Loogoo :- loogoon ykn Asxaan Maaliidha?
*****
Loogoon ykn asxaa inni jedhamu Fakkaattii dhaabbatni tokko ittiin fakkeeffamu. Mallattoo addaa ati yn dhaabbatni kee ykn dhaabbatni tokko ittiin fakkeeffamu ykn bakka bu’u.
Fakkaattiin ykn mallattoon addaa kee kun Maqaa, Dhaadannoo fi Suuraa irraa kan fakkeeffamuudha. Fakkaattiin kun yeroo fakkeeffamu waan kaayyoon ijoo dhaabbatichaa ibsu, waan maqaa dhaabbatichaa haala salphaan agarsiisu, waan tajaajila dhaabbatichi kennu dubbatu, kakuu imaanaa fi waadaa amanamummaan ummataa/fayyadamtootaaf qabu agarsiisu, galma dhaabbatichi karoorfatee hojjachaa jiru kan agarsiisuu fi kkf haala-salphaa, midhaagaa fi hawwataa taheen kan muldhisuudha. Kanaafidha kan namootni ykn dhaabbileen Loogoo ykn Asxaa isaanii Dhaabbata Sadarkeessa Abbeentaa Qabeenyaa bira geessanii hanga Abbummaa galmeessifachutti kan deemaniif. Yoo akkas tahe ammoo, Namni ykn Dhaabbatni Loogoo ykn Asxaa akkasitti seeraan galmaaye fayyadamee argame hanga seeraan adabamuu fi adabbii mallaqaatiif saaxilamuu gaha.

Haala kanaan Loogoo ykn Aasxaa nama dhuunfaafis tahee dhaabbata tokkoof kan hojjatu #Ogeessa ogummaa kanaan hubannoo gubbatti eeraman qabuudha.Garuu biyya keenya keessatti Dhaabbileenis tahee namootni Loogoo ykn Asxaa yeroo hojjachiisan hubannoo jedhame kana waan hin qabneef, odeeffannoo gahaa ogeessotaaf waan hin kennineef, Ogeessotni hojii kana irratti hojjatan yeroo rakkatan argina.

 

Gama dubbii ijoo keenya hardhaatti yoo deebinu, Biiroon Barnoota Oromiyaa – Loogoo/Aasxaa haaraa jijjiiruu ibse. Kun ajandaa Miidiyaalee tahuu argaa jirra. Dhaabbatichi komii adeemaa jiruuf deebii kenneen akka jedhetti” Loogoon/Asxaan nuti duraan fayyadamaa turre Qabatama amma jiru waliin hin deemu jedhe.” – Qabatamni amma jiru maaliidha?
Mee dursa akkatuma gubbatti ibsineen Loogoon dhaabbatichaa maal ufirraa qaba, waa’ee waajjira hojii kanaa maal agarsiisa isa jedhu gabaabsinee ilaalla:
Loogoo Duraanii
Halluu sadi(diimaa, adii, gurraacha) marfame – Ummata oromoo keessatti Halluun 3n kunneen beekkamaa dha. Hiikkaa isaa isinumaaf dhiisa
Keessi Loogoo kanaa Odaadhaan Guuttame. Odaan ammoo Gaaddisa bonaaf ganna lalisuudha. Odaa gubbaa irrattti ammoo Ibsaa akka abiddaa qabatutu jira, kun ammoo beekumsa. Biiroon barnootaa Ummata Oromootiif Gaaddisa tahee beekkumsaan ceesisuuf kan kakuu itti seene akka jechuuti.
Abidda qabatu irratti ammoo Alaabaan DH.D.U.O durii maramee jira, isa irraayis Odaan biraa as bahee muldhata. Kuni ammoo Dhaabicha santu waan kana hundeen gadi dhaabe akka jechuuti. Paartiin badhaadhinaa amma jiru yoo alaabaa sana hin jaalatin gara alaabaa ufitti jijjiiruu danda’a ture.

Gara jalaa yoo ilaallu ammoo kitaaba A.B.C.D… ufirraa qabu argitu. Kuni ammoo hojii ijoo dhaabbatichaa isa gubbatti jenne san. Barnootni karaa BBO kennamu kan kennamu A.B.C.D… akka tahe muldhisuuf kaahame.

– Kitaabichi ammas hidda ifaa tahee jalaan ammoo haada bifa-3(diimaa-adii-gurraachaan) utubame. Dhumarratti Dhaabbatichi eentu akka tahefi galmasaa fi Ittigaafatamuummaa kana kan bahu abbummaa agarsiisuuf maqaa ofii barreesseera.

Haalli olitti tarreeffame Ija Ogummaatiin kan xiinxallame malee qabatama dhaabbatichaa tahuu fi tahuu dhiisuu danda’a
Haaluma kanaan Bu’uurri loogoon kun ittiin hojjatame, Dhaabbatichi Maamiltoota isaa kallattii(Target Customer) ykn Ummata Oromoo giddugaleeffachuudhaan, Aadaa, Sirna, Halluu Sabichaa irraa waan sabichaaf tahu hojjachuuf akka dhaabbate ergaa dabarfachuuf kan hojjatameedha.

Loogoo Ammaa:
– Halluu guutumatti dibame Cuquliisa(blue)dha. Samiidhaan wal fakkeessuuf yoo tahe malee seenaa Oromoo keessatti Cuquliisni maal akka ibsu hin beeknu, warri beektan ragaa qabatamaan nuuf ibsaa. Garuu shakkiin marsaalee hawaasaa irra deddeebi’u Halluu Paartii Biltsiginnaa waan taheef achirraa fudhatame jedhu.

– Gidduu/walakkaa Kitaaba Adiitu kaayame – Adiin Mallattoo Nagaa tahus Kitaabni Adiin Maal akka tahe kallattiin hiikuun hin dandamu, hunduu akka itti fakkaatetti hiikkachuu mirga qaba waan taheef. Fkn: Kitaaba ykn Barnoota waa’ee Nageenyaa jennee hiikuu dandeenya. Garuu Waan Ummata Oromootiif addatti hiikkaa qabu ykn BBO waliin walqabatu hin jiru.

– Dhumarratti Dhaabbatichi Maqaa isaa itti barreessee jira. Kanumaan walbira qabamee yeroo ilaalamu Loogoo Ministeera Barnoota Federaalaatiinis halluu fi qabiyyee walfakkaataa qaba waan taheef namuma tokkotu hojjatee maqaa qofa jijjiire nama jechiisiisa.
Kanumarraa ka’uudhaan Fakkaattiin/Loogoon/Asxaan BBO haaraa kun BBO bakka bu’a wanti nama jechisiisu hin jiru.

Sababoota Loogoon/Asxaan BBO Ammaa kun BBO bakka hin buuneef:

1) Loogoo BBO Ammaa, BBO bakka hin bu’u yoo jennu maal jechuudha?
BBO wanti hundeeffameef barnoota kennuuf. Barnoota kennu kana daangaa(scope) ykn gahiinsa(coverage) ofdanda’e qaba. Ummata Seenaa, Safuu, Aadaa, Sirnaa fi duudhaa ofii qabu barsiisuudhaaf kan dirqama fudhatee socho’aa jiru waan taheef, Mallattoon/Asxaan/Loogoon isaanii dirqama wantoota kanneen bifa salphaa, bareedaa fi nama hawwatuun ibsuu qabaata jennee amanna.

 

2) BBO dhaabbata dhuunfaa(PLC) miti. Dhaabbata hawaasaati.Inumaayyuu hawaasa baldhaa addunyaa guutuu irraa mil.70 olitti tilmaamu. Dhaabbatichi fedhii ummata miliyoona hangasii eeguu qaba jechuun hin tahu garuu waan tokko gochuuf dirqama qaba. Kunis YAADA Hawaasaa Funaanuu, walitti qabuu…

Fknf: Ani kan yaadadhu Dhaabbanni Raadiyoo fi TV Oromiyaa Maqa, Loogoo fi Biraandii isaa yeroo jijjirratutti Baatii 3 hanga 4 ta’uuf Hordoftoonni Miidiyichaa fi hojjettoonni yaada akka itti kennan taasiseera. Adeemsa sana keessa darbeeti DHRTVO n OBN kan ta’e.

Akkasumas, Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa haaluma walfakkaatuun Loogoosaa jijjiireera. Dabalataanis Waajjirri Pireezidaantii BMNO yeroma dhiyoo keessa Loogoosaa kan haaromseedha.

Dhaabbileen Sadarkaa Oromiyaatti Loogoo/Asxaa isaanii haaromsaa jiran kunneen hunduu Halluuwwan sadiin Aadaa Oromoo keessatti beekkamaa jedhaman(Gurraacha, Diimaa Adii) fi Mallattoo Oromoo jedhamee kan beekamu #Odaa fayyadamanii jiru.

Akka Fakkeenyatti Fudhannee yoo ilaalle:

  1. Biiroo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
  2. Biiroo Komunikeeshiinii N.Oromiyaa
  3. Biiroo Qonna Oromiyaa

No photo description available.

 

Biiroon Barnootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaas OBN, MMWO, WBMNO, Komishiinii Poolisii Oromiyaa fi kanneen biroo irraa maaltu adda taasise?

  • Maaliif Filannoo hawaasaaf hin dhiyeessin?
  • Maaliif Mallattoo Oromoo fi Oromiyaa ibsu tokkollee hin dabalin?
  • Maaliif Kanneen Biiroo Oromiyaa hundarraa adda tahe?

 

Dabalataan ammoo Dhaabbata BBO Olaantummaan kan too’atu Ministeera Barnootaa irra namni jiru Jibba Ummata Oromoo qaba jedhamee odeeffamuuf akkuma jedhame dhiibbaan nama kanaa keessa jiraachuu danda’a isa jedhu ragaaleen dhugoomsan ni muldhatu.

Ragaalee dhugoomsan keessaa tokko, BBO maaliif Waajiraalee Oromiyaa hunda keessaa Waan Oromummaa agarsiisu maaf balleesse? Loogoon/Asxaan BBO ammaa Kan waajjira Ministeera Barnootaa fi Manneen Bultii-Addaa Ifaa Boruutiin walfakkaachuun isaa Hojii walirraa garagalfame tahuu bira darbee Giddugala tokkorraa too’atamaa jiraachuu tilmaamuun salphaadha.

Kanaafuu Dhaabbatichi Murtee isaa keessa deebi’ee akka ilaalu Gorsa Ogummaa dhaamuu feena

Waliif hiruudhaan Qaamotni dhimmi ilaalu akka hubatu waan gootaniif GALATOOMAA

Garee #OICTSolutions

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here