Home Maxxansituu

SEERA SAGALEE FI QUBEE AFAAN OROMOO – Kutaa-3ffaa

5

JECHOOTA SAGALEE
Laafaa Jabaataa Laafaa Jabaataa
Badaa baddaa Bare barre
Madaa madda Qore qorre
Mure murre Bade badde
Caalaa callaa Hodhe hoddhe
Gubaa gubbaa Qoruu qorruu
Balaa ballaa Sodaa soddaa
Bule bulle Qixa qixxaa
Jala jallaa Qaruu qarruu
Gabatee gabbate gabbatte

Jijjiirama asiin olitti godhamurratti jijjiiramni gabaabinaa fi dheerina sagalee jiraachuu ni mala.
Laafinaa fi jabina qubee dachaa
Laafinaa fi jabina qubee dacha’aa kan beeknuu fi fayyadamnu karaa sadihiin
Isaanis:
A)Hima jechi sagalee dachaa qaburratti hundaayuun
Fakkeenya: Mucaan harma hodhe.(laafaa)
Obboo Dhaabaan kittaa hodhe. (jabaataa)

B) Seera jabinaa fi laafina sagalee hordofuun.
Akkuma gubbatti kaayame qubee dachaa keessaa isa duraa tokko yoo goone ni laafa, yoo lama goonemmoo ni jabaata.
Isaanis Akkana:
ch-cch ,dh-ddh, ny-nny, ph-pph ,sh-ssh, ts-tts, zs-zzs
laafaa jabaataa
hodhe hoddhe
kophaa kopphaa

C. Jecha keessatti qubee dachaa jala sararuun.
Fkn: hodhe
Kophaa

Hima keessatti laafuu fi jabaachuun qubee dachaa seera laafinaa fi jabina sagaleettis fayyadamuu baatu Oromoo afaansaa beekutti hin ulfaatu. Haata’uutii namni afaan Oromoo hin beekne barachuu yoo barbaade laafinaa fi jabini qubee dachaa kun itti ulfaachuu ni danda’a. Erga Oromoon afaansaatiin barachuu jalqabee laafinii fi jabini qubee dachaa hima keessatti hubatama malee seera laafinaa fi jabina sagalee hordofee hojiirran oolle. Kanaafuu laafinaa fi jabina qubee dachaa martuu akka beeku seera laafinaa fi jabina sagaleetti fayyadamuun filatamaa fakkaata.
Afaan Oromoo keessatti qubeewwan dachaa yoo sagaleeffaman laafinaa fi jabinarratti amala gar-garaa qaban.

a) Qubeewwan dachaa yeroo hunda jabaatan.

CH(ch) fi NY(ny)
Fkn: billaacha, dachaa, machii, kichuu
Hachee, qoricha, bachoo, mucha, Cirracha, riqicha,
Qonyee, sanyii, ganyaa

b) Qubeewwan dachaa yeroo tokko laafanii yeroo kaan jabaatan.
DH(dh) ,PH(ph) fi SH(sh
Laafaa jabataa Laafaa Jabaataa
Fkn: kophee kophaa mishaa asham!
Teepha qophii gashaa ishoo!
Qophii kuruphee tishoo ——–
Hidhii mudhii lashii hashu!
Hidhaa hadhaa tushaa ——-
suphe Suphee Loshaa ______

Kana mee himaan ilaalla.
a) Gurbaan kootii hodhe.(jabaataa)
Waatiin sa’a hodhe.(laafaa)
b) Lapheetu na dhukuba.(jabaataa)
Gurbaan kophee bite.(laafaa)
c) Inni mudhii qabatee dhaabbata.(jabaataa)
Farda hidhii qabee masake.(laafaa)
d) Soolaneen qophii gaarii goote.(jabaataa)
Imaltichi goree rooba qophate.(laafaa)
e) Heexoon ni hadhaaya.(jabaataa)
Muchaan dhadhaa nyaate.(laafaa)
f) Foon kophaan namaa hin alanchamu.(jabaataa)
Inni kophaa isaa deeme. (laafaa)
g) Hashu! Baga gammadde.(jabaataa)
Bishaan booruu nan obaasin.(laafaa)
h) Ashamaa! Oromoo.(jabaataa)
Meeshaa kiyya as kenni.(laafaa)

************************************
Jechoota afaan Oromoo keessatti jalqabarrattis ta’ee dhumarratti sagaleen hin jabaatu. Dhumarratti kan jedhu utuu dubbachiiftuun gabaabduus haa taatuu dheertuun hin
galin dubbifamaan dhumarratti lama wal faana hin dhufu
Sirrii miti sirrii dha
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
Bbaa abbaa
dda adda
keessatt keessatti
deess deesse
madd maddaa

Garuu dubbifamaan jalqabarrattis ta’ee dhumarratti utuu hin jabaatin galuu ni danda’a.
Fkn: bishaan, aanan, ach, Bor, as, san

Dubbifamaan gosa gara garaa lamaan jalqabarrattis ta’ee dhumarratti utuu dubbachiiftuun jidduu hin galin yookiin dhumarratti dubbachiiftuu hin fudhatin wolitti aanee hin galu.
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
Mna mana
Gnama ganama
Sgalee sagalee
Dme deeme
Kyaa keenyaa
Gmna gamna
Ard ardii
Fard farda
Morm morma

Gama birootiin jechoonni afaan Oromoo kamiiyyuu jiddu isaaniitti dubbifamaa sadii hin fudhatan.
Sirrii miti Sirrii dha
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
harkka Harka
Gafarrsa gafarsa
Gamnna gamna

Qubee dubbifamaan gosa gara garaa jalqabarrattis ta’ee dhumarratti wolitti aanee dhufuu danda’u qubeewwan akka qubee tokkootti tajaajilan qubeewwan dhach’aa qofa.

*****************************************

5. IRRA BUTAA
Jechoota afaan Oromoo keessatti dubbifamaan gosa tokkoo wolitti aanee yoo dhufe sagaleen sun akka jabaatu laalleerra.Haata’uutii dubbifamaan gosa gara garaa utuu dubbachiiftuun jidduu hin galin wolitti aanee yoo dhufe sagalee
nuuf kenna. Sagaleen dubbifamaan gosa gara garaa utuu dubbachiiftuun jidduusaanii hin galin wolitti aanee uumamu kun IRRA BUTAA jedhama.
Fkn: jilba, farda, morma, arjaa, Arba, urjii,
Ilkee, milkii, sirna, murna, irga, galma,
Bultii, gilgaala, kortoo, sangaa, bultii, hirmii,
Kurkurtuu, marmaartoo

Gilgaala ( Shaakala) kudha-tokko
Jechoota sagalee irra butaa qaban kudhan barreessi.
1._____ 2.______ 3. _______4. _______ 5. _______
6. _____ 7._______ 8.______ 9. _______10. ______

**********************************

6. HUDHAA (‘)
Afaan Oromoo keessatti sagaleen uumamu danuu dha.Amala sagaleen afaan Oromoo qabu keessaa inni biraa
hudhaa(‘ ) dha. Sagaleen hudhaa kan uumamu wonni tokko ubbatamuuf jecha hafuurri somba keessaa bahuuf jedhee yoo addan citu.
Fkn: re’ee, Qe’ee, sa’a, har’a, oo’e, a’e,
Eda’uu, hir’isuu, rarra’e, harca’e, hoo’e, ka’e,
qal’oo, kal’ee, faca’e, dhama’e, ji’a, mi’a

BAKKEEWWAN HUDHAAN GALU
a) Dubbachiiftuu gosa tokkoo jidduu:
Fkn: re’ee, qe’ee, sa’a, Ada’a …
b) Dubbifamaa fi dubbchiiftuu jidduu:
Fkn: har’a,hir’uu,bal’aa ,qal’aa , kal’ee, hir’isuu
c) Dubbachiiftuu gosa gara garaa jidduu :
Fkn: a’e ,hoo’e, oo’e ,taa’uu ,ida’uu ,ka’umsa
D) Dubbachiiftuu gosa tokkoo dhuma jechaa irratti sadi ta’anii dhufan irratti
Fkn: sagalee’e gaaduu’u booruu’ u ballaa’a
Baatii’i gabatee’e laagaa’u laafaa’a
Buutii’i aadaa’a seenaa’ a xaa’oo’o

Haala isa dhumaa (d) tiin jechoota afaan Oromoo barreessuun kitaabbilee muraasa keessatti malee hanga ammaa hojiirran oolle. Namoonni irra caalaan hin beekan. Garuu sagaleen kun haasawa keessatti ni dubbatama. Akkuma gubbatti fakkeennaan kaayame sagaleen kun jechoota dhumasaanii irratti dheeratan irratti uumama. Kun garuu kan ta’u jechicha kophaa isaatti yoo yaamnu yookiin maqaa dhoofnu qofa. Gama biraatiin fakkeennaaf waan nama tokkoo abbummaa isaa him’uuf /fknf yoo abbaan nama woyii Guutamaa jedhamu ta’e/ “ka Guutam’aa” jedhama. Jechoonni dhumarratti sagaleen isaanii dheeratu hunduu akkasitti yaamamu. Yoo haasayamu dhumarratti hudhatu mul’ata jechuu dha.
Hudhaan dubbifamaa gosa gara garaas haata’uu kan gosa tokkoo lama jidduu fi dubbachiiftuu booda hin galu.
Sirrii miti sirrii dha
Fkn: bal’laa ballaa” =ballaadha
Jil’ba jilba’ =jabaadha
Hiri’suu hir’isuu’ =hir’isuudha
Daa’wii daaw’ii’ =daaw’iidha
· Kanaafuu sagaleen hudhaa jecha dhuma sagalee dheeraa irratti dhufu mataa isaattuu xumurt’u /gochimt’u/ (verb) yookiin xumurtuudha/ gochimtuudha.
· Hudhaan dhuma jechaa irratti galu sagalee ”dha” bakka bu’a. Kanaafuu sagaleen hudhaa kun mataa isaatti xumurtuu dha.

***********

Laafinaa fi jabina sagalee hudhaatiin uumamu kan
hubannu hima keessatti.
Fkn:

a) A’a! maaltu na woraane? (waan dimmaa ta’e).
A’a ! akka malee na dhukkubaara! (woyachuu).

b) Bishaan oo’e.( jabaataa)
Saan oo’e. (laafaa)

Haata’uutii waa’ee hudhaarratti ammas qu’annoo fi qorannoo bal’atu barbaachisa.
Gilgaala(Shaakala) kudha-lama
Kanneen asiin gaditti argaman hudhaa (‘) bakka barbaachisutti galchi.
1. Hiruu = ———-

2. Edaamaa = ——
3. jia = ————–
4. Saaaa = ———–
5. Ooaa = ——–

6. Saa=_______

7. Sagalee=_____

8. Ae =________

9. Cima=_______

10. Balaa=______

11.taauu=—-

12.ooe=——

13.aa!=——

14. Quate=—

15. Buuu=—–

SEERA SAGALEE FI QUBEE AFAAN OROMOO – Kutaa-2ffaa

0

A) SAGALEE DHEER’AA FI GABAABAA
DUBBACHIIFTUU
Gabaabduu’: A(a),E(e),I(i),O(o),U(u)
Dheertuu’: AA(aa),EE(ee),II(ii),OO(oo),UU(uu)

Hudhaa (’) :Hudhaan jecha tokko dubbachuuf hafuurri somba keessaa bahuuf dhufee yoo addaan citu sagalee uumamu. Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun gabaabduus taatee dheertuun sagalee hudhaa bakka bu’uu hin dandeettu. Kanaafuu Hudhaan(‘) akka dubbachiiftuu takkaatti tajaajila; sagalee afaan Oromoo keessatti jechuu dha. Qubee afaan Oromoo keessatti sagalee ka gabaabsuu fi dheeressu dubbachiiftuu dha.Yoo dubbachiiftuun takka taatee kophaa isii jiraatte yookiin takka taatee dubbifamaa tokko bira galte sagaleen uumamu gabaabaa dha. Yoo dubbachiiftuun gosa tokkoo lama taatee wol faana yookiin dubbifamaa tokko bira galtemmoo sagaleen sun ni dheerata.

Chaartii( Gabatee) armaan gadii ka sagalee gabaabaa fi dheeraa haa ilaalluu.

a-aa e-ee i-ii o-oo u-u
ba-baa be-bee bi-bii bo-boo bu-buu
ca-caa ce-cee ci-cii co-coo cu-cuu
cha-chaa che-chee chi-chii cho-choo chu-chuu
da-daa de-dee di-dii do-doo du -duu
dha-dhaa dhe-dhee dhi-dhii dho-dhoo dhu-dhuu
fa-faa fe-fee fi-fii fo-foo fu-fuu
ga-gaa ge-gee gi-gii go-goo gu-guu
ha-haa he-hee hi-hii ho-hoo hu-huu
ja-jaa je-jee ji-jii jo-joo ju-juu
ka-kaa ke-kee ki-kii ko-koo ku-kuu
la-laa le-lee li-lii lo-loo lu-luu
ma-maa me-mee mi-mii mo-moo mu-muu
na- naa ne-nee ni-nii no-noo nu-nuu
nya-nyaa nye-nyee nyi-nyii nyo-nyoo nyu-nyuu
pa-paa pe-pee pi-pii po-poo pu-puu
pha-phaa phe-phee phi-phii pho-phoo phu-huu
qa-qaa qe-qee qi-qii qo-qoo qu-quu
ra-raa re-ree ri-rii ro-roo ru-ruu
sa-saa se-see si-sii so-soo su-suu
sha-shaa she-shee shi-shii sho-shoo shu-shuu
ta-taa te-tee ti-tii to-too tu-tuu
tsa-tsaa tse-tsee tsi-tsii tso-tsoo tsu-tsuu
va-vaa ve-vee vi-vii vo-voo vu-vuu
wa-waa we-wee wi-wii wo-woo wu-wuu
xa-xaa xe-xee xi-xii xo-xoo xu-xuu
ya-yaa ye-yee yi-yii yo-yoo yu-yuu
za-zaa ze-zee zi-zii zo-zoo zu-zuu
zsa-zsaa zse-zsee zsi-zsii zso-zsoo zsu-zsuu

Hubachiisa-1ffaa: Dubbachiiftuun takka kophattis ta’ee dubbifamaa woliin dheerattees ta’ee gabaabbattee sagalee uumuu ni dandeessi.
Fkn:
“a”__dubbachiiftuu gabaabduu kophaa isii.
“moo”__dubbachiiftuu dheertuu dubbifamaa woliin.
“ee”__dubbachiiftuu dheertuu kophaa isii.
“chii”__dubbachiiftuu dheertuu dubbifamaa woliin.

Hubachiisa 2ffaa: Dubbachiiftuun kophaa isaaniitti sagalee qabachuu irrallee afaan Oromoo keessatti matama isaaniitti jechallee yeroo ta’antu jira.
Fkn: a! _ cal jedhaa!, usaa! Hin dubbatinaa…
Ee…_ sirrii dha!, tole!
U! _ cinqaa keessa jiraachuu, gadda…
uu..!_ birmannaa gaafachuu
oo!_ raajeffachuu, awwaachuu.

********************

SEEROTA JECHOOTA SAGALEE AFAAN OROMOO
Afaan Oromoo barreessanii dubbisuuf seerota heddu kanneen sagalee gara garaa uumantu jiru; Isaanille
1. Jechoota sagalee gabaabaa
2. Jechoota sagalee dheeraa
3. Jechoota sagalee laafaa
4. Jechoota sagalee jab’aa
5. Irra butaa
6. Hudhaa (‘)

1. Jechoota Sagalee gabaabaa
Mana, lola, ana, luka, ona, hodhe, mucha, qophe, Shame, tika, olola, gulufa, dhara, uñate, barana, malate, cabaqa, loqoda, ala, Lolate, dabalate, jibicha, qolate, kutate, laga, lafa, gama, muka, bona, Buna, muka, gita, dhara, gosa, Qola, mala, bira, qara, qora, bahe, Gulufa, olola, barana, murate, riqicha, Ragada, ganama, lolate, qolate, Marata, gamana, rukute, barate, Loqoda, cabaqa, simate, labata

Worra sagalee wol-makaa qaban(2).
Kanneen bakka tokkotti gabaabbatanii bakka biraatti ammoo dheerata.

A) Warra gama duraatii gabaabbatanii gama boodaatii dheeratan.
Cimaa, qoree, citaa, mishaa, soruu, maruu, hatuu, mamii, badaa, samii, odaa, hamii, qomoo, qaluu, dhuguu, qaluu, maluu, diduu, sobuu, qaroo, qoruu, badii, qoruu, moluu, galii, gadoo, maroo, hiree

Gilgaala (Shaakala) sadi
Jechoota armaan olii fakkeenya godhadhuu jechoota kud haan barreessi.

1——–

2.——-

3.——–

4.——–

5.——–
6.——–

7.——–

8.——-

9.——-

10.——-

B) Jechoota gama duraatiin dheeratanii gama boodaan gabaabbatan.
Booda, qaama, suufe, soore, Dhiira, gaara, oota, coore, Miira, ciise, maala, fiige, Gaala, nyaate, gaade, Boora, oode, roobe, qooda, iida, Sooma, dhuufe, soore, miishe, Daare, aade, caame, saame, Aare, tuule, eele, fiile, miishe, boore, reebe

Gilgaala (Shaakala) afur
Jechoota akka armaan olii kudhan barreessi.
1.——-

2.——-

3.——–

4.——–

5.———-
6.——–

7.——-

8.——–

9.——–

10.——–

Gilgaala (Shaakala) shan

Fakkeenya armaan oliitiirratti hundaayii jechoota jaha barreessi.
1.——– 2.———– 3.———–
4.———– 5.———— 6.———–

C) Jechoota gama duraatiin dheeratanii jidduu fi boodaan gabaabbtan.
Fiigicha, goofata, sooruma, goolama,
Boorana, goobana, haalama, hoolota,
Laaqana, saamicha, xuuxame, saamame,
Booraye, diigame, qaamaye, diirama,

Gilgaala(Shaakala) jaha
Fakkeenya asiin oliitiin jechoota biro jaha katabi.
1.———- 2.————– 3.—————-
4.———– 5.————– 6.—————-
dheeratan

D) Jechoota gama duraa fi boodaan gabaabbatanii jiddutti
dheeratan..
Sibiila, bareeda, maraate, sakaale,
Taliila, abaare, areeda, magaala,
Galaana, qaroome, sodaate, madaala,

Gilgaala (Shaakala) torba
Fakkeenya asiin oliitiin jechoota biroo jaha katabi.
1.————- 2.—————- 3.—————
4.————–5.——————6.—————
E) Jechoota gama duraa fi jidduun gabaabbatanii gama boodaatiin dheeratan.
Sagalee, simachuu, badaduu, soorachuu,
Murataa, kadhachuu, maratuu, osolee
Qolatuu, qamalee, qamadii, bosonuu,

Gilgaala (Shaakala) saddeet
Fakkeenya jechoota armaan olii irratti hundaayii jechoota biroo jaha barreessi.
1.————– 2.—————- 3.—————–
4.————— 5.—————- 6.—————–

E) Jechoota gama duraatiin gabaabbatanii jidduu fi boodaan dheeratan.

Boraatii, magaalaa, maraatuu, haleeluu,
Daraaraa, utaaluu, kajeeluu, Alaabaa,
Xuraawaa, bariisaa, ariitii, gidaamii,

Gilgaala(Shaakala) sagal
Fakkeenya kanaan jechoota biraa jaha barreessi.
1.————– 2.————– 3.——————
4.————– 5.————– 6.——————

G) Jechoota duraa fi boodaan dheeratanii jiddutti gabaabbatan.

Boorataa, soolanee, qaariboo, qeebaluu,
Baadiyaa, saamunaa, daarimuu, daafamaa,

Gilgaala(Shaakala) kudhan
Fakkeenya kanaan jechoota biro jaha barreessi.
1.————– 2.————- 3.————–
4.————– 5.————– 6.————–
Hanga ammaatti ilaalaa kan turre jechoota sagalee gabaabaa fi dheeraa ti.
Wolumaa galatti qubee afaan Oromoo keessatti sagalee kan dheeressuu fi gabaabsu DUBBACHIIFTUU dha. Hudhaan ammoo akka dubbachiiftuu takkaatti kan tajaajilu ta’us sagalee dheeressuu fi gabaabsuu keessatti qooda hin qabu. Dubbachiiftuun sagalee dheeressuuf inni gosa tokko lamaa ol ta’ee wol faana hin dhufu.Akkas taanaan dubbachiiftuu yookiin hudhaan jidduu jiraachuu qaba. Kana seera hudhaa keessatti ilaalla.

3. Jechoota Sagalee Laafaa: Amalli sagaleen afaan Oromoo qabu inni biraa ammoo laafuu fi jabaachuu sagalee jechoota keessa jiraniiti. Sagalee afaan Oromoo Keessatti sagalee kan laaffisuu fi jabeessu DUBBIFAMAA dha.
Hubachiisa: Waa’ee jechoota sagalee gabaabaa fi dhreeraa hubachuuf akka nu gargaaru bakka takkatti wal faana ilaalla.

SAGALEE
Laafaa Jabaataa Laafaa jabaataa
-b- -bb- -ph – – pph –
-c- -cc- -q- -qq-
-ch- -chh- -r- -rr-
-d- -dd -s- -ss-
-dh- -ddh- -sh- -ssh-
-f- -ff- -t- -tt-
-g- -gg -ts- -tts-
-h- -hh- -v- -vv-
-j- -jj- -w- -w w-
-l- -ll- -x- -xx-
-k- -kk- -y- -yy-
-m- -mm -z -zz-
-n- -nn – zs- -zzs-
-ny- -nny-
-p- -pp-

Yoo dubbifamaan tokko ta’ee dubbachiiftuu gabaabduu yookiin dheertuu bira gale sagaleen sun ni laafa. Yoo dubbifaan gosa tokkoo lama wol faana dubbachiiftuu gabaabduu yookiin dheertuu bira gale sagaleen sun ni jabaata.
Mee amma sagalee laafaa fi jabaataa jechoota keessatti haa ilaalluu.

***************************

SEERA SAGALEE FI QUBEE AFAAN OROMOO

1

Qubeen afaan kamiituu mallattoo sagalee afaanichaati. Afaanota heddu addunyaa tana keessatti dubbataman ka itti fayyadaman qubee Laatiniiti.Qubeewwan afaan Oromootis qubeewwan afaan Laatinii irraa fudhataman. Qubeen kun akkaataa bocasaaniitiin bakka lamatti qoodaman.

QUBEE AFAAN OROMOO

QUBEE GURGUDDAA

A,B,C,CH,D,DH,E,F ,G,H,I,J,K,L,M,N,NY, O,P,PH,Q R,S, SH,T ,TS,U,V,W,X,Y,Z,ZS,

QUBEE XIXIQQAA

a,b,c,ch,d,dh, e,f,g, h,I,j,k m,n,ny, o,p, ph,q,r,s,sh,t ts,u,v, ,w,x,y,z,zs.

Qubeen afaan Oromo’oo baay’ina lakkoofsaatti 28 ti. Garuu qubeewwan sagalee afaan halagaa dabalatee 33 (soddomii-sadi). Irra caalaan qubee afaan Oromo’oo tokk’e (single). Isaanillee:
A(a),B(b),C(c),D(d),E(e),F(f),G(g),H(h),I(i),J(j)K(k),L(l),M(m),N(n),O(o),P(p), Q(q),R(r),S(s),
T(t),U(u),V(v),W(w),X(x),Y(y),Z(z),ZS(zs).

Isaan hafan qubee dachaati.
CH(ch),DH(dh),NY(ny),PH(ph),SH(sh)TS(ts),TS(ts).
Qubeen afaan Oromoo P(p), TS(ts),V(v) fi ZS(zs) sagalee afaan Oromoo keessa hin jiran. Garuu sagalee jecha afaan halagaa waamuun dirqama bakka ta’etti itti fayyadamna. Oromoon hedduun, keessattuu ka afaan biraa hin beenne yeroo baay’ee sagalee jecha afaan halagaa P(p) F(f)tti, TS(ts) X(x)tti ,V(v) B(b)tti yookiin F(f)tti, Z(z) S(s)tti akkasumas ZS(zs) SH(sh) jijjiiree waama.
Fakkeennaaf: ‘Poolisii’_ foolisii
‘Tsahaay’_ Xahaay
‘Televission’_Telefishiina’,Telebishiinii’
‘Zayiita’_ Sayiita jedha.
Kun ka ta’e ammoo sagaleewwan sun afaan keenna keessatti waan hin argamnee fi nuti ammoo afaan sagaleen sun keessa jiru waan hin beekneef waamuun nu dhiba.

***********************

Qubeen afaan Oromoo akkaataa faaydaasaaniitii bakka lamatti qoodaman.
Isaanis
1) Dubbifamaa (Worra Sagalee hin qabne),

2) Dubbachiiftuu (Worra Sagalee Qaban)

1) Dubbifamaa _(worra sagalee hin qabne): Isaan kunniin sagalee bakka bu’an malee ofii isaaniitii sagalee hin qaban. Irra caalaan qubee afaan Oromoo worra sagalee hin qabne. Akkuma maqaa isaanii irraa hubannutti qubeen kunniin ni dubbifaman malee hin dubbatan. Baay’ini isaaniillee 28.
Isaanis: B(b), C(c), CH(ch), D(d), DH(dh), F(f), G(g), H(h), J(j), K(k) L(l), M(m), N(n), NY(ny),P(p),PH(ph), Q(q), Rr, S(s), SH(sh), T(t), TS(ts) , V(v),W(w), X(x), Y(y), Z(z), ZS(zs).

Qubeewwan kunniin sagalee waan hin qabneef dubbachiiftuu irraa argatan. Faaydaa isaanii ammoo of duratti ilaalla.

2. Dubbachiiftuu_( worra sagalee qaban): Qubeen kunniin sagalee mataasaanii ka qaban yoo ta’u akkuma gubbatti jenne worra sagalee hin qabneellee sagalee kennan. Isaanilee:A(a),E(e),I(i),O(o),U(u) fa’a.

Qubee afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun akka sagaleetti yoo ilaallaman dubbachiiftuu GABAABDUU fi DHEERTUU jedhamuun bakka lamatti qoodaman.
*********************

Seerluga | Afaan Oromoo keessatti ittifayyadama maxxantootaa fi Xumurtuu

2
Afaan Oromoo erga ifatti afaan hojiifi barnootaa ta’ee tajaajiluu eegalee waggoonni lakkaa’amaniiru.
Barumsi afaanichaa ammaan tana caasaalee barnootaa sadarkaa gadiirraa eegalee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti kennamaa jira.
Waajjiraalee mootummaa keessumaa Oromiyaatti afaan hojii ta’ee tajaajilaa jira.
Kana malees ammaan tana miidiyaaleen adda addaa afaanichatti bal’inaan fayyadamaa jiru.
Fayyadamuun akkuma jirutti ta’ee, garuu haalli qubeessa afaanichaafi ittifayyadama jechootaa keessumaa jechoota hirkatoo (maxxantootaa) dhimma xiyyeeffannaa olaanaa barbaaduudha.
Guddina afaanichaa si’eessuufi bu’uurasaas jabeessuuf haala ittifayyadama jechoota hirkatoo buburraa’ee mul’ataa jiru kana gara tokkotti luuccessaa, darbees walitti fidaa deemuun daran murteessaadha.
Xiyyeeffannaan barreeffama kanaas ittifayyadama jechoota hirkatoo, ergifannaafi sadarkeessituurratti.
Jecha jechuun, tuuta sagaleewwan (qubeelee) kanneen hiika kennuuf walta’aniifi oggaa barreeffamanis kan walitti maxxanfamanii katabaman jechuudha. Fakkeenyaaf: siree, huccuu, ilillii, tolche, qorsa, matajaboo, Asgorii, Olaanaa, addadda, waldaafi kkf.
 
Jechi mataasaa danda’eetu qofaatti barreeffama. Jechaafi jecha gidduu bakki duwwaan (tilmaamaan) jiraachuu qaba. Fakkeenyaaf: mana guddaa dulloomaa.
Jechoonni hirkatoofi of danda’oo jedhamanii bakka lamatti qoodamu. Jechoonni of danda’oon qabiyyeefi tajaajilaan addaan bahu.
Jechi fufamtoota duraafi booda ofitti fufata (maxxanfata). Fakkeenyaaf: osoo isa duraa hinxumurin kan biraatti cehuun sitti haahafu. Dhirsaafi niitiin ijaafi adaamii walitti ta’uunsaanii namaaf hingalu.
Jechoota hirkatoo jechuun birkii afaanii isa xiqqaa ta’ee yoo jechatti hirkate, kanneen hiika guutuu kennuu danda’an jechuudha. Yookaan kitaabonni tokko tokko,‘Some words are unable to stand alone as independent forms for phonological preseasons. Such elements, called clitics are short unstressed forms that are pronounced together with another element as if the two were a single unit’ jechuun ibsu.
• Jechoonni hirkatoon akka jechoota biroo yeroo mara of danda’oo miti.
• Unkaaleen akka jechaa of hindandeenye kanneen of danda’oo ta’an jiru.
• Unkaaleen akka dhamjecha hortee ykn uumamtee jecha horsiisuuf ykn jecha haaraa uumuuf kan tajaajilan mti.
• Jechoota hirkatoo jedhaman keessaa kanneen of danda’an nijiru.
• Dhamjechoonni uumamtee garuu of hindanda’an.
• Jechoon hirkatoon otoo hundee hinfilatiin idduma hundatti hirkatu.
 
Afaan Oromoo keessatti kanneen jechoota hirkatoo jedhaman al, -ti,-f, -if, -dha, -illee, immoo, irra, itti, ni, hin fa’i.
Akaakuuwwan hirkattoota Afaan Oromoo lama. Isaanis, hirkattoota duraa ykn duree (‘top or proclitic’)fi boodaa ykn duubee (‘enclitic’) jedhamu.
Hirkatoo dureen hundeerraa gara mirgaatti argamu. Fakkeenyaaf:- nijiru, hindhufne. Bakki itti argama duubee ammoo hundeerraa gara bitaatti. Fakkeenyaaf: Oromoodha, kan Oromooti.
Afaan Oromoo keessatti kanneen yeroo mara hundeerratti hirkatan -dha, -ti, -fi, -f yoo ta’an, irra, isa/ishee, jirafaan ammoo yeroo tokko tokko hirkatu.
Jechoonni hirkatoon haala idileefi al idileetiin fufamanis ni jiru. Fakkeenyaaf: inni mana (alidilee). Inni mana jira (idilee).
 
Jechoonni hirkatoon gareedhaan oggaa ilaalamanis ‘ti’fi ‘dha’ gochima gargaartuudha. Isa/ishee, isaan bamaqoota. -‘fi’n qabsiistuudha. Durduubeewwanimmoo -tti, -irra, -n fa’i.
Walumaagalatti, hirkattoota duraa jecha ittihirkatan waliin ilaaluuf:-
haa- haata’ukaa, haahafu, haatolu, haadeemnu.
hin- hindabu, hincabu, hinsarmu.
Irra-irrajireessa, irradeebii, irraajala, irraamaqe, irraagate.
itti- ittafaa, ittaanaa, ittidhiisi! ittita’e, ittijira, ittimale, ittitaphate,
nan (nin)- nanbeeka (ninbeeka), nanfedha (ninfedha.
ni- nibeekna, nimoona, nita’a, nifedha, nibarbaada, nijira.
waa-waamara beekuun hindanda’mu. Waamalee manni hinaaru.
 
Hirkattoota duraa keessaa: haa-, hin-, itti-… qofaasaaniitti sagalee ta’uun isaanii hubatamee jechatti fufamanii yoo barreeffaman hiika guutuu kennuu danda’u. Haalliifi amalli isaanii qoratamee akkaataan amma ittibarreeffamaa jiran furmaata argachuu mala.
Keessumaa ‘hin’fi ‘haa’n akka jechaatti qofaatti of danda’ee akka barreeffamu Koreen Waaltina Afaan Oromoo altokko ibsaa tureera.
Hirkattoonni kunniin jechoota mataa isaaniitiin hiika qabaachuu baatanis jechoota biroo wajjin dhaabbatanii hiika jechootaa irratti dhiibbaa qabu. Jechi tokko hennaa barreeffamu argaaf kan hintolle ta’ee yeroo dubbifamu sochiin ijaa keessumaa kan ijoollee ilaalcha keessa galuu qaba.
Sababa isaas fakkeenya ittaanuun haa ilaallu.
 Hin nyaatu (sirrii)
 Hinyaatu (dogoggora)
 Haagallu (dogoggora)
 Haa gallu (sirrii)
 
• Yeroo dubbatamu, akka fufamtoota duraatti kan hirkatu nijira. Innis ‘kan’ dha.
Fakkeenyaaf:
1) Kansaa kenniif.
2) Kan ta’uu qabu nita’a.
3) Kan biroo hinjiru.
Hirkattoota duubee
Jechatti yoo fufaman
-f, kanaaf, anaaf, ammaaf, Galgaloof, namaaf. Fuftuun -f’n qabiyyee(‘preposition’) waan taateef nihirkatti.
-dha’n dubbachiistuu dheeraatti hirkatee gala. Fakkenyaaf:- beekamaadha.
-ti, ta’uusaati, Oromiyaaan kan Oromooti.
-fi’n fuftuu (conjuction) taatuyyuu, sagalee tokko qofa waan qabduuf, akkasumas, akkaataa ummanni dubbatu yoo qalbeeffanne qofaatti barreessuun nifilatama kanneen jedhanis jiru.
-fi’ yoo osoo hinfufiin barreeffame mataduree keessatti -f’ guddaa taasisuu feesisa. Fakkeenyaaf ‘Magaalaa Fi Baadiyyaa’.
-f’fi fi’n akkaataa dubbatamanitti (sagaleeffamanitti) sagaleen isaan uumamaan qaban tokko waan ta’eef adda baafachuuf, isa tokkotti (fuftuutti) ‘i’n dabalameera.
Lameenuu qooda garaagaraa waan qabaniif isaan adda baafanna.
 
Lameenuu amala hirkachuu niqabu. Kana jechuunis, jecha isaan itti hirkatantu ‘i’, sagalee ofii dheeressuun ofitti fufatu jechuudha.
Fakkeenyaaf:
1. Anaaf kennuun haaturuu; mee dura isaafi isheetti kenni.
2. Dhirsaafi niitiitu wallolee, walitti araarsi yaa itillee.
3. Obboleessaafi obboleettiitu, ijaafi adaamii walitti ta’an.
4. Fakkeenyaaf ani achuman ture.
Garuu, waatokko hinturre.
Wayita dubbataman amala fufamtoota boodaa kan qaban nijiru. Amala fufamtoota boodaa qabaachuusaanii kan nuuf akeeku sagaleetu (qubeetu) liqimfamee hafa.
-illee har’allee, ammallee, kunillee, tokkollee, ta’ullee….
-iyyuu- “Kanayyuu warri rafnaani jette sareen.” Ammayyuu ittuman jira.
-ishee (ishii) -Kun kansheeti.
Afaan Oromoo keessatti kanneen sagalee tokko qofa qaban ( ‘kaa’, ‘ree, koo…) yeroo dubbataman nifufamu (ni hirkatu).
Fakkeenyaaf:
-kaa akkanakaa! Jedhikaa! Dafikaa! Tolekaa! Maalookaa!
-ree haata’uuree!, mitiiree!, jetteeree!.
-koo Yaadakoo deeggaruun dirqama miti.
-kee – Yaadakee nandeeggara.
 
Xumura
Afaan Oromoo barreessuuf akkaataa hawaasichi ittidubbataa jiru yoo qalbeeffanne gabaabsanii yaada ofii ibsuun barbaachisaa ta’uu hubanna.
Barreeffama keessattis yeroo hirkattoonni fufamanii barreeffaman qubeewwan hafuu qabanis nijiru.
Kunimmoo waraqaa, qalama, yeroofi humna qusachuuf waan gargaaruuf barreessitoota biratti bakka guddaa qaba.
Walitti maxxananii yoo barreeffaman dubbisuuf daran nama gargaara. Ijji nama dubbisuu tokko tokkoo qubeewwanii barbaadee (ilaalee) dubbisuuf hinrakkatu waan ta’eef kanneen hirkachuu qaban walitti maxxansanii barreessuun dansa.
 
Asirratti keessumaa jechoota teknolojii Afaan Oromootiin oggaa qubeessisnu otoo dheeressuu baannee gaariidha. Qubeessaa dheeressinus gabaabsinus jijjiiramni hiikaa fidu tokkollee waan hinjirreef hunda tarreessinee qubeessuurraa otoo of eeggannee gaariidha.
Fakkeenyaaf teenkooloojii jechuurra teknolojii, yuunivarsiitii jechuurra yunivarsitii, jennee haala qubeessaasaanii waaltessinee otoo ittifayyadamnee gaariidha.
Asirratti namoonni Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama jedhan ni jiru. Kun dhugaa ta’uu danda’ullee, jechoonni ergifannoon akkanaa hamma hiika ykn ergaa jechichaa hinjirreetti calluma jennee qubeelee ittife’uun iddoofi yeroo fixuu malee faayidaa hinqabu.
Kana malees mallattoo eertuu sadarkaa oggaa barreessinu 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa akka hayyoota adda addaarraa qoratameetti itti fayyadamaa jiruun, gabaasnee 1fa, 2fa, 3fa… jennee barreessuun iddoo qusachuufi ijatti toluun faayidaa guddaa qaba.
 
Sadarkeessituun kun haala kanaan barreeffamuun jijjiiramni hiikaa dhufu waan hinjirreef gabaabsinee ittifayyadamuun kun qorannaadhaan kan deggarame waan ta’eef iddoowwan hundatti hojiirra ooluu qaba.
Hubanneerra yoo ta’e Ingiliffa keessattis sadarkeessituun kun oggaa barreeffamtu qubeewwan dhumaa lamaan qofatu fudhatamee tajaajilarra oolaa jira; (1st, 2nd, 3rd… jedhame.
Asirrattis namoonni “Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffamuu qaba malee” jedhan jiru.
Kunis dhugaadha ta’us hamma dhama (bu’uura) afaanichaa hinxuqnetti haala ittifayyadamasaa ammayyeessaa deemuun waan danda’amuuf fakkeenyummaa kana fudhatanii hojiirra oolchuun misha.
Barreeffama kana gabbisuuf barreeffama Alamaayyoo Qubee, Sadaasa 2014fi marsariitiiwwan adda addaa fayyadamneerra.

 
Maddi:Gaazxeexaa Bariisaa

1st Afaan Oromo Dictionary published in 1842 in London

0
1st Afaan Oromo Dictionary published in 1842 in London.

************************************************
Yesterday is not only History, but also one of the evidence you can define where you was and how you and your culture, language, history was so powerful and gaint too.

This Oromo Language[Afaan Oromo] Dictionary show the same, and Its one evidence that how Afaan Oromo was a great Language in the ethiopia Empire in 18th Century. We are proud that Oromo and Oromo Language[Afaan Oromo] was a great Nation and Language respectively in the ethiopian Empire before 1 and half century. Now We are recovering our Nation and language accordingly.

Accordingly We, Qubee Generation(Qeerroo) are working hardly  in focus to make our language great again and it will be Federal Working language very soon.

Have a nice Reading to old Dictionary 

Naqadhu

https://www.afaan-oromoo.com/wp-content/uploads/2019/04/vocabulary_of_the_oromo_language_krapt1842.pdf

CAASAA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO – B/sa Fedhasaa Taaddasaatiin

0

Guddinni afaanii bu’aa waliigalteeti. Hawaasni akka dubbatutti waliigalee, akka waliigalutti dubbata. Caasaan barreeffamaas akkaataa hawaasni itti dubbatuun hinsirratu yoo ta’e, afaanichi gara biraatti daba. Sababnisaa, hawaasni akka dubbatutti dubbisa.

Afaan Oromoo keessatti rakkoon mul’atu kana. Akka hawaasni itti dubbatu dhiifnee akka faranjiin barreessitutti barreessuuf dhamaana. Saayinsii barreeffamaa afaan biraatiin baranne waan ta’eefis akkuma barannetti qindeessina. Kunimmoo, Afaan Oromoo caasaa ofiisaa akka hinqabaanne gochuurra darbee afaan jijjiirraan dhufe (kan of hindandeenye) fakkeessa. Kanaafuu, dhimmi caasaa Afaan Oromoo uummata afaanicha dubbatu bakka bu’uutu irraa eegama. Osoo caasaa barreeffamaa sirreessuu hinjalqabin akkaataa itti dhalataan Oromoo caasaa dubbiin mul’isu qorachuu barbaachisa.

Kana ta’uu baannaan saayinsii warri dhidhimaa (Faranjiin) ittiin waliigalteef jennee akkaataa Oromoon itti waliigalu faallessuu ta’a. Fakkeenyaaf, jechi tokko caasaa barreeffamaa keessatti qofaa dhaabachuufi jecha biraatiin walitti hidhachuusaa mirkaneessuuf, afaan biraa keessatti akkamitti caaseffame jennee gaafachuu hinbarbaachisu. Afaan Oromoo keessatti yeroo dubbatamu akkamitti caaseffamee akka jiru dhaggeeffachuun ga’aadha. Sababnisaa, yeroo baay’ee Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama. Kunimmoo, caasaa dubbiifi barreeffama keenyaa irra caalaatti tokko taasisa. Yaada kana hubadhaa! Yeroo hundaa hinjenne. Yeroo baay’een jedhe malee. Tarii yeroo tokko tokko waanuma dubbannu barreessuu hindandeenyu ta’a; sanas gara caasaa waliigalteetti fiduun wayyuma. Ammaaf garuu isa akka dubbannutti barreessuu dandeenyurratti hubannoo uumnee kana haferratti mariyanna.

Akkaataa itti Oromoon afaansaa caaseffatu beekuuf jalqabumarratti moggaasa maqaasaa ilaaluun hubachuun nidandaa’ama. Mee maquma ‘FEDHASAA’ jedhu haalaallu. Maqaan kun jechoota lama [fedha+isaa] jedhurraa caaseffame. Jechoota lamaanuu akkuma dubbatanitti walitti erbuun waamanii moggaasan.

Maqaalee akka Waaqasaa, [Waaqa+isaa] Biraanee [bira+aanee], Asafaa (as+afaa), Hundarraa [Hunda+irraa],Waaqumaa [Waaqa+uumaa], Bariisaa [barii+isaa]… tarreessinee fixuu waan dandeenyu miti. Kun maaliif akkas ta’e? Jechoota lamaan dhimma tokkoof fayyadamaa jiru. Yeroo dubbatanis qaawwaan gidduutti mul’atu hinjiru. Kanaaf walitti fifsiisuun caasessus jechuudha.

Ilaalchi caaseffama haala barreeffama haaraa kunis kanarraa madde. Caasaa afaan biroo hordofuuf jecha, caasaa afaan keenyaa balleessuu hinqabnu. Kun silumayyuu, afaan biraa Afaan Oromootiin barreessuudha. Fakkeenyaaf, Afaan Ingiliziin ’for’ kan jedhu Afaan Oromootiin qubee ’f’ qofaan bakka bu’a.[Its profit only for you] isa jedhuuf, Afaan Oromootiin”Bu’aansaa siif qofa” jenna. Afaan Ingilizii keessatti, ’for’ qofaa dhaabatti jennee Afaan Oromoo keessatti ’f’ qofaa dhaabnuun tasayyuu ta’uu hindanda’u. Inni biraas akkasiin sirrachuu barbaada.

Rakkoolee mul’atan keessaa tokko caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa waliin makuudha. Jarreen kun garuu waan adda addaati. Fkn. jechi ‘irra’ jettu tajaajilli isheen laattu firoomsuudha. Ta’us caasaa barreeffamaa keessatti jechatti fufuun barreeffamti. “Sangaan kee tabbarra dheeda” hima jedhu keessatti ‘irra’ kan jettu sun caasaa sanaan barreeffamtee tajaajila firoomsee (proposition) laatti. Isa Afaan Inglizii keessatti jecha ofdandeesse taatee dhaabattu sana Afaan Oromoo keessatti fufii taati jechuudha.

Kanarraa kan hubatamu, Afaan Oromoo keessatti jechi ofdanda’uyyuu fufii/ maxxantuu ta’uu danda’uusaati. Sana kan murteessus akkaataa dubbii ummataati jechuudha. Yeroo dubbatamu qaawwaan (space) gidduutti mul’atu hinjiru taanaan wanti nuti addaan bunnuuf hinjiru.

Asitti tajaajilaafi caasaa adda baafnee ilaaluu barbaachisa. Yeroo tokko tokko tajaajila jechi sun qabuun barreeffama keessatti caasessuuf deemna. Sun dogoggora. Sababnisaa, akkaataa itti abbaan Afaanichaa dubbatuun caasessina malee caasaa haaraa afaan biraan walbira qabnee hinuumnu. Mee keeyyata yaada falmii caasaa duraanii dhiyeessu kan hiriyaan koo tokko fuula fb irratti barreesse haalaallu! (Nama sana maqaa dhahuu beekuman dhiise)

“Jechoonni maxxantuu qofaa isaanii dhaabbatanii hiika laachuu hin dandeenye akkasumas qophaa ijaajjanii mirkaneessitoota ykn abbummaa, kallattii hin agarsiifne itti maxxanuu qabu. Fakkeenyaaf, “mobile koo” jecha jedhu yoo “mobilekoo” jenne jecha of danda’aa lama walitti maxxansine waan ta’eef kun dogoggora. “Mobile + koo= mobile koo” sababnisaa “koo” abbummaa agarsiifti.
Jecha “Tolasaa dha” jedhu yoo “Tolasaadha” jennes sirrii miti. Sababnisaa maxxantuun “dha” mirkaneessituu dha. Kanaafuu, jechi sirriin “Tolasaa dha”
Garuu, maxxantoota qofaa dhaabbatanii hiika hinlaanne maxxansinee barreessina. Fakkeenyaaf: jecha “Dhaabbataniiru” jettu kana yoo ilaalle, Jecha “dhaabbatan” jettutu, maxxantuu “niiruu” jedhu dabalate. “niiruu” jettu kun qofaa hiika hinlaattu; garuu, mirkaneessituu dha. Akkasumas baayyina agarsiifti. Sababa qofaa hiika hinlaanneef itti maxxanuu qabdi!” jedhee barreessa.

Keeyyata kana keessatti caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa walmakee jira. Jechi tokko bakka gale sanatti tajaajila kennu qabaachuunsaa ifa. Ta’us bakki dhaabbii inni caasaa barreeffamaa keessatti qabu tajaajilaan caalaa caaseffama dubbiin murtaa’a (Afaan Oromoo keessatti). Akka Lalisaan jedhutti “ …‘mobile koo’ jecha jedhu yoo “mobilekoo” jenne jecha of danda’aa lama walitti maxxansine waan ta’eef kun dogoggora. “Mobile + koo= mobile koo” sababnisaa “koo” abbummaa agarsiifti.” jedha. Anillee, gama tajaajila kennituun abbummaa agarsiisuushee hinmormu. Haata’u malee, jecharraa fagaachuufi maxxanuunshee dhimmi kun hinmurteessu. Sababnisaa, dhimmi maxxanuufi ofdanda’uu jechootaa tajaajilaan osoo hintaane, caasaa dubbii afaanichaatiin murtaa’a. Yeroo dubbannu sagaleen addaan citiinsaa dhaga’amee qaawwi uumama yoo ta’e addaan bunna. Dursa sana mirkaneessuu barbaada. Kanaaf, caasaafi tajaajila adda baasanii ilaaluu barbaachisa.

Keeyyata olii sana yeroon dubbisu yaadota waldhahan laman arga. Hima jalqabarra jiru ilaalaa: “Jechoonni maxxantuu qofaa isaanii dhaabbatanii hiika laachuu hindandeenye akkasumas qophaa ijaajjanii mirkaneessitoota ykn abbummaa, kallattii hinagarsiifne itti maxxanuu qabu” jedha. Gadi siqeemmoo “-dha maxxansuun sirii akka hintaane yeroo falmu ’Tolasaadha’ jennee barreessuun sirrii miti” jedha. ‘-dha’ kan jettu kana qofaa yoo dhaabne hiika qabdii? ‘hin-‘ kan jettu kan inni barreeffamicha keessatti qofaa dhaabaa jiru sunoo hiikaa qabdii qofaa dhaabattee? Ibsi inni laataa jiruufi wanti inni barreessaa jiruyyuu waldhahe jechuudha. Rakkoon kun sababa tajaajilaafi caasaan waldhaheef uumame.

Barreeffama hiriyaa kootii sana akka fakkeenyaatti fudhachuun koo hamaaf miti. Jaarraa 21ffaa keessatti oduun osoo hintaane barreeffamaan waliif deebisuun caalaa fudhatama qaba. Isa ani jedhetu sirraadhaa osoo hintaane maaliif akka jedhame ragaan agarsiisuun barbaachisaa waan ta’eef.

Egaa namnoo akkuma barbaade caasessee barreessaa jiraa egereen Afaan Oromoo maalta’aree? Dhimma kanarratti, waggaa lamman darbe Hoggantoota Biiroo Barnoota Oromiyaa waltajjii tokkorratti argannee mariisifnee turre. Yeroo sana caasaa haarawaa kana akka gara dirree barnootaatti seensisaa jiran nuuf himanii turan. Kitaaba barataa amma qophaa’aa jiru keessattis hanga tokko caasicha hojiirra oolchu jedheen abdadha.

Kitaaba Afaan Oromoo kutaa 9ffaa gidduu kana dubbiseen ture. Kitaabicharratti caasaan jechootas ta’e maxxantuulee fufuu qaban kanaa sirrateen arge. Fakkeenyaaf, ’hin-, -dha, -ti, ni-,-(i)rra, -fi, -f, – tti… jechatti maxxanuun caaseffaman. Egaa anis sanatti waliingala! Biiroon barnootaa dhimma kana xiyyeeffannoo keessa galchee barreeffama waltessuu qaba.

Walumaagalatti, akkuma caasaa dubbii Afaan Oromootti barreeffama keenyas sirreeffachuutu barbaachisa. Jecha maxxanuu qabu maxxansinee isa irraa butachuu qabus irraa bunna. Yoo yeroo dubbannu qaawaan uumame irraa bunna. Yoo qaawwaan hinjiru ta’es akkuma dubbannutti barreessina. Kanaaf, jechoota ofdandaa’anii dhaabbachuu danda’anuu seera afaanichaa eeguuf jecha yeroon maxxansinu nijira jechuudha. Fkn. -moo, (i)yyuu, ha(a)- (i)saa, (i)rra, (i)mmoo… karaa sarara xiqqaatiin jecha cina jirutti maxxansuuf yeroo dirqamnu qabna. Kunis, seera dubbii afaanichaa eeguuf raawwatama. Kun ijaarsa caasaatis malee tajaajila jechi sun kennurratti dhiibbaa hinuumu. Keeyyata itti aanu kana akka fakkeenyaatti dubbisaa!
Tolasaafi gaarumaan barattoota ciccimoodha. Guyyaa hundayyuu mana barumsaa deemuu nijaal’atu. Kanarraa kan ka’es, yeroo hundaa daree guutuurratti 1ffaa ba’u. Kunis, bu’aa hordoffii maatiisaaniiti. Ijoolleen kuniin garuu, barnootatti haaciman malee, hojii hinjaal’atan. Hojiimoo barnootatu caalaaree? Ciminni hojiin hinmul’anne bu’aa hinqabu.

Jechoota kanneen bifa kanaan caasessuun bu’aalee gurguddoo sadii qaba.
Isaanis:
1. Qusannoodhaaf baay’ee fayyada. Mormiin qubee Afaan Oromoo irratti ka’aa ture ‘bakka baay’ee fudhata…’ kan jedhu sana bifa kanaan hir’isuun akka dandaa’amu ani argeera. Fkn. Kitaaba fuula 200 qabu caasaa kanaan sirreessee fuula afurtama hir’isuu danda’eera. Sababnisaa, yeroo maxxansinu yoo xiqqaate qubee lama dhabamsiifna.

Hima “Maqaan isaa Beekaa dha” hima jedhu caasaa haarawaa kanaan yeroo barreessinu, “Maqaansaa Beekaadha” jenna. As keessatti qubee sadii hir’isuu dandeenyee jirra (Ilaalaa). Keeyyata tokko keessattii qubee meeqa hir’isuu dandeenya? Kanaaf qusannoof caasaan kun baay’ee fayyada jechuudha.

2. Akka Ummanni Oromoo dubbatutti caasessina. Caasaan barreeffamaa kanuma Oromoo ta’a gaafas. Sababnisaa, duraan caasaa barreeffama afaan biraa kan Afaan Oromoon ibsaa turre malee, Oromoon akkasitti hincaaseffatu. Fkn Abbaan gammachiis yeroo Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromootti hiike caasaa nuti reef kaafnu kana fayyadamaa ture. “…Waaqayyo maqaasaaf jedhee sabasaa gargaaruu jaallate…” jedha. Qubeetu kan saabaarraa bocame malee. Kitaabni Qulqulluun boodana Qubee Afaan Oromoon barreeffame garuu caasaa sanarraa kaatee jira “…Waaqayyo maqaa isaaf jedhee saba isaa…” jedha. Isa boodanaa kanarratti namoonni yeroo dubbisan baay’ee danqamu. Sababnisaa, akka dubbataa Afaan Oromootti waan hincaaseffamneefidha.

3. Bareedinaaf baay’ee gargaara. Yeroo caasaa Afaan Oromoo isa haaraa kana fayyadamnu barreeffamni faffaca’ee hinfokkisu. Mee kitaaba caasaa duraafi isa ammaan barreeffame walbira qabaa ilaalaa!

Feesbuukiinis bifa kanaan qindaa’uu qaba. Sababnisaa, miidiyaan afaan waaltessuu keessatti qooda guddaa qaba. Kottaamee, waliigallee barreessina; barreessinee waliigallas. ‘Waliigalan alaagalan’ jedha Oromoon. Egaa jarana muraa ooluun guuraa ooluudha! Anis asumattan gabaabsaa xiyyeeffadhaa dubbisaa!

Goolaba
1. Caasaan Afaan Oromoo akka Oromoon dubbatutti sirratee yoo barreeffame dhiibbaa inni uumu hinjiru.
1. Oromoon akka waliigalutti dubbatee, akka dubbatutti waliigala.
2. Caasaan Afaan Oromoo akka dubbataa afaanichaatti sirratee, qindaa’a malee caasaa afaan biraan walbira hinqabamu.
3. Yeroo baay’ee Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama (garuu yeroo hunda miti).
4. Caasaa afaan biroo hordofuuf jecha, caasaa afaan keenyaa balleessuu hinqabnu.
5. Caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa waliin makuun hinta’u
Caasaan barreeffama Afaan Oromoo haarawaa kun rakkoo akkamii fura?

Dhimma afaanii waliigaltee barbaada. Seera namni tokko hundeesseen osoo hintaane akka hawaasni fayyadamutti caaseffamuun seera baafata. Afaan Oromoos akka Oromoon dubbatutti caaseffamee barreeffamuu qaba. Sunis, ummatatti gadi ba’anii qorachuu barbaada.

Jechootas ta’e fufiiwwan maxxanuu qaban bifuma dubbannuun maxxansuun faayidaa gurguddoo sadii qaba. Isaanis:
1. Qusannoodhaaf baay’ee fayyada. Mormii qubee Afaan Oromoo fayyadamuun barreessuurratti ka’aa ture ‘bakka baay’ee fudhataa…’ sanaaf deebii quubsaadha.
2. Dubbataan Afaan Oromoo salphaatti dubbisa; sababnisaa, akkuma ofii dubbatutti barreeffamee argata.
3. Bareedinaaf baay’ee gargaara. Caasaa dubbii keenyaaf barreeffamaa walitti fiduun barreeffamichayyuu nikurfeessa. Sunimmoo, ijatti tola; miidhagaadha.
Kunneen bu’aa akkasiin barreessuurraa maddan taanaan caasaa haarawaa kanatti maaf mormiin itti baay’ata? Waan haaraa sammuu namaatu dafee hinfudhatu. Yaadni namaa yeroo kamuu haaluma kaleessaa keessa turuu barbaada. Kanatu mormii kaasa.

Akka kootti sadarkaa falmii kana qaqqabuun keenyayyuu guddina. Afaan qoratamaa yeroo deemu argannoo haarawaatu mul’ataa deema. Sunimmoo, mormiif karaa saaqa. Qaamni mormus ta’e kan qoratee mormamu karuma karaasaa qorannoo itti fufa. Kanaaf, namni maaf morma jechuurra ragaa amansiisu dhiyeessuun barbaachisaadha.

Bu’aan argamu inni 4ffaan hiika sirrii dabarsuuf gargaara.
Ergan xiyyeeffannoo kana maxxansuu jalqabee as wantoota adda addaa argachaan jira. Caasaa duraanii sana keessatti jechoonni yeroo irraa hiiqanii dhaabbatan hiika akka jijjiiranis bira ga’eera. Fakkeenyota kanaa gadii ilaalaa!
1. Isaan iyyuu dhufaa jiru (caasaa duraanii: walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu yeroo irraa siqxee qofaa dhaabbattu)
2. Isaaniyyuu dhufaa jiru (caasaa tibbanaa walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu yeroo jechatti maxxantu)
Himoota lamaan yoolaalle, hiika baay’ee walirraa fagaatan qabu. Haata’u malee, lammanuu jarris dabalataan as adeemaa akka jiran mul’isuuf barreeffaman. Himni jalqabaa (caasaan duraanii) sun sababa walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu irraa siqxeef hiika jijjiirrateera. “Isaan iyyuu dhufaa jiru” jechuun jarri caraanuu, boo’uu, gurra qabatanii wawwaachuuf as adeemaa akka jiran agarsiisa (barreessaan garuu sana barreessuuf yaadee miti).
Himni lammataa akkuma dubbatamutti waan barreeffameef isa yaadameef hiika sirrii qabaatee jira. Walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettus tajaajila sirrii laatte jechuudha. Himni lammataa kun ‘Jarris as adeemaa jiru’ yaada jedhuuf ergaa sirrii dabarsa. Kun kan agarsiisu garaagarummaa ijaarsa caasaa duukaa hiiknillee akka jijjiiramudha. Fakkeenyonni biraan:
3. Mana isaa isa tulluu duubaa deeme (isaa irraa butuun).
4. Manasaa isa tulluu duubaa deeme (isaa itti butuun)
Himoonni kun hiika adda addaa qabu. Inni jalqabaa, namichi mana nama maqaansaa ‘Isaa’ jedhamuu dhaqee akka jechuutti hiikama. Inni lammataammoo, namichumti mana ofiisaa akka deeme mul’isa. Kanneen akka fakkeenyaattin kaase malee, rakkooleen akkasii baay’eetu jiru. Kanaaf, osoo itti butuu qabnuu irraa butuun sun (Afaan Oromoo keessatti) hiika jijjiiruu dandaa’a jechuudha. Kanaaf, sirriitti dhimma kanaaf xiyyeeffannoo gochuun barbaachisaadha.

Xiyyee Afaan Oromoo itti fufa…
Afaan Oromoo niguddata; addunyaattis nimul’ata.

Horaa bulaa!

Fedhasaa Taaddasaati.

Afaan Oromoo: Barannoo Tokko

0

Afaan Oromoo: Barannoo 1 – Seenaa Guddina Afaan Oromoo  : B/sa Fedhasaa Taaddasaatiin


Maxxansa darbe keessatti mataduree “Afaan Oromoo” jedhuun gaaffii 2 isin gaafadheen ture. Baayyeen keessanis deebii gadi fagoo deebisuuf yaaltanii jirtu. Ulfaadhaa! Gaaffileen kun

1. Afaan Oromoo Afriikaa keessatti dubbataa hedduu qabaachuun sadarkaa meeqarratti argama? Toophiyaa keessattoo?
2. Afaan Oromoo guddisuu eessaa jalqabuu qabna?

Maxxansa kana keessatti gaaffii 1ffaa deebisuuf yaalameeraa, dubbisaa!

Afaan Oromoo baroota dheeraaf afaan dubbii qofaatti daangeffamee ture. Sababoota garaa garaarraa kan ka’es waggoota hedduuf osoo carraa qubee ofiitiin barreeffamuu osoo hinargatin ture.

Afaan Oromoo garee Afaan Kuush keessatti ramadama (Tamene 2000, Baye 1986). Afaan Arabaafi Hawuusaatti aanee uummata hedduudhaan akka dubbatamu yommuu ta’u, sadarkaadhaan 3ffaadha. Afaanota Itoophiyaa keessatti argaman keessaa afaan dubbattoota hedduu qabu akka ta’e hayyoonni irratti waliif galu (Feyisa 1996; Hamid, 1995; Mohammed, 1994; Temesgen, 1992 Benderiifi Mulugeta, 1970). Yaada hayyotaa kanarraa kan hubatamu, Afriikaatti sadarkaa sadaffaa, Toophiyaatti sadarkaa 1ffaa ta’uunsaa falmii hinkaasu.

Afaan Oromoo afaanota hedduu gaanfa Afrikaa keessaatti dubbataman keessaa haala dubbiitiin afaan sadarkaa guddaarraa ga’edha. Haata’u malee, barreeffamuu kan eegale bara 1842tti akka ta’e (Bender 1976; Mahaadi 1995) barreesanii jiru. Yaada seenaa jalqabbii kanarratti garuu falmiin ka’uu jalqabeera. Fakkeenyaaf, Tafarii Nugusee dhimmi Oromoo jaarraa 13ffaa keessa barreeffamuu akka jalqabe ragaa argate qaba. Ammas yoo qoratame seenaan barreeffama Oromoo kan jalqabe sana durayyuu ta’uu mala.
Afaan kamuu guddate kan jedhamu dubbattota hedduu qabaachuun qofa osoo hintaane, afaan ogbarruu/ afaan barreeffamaa yoo ta’eedha. Dubbataa hedduu qabachuunsaa guddina afaanichaaf sababa nita’a; garuu guutuu miti. Barreeffamaanis dursuu qaba.

Dubbataa hedduu qabaachuun afaan biyyoolessaa akka ta’u murteessisuu mala. Sunis, guddina! Afaan Oromoo osoo dubbattootaa hedduu hinqabu ta’ee, akkuma afaan ‘gafatfaa’ dhiibbaafi gadi qabaa jaarraa tokkoo olii irra ga’een dhugamee hafa ture. Haata’u malee, dubbataa hedduu qabaachuunsaa du’arraa isa hanbisee jira jechuudha. Dhumarratti, gaaffii tokko akka yaaltan isin afeera.

Afaan Oromoo erga dubbataa hedduu qabaatee maaliif afaan barreeffamaa osoo hintahin turee?

Baranoo 2ffaa keessatti na eegaa…

Makmaaksa Oromoo Qubee Afaan Oromoo A-Z

0

Makmaaksa Oromoo Qubee Afaan Oromoo A-Z


A
Abba hin qabdu akaakyuuf boochi
Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin birmatu
Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aawu
Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimsee
Abjuun bara beelaa buddeena abjoota
Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti
Afaan dubbii bare bulluqa alanfata
Afaan gaariin afaa gaarii caala
Afaanii bahee gooftaa namaa ta’a
Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba
Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa
Akkuma cabannitti okkolu
Akukkuun yeroo argate dhakaa cabsa
Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii liqimsi ama of komatu namni hin komatu
Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin
Ana haa nyaatuun beela hin baasu
Ani hin hanbifne, ati hin qalbifne arrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti
Asiin dhihoon karaa nama busha
“Aseennaa natu dide, kennaa warratu dide otoo nabutanii maal ta’a laata”,jette intalli haftuun
B
Badduun fira ishee yoo hamattee, baddubaatuun niiti ishee hamatti
Bakkka oolan irra bakka bulan wayya
Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte bari
Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu
Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti!!
Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba
Bara fuggisoo harreen gara mana, sareen gara margaa
Barri gangalata fardaati
Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu
Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku
Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti
Bishaan gu’a gahe nama hin nyaatiin, namni du’a gahe si hin abaariin
Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe
Bishingaan otoo gubattuu kofalti
Boru hin beekneen qad-bukoon ishee lama
Boftii fi raachi hanga ganni darbutti wal faana jiraattu
Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka
Buna lubbuuf xaaxa’u warri naa tolii kadhatu

C
Cabsituun tulluu amaaraatiin giraancee jetti
Citaan tokko luqqaasaniif manni hin dhimmisu

[the_ad id=”2140″]

D
Dabeessa uleen (jirmi) shani
Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon
Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu
Deegan malee waqayyo hin beekani
dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti
Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan
Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu
Dugda hin dhungatan, hunda hin dubbatani
Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu
Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba
Dhuufuun waliin mari’atanii dhuufan hin ajooftu
Diimina haaduun nyaatani,diimaa arrabaan nyaatu
Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti
Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu
Du’aan dhuufaa jennaan kan bokoke dhiisaa jedhe
Dubbii baha hin dhorkani galma malee
Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi’ani
Duulli biyya wajjinii godaansa

E
Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani
Edda waraabessi darbee sareen dutti

F
Fagaatan malee mi’aa biyyaa hin beekani
Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin
Firri gara firaa jennaan kal’een gara loonii jette
Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti
foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe
fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu
Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli

G
Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan eessumni koo farda jette
Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani
Gabaan fira dhaba malee nama dhabinsa hin iyyitu
Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema
Gaalli yoom bade jennaan, gaafa morma dheeratu bade
Gama sanaa garbuun biile (asheete) jennan warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe  jaldeessi
Gamna gowomsuun jibba dabalachuu dha
Ganaman bahani waaqa jalaahin bahani
Gara barii ni dukkanaa’a
Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya
Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, warri qophinaafi se’u

Gaashatti dhuufuun daalattii dha
Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati
Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju
Goomattuuf goommanni hin margu
Goondaan walqabattee laga ceeti
Gowwaa wajjin hin haasa’iin bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa
Gowwaan ballessaa isaa irraa barat, gamni balleessaa gowwaa irraa barata
Gowwaan bishaan keessa ijaajjee dheebota
Gowwaan gaafa deege nagada
Gubattee hin agarre ibiddatti gamti
Guulaa hin bitiin jiilaa biti
Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu
Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu


H

Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti
haadha laalii intala fuudhi
Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa qabani
Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadi
Hanqaaquu keessa huuba barbaada
Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo jetti
Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hanbisa
Haati hattuun intala hin amantu
Haati hattuun intala hin amantu
Haati kee bareeddi jennaan, karaa kana dhufti eegi jedhe
Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaatte
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee
Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa
Hantuunni hadha ishee jalatti gumbii uruu bartii
Harka namaatiin ibidda qabaa hin sodaatani
Harki dabaruu wal dhiqxi
Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu
Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu
Harree hin qabnu, waraabessa wajjin wal hin lollu Kan harree hin qabne farda tuffata
Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa’u jette waraabessaan
Harreen yoo alaaktu malee yoo dhuuftu hin beektu
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Hidda mukaa lolaan baaseetu, hidda dubbii farshoo (jimaa)n baase
Hidhaa yoo tolcha, gadi garagalchanii baatu hin guddattuu jennaan baratu dhumee jedhe
Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa malee galu hiyyeessaf hin qalani kan qalame nyaata
Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte
Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba bulchiti
Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti

I
Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti
Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa
Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi
Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin seetu
Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na dhukube jetti malee
Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu
Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti
Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa
Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti
Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu
Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce’a
Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti
Intallii haati jajju hin heerumtu
Itti hirkisaan kabaa hin ta’u
Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti

[the_ad id=”2140″]

J
Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan, edana akkamitin arka jedhe
Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan achisutu garaa jira
Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu
Jabbiin hootu hin mar’attu
Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti
Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
Jarjaraan re’ee hin horu
Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina
Jibicha korma ta’u elmaa irratti beeku
Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha

K

Kadhatanii galanii weddisaa hin daakani
Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa

Kan abbaan quba kaa’e oromi(namni, halagaan) dhumdhuma kaa’a
Kan afaanii bahee fi kan muccaa bahehin deebi’u
Kan bishaaan nyaate hoomacha qabata
Kan citaa qabaa tokko namaa hin kennine mana bal’isii gorsiti
Kan dandeessu dhaan jennaan gowwaan galee nitii dhaane Adaamiin ollaa hagamsaa jiru bara baraan boo’aa jiraata
Kan gabaa dhagahe gowwaan galee niitii dhokse
Kan hanna bare dooluutu sosso’a
Kan hordaa natti fiiges, kan haaduun natti kaates bagan arge jette saani du’uuf edda fayyitee booda
Kan humnaan lafaa hin kaane yaadaan Sudaanitti nagada
Kan ilkaan dhalchu kormi hin dhalchu
Kan namni nama arabsi irr, kan abbaan of arabsutu caala
kan qabuuf dabali jennaan harreen laga geesse fincoofte
Kan of jaju hin dogoggoru
Kan quufe ni utaala, kan utaale ni caba
Kan tolu fidi jennaan, sidaama biyya fide
Kan tuffatantu nama caala, kan jibbanitu nama dhaala
Kan tuta wajjin hin nyaanne hantuuta wajjin nyaatti
Kan waaqni namaa kaa’e cululleen hin fudhattu
Karaa foolii nun hin jedhani jette wacwacoon
Karaan baheef maqaan bahe hin deebi’u
Karaan sobaan darban, deebi’iitti nama dhiba
Karaa dheeraa milatu gabaabsa, dubbii dheeraa jaarsatu gabaabsa
Karaa fi halagaatu gargar nama baasa
Keessummaan waan dhubbattu dhabde mucaa kee harma guusi jetti
Keessummaan lolaa dha abbaatu dabarfata
Keessa marqaa boojjitootu beeka
Kijiba baranaa manna dhugaa bara egeree wayya
Kokkolfaa haati goota hin seetu
Kormi biyya isaatti bookkisu biyya namaatti ni mar’ata
Kursii irra taa’anii muka hin hamataniL
Lafa rukuchuun yartuu ofiin qixxeessuu dha
Lafa sooriin du’e baataatu garmaama
Lafaa fuudhuutti ukaa nama bu’a
Lafti abdatan sanyii nyaatee namni abdatan lammii nyaate
Laga marqaa jennaan ijoolleen fal’aanaan yaate
Lama na hin suufani jette jaartiin qullubbii hattee
Leenci maal nyaata jennaan, liqeeffatte jedhe, maal kanfala jennaan, eenyu isa gaafata jedhe
Lilmoon qaawwaa ishee hin agartu, qaawwaa namaa duuchiti
Lukkuun(hindaaqqoon) haatee haateealbee ittiin qalan baaftiM
Maa hin nyaatiin jedha dhirsi hamaan
Maal haa baasuuf dhama raasu
Mammaaksi tokko tokko dubbii fida tokko tokko dubbii fida
Mana haadha koon dhaqa jettee goraa bira hin darbiin
Mana karaa irra kessumaatu itti baayyata
Manni Abbaan Gube Iyya Hin Qabu
Maraataa fi sareen mana ofii hin wallalani
Maraatuun jecha beektu, waan jettu garuu hin beektu
Marqaa afuufuun sossobanii liqimsuufi
Marqaan distii badaa miti, irri ni bukata, jalli ni gubata
Marxoon otoo fiiganii hidhatan otuma fiiganii nama irraa bu’a
Mataa hiyyaassaatti haaduu baru
Midhaan eeguun baalatti hafe
Mucaa keetiin qabii mucaa koo naa qabi jettehaati mucaa
Muka jabana qabu reejjiitti dhibaafatu
Morkii dhaaf haaduu liqimsuN
Nama foon beeku sombaan hin sobani
Namni akka fardaa nyaatu, gaafa akka namaa nyaate rakkata
Namni beela’e waan quufu hin se’u
Namni dhadhaa afaan kaa’an, dhakaa afaan nama kaa’a
Namni gaafa irrechaa duude, sirba irreechaa sirbaa hafa
Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa
Namni hudduu kooban galannii isaa dhuufuu dha
Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu
Namni nama arabsu nama hin faarsu
Namni badaan bakka itti badutti mari’ata
Namni gabaabaan otoo kabaja hin argatiin du’a
Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuu dha
Nama kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko
Niitiin dhirsaaf kafana
Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati
Niitiin afaan kaa’aami’eeffatte yoo kabaluuf jedhan afaan banti
Nitaati jennaan harree qalle, hin tatuu jennaan harree ganne, qoricha jennaan isuma iyyuu dhaqnee dhabneO
Obboleessa laga gamaa mannaa gogaa dugduu(faaqqii) ollaa ofii wayya
Obsaan aannan goromsaa dhuga
Obsan malee hn warroomani
Ofii badanii namaa hin malani
Of jajjuun saree qarriffaan udaani

Ofi iyyuu ni duuti maaliif of huuti
Ofii jedhii na dhugi jedhe dhadhaan
Okolee diddu okkotee hin diddu
Ollaa araban jira akkamittin guddadha jette gurri
Ollaan akkam bultee beeka, akkatti bule abbaatu beeka
Ollaafi garaan nama hin diddiin
Ollaa fi kateen nama xiqqeessiti
Ol hin liqeessiin horii keetu badaa, gadi hin asaasiin hasa’aa keetu bushaa’a
Otoo beeknuu huuba wajjin jette sareen
Otoo garaan tarsa’e jiruu, darsa tarsa’eef boossi
Otoo farda hin bitiin dirree bite
Otoo fi eegeen gara boodaati
Otoo garaan dudda duuba jiraate, qiletti nama darbata
Otoo sireen nama hin dadhabiin tafkii fi tukaaniin nama dadhabdiQ
Qaalluun kan ishee hin beektu kan namaa xibaarti
Qaban qabaa hin guunnee gad-lakkisan bakkee guutti
Qabbanaa’u harkaan gubnaan fal’aanan
Qabanootuharkaa, hoo’itu fal’aanaan
Qabeenyi fixeensa ganamaati
Qalloo keessi sibiila
Qalladhu illee ani obboleessa eebooti jette lilmoon
Qaaqeen yoo mataan ishee marge bade jetti
Qarri lama wal hin waraanu
Qeesiinwaaqayyoo itti dheekkam, daawwitii gurgurtee harree bitatte
Qoonqoon darbu, maqaa hin dabarre nama irra kaa’a
Qoonqoon bilchina eeggattee, qabbana dadhabde
Qorichaofii beekan namaa kudhaamu
Qotee bulaa doofaan, miila kee dhiqadhu jennaa, maalan dhiqadha borus nan qota jedhe
Qurcii dhaan aboottadhu jennaan, qophoofneerra jedheS
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Saree soroobduun afaan isheef bukoo ykn. dudda isheef falaxaa hin dhabdu
Sabni namatti jiguu irra gaarri (tulluun) namatti jiguu wayya
Sareen duttu nama hin ciniintu
Sanyii ibiddaa daaraatu nama guba
Sareen warra nyaattuuf dutti
Seenaa bar dhibbaa baruuf bardhibba jiraachuun dirqama miti
Shanis elmamu kudhanis, kan koo qiraaciitti jette adurreen
Sirbituu aggaammii beeku
Sii uggum yaa gollobaa, anaafoo goommani ni dorroba inni gurr’uu soddomaa jette jaartiin horii ishee gollobaan fixnaan
Sodaa abjuu hriba malee hin bulani
Soogidda ofiif jettu mi’aayi kanaachi dhakaa taata
Sombaaf aalbee hin barbaadani
Suphee dhooftuun fayyaa gorgurtee, cabaatti nyaatti[the_ad_placement id=”ads”]T
Taa’anii fannisanii dhaabatanii fuudhuun nama dhiba
Takkaa dhuufuun namummaa dh, lammmeessuun harrummaadha
Tikseen dhiyootti dhiifte fagootti barbaacha deemti
Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisaa oolti
Tokko cabe jedhe maraataan dhakaa gabaatti darbatee
Tokko kophee dhabeetu booha, tokko immoo miila dhabee booha
Tufani hin arraabaniU
Udaan lafatti jibban funyaan nama tuqa
Ulee bofa itti ajjeesan alumatti gatu
Ulee fi dubbiin gabaabduu wayya
Ulfinaa fi marcuma abbaatu of jala baata

W
Waa’een garbaa daakuu fi bishaani
Waan ergisaa galu fokkisa
Waan jiilaniin kakatu
Waan kocaan kaa’e allaattiin hin argu
Waan namaa kaballaa malee hin quufani
Waan samii bu’e dacheen baachuu hin dadhabu
Waan uffattu hin qabdu haguuggatee bobbaa teessi
Waan warri waarii hasa’aan, Ijoolen waaree odeesiti
Wadalli harree nitii isaa irraa waraabessa hin dhowwu
Wal-fakkaattiin wal barbaaddi
Wali galan, alaa galan
Wallaalaan waan beeku dubbata, beekaan waan dubbatu beeka
Waaqaaf safuu jette hindaaqqoon bishaan liqimsitee
Warra gowwaa sareen torba
Waraabessi bakka takkaa nyaatetti sagal deddeebi’a
Waraabessi biyya hin beekne dhaqee gogaa naa afaa jedhe
Waraabessi waan halkan hojjete beekee guyyaa dhokata

Y
Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi
Yoo ala dhiisan mana seenan, yoo mana dhiisan eessa seenan
Yoo boora’e malee hin taliilu
Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu
Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re’eetiin
Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti
Yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu
Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu
Yoo ta’eef miinjee naa taata jette intalli.


AFAAN OROMO – Oromo Language

Qubee Afaan Oromoo

0

Qubee Afaan Oromoo


Asii gaditti Qubeen Afaan Oromoo Gurguddaa, Xixiqq fi Lakkoofsota Afaan Oromoo ni baranna.

Qubee Gurguddaa, Qubee Xixiqqaa fi Lakkoofsota

Qubee Gurguddaa Qubee Xixiqqaa   Lakkoofsota Maqaa lakkoofsotaa

A

a   1 Tokko

B

b   2 Lama

C

c   3 Sadi

D

d   4 Afur

E

e   5 Shan

F

f   6 Jaha

G

g   7 Torba

H

h   8 Saddeeti

I

i   9 Sagal

J

j   10 Kudhan

L

l   30 Soddoma

M

m   40 Afurtama

N

n   50 Shantama

O

o   60 Jahaatama

P

p   70 Torbaatama

Q

q   80 Saddeettama

R

r   90 Sagaltama

S

s   100 Dhibba Tokko

T

t   500 Dhibba shani

U

u   1,000 Kuma tokko

V

v   5,000 Kuma shani

W

w   10,000 Kuma kudhani

X

x   50,000 Kuma Shantama

Y

y   100,000 Kuma dhibba

Z

z   1,000,000 Kitila tokko

Qubee Dachaa ykn Cimdii

Qubee Gurguddaa Qubee Xixiqqaa   Qubee irraa uumaman Fakkeenya

CH

ch   c fi h Barachuu

DH

dh   d fi h Dhadhaa

SH

sh   s fi h shaashii

NY

ny   n fi y nyaata

PH

ph   p fi h Kophaa

TS

ts   t fi s Tsabala

ZH

zh   z fi h Televizhiinii

 


Qubee Dubbifamaa, Qubee Dubbachiiftuu fi Qubee Ergisa

Qubee Dubbifamaa Qubee Dubbachiiftuu   Qubee Ergisaa
B b, C c , D d, F f, G g, H h, J j,
K k, L l, M m, N n, P p, Q q, R r,
S s, T t, V v, W w, X x, Y y, Z z
A a, E e, I i, O o, U u   P p, V v, Z z, TS ts, ZH zh

 


AFAAN OROMO – Oromo Language

Walaloo Duula Barreeffama Qubee Afaan Oromoo: Daraaraa Nurgiitiin

0

Walaloo Duula Barreeffama Qubee Afaan Oromoo: Daraaraa Nurgiitiin


Lafeefi dhiigni Abbootaa
Aarsaa godhee erga fidee,
Baasii labsi naan jedha
Naanis garaan na didee,
.
Firrisaa dhaggeeffadhu
Dhaga’i atis Lubeekoo,
Sagaleekoo ciradhee
Yoon seenessu Qubeekoo,
.
Duratti isa dhageenye
Dhiibbaa Qubeerra ture,
Qabsaa’ee wixxifatee
Warra darbetu fure,
.
Har’ammoo barri dhufnaan
Barri bilisaan caafan,
Dhaloonni Qubee kuni
Akkamiin Quba Laafan,
.
Kan ormaayyuu in katabna
Bareechinee sararree,
Keenya isa bu’aa dhiigaa
Maaliif qoosaan dabarree,
.
Erga tokkittiin qaba
Hima dhaloota qaru,
Namni Qubee naafessu
Dhugaa dha nan mararu,
.
Qubee keenya isa baay’ee
Isa akka hoomaa raayyaa,
Qubeen okkoluusaarra
Miilli okkoluu wayya,
.
Kanaaf dhaloota Qubee
Dhaamsa tokkon dabarsa,
Yoo seeraan hin katabiin
Seenaan isin arrabsa,
.
Ani Garuu,…
.
Warra beekan deeggaree
Warra hin beekne ittimee,
Qubeekoo Qubakootiin
Nan Qubeessa ichimee!.

 


HORAA BULAA

Walaloo Qubee

0

Walaloo

Walaloon Gosoota Afoolaa keessaa tokko ta’us bifa hedduun kan dhiyaatuudha.

Walaloo  ‪‎QUBEE‬
Eegaan Si Baree
Afaan Koo Fure

A:-Aa jedhee jalqabee qubee koo baradhe
B:-Biyya dhabee ture seenaarraa argadhe
C:-Cunqursaa alagaa kan bar hedduu baadhe
CH:-chee jechaa gulufee diina koo qoladhe
D:-Daranuu barachuuf hundee kootiif seenaa
DH:-Dhibee wallaalummaa utubaa dukkanaa
E:-Eboo waa qusanne hundaatti gadhiisee
F:-Faajjii walabummaa kiyyaa lafaa kaasee
G:-Gadaa saba kootii ijaaruuf deebisee
H:-Halagaan nu fixee nutti mootii ta’uuf
I:-Ija koo banadhee ufirraa ittisuuf
J:-Jiruun awwaalamnee namaa gadi hin taanee
K:-Kiyyoon nu dhukkubdee ba’aa nyaaphaa baannee
L:-Lallabnee iyyanne hundaan tokko taanee
M:-Mallattoo tukkummaa sirna wal qixxummaa
N:-Numa addaan facaasee nurraa fayyadamaa?
NY:-Nyaaphaan fira taane osoo beeynu diinummaa
O:-Afaan Oromoo qabna afaan saba bal’aa
P:-Polotikaaf seenaa ittiin qindeeffanna
PH:-paatti aane dhufa isaan phaadha jenna
Q:-Qubee liqii qabne barree wal barsiifna
R:-Roorroo daba halagaa ufirraa buqqifna
S:-Seenaa keenna dhiifnee kan halagaa baruun
Sh:-Shira nutti deemu osoo ilaan garru
T:-Tooftaa jirre baasee yoomuu nu gowwoomsuun
U:-Ummata isa caaluun hin jiru jedhanii
V:-Vaayrasii ta’anii qaama nu fixanii
W-Wallaalaa nuu jedhu hayyuu keenna fixanii
X-Xurii doofummaatiin sammuu nu duuchanii
Y:-Yoo inni mormate yakkamaa godhanii
Z:-Zowdii wal dhaalchisuuf numarra taa’anii?

Qubee Afaan Oromoo>>

AFAAN OROMO – Oromo Language

Unkaa Galmee Affeerraa Miseensota Afaan Qophii Amaaraa hirmaachuu barbaadan – በአማርኛ ፕሮግራም መሳተፍ ለሚፈልጉ አባላት የመጋበዣ ምዝገባ ቅጽ

12

Beeksisa tokko isiniif qooduun barbaade. Yeroo ammaa kana barruu harkaan barreeffameef ykn suuraa barreeffama harkaan barreeffame Fakkaattii Amaloota Optikaalaa hubachiisu (Optical Character Recognition models -OCR) fooyyessuuf duula #ShareYourScript gaggeessaa jirra.

#GoogleCrowdsource fayyadamtoonni suuraa barreeffama harkaan barreeffame afaan dhaloota isaaniitiin akka gumaachan duula #ShareYourScript eegaleera.
Kunis Fakkaattii Amaloota Optikaalaa hubachiisu(Optical Character Recognition models) kanneen oomishaalee akka Google Leensiif humna kennan kan fooyyessuudha.

#GoogleCrowdsource ተጠቃሚዎች እንደ ጎግል ሌንስ ያሉ ምርቶችን የሚያመነጩትን በእጅ የተጻፈ ጽሑፍ ምስሎችን እንዲያበረክቱ የ#ShareYourScript ዘመቻን እየጀመረ ነው።

 

#GoogleCrowdsource is kicking off the #ShareYourScript campaign for users to contribute images of handwritten text in their native language which will improve Optical Character Recognition models that power products like Google Lens.

Image

Yeroo ammaa duula kana keessatti afaanota 2 qofa (Amaaraafi Faransaayi Afrikaa) Afrikaa irraa qabna, garuu duula gara fuula duraatti, kanneen biroo (Afaan Oromoo ) fa’as itti dabaluu barbaanna.

Miseensota Garee keenyaa(Google Crowdsource – Ethiopia) kanneen Afaan Amaaraa dubbatan duula kana irratti akka hirmaatan affeeruun barbaadna.
– Waa’ee Crowdsource fi duula kanaa caalaatti itti himuuf sagantaa toora interneetaan (virtual) qopheessuu yaadameera.
Kunis taatee(event) hawaasa Crowdsource keenya isa jalqabaa ta’a!

Hubachiisa saffisaa:– Yoo unka galmee duula filannoo asii gadii yoo guuttan ykn namoota biroof qoodaa jirtan ta’e, maaloo “Maqaa Nama isin Affeeree ” akka armaan gadiitti guutaa.

Quick note– If you’re sharing the campaign sign-up form or signing up, please write the name of the person who invited you in the “Referred by” question.

ፈጣን ማስታወሻ፡ የዘመቻ ምዝገባ ቅጹን እያጋሩ ወይም እየተመዘገቡ ከሆነ፣ እባኮትን የጋበዘዎትን ሰው ስም በ”የተጠቀሰው” ይፃፉ።

👉Asitti galmaa’aa: https://goo.gle/sys-2022

👉Sign-up here: goo.gle/sys-2022

👉እዚህ ይመዝገቡ፡ https://goo.gle/sys-2022

Don’t forget to join us on:
#Twitter 👇
https://twitter.com/CrowdsourceEt

#Facebook Group 👇
https://www.facebook.com/groups/google.crowdsource.ethiopia/

Maxxxansi keessan ammoo ramaddiillee bebbeekkamoo garee kanaa jala akka galan Iyyaatoo(Hash Tag) asii gadii fayyadamaa

#AfaanOromoo #abdisabancha #GoogleTranslation #abdisabanchajara #AfaanOromo #googlecrowdsourceethiopia #Oromo #hiikkaaafaanoromoo

GALATOOMAA | THANK YOU  | አመሰግናለሁ
Google Crowdsource – Ethiopia

Bu’aa ba’ii Afaan Oromoo tajaajila turjumaanaa ‘Google’tti dabaluuf keessa darbame

3

Afaan Oromoo tajaajila turjumaanaa ‘Google’tti akka dabalamuuf ijoolleen Oromoo biyya keessaafi alaa waggoota ja’aa oliif ifaajjii olaanaa taasisaniiru. Hojicha biyya keessaa abbummaadhaan dursaa kan ture Ogeessa Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) Dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraa yoo ta’u, innis bu’aa ba’ii ture Gaazexaa Bariisaaf ibseera.

Afaan Oromoo tajaajilichatti akka dabalamuuf ALA bara 2016 yommuu marsaaleen hawaasaa biyya keessa babal’atu kan eegale ta’uu eeree, namoonni hubannoo ga’aa qabaniifi qorattoonni sadarkaa olaanaa jiran qorannoo taasisuufi innis yeroo yunvarsiidhaa eebbifamee ba’ee wantoota Afaan Oromoo wajjin walqabateen hedduu hojjechaa turuusaatiin gaaffiin “Afaan Oromoo akka Googilitti dabalamuuf maaliif dhiibbaa hingootan?” kan jedhu ka’uufii kaasa.

Yeroo sana yeroo namni baay’een feesbuukiitti fayyadamuu eegale ta’us dogoggoroonni qubeefi seerlugaa baay’inaan kan itti mul’atan turuu yaadatee, kanarraa ka’uun appilikeeshiinii Afaan Oromoo Baradhaa jedhu hojjetee namoota hedduu bira qaqqabsiisuu ibsa. Kanarraa ka’uunis ijoolleen kanarratti fedhii qaban Ameerikaafi Keeniyaarraa isa quunnamuu dubbata.

Utuma yaalii kanarra jiranii feesbuukiin mataasaatiin turjumaana afaanotaa eegaluu kan dubbatu Dargaggoo Abdiisaan, wayita kanas dhaabbata feesbuukiitti Afaan Oromoollee akka dabalamu iyyata galchuufi kaampaanichis isaanii mirkaneessuu hima. Hojii turjumaana kanarrattis karaa marsariitiiwwan garagaraa waamichi taasifamuun ijoolleen baay’ee akka irratti hirmaatan ta’uullee eera.

Kaka’umsa kanaatiin Afaan Oromoo googilitti akka dabalamuuf sochiin eegalamuufi isa dabalatee namni tokko Keeniyaarraa, tokkommoo Ameerikaarraa xalayaa barreessuun gara kaampaanii googilitti erguu ibsee, ta’us dhaabbatichi ulaagaa tajaajilichatti dabalamu hinguutuu jechuun iyyatasaanii jalaa haquu hima.

“Ummanni baay’ina ummata miliyoona 40 oliin Itoophiyaafi Itoophiyaan ala dubbatamu kun akkamiin qabiyyeewwan addaddaa, marsariitiiwwaniifi hojiileen afaanichaan hojjechuurratti waanti mul’atu hinjiru jechuun nu jalaa kuffisan. Kanarraa ka’uun gareen koo ‘oroict solution’ marsariitii ‘Afaan Oromoo.com’ jedhamu qopheessine.

Kunis barnoota Afaan Oromoo sagalee, qubee, jecha, hima, keeyyataafi kkf hunda of keessatti kan qabuufi Afaan Oromoo kan irratti barreessinuudha. Haaluma kanaan marsiiriitiiwwan addaddaafi dikshinarii onlaayiniirratti Afaan Oromoo hiikuu namoota gargaraatiin qophaa’e, akkasumas wikipiidiyaanillee fooyyeessine” jedha.

Kanneen hunda walitti qabnee irra deebi’uun dhaabbatichaaf iyyanni barreeffamus ammallee deebiin ulaagaa hinguunne jedhu kennamuufii kan himu ogeessichi, isa booda Oromoon intarneetii fayyadamu hundi haala duulaatiin iyyata gara Googiliitti akka galchuuf waamicha taasisuusaanii dubbata. Kanaanis yoo xiqqaate iyyatiwwan kuma 50-100 gara dhaabbatichaatti ergamuu eereera.

“Erga iyyatiwwan kunniin dhaabbatichaaf ergamanii booda dhaabbatichi walga’ii waameeti Afaan Oromoodhaan “Galatoomaa” jedhee deebii nuu kenne. Hanqinoota fooyya’uu akka qabus nutti himame. Isaa booda jechoota miliyoona tokko Afaan Oromoorraa gara Ingiliffaatti hiikame fidaa nuun jedhan. Yeroo sana Giddugala Aadaa Oromoo, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Biiroo Barnootaa Oromiyaafi namoota dhuunfaa dikshinarii qopheessan jechoota miliyoona tokko qophaa’e barbaanna jedhee gaafannaan argachuu hindandeenye. Kun utuu kanaan jiruu yeroo sana ani Itiyoo Telekoom keessa hojjechaan ture. Sababa siyaasaatiin hidhame” jedha.

Akka ibsa Dargaggoo Abdiisaatti, hojicha biyya keessaa hordofaa kan ture isa waan tureef hojicha sababa kanaan harkifate. Yeroo kanas gareen biraa lafaa ka’ee dhaabbata Googilii bira dhaqee fandii dhaabbatichi gadhiisu fudhatan. Gareen sunis biyyoota addunyaa gargaraarraa qindaa’uun jechoota miliyoona tokko sana walitti guuruu eegalan.

Innis erga hidhaadhaa ba’ee booda gara jechoota kuma 60 hiikame itti erge. Gaafa isaan jechoota gara kuma 200 walitti qabanneerra  jedhan jijjiiramni Itoophiyaatti dhufnaan inni kaan biyyatti deebi’ee, inni kaan biyyuma alaatti hafee garichi adda faca’e.

Akka carraa ta’ee dhaabbata googilii wajjin karaalee addaddaa kan hojjetu ogeessi kun, ALA bara 2020 carraa ‘Google African Scholarship’ argatee baratee xumuree kan eebbifame yoo ta’u, carraa kanatti fayyadamuun dhaabbaticha pirojektiin Afaan Oromoo akka Googlitti dabalamuuf hojjetaa turan isaan jalaa qabamuu ibsinaaiin dhimmichi gadhiifamuu ibsa.

Wayita kanas akka duraa jechoota miliyoona tokko fidaa osoo hinta’iin hawaasni bakkuma jiruu jechoota akka hiikkatu kan jedhan ta’uu ibsee, innis karaa miidiyaa hawaasaatiin ummanni akka ofiin hiikkatu ummataaf waamicha taasisuu hima. Namnis fedhii olaanaa afaansaa Googlirratti arguuf fedhii qabuun hedduun irratti hirmaatanis qulqullinnisaa garuu haala barbaadameen ta’uu dhabuun pirojektichi ammas akka harkifatu taasisuu ibsa.

Yaadni, jechoonni fe’aman kan qubee sirriifi seerluga hordofan akka ta’aniif hayyoota irratti hirmaachisuun barbaachisaadha jedhu waan ka’eef piroppozaala hayyoota yunvarsiitiiwwan Oromiyaa keessa jiran hundarraa, akkaataa loqoda godinaalee hunda hirmaachiseen gaggeeffamuu qaba jedhu barreessuun dhaabbilee addaddaatiif dhiheessuufi waamichi taasifamuu dubbata. Ta’us qaamni kanaaf deebii kenneef akka hinturreefi gama mootummaanis deebiin “bajanni hinjirui obsaa” jedhu kennamuufii hima.

“Sababoonni kunneen hundi hojicha nu harkatti harkifachiisaa dhufanis ijoolleen keenya kara karaa cimanii hojjechaa waan turaniif adda hincinne. Haala kanaan dhaabbanni googilii ji’a laman dura bara kana afaanota 24 tajaajila turjumaanaasaatti akka dabalu ibsa baase. Ifaajjiiwwan kanneen hunda keessa darbuun Afaan Oromoo tajaajila turjumaanaa Googlitti dabalame” jedha.

Afaan Oromoon tajaajila kanatti dabalamuunsaa, afaanicha afaan qorannoofi qo’annoo akkasumas kan saayinsiifi teknolojii ta’a kan jedhu Dargaggoo Abdiisaan, keessumaa yeroo ammaa addunyaan tokko ta’uuf deemtutti ta’uunsaa afaanichi faayidaalee garagaraa akka argatu kan taasisu ta’uu ibsa. Fakkeenyaaf afaan bittaafi girgirtaa ta’a, afaan dhaabbilee idil addunyaa garagaraa ittiin hojjetan ta’a, namoota afaan kana dubbataniif carraawwan hojii addaddaa uuma, darbees tajaajilli walfakkaataan addunyaarra akka jiraatu taasisa jedha.

Kanneen malees gaafa afaan tokko Googilitti dabalamu aadaa, seenaa, duudhaafi eenyummaallee qabatee waan dabalamuuf faayidaansaa olaanaa ta’uu eeree, kanas addunyaatti beeksisuufi dhaloota ittaanutti dabarsuuf akka daandiitti waan tajaajiluuf carraa guddaa ta’uu dubbata.

Yunvarsiitii Finfinneetti Qoraataa Afaanii, jechoota Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) Ingiliffarraa Afaan Oromootti hiikuu ‘ICT Glossary’ kan hojjetan Obbo Abbabaa Qannoo faayidaa Afaan Oromoo tajaajila turjumaanaa Googilitti dabalamuun qabu ilaalchisuun yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, afaan tokko guddate kan jedhamu afaan hojii,  saayinsiifi teknolojii ta’uusaatiin lakkaa’ama. Kanaaf Afaan Oromoo Googilitti dabalamuun sadarkaa guddina afaanichaa kan dhugoomsuudha.

Akka baay’ina dubbataa afaancihi qabuun silaa kana dura tajaajilichatti dabalamuu akka qabu kaasanii, ammas ta’u waan guddaafi nama gammachiisu ta’uu ibsu. Waan tajaajilicharratti galuu qabu wajjin walqabateemmoo hayyoonni afaaniifi ogeessonni ‘ICT’ qubeefi caasluga afaanichaa dabalatee qulqullinaan waliin hojjechuu akka qaban dhaamu.

Kubbaaniyyaan Googil guyyoota lama dura akka ibsetti, afaanota addunyaa 25 gara tajaajila turjumaanaatti kan dabale yoo ta’u, kanneen keessaa 10 afaanota Afrikaa keessatti dubbatamaniidha. Isaanis, Afaan Oromoo, Tigriffa, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepediifi Tsoongaa jedhamaniidha.

Bambaaraan, Maalii keessatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 14 kan qabu yoo tahu, Eween Gaanaa keessatti namoota miiliyoona torba tahaniin dubbatama. Afaan Oromoo Itoophiyaaafi Keeniyaa Kaabaatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 37 qaba.

Tigriffi ammoo Ertiraafi Naannoo Tigraayitti namoota miiliyoona saddeetiin dubbatama. Afaan Lingaalaa, Giddugaleessa Afrikaa- Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Angoolaafi Sudaan keessatti namoota miiliyoona 47n dubbatama, Afaan Tiwii Gaanaa keessatti namoota miiliyoona 11n dubbatama. Waliigala googil  hanga ammaatti afaanota hiiku 133 kan qabu yoo ta’u, barana ammoo afaanota 24 dabalaa jiraachuu ibseera.

 

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Dhufaatii ykn Ka’umsa Loogoo ykn Asxaa BBO Haaraa fi Komii Ummataa – Ragaalee fi Sababoota waliin – Xiinxala Ogeessa Fakkii fi Suursagalee

1

Loogoo :- loogoon ykn Asxaan Maaliidha?
*****
Loogoon ykn asxaa inni jedhamu Fakkaattii dhaabbatni tokko ittiin fakkeeffamu. Mallattoo addaa ati yn dhaabbatni kee ykn dhaabbatni tokko ittiin fakkeeffamu ykn bakka bu’u.
Fakkaattiin ykn mallattoon addaa kee kun Maqaa, Dhaadannoo fi Suuraa irraa kan fakkeeffamuudha. Fakkaattiin kun yeroo fakkeeffamu waan kaayyoon ijoo dhaabbatichaa ibsu, waan maqaa dhaabbatichaa haala salphaan agarsiisu, waan tajaajila dhaabbatichi kennu dubbatu, kakuu imaanaa fi waadaa amanamummaan ummataa/fayyadamtootaaf qabu agarsiisu, galma dhaabbatichi karoorfatee hojjachaa jiru kan agarsiisuu fi kkf haala-salphaa, midhaagaa fi hawwataa taheen kan muldhisuudha. Kanaafidha kan namootni ykn dhaabbileen Loogoo ykn Asxaa isaanii Dhaabbata Sadarkeessa Abbeentaa Qabeenyaa bira geessanii hanga Abbummaa galmeessifachutti kan deemaniif. Yoo akkas tahe ammoo, Namni ykn Dhaabbatni Loogoo ykn Asxaa akkasitti seeraan galmaaye fayyadamee argame hanga seeraan adabamuu fi adabbii mallaqaatiif saaxilamuu gaha.

Haala kanaan Loogoo ykn Aasxaa nama dhuunfaafis tahee dhaabbata tokkoof kan hojjatu #Ogeessa ogummaa kanaan hubannoo gubbatti eeraman qabuudha.Garuu biyya keenya keessatti Dhaabbileenis tahee namootni Loogoo ykn Asxaa yeroo hojjachiisan hubannoo jedhame kana waan hin qabneef, odeeffannoo gahaa ogeessotaaf waan hin kennineef, Ogeessotni hojii kana irratti hojjatan yeroo rakkatan argina.

 

Gama dubbii ijoo keenya hardhaatti yoo deebinu, Biiroon Barnoota Oromiyaa – Loogoo/Aasxaa haaraa jijjiiruu ibse. Kun ajandaa Miidiyaalee tahuu argaa jirra. Dhaabbatichi komii adeemaa jiruuf deebii kenneen akka jedhetti” Loogoon/Asxaan nuti duraan fayyadamaa turre Qabatama amma jiru waliin hin deemu jedhe.” – Qabatamni amma jiru maaliidha?
Mee dursa akkatuma gubbatti ibsineen Loogoon dhaabbatichaa maal ufirraa qaba, waa’ee waajjira hojii kanaa maal agarsiisa isa jedhu gabaabsinee ilaalla:
Loogoo Duraanii
Halluu sadi(diimaa, adii, gurraacha) marfame – Ummata oromoo keessatti Halluun 3n kunneen beekkamaa dha. Hiikkaa isaa isinumaaf dhiisa
Keessi Loogoo kanaa Odaadhaan Guuttame. Odaan ammoo Gaaddisa bonaaf ganna lalisuudha. Odaa gubbaa irrattti ammoo Ibsaa akka abiddaa qabatutu jira, kun ammoo beekumsa. Biiroon barnootaa Ummata Oromootiif Gaaddisa tahee beekkumsaan ceesisuuf kan kakuu itti seene akka jechuuti.
Abidda qabatu irratti ammoo Alaabaan DH.D.U.O durii maramee jira, isa irraayis Odaan biraa as bahee muldhata. Kuni ammoo Dhaabicha santu waan kana hundeen gadi dhaabe akka jechuuti. Paartiin badhaadhinaa amma jiru yoo alaabaa sana hin jaalatin gara alaabaa ufitti jijjiiruu danda’a ture.

Gara jalaa yoo ilaallu ammoo kitaaba A.B.C.D… ufirraa qabu argitu. Kuni ammoo hojii ijoo dhaabbatichaa isa gubbatti jenne san. Barnootni karaa BBO kennamu kan kennamu A.B.C.D… akka tahe muldhisuuf kaahame.

– Kitaabichi ammas hidda ifaa tahee jalaan ammoo haada bifa-3(diimaa-adii-gurraachaan) utubame. Dhumarratti Dhaabbatichi eentu akka tahefi galmasaa fi Ittigaafatamuummaa kana kan bahu abbummaa agarsiisuuf maqaa ofii barreesseera.

Haalli olitti tarreeffame Ija Ogummaatiin kan xiinxallame malee qabatama dhaabbatichaa tahuu fi tahuu dhiisuu danda’a
Haaluma kanaan Bu’uurri loogoon kun ittiin hojjatame, Dhaabbatichi Maamiltoota isaa kallattii(Target Customer) ykn Ummata Oromoo giddugaleeffachuudhaan, Aadaa, Sirna, Halluu Sabichaa irraa waan sabichaaf tahu hojjachuuf akka dhaabbate ergaa dabarfachuuf kan hojjatameedha.

Loogoo Ammaa:
– Halluu guutumatti dibame Cuquliisa(blue)dha. Samiidhaan wal fakkeessuuf yoo tahe malee seenaa Oromoo keessatti Cuquliisni maal akka ibsu hin beeknu, warri beektan ragaa qabatamaan nuuf ibsaa. Garuu shakkiin marsaalee hawaasaa irra deddeebi’u Halluu Paartii Biltsiginnaa waan taheef achirraa fudhatame jedhu.

– Gidduu/walakkaa Kitaaba Adiitu kaayame – Adiin Mallattoo Nagaa tahus Kitaabni Adiin Maal akka tahe kallattiin hiikuun hin dandamu, hunduu akka itti fakkaatetti hiikkachuu mirga qaba waan taheef. Fkn: Kitaaba ykn Barnoota waa’ee Nageenyaa jennee hiikuu dandeenya. Garuu Waan Ummata Oromootiif addatti hiikkaa qabu ykn BBO waliin walqabatu hin jiru.

– Dhumarratti Dhaabbatichi Maqaa isaa itti barreessee jira. Kanumaan walbira qabamee yeroo ilaalamu Loogoo Ministeera Barnoota Federaalaatiinis halluu fi qabiyyee walfakkaataa qaba waan taheef namuma tokkotu hojjatee maqaa qofa jijjiire nama jechiisiisa.
Kanumarraa ka’uudhaan Fakkaattiin/Loogoon/Asxaan BBO haaraa kun BBO bakka bu’a wanti nama jechisiisu hin jiru.

Sababoota Loogoon/Asxaan BBO Ammaa kun BBO bakka hin buuneef:

1) Loogoo BBO Ammaa, BBO bakka hin bu’u yoo jennu maal jechuudha?
BBO wanti hundeeffameef barnoota kennuuf. Barnoota kennu kana daangaa(scope) ykn gahiinsa(coverage) ofdanda’e qaba. Ummata Seenaa, Safuu, Aadaa, Sirnaa fi duudhaa ofii qabu barsiisuudhaaf kan dirqama fudhatee socho’aa jiru waan taheef, Mallattoon/Asxaan/Loogoon isaanii dirqama wantoota kanneen bifa salphaa, bareedaa fi nama hawwatuun ibsuu qabaata jennee amanna.

 

2) BBO dhaabbata dhuunfaa(PLC) miti. Dhaabbata hawaasaati.Inumaayyuu hawaasa baldhaa addunyaa guutuu irraa mil.70 olitti tilmaamu. Dhaabbatichi fedhii ummata miliyoona hangasii eeguu qaba jechuun hin tahu garuu waan tokko gochuuf dirqama qaba. Kunis YAADA Hawaasaa Funaanuu, walitti qabuu…

Fknf: Ani kan yaadadhu Dhaabbanni Raadiyoo fi TV Oromiyaa Maqa, Loogoo fi Biraandii isaa yeroo jijjirratutti Baatii 3 hanga 4 ta’uuf Hordoftoonni Miidiyichaa fi hojjettoonni yaada akka itti kennan taasiseera. Adeemsa sana keessa darbeeti DHRTVO n OBN kan ta’e.

Akkasumas, Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa haaluma walfakkaatuun Loogoosaa jijjiireera. Dabalataanis Waajjirri Pireezidaantii BMNO yeroma dhiyoo keessa Loogoosaa kan haaromseedha.

Dhaabbileen Sadarkaa Oromiyaatti Loogoo/Asxaa isaanii haaromsaa jiran kunneen hunduu Halluuwwan sadiin Aadaa Oromoo keessatti beekkamaa jedhaman(Gurraacha, Diimaa Adii) fi Mallattoo Oromoo jedhamee kan beekamu #Odaa fayyadamanii jiru.

Akka Fakkeenyatti Fudhannee yoo ilaalle:

  1. Biiroo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
  2. Biiroo Komunikeeshiinii N.Oromiyaa
  3. Biiroo Qonna Oromiyaa

No photo description available.

 

Biiroon Barnootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaas OBN, MMWO, WBMNO, Komishiinii Poolisii Oromiyaa fi kanneen biroo irraa maaltu adda taasise?

  • Maaliif Filannoo hawaasaaf hin dhiyeessin?
  • Maaliif Mallattoo Oromoo fi Oromiyaa ibsu tokkollee hin dabalin?
  • Maaliif Kanneen Biiroo Oromiyaa hundarraa adda tahe?

 

Dabalataan ammoo Dhaabbata BBO Olaantummaan kan too’atu Ministeera Barnootaa irra namni jiru Jibba Ummata Oromoo qaba jedhamee odeeffamuuf akkuma jedhame dhiibbaan nama kanaa keessa jiraachuu danda’a isa jedhu ragaaleen dhugoomsan ni muldhatu.

Ragaalee dhugoomsan keessaa tokko, BBO maaliif Waajiraalee Oromiyaa hunda keessaa Waan Oromummaa agarsiisu maaf balleesse? Loogoon/Asxaan BBO ammaa Kan waajjira Ministeera Barnootaa fi Manneen Bultii-Addaa Ifaa Boruutiin walfakkaachuun isaa Hojii walirraa garagalfame tahuu bira darbee Giddugala tokkorraa too’atamaa jiraachuu tilmaamuun salphaadha.

Kanaafuu Dhaabbatichi Murtee isaa keessa deebi’ee akka ilaalu Gorsa Ogummaa dhaamuu feena

Waliif hiruudhaan Qaamotni dhimmi ilaalu akka hubatu waan gootaniif GALATOOMAA

Garee #OICTSolutions

Jechoota Koompitaraa Afaan Oromoo – Afaan oromoo Computers Terminologies

10

Jechootni Koompitaraa Afaan Oromoo Qo’annoofi Qorannoo hayyootattiin hojjataman akka armaan gadiiti hiikamaa jiru, hojittis jijjiiramaa jira. Haala itti fayyadamaafi raabsuu irrattis hojjachaa jirra.

 

pointer–akeektuu, qaree
keyboard–gabatee cuqoo
mouse–hantuttee
personal comp—koompitara matayyaa
Desktop computer– koompuutara minjaalawaa
Laptop computer—koomputara koyaa
button–qabduu
press and hold–dhiibii turi
screen–argii
hard disk–baxxee jabaa
icon–sajoo
tools–meeshaalee
bulk–bal’aa
inactive–hadoodaa/dunquqqaayaa
active —kaka’aa
profile–danaa
privacy—mateenya
laptop—koyaa
palmtop–qubganaa
model–ilaallata
mode–haalata
mix–maki
modify–fooyyessi
monitor–torgii
move–siqsi                                   account–Eenummeessaa
accuracy–sirrina
action—gocha
activate–kakaasi
across– gamaa-gamana
alias—maqbiroo
agent–iddoomaa
allignment–hiriira
allow—hayyami
reject–didi/hon hayyamin
alter—jijjiiri
always on top–yoomirroo
allocate—ramadi
argument–qajeelfama
arround—maddii
cable– haada
mouse–hantuuttee
backup–kuufama eeggannoo
setting–ijaarsa
about phone–waa’ee qafoo
window—-fooddaa
update—-haaromsi
restart–cufii bani
install–ijaari
uninstall–diigi
restart&install–cufii ijaarii bani
upgrade—ol guddisi
evaluation–maddaalliiremote–fageenya
reject—didi
confirm–mirkaneessi
smart phone—qafoo ammayyaawaa
site–iddoola
skip–utaali
slash–haxarroo
single click–cuqaasa altokkee
single-sided disk–baxxee gartokkee
shortcut–qaxxaamura
menu–baafata
image–calaqqee

 

 

side bar– kabala moggaa

share–yagutoomsi/hiri//raabsi                                                                             setting–qindaa’ina
setup–qindeessi
shade–gaaddiseessi
pack–qarqaba
session–tursa
set–qindeessi
series–walfaannee
separator–foo’aa
optional–dirqalee
option–dirqala
original–xabboo
overlap–walirra
setting… Qindaa’ina

public–hundumaaf
private–dhuunfaa
only me–ana qofa
publish–maxxansi
tag–iyyaatoo
local–naannoo
list–tarree
dictionary–Jechiikaa
custom–maamiloo
install–ijaari
customize–maamileessi
cut and paste–murii maxxansi
disable–dhaamsi
sort–foo’iinsa
directory–galeeloo
developer–dagaagsaa/ijaaraa
menu—baafata
drop-down–gadbuusaa
arrow—–xiyya
feedback–duubdeebii
text—barruu
jump–utaali
in-line–sarkee
configure–qindeessuu
router—duuffisaa
adapter–amanfataa
broadband– baandii baldhaa
connection–waliindha
manual–hujeeka
interface–fuula/walsima
recover–bayyanachiisuu
download–naqadhu
install—-ijaari
freeware–moosajii tolaa
browse–sakatta’i
status–haalojii
preview–durargii
review–keeddebii
primary–dursaa
press–dhiibi
upload–olfe’i
album–kuusaa
tag—iyyaatoo
editor–gulaalaa
pause–afuurfannoo
window–fooddaa
resume–itti fufi
notification–yaadachiisa
maybe—-akka tasaa
decline—diddaa
tab—-cancala
synchronize-walsimsiisi
synonyms–moggoo
syntax—caasima
feature—amala

 

undo—gaabbi
default–duraantoon
style—akkaataa
recent–amsiiqa
collapse–qoncoorsi
next—itti aanee
web–saphaphuu
web site–iddoola saphaphuu
view–muldhannoo
cookies–kuusyaadannoo
feed–soorachiisa
contact–qunnamtii
flash–balaqqee
live–sududan
qoute–caqasa
platform–hujeffannoo
domain–qayee
disable–dhaamsi
session–tursa
abdon–gati
abort–kuti
action–gocha
active–ka’aa
add–ida’i
setup–qindeessi
address–teessoo
advance–olaansi
affect–dhibeessi
agent–iddoomaa
alias–maqbiroo
nickname–maqmasoo
arc–golboo
archive–haddarsa
arround–maddii
arrenge–qindeessi
array–warraantoo
argument–qajeelfama
arrow–xiyya
assign–ramadi
attach–miiltessi
asterisk–urjii
device–meeshaa
audio–dhageettii
auto–ofnaa
automate–ofumeessaa

 

 

oroict.com

Yaada qabdan maxxansa kana jalatti nuuf barreessaa

Tartiiba Hiikkaa Gugilii Afaan Oromoo – on Beta Version and Google Crowdsource

0
#AfaanOromoo Gugilii irratti tajaajila kennuu Eegale. Hiikkaan Afaan Oromoo gara Sadarkaa olaanu(Beta Translate) ce’eera. kanaanis Jechoota English galchinee Afaan Oromootti hiikee kan nutti agarsiisu yoo tahu, Jechoota hin jirre ammoo tilmaama itti dhiyaatu ykn isuma galchine baasuudhaan mirkaneessuu ykn fooyyeessuudhaaf carraa nuuf kan laatu taha.
 
#AfaanOromoo Giddugala Hiikkaa Afaanota Gurguddoo kan tahe App Guddicha Dhaabbata Gugilii #CroudSource irratti tjaajila hiikkaa kennuu jalqabe

Afaan Oromoo tarree Afaanota gurguddatanii hiriirsun hojii namoota muraasaa miti, ykn kan dhaabbata tokkoo miti. Dhimmichi Nama afaan kana haasayu hunda ilaallata. kanaafuu ni dandeenya yoo ta’e hiikkaa isaa irratti hirmaachuu, hin dandeenyu yoo ta’e kanneen hiikaman gulaaluu irratti hirmaachuu, kanaas hin dandeenyu yoo ta’e xiqqaatu waamicha akkanaa miidiyaalee hawaasa faayyadamnu irratti share taasisun nurra jiraata.

Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti hirmaachuuf: Tartiibaa asii gadii hordofaa:

  1. Google Chrome seenaa
  2. Email (Gmail) keessaniin Login godhaa
  3. liinkii kana seenaa, https://translate.google.com/ liinkii kana seenuf filannoo hedduu gargaaramu dandeessu. Fkn, liinkima kana irratti cuqaasuu ykn asirraa laalun saanduqa search keessatti barreessuu.
  4. Contribute kan jedhu seenaa (suuraa asii gadii ilaalaa)

4. Setting > Languages > Gadi bu’aa Oromo filadhaa 5. itti aansun Suuraa asii gadii qalbeeffadhaa

6. Bakka xiyyi agarsiisu ilaalun gara English – Oromo tti jijjiiraa 7. Bakka halluu magarisaan haguugame yoo tuqxan kanneen namootni biroo hiikan akka gulaaltaniif isin gaafata. isin kan sirrii ta’ee LIKE kennituuf, kan sirrii hin taane DISLIKE kennituuf. yoo hin beekne SKIP tuquun gara itti aanutti dabartu.

8. Bakka halluu cuqulisaan haguugame yoo tuqxan Himoota Afaan English isiniif fidaa, gara Afaan Oromootti akka hiiktan isin ajaja. ni dandeessu yoo ta’e irratti hirmaachun gahee keessan bahattu.

Suuraan olii kuni, kan namootni hiikan yogguu gulaaltudha

 

 Suuraan kun Himoota haaraya yogguu Afaan Oromootti hiiktu agarsiisa

Dabalata App Crowdsource irratti yeroo hojjannu 

 

    Crowdsource App Fooyyessi/Mirkaneessi

Hiikkaan Google Afaan Oromoo Faayidaa akkamii qaba? Faayidaan inni qabu hedduudha, isaan keessaa muraasa haa ilaalluu.

  • Tarree Afaanota Gurguddoo Addunyaa taa’a.
  • Afaan hojii Dhaabbilee Gudrguddoo Idil-Addunyaa tahuuf carraa argata.
  • Biyyoota hawaasni Afaan Oromoo dubbatu jiru hundattuu salphatti ittiin-tajaajiluu fi tajaajilamuun hojiirra oola. Akkasuma carraa hojii bal’aa uumufii danda’a.
  • Tajaajilootaa fi Oomishaalee Adda addaa salphatti Afaan Oromootiin akka oomishamaniifi raabsaman daandii saaqa.
  • Afaan Oromoo Afaan Miidiyaaleen gurguddoon dhimma itti bahan akka tahuuf shoora olaanaa taphata.
  • Odeeffannoolee/Barreeffamoota Afaanota Gurguddoo kamiinuu jiru namni barbaadu/hawaasni Afaan Oromoo dubbatu salphatti Afaan Oromootti jijjiiratee dhimma itta baha, akkasumas, barruulee/Odeeffannoolee Afaan Oromootiin bahan qaamni barbaadu kamuu yeroo/biyya barbaadetti Afaan fedheetti jijjiiratee dhimma itti-bahuuf gargaara.

 

  • Marsaaleen hawaasaa gurguddoon yeroo ammaa Addunyaa ganda tokko gochuuf hojjachaa jiran kan akka Feesbuukii, Tiwiitaraa, Telegiraamaa, Instaagiraamaa, LinkidIin, Yuutuubii, fi kkf..niif Afaanota hojii waan tahuuf Guddina Afaanichaatiif shoora olaanaa kaawuu bira darbee Aadaa, seenaa, duudhaa fi sirna Gadaa Oromoo bal’inaan ni beeksisa.

 

  • Afaan Oromoo hirmaannaa Qorannoo fi qo’annoo Idil-Addunyaa tahan, akkasumas Guddina Saayinsii fi Tekinoolojii isa yeroo ammaa addunyaa raasaa jiru keessatti hirmaachuuf carraa akka argatu gochuudhaan, Hawaasichi Afaanicha dubbatus Jijjiirama saffisaa Saayinsiif Tekinoolojiin Addunyaa uumaa jiru kana keessatti akka hirmaatuufi irraa fayyadamu, akkasumas akka waliin tarkaanfatu daandii kan saaquudha.

 

  • Walumatti yeroo takkaan Guddina Afaan Oromoo tarkaanfii hedduu gara fuulduratti butuu fi kkf isaan muraasadha.

 

 

 

 

 

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)