Fayyaa ija keenyaf maal soorrannu?
Dhibamnee rakkoorra bu’uu keenyan dura waan salphaa naannoo keenyatti argannu sirriitti fayyadamuun fayyaa keenya eeguu dandeenya.
Soorata guyyaa guyyaa keenya keessaa waan magariisaa, fudraa fi mudraa osoo dhabuu baannee fayyaa waliigalaa keenyaf ni gorfama.
Fayyaa ija keenyaaf vaaytaamin A fi beettaa kaarootiin osoo argannee ni gorfamu.
Nyaata argannuun ala oolmaa fi amaleeffannaa ija keenya miidhanirraa fagaachuu qabna.
Aduu keessatti dubbisuu, hojii yoo hojjennu of eeggannaa gochuu dhabuu, guutumatti wantoota nu miidhanirraa fagaachuun gaariidha.Dabalataan qulqullina keenyas eeggachuun murteessaadha.
Soorrattoonni kanneen fayyaa ijaaf ni gorfamu;
Hanqaaquu, luutiyanii fi zaakaantiin, vaaytaamiin A, ziinkii qaba. Kanneenis reetinana fi koorniyaan akka fayyaa ta’an gargaaru. Halkan argaan akka nutti hin ulfaannee fi rakkoon ijaa umrii waliin dhufu akka nu hin miine oolu.

Qurxummii, Faaty asiidii Ratinaa ijaa keessatti argamuun badhaadhaadha. Faatii asiidiin kun hanqachuun dhibee ijaa ‘dry eye syndrome ‘ hariiroo akka qabu ogeeyyiin fayyaa ni- ibsu.
Lawzii, vaaytaamiin E qaba. Kun ammoo miidhaa ijaa umrii waliin uumamu hir’isuuf gargaara. Ijjis akka hin gogne fayyada.

Aannanii fi bu’aawwan aannanii, vaaytaamiin A fi ziinkii fayyaa ijaaf fayyadan qabu. Vaaytaamiin A reetiinaan akka hin miidhamne ittisa. Ziinkin ammoo tiruurraa vaaytaamiinni faayidaa ijaaf oolu akka dhufu gargaara. Ziinkin qaamni ijaa akka hin mammadoofnee fi halkan argaan akka nutti hin ulfaanne gargaara.
Kaarotii, vaaytaamiin A qaba. Ijji infeekshiniiwwan addaddaaf akka hin saaxilamnee fi sirriitti akka agarru gargaara.

Raafuu, vaaytaaminootaa fi albuudota fayyaa keenyaf oolan hedduu qaba. Dhibee yookin rakkoo ijaa umrii waliin walqabatanii dhufan ni hir’isa. Aantii ooksiidantoota hedduus ni qaba.
Burtukaana;vaaytaamiina fayyaa waliigalaaf oolu qaba. Ijji akka hin mammadoofne, infeekshiniif akka hin saaxilamne, fayyaa ujummoowwan ija keessaas eeguuf ni oola.
Qabiyyeewwan gosoota soorataa kanneenirraa kan argannus; dimimmisaa’uu argaa, dhibee yookin rakkoo ijaa umrii waliin dhufu, glaakoomaa, gogoo ijaa fi halkan sirriitti arguu dhabuurraa nu baraaru.


Madda:www.health.com

1 COMMENT

  1. Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa ija fayyaatiin. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here