeerroo Oromoo
Jeettiin qilleensa raasu
Misaa’elli Itoophiyaa
Kan addunyaa warraaqsu
Abidda ciraa kaasee
Obomboleettii bubbise
Yandoo hin caamne roobsee
Qabsoo haqaa finiinse.

Barataatu fincile
Bilisummaa isaatiif
Ofirratti murteesse
Qalamaan qabsoo lixee
Iyyee iyya dabarsee
Alaaf keessaa warraaqse
Qonnaan bulaatu bookkise
Qabsoo diddaa garbumaa
Waaqoo Guutuu haaromse
Artistiitu weellisee
Dhiiga diinaa hadheesse.

“Sobnee sirbina, keessi keenya madaa
Ijji imimmaani, mormaan ragadaa
Saaqi saanqaa… saaqi”

Xiinxalaan lallabee
Abbaan gadaa tumse
Jaarsi falfalatte
Gaggeessaan kutate
Tokkummaa jabeessee
Heera hojiitti hiikee
Kan dabe soroorse
Waadaa galeef durse
Dhugaa sabaaf tumse
Hadhaa diinaa waraanee
Dhara keessaa yaase
Afaan qawwee cufee
Qabsoo waltajjiidhaan
Seenaa galmeessisee
Hayyuu Oromootaa
Leenca qomoo gootaa
Muummee Ministeeraa
(Lammaan?) filachiise!

Dr Abiyyi hayyuu dha – mahaandisa qabsooti
Dimokiraasii finiinsa
Jecha gochaan simsiisa
Hunda ni hirmaachisa.

Dhaggeeffatee hubata
Dubbatee amansiisa
Saba wal jaalachiisa
Laphee cabe fayyisa.

Sanyii jaalalaa baata
Omishee sabaaf laata
Qajeelummaa waaltessa
Jibba ni dhabamsiisa!

Maandeellaa sab-lammiiti
Wal-qixxummaaf hojjeta
Oobaamaa Itoophiyaati
Mul’ata heddummata!

Addunyaan gojoma’ee
Musee eenyutu argata?
Nuti hin kenninu malee
Raashiyaa fi Chaayinaa
Ameerikaatu filata!

Roorroo injifannee
Har’a bilisoomneerra
Lammii buqqa’e dhaabuuf
Sab-lammiin wal geenyeerra
Lootariin ‘Lammiin Lammiif’
Tombolaan qophaa’eera
Dureessi bitachuudhaaf
‘Cheekiin’ baadhu baateera
Addunyaatu hirmaate
Faranjiinuu dhufeera
Har’a hojiitti hiikama
Abjuun Dokter Abarraa!

Galaan irbaata lammii
Ifaajiin koree kanaa
Kalaqni mootii Morodaa
Furmaanni sodaa balaa!

Waaqayyo ati dursii
Deeggarsa nuu eebbisi
Lubbuu shiraan manca’e
Jannata kee dhaalchisi
Kan miidhame fayyisi
Fayyinakee badhaasi
Qabeenya lammii badee
Ati bakka nuu buusi
Lammii buqqa’e ijaari
Jireenyatti deebisi
Lammii lammii deeggaru
Yaa Rabbi nuu eebbisi!

Now, we, all Ethiopians, who are under the sky and over the Earth:
Let us unite together to fight man-made and natural disaster before it passes to generation that *** our unique, lovely country – Ethiopia all round success and sustainable ***
Thank you for listening!
Galatoomaa!
አመሰግናለሁ!
============================

Yaa lammii koo!

Lammiin kee si qaqqabaniiru
Har’aa booda rakkoo kee ni furu
Akkuma ‘Loomiin shantamni nama tokkoof ba’aa, nama shantamaaf faaya’ jedhamutti
Nu lammiin kee rakkoo kee si waliin qooddannee
Rakkoo kee ni furra
Ka’i! Ka’i! Ka’i! Jabaadhu, si gargaarra!

Walqunnamtii Saalatti Gammaduu Dadhabuu – Dr Gurmeessaa

0

****DUBARTOOTA GAA’ELA QABAN QOFAAF****
Walqunnaamtii Saalaatti Gammaduu Dadhabuu Dubartootaa. (Female Orgasm Dysfunction)
Dubartiin tokko rakkoo armaan olii kana qabdi jechuudhaaf:
Walqunnaamtii saalaa abbaa manaa ishee waliin raawwattutti gammachuu kan hin qabnee fi fedhii saala abbaa manaa ishee guutuuf qofa kan raawwattu yoo ta’edha.
Rakkoowwan kana kan fidan keessaa muraasni:
1. Rakkoo xiin-sammuu (psychiatric or psycosocial) dudartiin sun qabdu kan akka raakkoo muuddama (stress) humnaa’olii yeroo hedduu itti mullatu, ofitti amanamummaa dhabuu fi kkf kan yaala addaa barbaadu.
2. Rakkoo waliin haasaa ykn walii galtee dhabuu abbaa manaa fi haadha manaa waliinii (Heeruma fedhii malee, fi kkf)
3. Dhiibbaa ykn rakkoo walqunnaamtii saalaan walqabatee yeroo ijoollummaa irratti raawwatame, kan akka dirqisiisanii gudeeduu fi kkf.
4. Dhukkuboota adda addaa kan waan kana fiduu danda’an qabaachuu fakkeenyaaf dhukkuba sukkaaraa….
5. Yaalii garagaraa kan baqaqsanii yaaluu kan dhukkuba biraaf godhame kan akka gadameessa muranii baasuu (hysterectomy).
6. Kan rakkoo biraa tokko hin qabne garuu rakkoo walqunnaamtii saalaatti gammaduu dadhabuu qofa qaban.
**** FURMAATA****
Rakkoon kun qorannoon biyya USA keessatti hojjetame tokko akka jedhutti dubartoota 21% kan hubu yoo ta’u rakkoo salphaa osoo hin taane kan yaala barbaadudha. Kanneen armaa gadii akka furmaataatti kan taa’anidha.
1. Waldhabiinsa, miidhama duraanii, muddama jireenyaa fi kkf namootni waan kana furuudhaaf leenji’an (psychotherapist) waan jiraniif deemanii yaala ga’aa argachuu.
2. Mana yaalaa deemanii dhukkuboota rakkoo kana fidan irraa yaalamuu.
3. Yeroo walqunnaamtii saalaa raawwatan guutummaa guutuutti yaada ofii walqunnaamtii saalaa irra gochuu fi sosochii garaa garaa gochuu.
4. Kana hundaan illee yoo furmaanni jiraachuu baate qorichoota anti depressant jedhaman ogeessa fayyaa sammuu (Psychiatrist) irraa ajajchiifachuun illee ni dandaa’ama.

 



*Fayyaan Faaya*
Horaa bulaa deebanaa

Imaanaa Jaalalaa – Asoosama Gabaabaa: Mootii Abbaltiin

4

Imaanaa Jaalalaa – Asoosama Gabaabaa
Kutaa – Afur

Borumtaa isaa barfadheen dhufe. Hirriba halkan qe’ee koo lagatee bule gara barii sossobatee na fudhatee sokkerraa kanin wareeree ka’e iyya bilbilaatiini . Duquqquuma keessa ta’ee ija sukkuumachaan kaase.
“Heloo!”jette na dursitee. Siddisee dha .
“Heloon”jedhe . Uffata halkanii ofirraa darbadhee ka’een lafa ijaajje.
“Roobale nagaa dha mitii? Biiroo maaliif akka hin galle si gaafachuufin bilbile!”.

Barfachuun koo naa gale .

Maaliifuu haa bilbiltu.Arrabsoodhaan dhukkee na irraa kaasuuf otoo naa qaacilteeyyuu anaaf sagalee ishee dhaga’uun eebba kamuu naa caala . Iji koo ariitiin yoo wal gadhiisee ifa duraan hin qabne gonfatu natti dhaga’ama. Maashaan koo annisaa horatanii yoo utaaluuf qoqophaa’an natti beekama .
“Dhiifama! Dhufaan jira!”jedheen cufe. Nan utaale. Otoo namni dhaabbatee dhimma koo kana yaadaan qabu jiraatee waan muudamni ministeerummaa naa kenname malee nama sagalee intala jaalallee qabduu qofa dhaga’uun akka jabbii silga quuftee burraaqxuu lafa dhiphisuu, intala nama adda biraaf ifa taate irraa gaaddidduu ishee gaaddifachuuf dhama’u godhee na hin hubatu. Ariitiinan kofoo koo gatantaraa ofitti diree, shamizii keessa danqaree,fuula koo bishaaniin dhuubee ba’e.

Yoon waajjira ga’u yeroo hojii idileerraa sa’aa tokkoof walakkaa barfadheera. Dafqi bobaa jalaan na xuruuruu eegaleera. Siddiseen akkuma kaleessaa,akkuma tibba darbee ,akkuman guyyaan jalqaba ishee argee miidhagdeetti… Isa durii caalaayyuu!

“Eessa bulteetu?”jette asaastee kolfa ukkaamaamaa .Seeqee callisuurra kan darbe homaa afuura hin baafanne.
“Si yaadaan bule!”jedhuu?anatu of gaafate.
“Yoo arrabsitee na salphistewoo ?” ofumaafin deebise.
“Boo isallee dhiisi…salphina ati ofirratti raawwatte caalaa? Otoo jaallattuu jaalalaa kee otoo itti hin himiin afaan bantee otoo ilaaltuu cululleen “qalam!”si duraa hin goonee? Isa dhiisiitii …ammas qaawwi xiqqoon yoo jiraatte hin beekaniiti dubbii mataa itti galfata taatu dubbadhu! Jedhi kaa …jedhi malee! Dabeessa wayii!”jedhee sammuun kokkee yaadaatti na hudhe.
“S..i..yaadaan bu…le!”sagalee ulfaataa hoollannaan hogganun of keessaa darbadhe.

” Jettaam!”jettee gara hojii isheetti deebite. Isheef jechi kun qoosaa dha. Anaaf garuu ciiniinsuu dubartii lakkuu da’uuf miixattee obbaafattee irra hin xinnaatu.

Mallatteessee yoon teessuma kootti deebi’uuf jedhu. Obbo Waaqjiraan biiroo isaaniitti akka na barbaadan natti himte jennaan korojoo koo minjaala koorra kaa’ee qaxxisaa dhaqe. Yeroo hojii kabajuu baannaan adabbii isaan fudhatan hamma hojii irraa akeekkachiisa tokko malee ariisisuu akka ga’u guyyaa waliigaltee mallatteessine waan natti himamee tureef onnee naasuun tarsa’uuf jettu sossobaan ol seene.
Harka fuudheen taa’e.
“Sila si barbaadnaan hin galle naan jedhani. Maali nagumaanii?”
“Dhiifama …hirribatu na injifate!”
“Rakkoo hin qabu! Dargaggeessi hirriba hin quufu jedhani!”jedhanii takka qasa’ani. Kolfi isaanii surraa qaba.
Anis gargaareen kolfe.
“Maaliifin si barbaade seete….Hojii keetti dhugumaan booneera. Nama waadaa isaa kabaju taateetta. Kana yaadaan qabee …Gara Baalee-Roobeetti si erguufin jedha. Torban tokkoof hojjettoota keenya damee sana jiran leenjii akka kennitun barbaade!”
Dhugumaan natti hin tolle. Magaalaa ala ba’uu koo otoo hin taane dhangaa guyyuu afuurrii fi lubbuun koo sooratan honga’uu kootu yaaddoo natti uume.
“Maal yaadderee Roobale?”jedhanii hirriba yaaddoo keessaa na dammaqsani.
” Qofaa kee miti kan deemtu …Birraa fi Siddiseenis ga’ee hojii waan qabaniif si waliin imalu. “yoo jedhan gurra koo hin amanne. Waan cooma jaalalaa muranii afaan na kaa’an natti fakkaate.
“To(o)le! Natti tola!”jedheen galateeffadhee ba’e. Balbala cufee duubaan itti hirkadhee dhaabbadhe. Kolfi na cinqe. Gammachuun suuqa ture ilkaan koo kolfa jaalalaa dharra’eruun hammate. Harka koo aboottadheen “Yes!”jedhe.

Itti fufa
© Mootii A

LOQODA BOORANAA ——- OROMOO HUNDAA

2

LOQODA BOORANAA ——- OROMOO HUNDAA
1. Qaraa —- jalqaba, dura
2. Ennaan —- sana booda
3. Ojjaa. — yoo, erga
4. Adoo — otoo, silaa
5. Shoorkii — dhimma, rakkoo
6. Laanaa , Yaasaa —- suuta
7. Yaasuma, Bobbaa —- adeemsa
8. Yarsuma —- tiksituu, nama tikha
9. Goo’uu —- iyyuu
10. Lallabuu —- sagalee olkaasan
dubbachuu
11. Yiikkisuu —- waan badee turee argamuu
isaa ibsuuf
12. Dareeraa —– utubaa
13. Guutuu abbaa liiban —– boorana
14. Aabba —— Obboo
15. Haatoo —– Addee
16. Aabboo —– abbaa ( kan ofii)
17. Ekheraa —- yaraa, salphaa
18. lookhoo —— qajeelaa
19. mokkataa —— kan hin qajeelle, dabaa
20. Focoqa ——- Dheeraa
21. Dakkicha, Ruphaa ——– Gabaaba
22. Okkotee, Sagalee ——- Nyaata
23. Saayyee —— looni
24. Heellaba, Lalleessa ——– Re’ee
25. Cichaa ——- fuuldura manaa
26. Fuloo —— balbala dabalata (dallaaf)
27. Yaabdoo ——- balbala dallaa bishaani
28. Karraa —— balbala mooraa horii
29. Cufanaa —– cuftuu balbala mooraa horii
30. Korboo, Saanqaa —— cuftuu balbalaa
mana namaa
31. Dinqaa —— gaadaa, kutaa manaa
32. Dhiibuu —— iddoo siree, bakka hirriiba
33. Irreessuu ——- awwaaluu
34. Wayaa —— uffataa, huccuu
35. Sidii —— Sabaa, nyaapa
36. Anfalaa —– qabattoo durbaa
37. Gurdaa —— qabattoo dhiiraa
38. Buuranii —– faaya mormaa dhiiraa
39. Saldaqaa —— faaya harka durbaa
40. Huwwaa ——– dhalaa
41. Maa’essa —— kan suuta boodee
deemuu
42. Sooressa —— kan dura deemuu
43. Mirgoo —— sangaa loonii
44. Waaruu —– baduu
45. Ori’uu —- fiiguu, utaaluu
46. Qiliixamuu —– gammaduu
47. Kumuduu —— gadduu
48. Gaaduu —- dhokatanii hordofuu
49. Battii ——- kan qulqullinna hin qabne
50. Gaadi’uu —– hidhuu
51. Luuxxicha —– qal’aa
52. Ejjuu —– dhaabbachuu
53. Dhiiroo —– jaranaa
54. Hayyee ——- tolee, ishii
55. Areera —– bulbula, makaa aannan fi
bishaan
56. Qiyaasa ——- hamma sirriitti ( normal)
57. Allayyoo —— waaqa
58. Morka —– falmii, dorgommii
59. Jallaa ——- kan nama dhibu
60. Maadee —— ajaa’ibaa
61. Wadaaree ——- uffata moofaa
62. Itillee —— gogaa loonii (hirribaaf)
63. Erbee —– gogaa gaala (kosiif)
64. Dhimphuu ——– Cophaa
65. Qoola —— gogaa re’ee
66. Huuxii —– qoraani
67. Dhiirsa —— Abba mana
68. Niitii —— Haadha mana
69. Kaachuu —— wal-qunnamtii saala
gochuu
70. Dhabanaasuu —– kabaluu
71. Raasaa —– bosona
72. Nyaapha, hormaa ——- diina, alagaa
73. Weedduu ——- faaruu, sirbaa
74. Agarii —– kan baayisee nyaatuu
75. Miiraa —— kan xiqqeesse nyaatu
76. Sukkumii —— duudaa
77. Duuduu ——– Seenuu
78. aaboo: mudaa
2.aaddaa : obboleessa /ttii angafa
3.abeeba, muya, daafanaa : lugna
4.Abraasaa: Muddee
5.abuyyaa: eessuma
6.adaayyuu: boosettii
7.adiyyoo: eegumsa malee
8.alaqaa : kaamettii
9.alchaa : Hawaii
10. ameessa: sa’a aannanii
11. bagoo: fuula namatti jijijjiirachuu
12. balchaa : nama gaarii
13. baleeluu: boonuu
14. ballittii : fayyaalessa (normal)
15. barbadaa : lafa marga hin qabne
16.buudhoo: ciree osoo hin nyaatin
17.buufattoo: xumura
18.buusaa: wal gargaarsa gosaa
19.ceekoo,kaaja a: mukoo
20. cirreessa : ogeessa yaalaa
21. corooressa: tartiiba
22. cufa: hunda, mara
23. daarima: fedhii kormaa( dhalaaf)
24.daatuu: nama biyyaa bahe
25.daayimtuu : oduu
26. dagaggamuu: tasa maqaa dhahuu
27.damboobuu: milkii agarsiisuu
28.dansaa: gaarii,mishaa
29.dayyoo : hujii irraa rincicuu
30.dedhuu: dagachuu
31. deebanuu: sooressa
32.dhaaccii: daabaa
33. dhajiitii: gocha tokkoon booda
salphachuu
34.dheekkamsa: lola
35.dhibii : kan biraa
36. dhundhumuu: karoorsuu
37.dotii magariisa
38.dunfura,gind a: goofaree
39. durduura: dabalata
40. eger,takkaatana a, eeganaa : _____
41.Eloo: dhamaatii, ifaajee
42. faacii: maqaa balleessuu
43.fafa, ceera, fokkoo : saalfii
44. farada, baaruu: daftee guddatte
45.finna : bulchiinsa
46.fulaa : bakka, iddoo
47.gaaltama,foo ddoo(gabra): durba
geettuu
48.gaamaressa: jaarsa, bilchaataa
49.gaaraayyuu: sanyoo
50.golii, kalchaa: deeggaraa
51.golola: soorachuu
52. gudoo: jecha jaalalaa .fknf lubbuu koo
53.guutolaa: baaxii
54.haddhoo,biir tee: keelloo
55.halkuma: fuudhaa fi heeruma
56. horrisa, ejjitoo: deemsa fagoo(gabaa,bis
aan)
57.hoyama : hubaatii dinagdee
58.hurrisuu: ariifachuu
59.imbiiraa : pilaastika
60.jaajjusa : basaastuu61
61:karkarsuu: haalaan qabuu
62. karmura: jallaa
63.kasoo : salphaa
64.kayma,namdiq qaa: dardara
65.kora: walga’ii
66.kumuduu: gadduu
67.kunna: deemsa karaa dheeraa halkanii fi
guyyaa
68.kurfeeffachu u : qophaa’uu
69.laama : agabuu, sooma
70.lichoo : alangaa
71. liingachuu: xiyyeeffachuu
72.maachuu : itti toluu
73. maadee , baasa : raajii
74.maandhaa : qixxisuu
75.maddaa, ardaa : ganda
76. malfachuu, dabsachuu : injifachuu
77.marmaaruu: naannawuu
78. marroo, faroo : dabaree
79.mikikkila : roga ( balbalaa, goolii)
80. mittoo, moo’annoo : cunqursaa
81.muraa: adabbii
82. murnya : kutaa
83.nyuulchuu : cinquu
84. obeensa : baala
85. onanaa : guyyaa muraasa dura
86. oolaa : hongee
87. oroosa : misirroo
88. qolchuu : injifachuu( fiigichaaf)
89. sakaatama: huyyiin qabamuu
90.sakkaba : malaanmaltummaa
91. salleessa: rimaa / ulfa osoo ji’a hin gahin
dhalate
92.seeseffachuu : xiyyeeffannoo dhabuu
93.sesseega, shufuroo : kashalabbee
94.Sidii : saba
95.Suga : sifaa
96. tontoommoo : abboottee
97.taraarrii : sarara
98.ulluuqqoo : kadhannaa
99. yayyaba , itti keeyyachaa : jalqaba
1oo. yooyyoo : simannaa. Horaa Bulaa
horaa bulaa badhadhaa….!!

Dhiphachuu – Stress

2

Dhiphuu (stress)
…………..

Dhiphuun miira yeroo baayyee nama mudatuu fi yoo madaala isaa eeggate(yeroo gabaabaa fi haala keessa jiran wajjin wal kan gitu) ta’e bu’a qabeessa .fkn qormaatni yoo ga’e dhiphuu madaalamaan akka qayyabatan nama godha,yoo waanti nama miidhuu namatti dhufe dhiibbaa dhiiga dabaluu fi rukuttaa onnee dabaluun dhiigni qaama hunda akka wal ga’u gochuun ofirraa faccisuu ykn boqachuu nama dandeessisa.

Yeroo dheeraaf dhiphachuun qaama ofii utuu hin fiigiin akka waan waa baqataa ykn fiigaa jirtaniitti yeroo hunda akka hojjetu gochuudha. Kun immoo qor-qalbii fi qaama namaa kaan irratti miidhaa hedduu geesssisa.

Dhiphuun kun mallattoolee kanneen akka jeequmsa hirribaa,yaada ofii sassaabuu dadhabuu, waa xiqqoon aaruu, nyaata jibbisiisuu, dudda kutaa,dhukkubbii qaama keessaa,garaa kaasaa fi kkfniin mullachuu danda’a.

Kanneen armaan gadii miidhaalee yeroo dheeraaf dhiphacuun fidan keessaa muraasa

  1. Namootni yeroo baayyee dhiphatan carraan dhibee dhiibbaa dhiiga (hypertension) fi onneetiif qabamuu isaanii ni dabala.

  2. Dhibee asmii yoo silumaa qabu ta’e dhipuun ni hammeessa ,kan dura hin qabne keessumatti da’immman dhiphuu guddisan dhibee kanaaf ni saaxilamu

  3. Ulfaatina qaama garmalee dabaluuf fi dhibee sukkaaraatii nama saaxila

  4. Dhibee mukaa’uu/gaddabba’uu fi yaaddoo tiif nama saaxila

5.Dhibee garaachaatiif akka saaxilaman nama godha.namoota silumaa madaa garaachaa (gastric ulcer) qaban immoo akka isaan hin fayyine itti hammeessa.

  1. Mataa cabsaa deddeebi’uuf nama saaxila

  2. Dhibee irraanfachuu (Alzheimer)f nama saaxila

  3. Dulluma namatti ariifachiisuu irrayyuu du’a yeroo maleef nama saaxila

  4. Fedhiin saalquunnamtii jeeqamuu kun immoo walitti dhufeenya hiriyaa ofii wajjinii ni jeeqa

  5. Qulqullina hirriba namaa jeequu,hirriba dhabuu ykn hirriba baayyisuu ta’uu danda’a

11.Dhibee gogaa sooriyaasis jedhamu hammeesuu irrattis ga’ee qaba

MAALTU DHIPHUU NAMATTI FIDAA?

Namootni baayyeen waantootni dhiphuu dhala namaatti fidan taateewwan badoo ta’an qofa jedhanii yaadu,garuu waantootni alaan qabataa (positive) fakkaatan garuu qaama (Sammuu) namaa sanaa anniisaa dabaltaa gaafatan marti dhiphuu itti fiduu danda’u.kanneen armaan gadii Waantoota dhiphuu namatti fidan keessaa muraasa

*Hojii dhabuu

*Miidhamni qaama ofii irra ga’uu ykn dhibee hamaa qabaachuu ofii baruu

*Du’aan fira/aantee ofii dhabuu

*Gaa’ila keessa galuu (fuudhuu ykn eerumuu), gaa’ila ofii diiguu ykn adda ba’uu

*Lafa hojii ofiitii ykn gara manaatii (ollaa ykn maatii) hariiroo gaarii dhabuu

*Lafa jireenyaa jijjiirrachuu. Magaaluma tokko keessatti mana jijjiirrachuu ta’uu danda’a darbees biyyaa yeroo hundumaa hawwaa turtan dhaquullee ta’uu danda’a.

*Ulfaa’uu fi haadha/abbaa ta’uu(daa’ima argachuu)

*Waa eeguu ,waanta firiin isaa hin beekamne eeguun akkam akka nama dhiphisu namuu nibeeka.

*Amala dhuunfaa kanneen akka yeroo baay’ee yaada hir’ataa (negative) qabaachuu,waa gar malee abdachuu,yaada ofiitti cichaa ta’uu fi dhugaa fudhachuu dadhabuun dhiphuuf karaa banu.

FURMAATA

√Dhiphuu ittisuu fi yaaluuf qaama ofii sirriitti hordofuun beekuun baay’ee barbaachisaadha

√Hariiroo namoota wajjin qaban fayya-qabeessa gochuu. Rakkoo ofii

/dhiphuu ofii nama saalfii malee biratti haasa’uu fi miira ofii ba’an qabaachuu.

√Jiruu ofii sagantaan gochuu (Kan dursuu qabuuf dursa kennuu). Galii /manii qabaachuu fi galii ofii san kan yeroo gababaa keessatti raawwatamanitti caccabsuun hojjechuu

√ Waantoota ittiin Sammuu ofii boqachiisan baruun gochuu. Waanti nama tokko bohaarsu kaan bohaarsuu dhiisuu danda’a kanaaf kan ofii argachuun barbaachisaadha.

√Sochii qaamaa idileen gochuufi nyaata madaalamaa nyaachuun carraa dhiphuun qabamuu baayyee hir’isuu danda’a

√Waa’ee darbefi kan dhufu dhiisuun amma irratti xiyyeeffannoo gochuu. Lachuu humna namaa ol.

√Haala keessa jiran miiraan utuu hin ta’in tasgabbiin hubachuun kan furamu furuu. Gaafa dhiphatan dhiphuu ofii furuuf gara amala araada fidan gara garaa dhaquun namoota baayyee biratti beekamaadha.kun rakkoo san yeroof kan fure fakkeessuun nama daga.kanaaf amalli kun hammeessuu malee bu’aa akka hin qabne beekuun irraa of fageessuun furmaata dhugumaa barbaaduu dha.

√Waantoota dhabdan dhiistanii kan argattaniif galateeffachuu shaakaluu

√Hunda caalaa of baruu. Waanta sirreessuu (gochuu) dandeessanii fi hin dandeenye adda baafachuu. Addunyaa kana keessa namni waa hunda sirreessuu danda’u hin jiru.

√Jireenya hafuuraa ofii guddisuu/jabeessuu

‘ FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU
Dr. Daawwitiin kan qophaa’e

Maqaa Gosoota Oromoo ARSII-[Ilmaan SikkooMandoo]

1

Oromoon qulqulluun gosa hin qabne hin jirtu. Oromoo biratti gosa ofii Wallaaluun salphina. Seera Sirna gadaatiin namni Oromoo tokko gosa, balbalaa fi hamma abba torbaatti lakkaa'uu qaba.

Hub:- Gosa ofii beekuun gosaan wal qooduu miti. Ati gosa kami? Gosoota Siikkoof Mandoo (Arsii Oromoo) tartiiba qubeetiin:

-

Abbakara

Abaar-gada

Abbayyii

Abaay-mannaa

Abbiyyuu

Abboo-ali

Abburee

Abdooyyee

Abboosa

Aboosara

Aboojota

Aboonii

Aboonyee

Abroonyee

Absiilaa

Adaamii

Adamoonyee

Adamtuu

Adaree

Adarshoo

Adulaala

Agaarfaa

Ajaamoo

Ajjuuran

Akkiyyaa

Allaa

Alii

Alkasoo

Allujaana

Amaa-lama

Amaalagoo

Ambeentuu

Amiinyaa

Amoonyee

Amuumaa

Anasa

Angeedda

Argamooyee

Ari’a

Arroojjii

Asallaa/Hasallaa

Asaltuu

Asalaxxuu

Asgala

Askaala

Ashamii

Asharaafa

Ashmiiraa

Ashuutee

Ataabaa

Atucha

Awaandallaa

Awacheeche

Awuljana

Aymaroo

Ayyuuba

Baabboo

Baadagosa

Baadaboo

Baadosa

Baallee

Baalle-Tamboo

Baamuda

Badii

Balee

Baammajjaa

Baammannaa

Baallakasa

Barii/Baarii

Barbachoo

Beebee

Beegoo

Biddiiqa

Bidiroosa

Biltuu

Biilaa

Bilduu

Bilbiloo

Birbiraa

Biyyaalee

Bochoroosa

Boqqojjii

Boorana

Bulgaduma

Buraara

Buubuu

Bashiiraa

—-

Camaca

Caatimannaa

Caatoo

Cawwaa

Ciimoo

Coofira

—-

Daddina

Daagulee

Daagooyyee

Daallee

Damina

Daayidaa

Danbii

Dange

Daawwee

Daraaraa

Daqeena

Daroo

Dawadiina

Deendaa

Diigaluu

Doodaa

Dodola

Doggomaa

Doomaga

Doonchoo

Dhaaye

Edamana

Eegoo

Eekkaa

Eessawwaa

Eljoo

Faarachuu

Faraca

Farsaana

Farrajjee

Farzaana

Finxoo

Funyamura

Futtallee

Fooloo

—-

Gaadoo

Gandaanshoo

Gaadullaa

Gaadulloota

Gaalama

Gaalamtuu

Gaatura

Galchoo

Garoraa

Gamboo

Gaddoo

Gannata

Garaadee

Garisoo

Garjeeda

Gasala

Geetara

Gimboota

Giraamaa

Goodola

Goofingira

Godaymannaa

Gomoora

Goonosa

Golanuura

Gotoo

Gur-daama

Gurraa

Haballosa

Habarnoosa

Habeebee

Habuubaa

Haburaa/Aburaa

Hachana

Hadaabbaa/Adaabbaa

Haddaa

Hadaagaa

Halangoo

Halchaana

Haliibana

Hamiishada

Hanbeentuu

Hanqaroosa

Hanqa-diina

Hanxoo

Harboo

Harawa

Hasana

Hasansaba

Hawaxxuu

Hawwaree

Hawwiyyaa

Haximannaa

Heebanoo

Heellaa

Heeraro

Heexamoosa

Heexosa

Heeydara

Hinseemana

Hoboltoo

Hodhituu

Hooransoo

Huduga

Humxee

Hubaachoo

Huphannoosa

Hurfee

Hurxuuba

Ibsaana

Ilaa

Ilaannii

Ilbaccaa

Iluu

Imara

Isleeymana

Itayya

Jaafara

Jawaara

Jaawwi

Jidda

Jiliinshaa

Kabiiroo

Kacharaa

Kanshee

Kanshituu

Karrayyuu

Karaara

Keetaa

Kojii

Kolooba

Konee

Korbeeyyii

Korminee

Kube

Kullishaa

Kulchee

Kubbaayyee

Kuyyara

Laaqii

Laajjemannaa

Laxamannaa

Leemmu

Leemmossa

Liimoo

Liyyee

Loodee

Lolee

Maadada

Maachamanna

Maamma-nuura

Manaakaba

Maankula

Maaydoo

Maazaza

Maccaana

Maccituu

Madarshoo

Maleekkoo

Marfoo

Maroo

Masara

Masaranjee

Mazara

Meettaa

Moddollee

Mora

Nagoo

Niitee

Niyyaara

Noonnoo

Nugee

Obaaymanna

Oborraa

Odoo-dara

Ogolchoo

Ogoddaa

Oliyyee

Oldolmannaa

Oydomannaa

Olbatannaa

Qaancaqooca

Qaafituu

Qaasoo

Qalboo

Qallallee

Qirbinyee

Qooggoo

Qoomaa

Qoorabdoo

Raasoo

Raaytuu

Saamana

Saamoo

Saasamanyee

Sabiroo

Sabitoo

Sabuna

Saddiiqa

Saddiiqoo

Shakmara

Saddoo

Sa’immannaa

Salmoolee

Sangoo

Shankoora

Sarbaayyee

Sarboo

Sibee

Seemannaa

Sikkisaa

Silxaana

Sinaana

Singiga

Siraaja

Soobbaa

Soolee

Suraara

Suudee

Shaakko

Shaalimannaa

Shafilaa

Shaamdee

Shaamida

Shanaka

Shawwadee

Shaadama

Shatura

Sheebbaa

Sheelada

Shiree

Shunee

Tamaama

Tafaalaxa

Taa’oo

Tuuquu

Ungaata

Ungaanyee

Urjii

Ulullee

Uruu

Usula

—-

Waadaa

Waageda

Wa’amanyee

Waajii –

Waqaalola

Waaqoo

Waata

Waariyoo

Washarmina

Weegee

Weerara

Walbatannaa

Wolaanshoo

Wolaa-sila

Wolee

Wolashee

Wondoo

Wooraguu

Woshimbira

Woxee

Woyyoo

Woxisannaa

Xapheena

Xeemoo

Xeerara

Xiijoo

Xooqayaa

—–

Yaabetaa

Yaaqutaa

Yabsaana

Yaayya

Zaranxallaa



----************-------

HUBACHIISA:

1-Gosa Arsii ta’ee kan maqaan hin dhahamin yoo jiraate, maqaa gosa sanii dhahuun, iddoo gosti sun baay’innaan itti argamu naaf ibsaa.

----

2- Lakki ka ati gosa jettee barreesite Gosaa miti balbala gosaati yoo jettan maqaa gosa inni jalatti argamuu, akkasumas iddoo/naannoo lafa Arsii kamitti akka balbalatti fudhatamu naaf eeraa.

----

Source : Seenaa Sikkoo fi Mandoo

AADAA FUUDHAAFI HEERUMA OROMOOTA ARSII[Ilmaan SikkooMandoo]

0
12728913_1670932939826708_1785985676694982250_n 

Arsii, Oromiyaa bara 1964 A.L.A

Gurraandhala 21, 2016.

Akka raasee dhibee mataan kee
Akkii baasu dhibee abbaan kee
Osho moolle heerumnni hin oollee!
Jedha Oromootni Arsii (Baale fi Diida’a) yeroon cidhaaf gaggeessan. Nutiis waa malee mitii kan weeddu kana isiniif tarreesine. Hardha sirna aada fuudhaa fi heeruma Oromoota Arsii isniin wal barsiisa akka irra waa barattan abdii qabna!

Oromoon aadaasaa, eenyummasaa fi seenaasa akkaata itti ibsatuu hedduu qaba. Hundasaa isiniif tarreessuun hanga urjii lakkaa’uu ulfaatullee akka fakkeenyaatti, aadaa nyaataa, uffannaa, fuudhaafi heerumaa, ayyaaneeffannaa, Waraana duulchisuu, walgargaarsaa fi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama. Asumarrattii ammo aadan Oromtichaa hammam akka bal’atuu tilmaamun nama hin rakkisuu.

Aada Oromoo kanneen keessa, aadaan fuudhaa fi heerumaa ummata Oromoof iddoo guddaa qaba. Kan fuudhuu fi kan heerumuu haala seeraa fi heera naanno isaa waliin wal qabsiisani wal gaggeessu. Aada fuudhafi heerumaa Oromoon qabduu kanneen naqataan, kaan sabbatamarii dhaan, kaan butii dhaan, kaan hawweedhaan bultii ykn mana dhaabbata. Oromoota Arsii birattii kan filatamaa fi kan jaallatamee kabajamee, naqataan walfuuchuu ta’uusaati.

Akkaa aadaa Oromoottii, fuudhaa fi heeruma naqataatin kan raawwatu fedha intalaa fi gurbaa akkasumas fedha maatii isaanii irratti hunda’a. Dursa intala fuuchuuf osoo hin beellamiin, gurbaan intala inni jaalatee ykn ilaalate sanattii obboleetti ofii ergata. Yoo obboleetti hin qaabaanne ta’e, dubrii ergataa, ykn hiriyaa (kan fuudhaf safuu) ergata. Obboleettin gurbaa ammo intala san hamma guyyaa murtaa’e tokkotti, Gosa ishii, maatii ishii, haalaf amala ishii, namusa ishiin qabduu, fi akkaata hojii itti hojjettuu qorataafi.

Akka aada Oromoota Arsiitti, intallii atii fuuchuuf deemtu intala gosa kee ala ta’u qaba. Kana jechuun ammo, akka fakeenyaatti gostii gurbaa yoo Walashee ta’e, inni gosa Walashee keessa gonkuma fuuchu hin danda’u. Nama gosa kee keessatti dhalate fuudhuf immo safuu cabsuu dha akka qaanyittii ilaalama. Oromoota biraa birattiisa aadan akkanas hin argama. Kunii akkaata Oromoon tokkummaa dhan wal keessa fuudha jiraacha jiru agarsiisa. Gosa intalaa, haala ishii, amalaa ishii fi haala maati ishii keessumattu kan haadha ishii erga qoratamee booda, gurbaan yoo jaalatee ta’e abbaasaa ykn warrasaatti himataa.

Warrii gurbaa kun manguddoota gosasaani fudhatanii gara wara intalaa imaluu. Warrii intalaa ammo yeroof waan hin qophoofneef guyyaa biraa beellamaniif. Hanga guyyaan beellama gahuutti, warrii intalaas manguddoota waamanii akkaata intalasaani ittii heerumsiisan mari’atan. Intalli isaanis namnii akka ishee kadhatuuf dhufee itti himan. Intalliis, guyyaa beellama gurbaa sana ilaaltee yoo jaalattee ta’ee itti heerumtti. Murtii maatii ishii caala, kan murtii intalaatu dursa akkaa aada Oromoota Arsittii.

Guyyaa beellama warrii gurbaa, fardaan gara intalaa imala. Gurbaan manguddoota gosasaa 8 fi manguddoota gosa intalaa 1 fudhatee deema. Waliigala manguddoota 9 keessa immo, 7 dhiira 2 dubra ta’u qaba. Kuniis walqittummaan fi demokraasiin Oromoon qabuu agarsiisa. Yeroo kanattii kennaa warra maatii intalaaf fiduun hin barbaachisuu. Tarii, warri maatii intalasaani kennuu diduu mala. Garuu warri gosa intalaa dhaangaa, marqaafi aannan itittuu, keessummaaf qopheesani eegu. Dhaanga kana kan qopheessu wara intalaa osoo hin taane, haadholee gosa intalaatu qopheessa. Kuniis kan agarsiisuu kabajaa gosootni Oromoo Arsii waliif qabu agarsiisa.

Manguddoota warra intalaafi warra gurba walii mari’atanii intallii yoo tolee jettee, naqataa isaan barbaadan hunda waliin dubbatuu. Erga waliigalan booda, guyyaa gaa’ila isaani beellaman. Hanga guyyaa beellama cidhasaani, gurbaan manasaa ijaarata. Obboleetti fi haati gurba mana mucaasaani faayaa garagaraa dhan midhaagfataniif. Gurbaanis hanga guyyaa cidhasaati naqata intalaaf maluu qopheessa. Kana jechuun ammo maatii warra gurbaa, kennaa barbaachisa ta’e intalaa fi maatii ishiitif qopheessani guyyaa beellama gaa’ila eegu.

Guyyaa beellama immo, warri gurbaa fardasaani faayani gurbasaani faarsaa gara intalaa imaluu. Adeemsii kunii hamoommata jedhama.

Hooo Haa Hayyooo
Dhufee maarre Dhufee maarree!!
Fuudhe maarree fudhee maarre!!
Abbaa mooheetu nageeggesse
Osoo boo’u galgaleessee
Boo’ee garaa na qabbaneesse
Warrii isaa na fudhatee
Fudhatee nan galatee

Jettee immimmaan dangalaaste

Warrii gurbaa haala kanaan mucaasaani hamoommata dhan faarsanii gara mana intalaa imalan.

Yeroo mana italaa geessan ammo. Ilteedhinna jedhanii, manguddootni wal dhungatanii wal keessumeessan. Ammas utuu cidhnii hin calqabiin. Naqata warra maatii akka guutame ilaalani mirkaneessu. Warrii gurbaa, gogaa qeerrensaa abba intaalatif uffisaa, haadhaf immo goga bosonuu shixxo uwwisee itti uffisaa. Amma garuu aadan kunii badeera waan ta’efi ummatii bidilibsii fi gaabi wal uffisuu.

Erga heerri naqataa maatii intalaa guutamee booda. Warrii maatii dhangaa isaan qopheessan wal nyaachisanii, wal obaasani, dhaadi dhuganii kolfanii taphatuu. Cidha booda gurbaan intala fudhatee gara manasaa sirban gaggeessan. Warrii intalaa intalasaani faarsanii gaggeessu, warri gurbaas gurbasaani faarsanii manatti gaggeessu.

Enna kadhatuu badhaatu jedhaa
Harkan gayachuuf dhamaatu jedha
Ennaa kadhatuu fiixa caccabsaa

Harkan gayachuuf fiixa arrabsaa

Warrii intalaa haala kanaan sirbanii taphatanii intalasaani gaggeessan.

Yeroo qe’e gurbattii gahan immo, utuu ol hin seenin ammas haadholeetu eebbisee itti tufa! Ergasii osoo gurbaan qe’etti ol hin seeniin. Akka aada Oromoota Arsiitti, intalatuu dursee manatti ol seena. Yeroo kanattii intallii imimmaan buustee waan boottuf, hiriyoota ishii waliin ol seenti. Hiriyootni ishii jajjabeessani sirban ishii faarsanii olseensisuu.

Turtii muraasa booda, hiriyoota intalaa, gurbaaf mana gadii dhiisan. Gurbaan yeroo kanatti ol seene guyyaa galgalaa cidhasaani wajjiin turan. Halkan guutuu firaaf ollaan hunduu sirba taphatanii gammachuu dhan oolan.

Akka aadaa Oromoota Arsiitti, erga namnii lama wal fuudhe torbaan tokkoof maati fi firootan isaani waliin wal hin arganii. Kuniis kan ta’e kabajaa gurbaafi dha.

Haala fuudhaa fii Heeruma Oromoota Arsii (Baale fi Dida’a) haala kanaan isiniif qopheesine. Irra akka waa barattan abdii qabna!

HUB: Gosa OromooArsii yeroo jennu kutaa #Arsii qofa mitii; kutaa #Baalees dabalatee jechuu dha.

Maddi- Xalayaa.com

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)