Home Maxxansituu Fuula 8

Seenaa Baay’ee Garaa Nama Nyaatu – Taphataa Kubbaa miilaa Imaanuel Eboyee

0

Dargaggoonni hedduun, keessattuu kanneen kubbaa miilaa jaalatan Emaanuel Eebooyee ni wallaalu jedhee hin yaadu. Eebooyen dhalataa Ardii Adeikaa lammii Kotdivuwaar yommuu ta’u biyya isaa dabalatee Primiyeer Liigii Ingiliz keessatti yeroo hedduuf garee jaalatamaa ta’e Arsanaalif waggoota hedduuf taphateera. Sana boodas gara Awrooppaa imaluun garee kubbaa miilaa Turkii Gaalaataasaraaayiif taphateera. Namni kuni anbaa ijoollee lamaati. Akkuma taphattoota biroo maallaqa ol’aanaa kanneen argatan keessaa isa tokko. Jireenyi isaa jireenya qananiiti ~ Manni inni keessa jiraatufi konkolaataan inni oofu kan gatiinsaanii qaalii ta’aniifi mimmiidhagoodha.

Har’a garuu Eebooyeen qabeenya qabu hunda sana keessaa ari’amee, harka qullaatti hafee eddoo ciisichaa dhabee al tokko tokko mana hiriyaa isaa lafarra akka ciisu dubbateera. Maashina uffataan miiccatu dhabuu isaatinis uffata isaa harkaan akka miiccatu akkasumas uummataan waliin geejjiba akka fayyadamu addeesseera. Har’arratti namni kaleessa durummaa isaatiin waan fedhe godhu danda’u suni harka duwwatti hafee deeggarsa eenyuyyuu fudhachuuf qophii ta’uu isaa dubbachaa jira.

Garuu Maalif?

Dubichi akkana ~ Eebooyeen akkuma biyyoota Afrikaa hunda keessaa carraa barnootaa nama argate hin turre. Galiinsaa baay’ee ol’aanaa haa ta’u malee maallaqa isaa akkamitti akka hogganu hin beeku ture. Maallaqa isaa kan too’attuufii akka feete tan gootu haadha manaa isaa turte (faranjii). Akka inni dubbatutti yeroo heddu haati manaa isaa kuni waraqaa garagaraa irratti isa mallatteessisifti. Innis mallatteessuu malee maali jedhee wanni inni ishee gaafatu hin jiru. Inni fayyaalummaafi kubbaa dirree keessa olii gadi ari’u malee mooqqaa duubaan ‘niitiin’ isaa itti diruudhaaf qopheeffachaa jirtu wanti inni beeku hin jiru. Wanti hundi kan ifa ta’eef yeroo jidduu isaaniitti lolli uumamee qabeenya isaa guutumana guututti, manas dabalatee, akka dhuunfattu manni murtii isheedhaaf murteesseettu ture.

Ofduuba deebi’ee waan dabre yeroo dubbatu, yeroo Garee Turkii Gaalaataasarayiif taphadhu yuuroo miiliyoona saddeet argadheen ture. Kana keessaa yuuroo miiliyoona torba maatii koof ( niitifi ilmaan isaatiif) akka erge dubbata. Yeroo hedduu ilmaan koo waliinis nan haasa’an ture. Amma garuu ilmaanuma kootinuu osoon wal hin dubisin ji’ootni heddu dabraniiru jedha Eebooyen. Sababuma kanaanis ammarratti Eebooyeen namarraa adda maqee, rakkatee, al toko tokkos lubbuu ofii balleessudhaaf akka yaadu gaafif deebii gaazexaa Ingiliizii Za Mirror jedhamu waliin gaggeesseeratti himeera. Taphataan kamiyyuu isarraa akka baratuufis dhaamsa akeekkachiisaa dhaameera. Balballi isaas deeggarsaaf banaa ta’uu isaa dubbatee Arsanaal osoo isa hojii kenneefii hojjachuudhaaf akka fedhii qabu dubbateera.

Waamicha isaa kanatti aansudhaan dinqisiifattoonni isaatis eddoo jiranii #YouarenotAloneEboe jechuudhaan akka isa cinaa dhaabbatanii deeggarsa barbaachisu godhaniif dubbachaa jiru. Waan hundaafuu, hundi keenyayyuu ( akka Isaatyi qarshii Miiliyoonota hedduun lakkaawwamu qabaachuu baannus) jireenya keenya keessatti seenaa kanarraa waan guddaa tokko barachuu qabna jedheen amana. Kan isarra gaye kuni bifaafi haala garagaraatiin eenyuma keenyarrayyuu gahuu danda’a. Waan tokko osoo namatti hin dhufin dura ‘ Pro Active’ ta’anii itti qophaawuun erga rakkoon ol’aanaan uumamee booda furuudhaaf caccabuu irra faaydaansaa guddaadha. Kanaafuu eddoo jirru hundatti, jireenya keessatti ofeeggannoo haa goonun dhaamsa kooti

Kanuma
Keenyas Oluma
#HawiAnole

Seenaa Jaalalaa

1

Seenaa Jaalalaa –  Oroliyaanaa Daani’eeliitiin

 


Eessaa akkan siif jalqabu ana rakkisa; Addunyaa kana irratti namni jaalalaaf jedhee murtoo murteesseen jaalala dhugaa dhabe ana tahuu hin oluu jedhen shakka. Leemmanee koo, jaalladhe akkan si hin dhabne beekta; garuu sii hubachuu dhiisuu kootu kana na godhe. Humna ol si jaallachuu kootu kana natti fide. Ati anaaf, qulqulluu akka bishaan talilaa turte; dhimbiibamtuu! Ani garuu, waanan si jaalladhuufan sin amanu ture. Waan ati keessa kee jaalalaaf jettee na dhokfattu natti fakkaata ture. Bareedduu koo, maal taha yeroo sana osoon jireenya keenya amane ta’ee, jaalalan sii jaalladhu sana keessa osoon jiraadhe ta’ee? Ani Digiriin eebbifameen magaalaa keessan keessatti qacaramee osoon hojjedhuun si bare. Ati immoo yeros, barattuu kutaa kudha tokkoo turte. Anaafi atis yeros wal barre.
Leemmoo koo, ati Namummaa koo jaallatte malee, homaa tokko akka ati anarra hin feene sirrittan beeka. Ta’us garuu jaalala kee shakkuu dhiisee hin beeku. Sababnisaa yeroo hiriyoonni kee si biraa cululuqanii, dhagaa cululuqaa (sirraammoo) fakkaatanii deeman, an baay’een siif isaanitti inaafa. Torban torbaniin rifeensa hojjechifatanii, urgoftuu jabanaa gosa garaagaraa ofitti dibanii, akka #’Kiliyoopatraa’ giiftii warra Gibxii durii sana qaama ittiin dhiqatanii firiqisaa yeroosaan sii walin yaa’an, an iddoo keen inaafa. Ofiikoonin ofitti gunguma “carraa maaliitu anatti ishee qabeen” jedha. Ofiif si barbaadaan, waan si barbaachisu keessa of barbaada. Leemmoo koo, siif bareedinni bareedina uumaa akka ta’e bareecheen beeka’ Hiriyoota kee akka nama beeksisa Koosmotikisii hojjetuutti guyyaa guyyaatti urgoftuu ofitti firfirsan sana caalaa bareedduu akka ati taate sirriittan beeka. Anatti qofaa osoo hin taane eenyuttiyyuu dhugaan kun fagootti ifee mul’atta. bilchinni yaada keetii umurii kee ol tahuu jechoota afaan nama qaheelaarra ba’an kan ati yeroo mara dubbattu sanarraa dhugeeffadheera. Ati anaan ana caalaa beekta. Ana caalaa naaf yaadda; hiriiyonni kee, akka uffata guyyaa guyyaan gegedderan sanaatti, yeroosaan jaalallee jijijjiranii bashannanii, waan fedhan akka fedhanitti yeroo argatan sana garuu, anaan “qalbiin koo yoom isheef akkas goota?” jedhe na ceephaa. Ceepha’ees nan dhiisu; naaf ta’uu kee akkan shakku na godha. Leemmookoo, ni beekta mindaa koo! Maqaafaan digiriidhaan eebbifamee muuxannoo qabadhee mana mootumma keessa gosophaa’a oola malee waanan buufadhe tokkoyyuu hin jiru. Isayyuu kan na biraa hojii dhabes kumaatama. Miindaa koo keessaa harkaa 30-40 qofaan fudhadha malee, inni kaan deebi’ee bakka isatti gala. Gaaf gaaf yeroon yaadu, biyya kana anaaf warrota ana fakkaatan qofatu, dijiitii guddinashee kudha tokkoon (11) fiigsisa. Kudha tokkoottis fiigsisa, jedheen yaada. Sababnisaammoo, Abbootii taayitaaf kan barcumaa nutu kaffala. Durgoon isaanii miinda keenya irraa dhibbantaan cita. Murtii dabaa akka isaan natti murteessanifan leenjiif walgahii garaagaraatti narraa isa citeenan isaan erga. Xumuramuu baatus, isa ‘#Abbaayiin‘ ittiin hidhsmaa jirus,dhibbantaan miindaakoorraa kutu. Sababoota kana da’eeffadheen guyya tokko kophee tokko illee siif bitee hin beeku. Waan xixinnoo shamarraniif barbaachisan illee sii guutuuf yeroon yaalu, akkaataa ati itti ana amansiiftee ana dhorkitu sana amma yeroon yaadadhu baayyee na dinqa “ ammati miindaan kee kun mindaa ta’ee jennaanii, kan ati anaaf dhiphattu? Dhiisi anaaf yaadikee inni qulqulluun sun qoftuu naa gaha” jettee morma koo jala “xambas” gootee na dhungatta. Silaa akkan dhungannaa keen addunyaa kana irraa godaanu beekta. “Kaaffee tokko teenyee haasofna!” yoon siin jedhe illee akka nama wayitti haajamee, “lakki hin ta’u; daandiirra deemaa haasofna; qillensa kana fudhachaa jaalala keenya haaressina” jettee harka kee harka koo keessa galchitee, akka misirroowwaniitti karaa Asfaaltii dheera sana irra na fudhattee imalta. sagalee kee keessaa muuziqaa malee gurra nama qirqidu sanaan “Boonaa koo kan kaaffee hin teenyeef waan biraaf sitti hin fakkaatin, akkas akka garaa koo sii waalin tahuuf jedheni malee” jettee dubbi gara dabrsita. …ati garuu baasii irraa ana baraaruuf akkas goota turte (ogeettiikoo).
Ani immoo egaa yeros yeroon haalotakee isa reef natti argamu kana ilaalu, utuman si jaalladhuun, si amanuu dadhaba. Xiinsammun kee, akka biyyaa siif ta’uu dadhabuukoof waan midhamuu natti fakkateen yaadda’a. Sammuu kootu, “jaalallee keetiim isheen. Isheen afaanii baaftee yoo “kana naaf godhi” jettee sii gaafachu didde, humnaan hin gootuufi ati rakkataa wayii!” nan jedhee na himata.
Leemmoo koo, Sii caalaa xinsammu koon geggeeffameen, si dhiisee biyya Ambaa deemee hojjechuf murtesse. Byya koo keessatti baradhee ergaan gatii dhamaatii koo hin argannee ta’ee jedheen biyya faranjiitti namaaf garba tahuuf murtesse. Jaalala keenya waggaa tokko karraatti kuteen si biraa godaane. Yoon sitti hime ana dhorkita jedhee waanan yaadda’eef dhaamsa siif kaaheen, qarshii muraasa kadhaa karaa hin caalleen argadheen biyya ba’e. (silaa namni biyya ofii keessatti hojjedhu naman jedhee maallaqa nama hin gargaarre, biyyaa sii baasuuf hin dhabu)
Tahuus egaa carraa ta’ee biyyi Ambaas akkan yaadetti naaf hin taane. Jireenyi gingilchaatti bishaan warabuu natti tahe. Ittan naqa naaf hin guutu; yaaliin achi taa’e si argachuuf godhes tasa naaf hin milkoofne. Ati edaa biyyaa bahuu koon onneen kee cabee, sammuun kee miidhamee qormata biyyaleessa kutaa kudha lamaa kuftee akka heerumte kanan dhagahe ergan waggaa booda biyyatti deebi’e ture.
Qaamaan miti, bilbilaan illee si arguuf yaalin godhe homaa naaf hin milkoofne. Lemmanee koo, yeroo mara qalbiin koo si bira jira. Kanan deeme jaalalaaf ture. Borii keenya fooyyessuuf, of jijjiruuf, humna ol si jaallachuun koo akkan keessa kee hin amanne na taasisuun, na jalaa midhamta na yaachisee goddannisa barabaraa jireenya kee irratti chaappesse. Maallaqaanin jaalala keenya jabeessa jedheen akka lafaa kahuu hin dandeenyetti unkuttesseen onnee kee dhiiga qulqulluu qofa hin raabsine, isa jaalala qulqulluus dhiigatti dabalee facaasu sana magalaa volkaanoon dhaane godhe.
Dur yeroo ana hammattu qaamni kee natti rigate sun akka haqata Xirinyii natti urgaa’ee nagaa ana dhoowwata. Hidhiin kee an gurshadhe sun, hidhii koo irratti hafee yeroo maran dhandhama. Gartokkeen qaama kee ana bira jiru, yoomuu akka nagaa anaaf hin keennines nan amana.
Silaas, anatoo jaalalaaf jedhee si Miidhehooti, atii giiftiin jaalalaa, kan yeroo mara jaalala faacaftu, akka taates bareeche beeka. Ammas kan kanaan duraa caalaa, beekuurra darbee nan amana; jiruu gaarii jiraadhu Leemmanee koo.
.
Sin jaalladha.
.
Yaa dubbiftoota Jaalalaan jaamtanii Onnee nama Jaallattanii dubbisuu dhiisuu isin yaa baraaru, Jaalalli wal hubachuudha.

Waa’ee Oromoota Goojjam Beektuu Laata – B/Aadaaf Turizimii Oromiyaatiin

0

Waa’ee Oromoota Goojjam kana beektuu laataa?

Yeroo ammaa Lafti Goojjaam jedhamee waamamu dur durii irra jireessaan Oromootatu irra qubatee jira. Yeroo booda garuu, dhiibbaa mootota adda addaatiin saboonni adda addaa gara kana dhufanii akka qabatan godhameera.

Oromoonni Goojjaam keessa jiraataa turan Oromoota Maccaafi Tuulamaati. Kibbaafi Lixa Goojjaamii kaasee hanga Haroo Xaanaa ga’utti Oromoon Maccaa kan qubate yoo ta’u (naannoo Agawu irraa kan hafe ) gara Bahaatti immoo irra jireessaan Oromoo Tuulamaatu irra jiraata.

Goojjaam gara Kibbaa hanga Haroo Xaanaa ga’utti kan qubatan gosa Oromoo Jaawwii yoo ta’an isaanis Jahan Jaawwii jedhamu.

Jahan Jaawwii kunneen hanga Suudaaniifi Goonder keessa hanga lafa Farxaa Danbiyaafi Fogaraa jedhamutti qubatanii jiru.Gara Kibba Bahaan immoo biyya Daamoot jedhamee beekamu keessa hanga Lumaamee, Dambalaa, Jijigaafi darbees hanga Maccaa ykn lafa Haroo Xaanaa ga’utti qubatanii jiraatu.

Oromoon gosa Tuulamaa immoo Goojjaam gara Bahaa Diimaa, Bichanaafi Mooxaa keessa hanga Gondor Walaqaafi Warrootaa ga’utti Oromoota Maccaa waliin walcina akka qubatan himama. Kanaas Afoolli maanguddootaafi maqaaleen lafaafi gosoota naannoo san qubatanii ni ibsa.

Kanaaf Goondor keessatti maanguddoonni yoo mammaakan “Kan Oromoorraa hindhalanne Tumtuu qofa” jedhu. Aadaa Oromoo keessatti naannoo wan Seera Gadaatiin buluu dhiisanii seera cabsan (morman) gosa tumtuu waan jedhamaniif akka Oromoodhaan walhinfuuneefi addaan fagaatan taasifama.

Oromoonni Goojjaam keessa jiraatan Kun kophaatti ofgurmeessuun garee Afreefi Sadachaan naannoo yeroo ammaa jiraatan: Buree, Wambaaraa, Yilmaafi Dheensaa(Kuttaayee Liban) Daamoot keessatti hammeenya mootummaa Goonderiin isaan irratti godhamaa ture rukutaa turan.

Dhawaata dhawaataan garuu firoomuufi soddoomuu mootummaa Goonderiin walqabatee Aadaa Oromoo kanta’e Sirna Gadaa dhiisuun akkuma Oromoota Daamootaa isaanis mootummaa ofii ijaaruu qaban. Mootonni Goojjaam keessatti beekamaa dhufanis Oromootumma naannoo san qubataniidha.

Qaccee Mootota Goojjaam
Mootii Bakaafaa
Walatta Israa’eel
Oromoo Daamootaa
Gammachuu/Abiddoo
Abeebee
Yosoodeeq ———————-+—————–Walatta
Israa’eel
Raas Hayiluu 1ffaa
Goshuu
Raas Tasammaa
Raas Aadaal (Nugus Takla Haymaanot )
Raas Hayiluu 2ffaa

Qaccee mootota Goojjaam kana yoo’ilaalle dhalootaan mootota Goondariin walitti haamakaman malee humana oromootaan Mootota Goondar ta’uun akka sochoo’aa turan seenaa iraa kan huubatamuudha.

Mootii beekamaan Bakaafaanis Goojjam Diimaa iddoo Yibabaa jedhamutti akka dhalateefi bakka haadha isaa Oromoo Tuulamaa akka ture seenaan ni addeessa. Intalli Mootii Bakaafaa Walatta Israa’eel kan jedhamtu, Yoosoodeeqitti heerumuun Raashayiluu 1ffaa deesse. Intalli Raas Hayiluu 1ffaa Dinqnesh kan jedhamtu Zawudeetti heerumtee Goshuu deesse.

Goshuun immoo Raas Tasammaa godhate. Raas tasammaan immoo Raas Adaal(Nugus Takla Haymaanot) godhate. Raasa Adal irraa kandhalate mootiin Goojjaam kan dhumaa mootiin Goojjam kan dhumaa Raas Hayiluu 2ffaa kan jedhamuudha. Kunis Mootonni Goojjaamifi Goondor dhaloonni isaanii ammam Oromoodhaan akka walitti makame agarsiisa.

Alaqaa Atsemeen seenaa Oromoo akka hintaaneen barreessanis Oromoota Goojjaamiin ilaalchisee yoo’ibsu “Mootonniifi Masaafintoonni Goojjaam Oromoota Amuruuti” jedhee barreessee ture. Kanarraa ka’uun Goojjaamonni harra nuti Oromoodha jechuu yoobaatanillee biyyiifi lafti Oromoo amma illee moggaasa Oromootiin kan waamamaniidha.

Barreessaan Bahiruu Taafilaa jedhamu gara biraatiin Abbaa biyyaa Goojjam kan ture Yoosoodeeq intala Mootii Goondor waanfuudhaniif Oromoonni Gojjam gartokkoon akka mootummaa Gondoritti makaman ibseera. Gojjam gara Bahaa hanga Jaarraa 19ffaatti duraan “Mangista Samaayaat” jedhamee waamamuun beekama.

Jaarraa 17ffaa iraa kaasee naannoo kana kan bulchaa kanturan Oromoota akka turan seenaan dubbata.

Barreessaan Jams Bruce jedhamu akka ibsetti “yeroon ani Gondor ture namni beekamaan Daamoot Dajjazmaach Warenyaafi ilma isaanii Faasil kan jedhamuudha” jechuun jabeessee barreesse.

Dabalataanis Jams Bruce akka gabaasetti “Faasil Sanyii isaa gaafadhee akka naafhimetti abbaan isaanii akka Oromoo Maccaa ta’aniidha” jechuun ifa godha. Malkaa Abbayyaa cee’uun firoota isaanii Gindabarat keessa jiraataniin akka walitti dhufaniifi isaaniinis akka walbaran barreessaan kun ifa godhaniiru.

Walitti dhufeenyi Goojjamootaafi Oromoota Gindabarat, akkasumas mootota Goondor waliin ture kun yeroo rakkoon Goojjamitti cime Oromoonni firoottan isaanii Gindabaratiifi Horroo keessa jiranitti akka baqataaniif carraa gaarii uumee akka ture ni himama.

Kunis Oromoota malkaa Abbayyaa gara gadii turaniifi Oromoota Goojjaam keessa jiraatan gidduutti bara dheeraaf hariiroo gaarii akka uume huubachuun ni danda’ama. Keessattu Oromoota Horroo Guduruu waliin irra caalaa akka maatiitti waliif tumsaa akka turan ni himama.

Walumaa galatti Oromoon Booranaa gara kaabaa kun sirna bulchiinsa sanyiin dhaalamu, Islaamummaafi Oromummaan hundeessuun maqaa Muhammadoochii jedhamuun hanga bara 1916tti turaniiru.

Mootummaan warra Heebanoo Oromoo Walloo qindeessuun weerara warra Goondarootaa qixaan ofirraa dhorkaa turaniiru. Warra yejjuufis deeggarsa guddaa kennaa turaniiru. Garuu akka warra Yejjuu Habashoota aangoorraa ari’anii sirna bulchiinsa ofii jabeessuu irratti hagas cimoo miti. Irra Caalaa mootummaa giddugaleessa qabatanii Itiyoophiyaa bulchiinsa Oromoo gochuuf qabsoo qixxifachiisa kan godhan Yejjoota.

Yejjoonni Sirna bulchiinsa Kiristaanummaan ofgurmeessanii Sanyii bulchinsa Warra Seeh Yookaan Warra Sheek sochoo’aa turan.


Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa
Muddee 10/2010
Finfinnee

Xalayaa Jaalalaa – Xalayaa nama Boochisu

4

KUTAAN DHUMAA KUN YOO ISIN HIN BOOCHISIN DHUGUMA GARAA JABAATTU ISIN
Maqaan koo abdii jedhama biyya sweden jiraadha 

Wanta nama aja’ibu yeroo hundumaa kan waa naaf fidee dhufu isheedha ani guyya takka dogogore waa isheedhaf qabadhe dhufee hin beeku ani yeroo hundumaa yoom ishee arga yoo arge akkamitti wajjiin taphata oola isa jedhu qofa yaada malee akka ishee kanatti kennaa isiidhaaf qabadhe dema jedhe yaade hin beeku

Kanaafuu guyya san ayyaanas waan taheef nu lamaanuu baay’ee gammachuu guddaa qabna eddoon nuti teenne sunis margaa magariisa fi bishaan lagaa akkasuma gaaddisa bareedaa ture anu muka gaaddisa qabu jalatti erkadhee luka kiyya diriirsee taa’a isheen ammo qaama isheetiin lafa ciiftee mataa isheetiin luka kiyya gubbaa ciistee fuulan ol garagaltee ija koo keessa na laalaa na wajjiin haasawuu itti fufte

Haga yeroo kanaatti nu lamaanuu jaalala hiriyyumma wal jaalanna malee jaalala biraa keessa hin seenne umriin keennas baay’ee xiqqa waan taheef nuti waanuma horii waliin tiiysinuuf akasuma waan isheen waan guddaa anaaf gooteef onneen kee leensaa leensaa na jedha

Haaluma kana keessa osoo jirru ijoollummaa keenya wajjiin waan sadarkaa ijoollummaatti haasahamuu qabu hunda taphane haasaya turre yeroo toko ol jettee boqoo kiyya gubba na dhungatte anis qabee dhungadheen

[Gocha san yoo har’a taa’ee yaadu yeroo sanatti ijoollumma waan qabnuuf jaalala waliif ibsuu dadhabne malee nu lamaanuu jaalaluma guddaa keessa akka seenne natti mul’ata]

Egaa akkasumatti osoo taphannu jaalala qulqulluu tan dhoksaa hin qabne waliif kennine qalbii ijoollummaatiin waan dubbachuu qabnu oso hin saalfatin osoo hin sodaatin walitti dubbataa turre

Yeroo isheen mataa isheetiin luka koo gubba ciiftee fuulaan natti ol garagalte nati haasoftu san har’allee nan yaadadha harka kootiin laphee ishee bakka harmaa san qaqabee ati harma hin qabduu? Jedhee gaafadhe isheenis sodaa tokko malee ani harma hin baafne garuu osoo naa bahe hin jaladha naan jette yeroo kana uffata ishee irraa achi qabe qaama ishee qullaa bakka harmaa saniin gadi jedhee bakka harma ishee san laale ati harma hin qabdu dadafii harma naa baasi jedheen isheenis aniyyu hin barbaada dadafee sii baasa naan jette

Yeroo kana nu lamaanuu karamela yokin mi’ooftuu afaan keessa qabna ture ani gadi jedhee karameella afaan koo keessa jiru afaan kootiin afaan ishee keessa kaahee kan afaan ishee keessa jiru ammo keessa fudhadhe “OOHH”

Yeroo dheeraaf osoo akkas goonu karameella afaan keessa fixanne yeroonis baay’ee nutti galgalaahe waan jiruuf amma kaanee haa gallu naan jette ani osoo achi bulee bineensi achitti nu nyaatelle waan hunduma irranfadhe ture

Sana booda nuti ijoolle baadiyaa waan taaneef warri keenna yeroodhaan mana barumsaa nu hin seensisne kanaafuu tole amma kara manaa galla garuu anaafi ati yoom mana barumsaa seenna ijoolleen ollaa keenna hundinuu mana barumsa seenanii jiru jedhee ishee gaafadhe isheenis anis osoo mana barumsa na seensisani ni barbaada naan jette kanaafu amma akka manati galteen barumsa na seensisaa jedhii gaafadhu anis warra koo galee gaafadha jedheenii haga mana isaanii geeggeseenii gargar baane

Galgala sana qalbiin koo akka nama bishaan qorra dhiqateetti na qabbanoofti maal akka tahe uf wallaale baay’ee keessi koo na gammada ture gammachuu saniin osoo homaa hin nyaatin rafee bule ganama yeroo lafaa ka’u obboleessi koo guddaan kan magaalatti barumsa baratu ni dhufe anis obboleessa kootiin abbaan koo mana barumsa aka na galchuu qabu naaf gaafadhu jedheeni obboleessi koos nama barate waan taheef akka ani baradhu barbaada kanaaf abbaa koo naaf amansiise yeroo san barumsi banamuuf yero muraasatu hafe anis baay’ee gammade guyyaa sana manuma oole

Guyya itti aanu horii koo oofe akkuma baratame bakka horii itti tiksu geesse ija kootiin leensaa barbaaduu jalqabe leensaan ana dursitee achiti argamte yeroon ani naanno isheen jirtuti dhihaadhu fagoodhaa na ilaaltee abdiiiiiii jettee natti lallabdee abbaan koo mana barumsaa seeni naan jedhe jettee natti iyyaa karakoo natti as fiigde anis gammachuu of wallaalee anaanis barumsa seeni naan jedhan jedhee itti lallabee walitti fiigne wayta wal bira geennu walitti maramnee wal hammannee bakka qara waliin teennu geenne

Guyyaa kana garuu wanta hin yaadamintu nu qunname

Muka gaaddisa qabu baka bareeda teenne haasaya taphata osoo jirru horii warra leensaa keessa sangaan tokko fiiga dhufe horii keenna keessa sa’a wahii gubbaa koree akkuma beekkamu horiin lamaan wal qunnamtii saalaa yeroo gudhu anaa fi leensaan ija keessa wal laalle walitti kolfinee deem irraa dhooggi naan jette

Anis irraa hin dhooggu dhiisi nuuf haa dhaltuu jedheen ammas natti kolfitee narra gadi ciifte yeroo san irraa jalqabnee akkataa horiin itti dhalu fi akkata namni itti dhalu wal gaafataa turre osomaan waan akkasii haasofnuu haasawa keenna keessa anaa fi leensaanis waan kana aka yaaluu qabnu walii galle

Garuu maalumma isaa hin beeknu hagam aka nama gamachiisus hin beeknu isheenis aka ishee miidhu hin beektu turte haa tahu garuu bakkuma teennu sanitti nu lamaanuu haga ijoollummaa keennaan waan ijoolleen waggaa 9 fi 8 dalaydu dalayne kana jechuun kiyya yeroo saniif himni keenna waan hin gahiniif homaa wal godhuu hin dandenne garuu akkaata itti godhamuu fi waan tahuu qabnu hunda taane jirra

Egaa guyyaa kana kan ani xiqqo ufitti beeku eega akkas goone booda jaalala dhuga wanni jedhu wahii onne too na sochoose ilaalcha jaalala akka isiif qabaadhu na godhe guyya sanas haala saniin dabarsinee galgalofnaan manati galle

Guyya itti aanus deebine wal agarre garuu waan kaleessa goone san yaadanne nu lamanu amma wal saalfachuu jalqabne haa tahu garu waluma bira teenne waliin hasoyna osomaa haala kanaan jirru ji’a 1 booda mana barumsa seenne mana barumsatis waliin oolla waliin galla jaalali keenna cimaa dhufee ani barataa cimaa waan tureef kutaa tokko ji’a 6 qofa baradhe kuta 2tti tare gaafa wagga ani kuta 3 isheen kuta lama turte ani amas kuta 3ffa keesa ji’a 6 qofa baradhe kuta afuriti tare gafa waga amas kuta 5ffatti tare yero kana ani ka galgala isheen ka ganama barachuu waan hedduuf carraan waan gargar nu baasa jiruuf mee guyya toko wal agarre haasofna jenne wal beellamne yeroo wal beellamnu hunda bakka horii itti tiiysinu saniti male wal hin beellamnu kanafuu oso barumsi hin jalqabin baka duraan horii itti tiksinu sanitti walhaa tahu garu jenne achumati wal agarre

Egaa amma nu lamaanu gugurdanne jirra jaalali maal akka tahes barree jirra yeroon addaan nu baasa jira nuti wal jaalanna akkam taana jenne wal gaafanne homa rakko hin qabu barumsa jabadhu baradhu ati barata cimadha guyya barumsi hin jirre wal agarra guyya kaanis dabrinee dabrinee wal agarra naan jette osoma qalbiin ko na rifattu tole jedheen

Garuu waa si gaafadhu naan jette ee jedheen na jaalattaa? Naan jette anis rifadhee deebii osoo hin deebisiniif ufitti qabeenii hammadheenii dhungadheen isheenis ammas irra deebitee ol jette na laaltee na jaalatta? Naan jette anis eee si jaaladha jedheenii ammas ufiiti qabee dhungadheen achumaan nu lamaanuu wal dhungachuu jalqabne osmaa lafarra wal rirignu waan biraa keessa seenne yeroo dheeraaf osoo wal rirignu turre dhumarratti waan hundumaa wal goonee wanti tahe tahe “OOHHH”

Egaa kana booda nu lamaanu wal qabannee walitti boonne akka namni nu hin dhageenne jenne wal amansiifne itti aansinee wal fuuna jenne waadaa waliif galle

Waadaa keenna waliin wagga 5 eega turre booda ani naanno biraa deemee barachuu waan qabuuf dirqama ammas gargar bahuun nu qunname ammas irratti mari’anne waadaa waan qabnuuf ani kara magaalaa deeme barumsa eegale ji’a kesati yero 1 gara badiya dhufe laalani ture haaluma kanan oso jirru ani barata cimaa waan tureef wagga muraasa booda ani scholarships biyya sweden argadhe

Egaa biyya sweden deemuu kiyyaan duratti leensa waliin mari’annee warrattis himuu qabna kanaafu gaa’ela godhannee si biraa deema haga waggaa 7 ani biyya sweden keessa waan turuuf na eeguu qabda jennee walii galle booda garuu yeroo warri ishee dhagahe inni waan waggaa 7 turuuf hireen kee baduu hin qabu jedhaniinii gaa’ila nuuf godhu didan

Jaarsota biyyas itti erginee gaa’ila hin goonu nuun jedhani nu didanii kadhaa baay’ee booda gaa’ila hin goonu garuu siif kennine jedhanii waada naaf galan

Egaa carra biraa waan hin qabneef anaaf leensaan wal mari’anne wanni guddaan anaaf ati wal amanudha ani yo warri ko nama biraaf na kennanis uf ajjeesa malee hin heerumu naan jette anis si male hin fuudhu yoo si dhabeyyu umrii kiyya guutuu osoo hin fuudhin jiraadha jedheeni walitti boonne waada isa dhuma waliif seenne guyyaan deemsa kiyya waan gaheef imimmaan osoo hin tahin dhiiga walitti boonne wal geegessine

Ani amma kan jiraadhu biyya sweden magaala Stockholm keessa kanaafuu eega biyya kana dhufe booda wagga 3 wayta gahu warri leensaa nama biraatiif kennuuf akka tahe dhagahe leensaaf bilbilee yeroo gafadhu ee dhugaadha nama biratif si kennina naan jedha jiranii naan jette

Obboleessi leensaa baay’ee nama hamaa waan taheef inni kan gaafa isheen horii kiyya gadi naa dhiifnaan ishee tume hark cabseen san waan taheef leensaan baay’ee sodaatti yoo ati nama nu itti si kennine kana didde si ajjeesa naan jedhaa jira jette bilbilaan natti himte

Onneen koo dhiphate rifadhe bakka seenu wallaale guyyaan natti halkanaa’e maraachuu malee homaa naaf hin hafne guyya itti aanus bilbileefi leensaa maal godhu qabna jedhe gafadhe ishenis ani si malee jirachu hin dandahu yo warri kiyya didan obboleessi ko na ajjesu irra ani akkuma waada siif gale uf ajjeesa naan jette bilbila narati cufte

Guyyaa sanii kaase sagalee leensaa osoi hin dhagahin wagga 1 guutu ture maatii kiyyas yoo gaafadhu ufii cidha isheetis hin agarre isheellee naanno kanatti hin agarre ima naan jedhan edaa leensaan koo guyya bilbila nati cufte san irraa kaaste baddee biyyaa baate jirti

Haa tahu garuu anis obsuu dadhabe namoota osoo gaafachiisu naanno keenna irra kilometira500 fagate magala argamtu wahii keessatti wagga tokko dura akka uf ajjeeste dhagahe uuuuuuuuuu nan gubadhekaa

Ani kana booda wanta isiniin jedhu hin qabu carraan kiyya kun isin hin qunnamin isiniin jedha

Leensaan too dhuguma na jaalatti waadaa anaaf seentes guuttee jirti anis yoo si dhabe nama biraa hin fuudhu jedheenii waada isiif seene ture amma garuu eega wanni kun raawwatamee wagga 6 gahee jira anis haga amma waadaa koo eegee leensaa koo yaadaa kophaa koo jiraataa jira

Mee isin hoo maal naan jettan yaa lammii koo jiruun kophaa kun natti ulfaatte maatiin kootis fuute ilma kee oso hin argin du’uu hin qabnu naan jedha jiranii mee akkam yoon godhe naaf wayya ????

 


Maddi: Xalayaa jaalalaa

Jechoota Gootota Hayyoota Oromoo

0

Jechoota Gootota Hayyoota Oromoo


  1. “Gabrummaa hiddaan buqqifnaa dadhanu ilmaan itti guddifna.”J/Waaqoo Guutuu
  2. “Nuti Oromodha, kan lolluufis Ummataafi biyya Oromiyaatifi males, is in jalatti gabroomnee biyya isiniif kennuuf miti” Mayraa(Muhammad Zaakir)
    3.”Dhiigni kiyya mirga ummata Oromootiif Kan dhangala’u waan ta’eef, dhhiiga gatii malee jigee miti.”Maammoo Muzammir.
    4.”Nama diina jala deemu irra loon afaan hin beekne, diimaa akka farda kiyyaa wayya” Abdaa Huseen sheekuu
    5.”Wanti ummata keenyaaf nuti hojjanne akka bofa walakkaan qaama isaa garaa namaa lixee, yoo harkisan ni cita, yoo gadi dhiisan ni lixa, lixullee summii harcaasuu hin oolu” Haylamaariyam Gammadaa.
  3. “Jeedala ta’ee waggaa(100) jiraachuu mannaa Leenca ta’ee Aadee(Baroodee) guyyaa tokko jiraadhee du’uu naaf wayya” J/Huseen Bunee Daraaraa.
    7″ Meeshaan waraanaa keessan Kutannoo Onnee tiyyaa hin caalu” J/Waaqoo Guutuu.
    8.”Hadaamii Qottoo osoo hin taane damee isheettu jiksa; Nutillee diinota Kenya barbadeessuuf of duratti tarkaanfachuu males of duubatti deebi’uu hin qabnu”B/J/Taaddasaa Birruu”
    9.”Humni guddaan diina ittiin ofirraa qolannu Qawwee osoo hin taane tokkummaadha.” KO.H/Aadam Jiloo
    10.”Akkanumaan dhamaatu malee Ana rasaasni keessan nan ajjeesu” Agarii Tulluu
    11.”Tan afaanii nu baate garaatti deeffanne” jedhe H/Aadam saaddoo waraqaa iccitii siyaasa Oromoo qabdu liqimsee.
    12 ” Gabrummaa irra duuti bilisummaadha” Elemoo Qilxuu.
    13.Finfinneen Handhuura Oromiyaati, Addis ababaan Godaannis gabrummaati” Jaafar Alii
  4. “Fakkaatanii buluu mannaa fagaatanii buluu wayya” SheekBakrii Saaphalloo.
    15 “Lubbuutu bad a males maqaafi seenaan hin badu” J/Taaddasaa Birruu.
  5. A.”Bilisa ta’ee dhaladhe, bilisa ta’ee jiraachuu dadhabus bilisummaa kiyyaaf qabsaawuu irraa humni tokkos man dhoowwu”
    B. “Lubbuu ilma namaa ajjeesuufi qabeenyas saamuun ni danda’ama, garuu kaayyoo, beekumsaafi sammuu namaa ajjeesuufi hatuunis hin danda’amu”
    C “Namni yoo waa fudhate gammada, ani garuu yoo waa kenne gammada”
    Gooticha ABBAA Qabeenya Oromoo Dinquu Dayyaas.
  6. “Beekaa irra kunne malee, seenaan hiyyeessan qabu”Artist Dr.kab/Alii Birraa.

 



Maddi: Kitaaba Qabsoo Ummata Oromoo Fincila Baalee
Amaan Nashaa Huseeniin

Dhibee ka’uu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa

0

DHIIROTA QOFAAF — Dhibee ka’uu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa


Qaamni saalaa dhiiraa kan dhaabbatu yoo hormooniin
sammuu keessaa gadi lakkifamee ujummoolee dhiigaa qaama
saalaa dhiiraa keessatti argaman dhiigaan guutuudhaan dhiibbaa uumudha. Haalli kamillee kan kana dangeessu, qaamni
saalaa dhiiraa dhaabbatee walqunnaamtii akka hin raawwanne
dhorka, osoo fedhii qabuu jechuudha. Yoo fedhii hin qabaanne
garuu inni kan biraati malee dhukkuba kanaan walqabachuu dhiisuu danda’a .
Dhibeen kun akkuma umuriin dabaleen dabalaa deema. Giddu galeessaan dhiirota waggaa 40 keessaa 5% yoo hubu, warreen
waggaa 70 ga’an keessaa ammoo haga 15% hubuu danda’a.
Dhibee kana kanneen namatti fidan keessaa.
1. Rakkoo xiinsammuu (psychological problems). Kun yeroo hedduu
namoota saalqunnaamtii waliin walqabatee miidhama, sodaaa fi kkf
qaban.
2. Dhukkuba sukkaaraa
3. Tamboo xuuxuu
4. Dhukkuba narvii
5. Qorichoota adoochan kan akka hashiishii fi kkf.
6. Qorichoota dhukkuba biraa yaaluuf ajajaman kan akka,
antihypertensive, antihistamine, antidepressants, etc.
7. Depression ( among psychiatric problem) fi kanneen biroon illee
in jiran.

Furmaanni rakkoo kanaa yeroo ammaa qorichoonni garaagaraa jiraatanis yeroo baay’ee sildenafil (viagra) akka ballinaan
fayidaarra oolaa jiru beekamaadha. Qoricha kana ajaja ogeessaa fayyaatiin qofa fayyadamna. Midhaawwan cinaa
qorichi kun qabu keessaa; mataa dhukkubbii, gadteessisuu, garaacha dhukkubsuu, oldeebisuu.
fi kkf.
GALATOOMAA.

FUNUUNA ykn DHIIGUU FUNYAANII ( nasal bleeding) AKKAMIIN DHAABUU QABNAA?

0

FUNUUNA ykn DHIIGUU FUNYAANII ( nasal bleeding) AKKAMIIN
DHAABUU QABNAA? YEROO BAAY’EE MALIRRAA KA’AA? – – DR GURMEESSAA


  1. Funyaan keenya quba gudaa fi quba elemtuu gidduutti jabeessinee qabachuudhaan gara lafee jalatti argamuutti gadi
    dhiibuu.


2. Gara fuulduraatti xiqqoo gadi jechuu. Gara dudduubaatti jechuun dhiigni akka ujummoo nyaataa ykn ujummoo qilleensaa seenu
taasisa malee dhiiga dhaabuuf hin gargaaru.


3. Gadi ciisuu dhiisuu. Funyaan keenyaa waan dhiigaa jiruuf sadarkaa onnee olitti ( above heart level ) eeguu qabna. Kanaaf
gadi ciisuu dhiifnee taa’uu ykn yoo dadhabne ammo mataa keenya ol qabannee ( 30 to 40 degree above horizontal) ciisuu.


4. Bishaan baay’ee dildllaa’aa ( cabbii yoo arganne gaariidha) fuula fi funyaan keenya irratti naquu. Kunis ujummooleen dhiigaa
xixiqqoon akka kottoonfatan waan gargaaruuf.


MAALIRRAA KA’AA?


Funyaan hiddoota dhiigaa qaqalloo fi baay’ee gara alaatti dhuyaatanii jiran qaba. Kanaafa qaamota kanneen biroo irra
dhiiguuf saaxilamaadha. Yeroo baay’ee kan dhiigu sababa goggoguu keessa funyaaniiti. keessumaa waqtii bonaa yeroo
qilleensi gogaan jiru. Erga keessi funyaan keenyaa gogee booda harki keenya yoo xiqqoof itti bu’e (fakkeenyaaf yoo fuula dhiqannu),
keessaa isaa yoo tuttuqne fi kkf salphumatti dhiiga. Dhiigni sababa kanaan dhiigu salphumatti akka armaan olitti ibsametti dhaababata.
Kana irra darbee baay’ee dhiiga taanaan rakkoo biraa kan qaama keessaa ta’uu waan danda’uuf mana yaalaa deemtanii ilaalamuu
qabdu.

 


GALATOOMAA!

Dr Gurmeessaa

BILBILAA HARKAA FI MIDHAA INNI QABU (Smart phone is killing you slowly)

2
BILBILAA HARKAA FI MIDHAA INNI QABU (Smart phone is killing you slowly) Via: Dr. Yona


Bilbilli harkaa(mobile) jireenya keenya guyyaa guyyaa kessatti heddu barbachisaa ta’uurra kan ka’e yeroo amma kana daqiiqaa tokkoof of bira dhabuun namoota hedduuf ulfaataa akka ta’e hundi keenyaa beekna. Kanaaf ka Mata duree barreeffama kana ilaalee qofa namni natti dheekkamu hin dhabamu; maali bilbilli harkaa(mobile) immoo rakkoo maal qaba jechuudhaan. Marree dhugaan isinitti himuuf ka’e kana; kaampaaniwwan(warshaawwan)moobayila oomishan akka dhageessan hin barbaadan. Kaayyoon barreeffama kana hojii teknoolojii busheesuuf ykn ammoo isin sadaachisuuf miti. Galatni teeknoolojii hin badin anuu barrefama tana isiin biraan gahuuf moobayiliin fayyadame; isinis hedduun keessan moobayiliidhaan barreffama kana dubbisaa jirtutti. Marree faayidaan moobayilii ifatti akka mul’atu kana miidhaan isaa waan hin mul’aneef ;isinis moobayiliin miidhaa maal qaba jettanii mormuuf yoo katan isinitti hin murteesu. Ergaan barreeffama kana moobayilii gonkumaa hin fayyadaminaa jechuuf osoo hin taane rakkoowwan itti fayyadama moobayiliitin wal-qabatan isiin beeksisuu fi of-eeggannoo godhamuu qaban isinitti himuufi. Itti fayyadama moobayiliitiin wal-qabatee rakkoon fayyaa fi du’an nama gahu jira. Akka ragaan qorannoo mul’isutti moobayiliin suuta(osoo nuti hin beekiin) karaa baay’eedhan du’a akka nutti fiduudha. karaalee kanneen keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:
1.Dhukkubbii mormaa fi dugdaa:
-saaynsiin akka jedhutti namni gadi jedhee moobayillii fayyadamu(wa dubbisuuf ykn barreessuuf) nama morma isa irratti meeshaa 12kg ulfaaltuu rarrafate/batuun wal-qixa. kun ammoo suuta suutan maashaa mormaa fi dugda osoo nutti hin beekkamne akka citan taasisa. Haala kanaan yeroo dheera booda dhukkubbi mormaa fi dugdaaf nu saaxila. Namoonni baay’een yeroo amma dhukkubbii dugdaan rakkachuurrati argamu. Kanaaf jechas yaalii hin barbaachisneef(operation) godhu.Dhukkubbii dugdaaf sababoonni baay’een jiraatanis kunis sababa akka ta’uu danda’u haa beeknu.
2.Jarmii dhukkuba fidaniif madda ta’uu danda’a
-Haala nama aja’ibuun qorannoon akka mul’isuutti moobayiliin namoota hedduu qulqullumaadha harka 18tiin mana fincaaniiti gadi. sababni isaas namni harka isaa yoo dhiqatuu, moobayilii dhiquu garuu hin danda’amu. Sila kana ta’eef yeroo garagaraati harka xuraawaan moobayilii tuttuquun keenya hin oolu.kun ammoo jarmiiwwan(baakteriyaan) deebisani dhukkuba nutti fidan akka irratti wal horan taasiisa.
Harkuma bilbila keenya tuttuqneen osoo hin dhiqatin nyaata sooranna.
3.Carraa kaansariin qabamuu keenya dabala
-Qorannoo godhameen guutumatti adda baasuun dadhabamus yeroo heddu moobayillii fayyadamuun kaansariiwwan sammuu,ijaa,dhiigaa,cidhaanii fi kaansarii xannacha hanchuufatiif akka nama saxilu qoratootni ni dubbatu.
4.Balaa Tiraafiikaa
-Kun wanta akka laayyootti ilaallamuu miti. Balaa tiraafiikaa qaqqabu 4 keessaa 1 konkolaachisaan yoguu bilbila tuttuqu/haasa’u akka ta’eedha ragaan kan mul’isu. Hanga har’aatti lubbuun meeqa sababa kanaan darbe laata?
5.Tamsaasni “WI-FI” sanyii dhiiraa midhuu danda’ – barreeffamni” journal fertility & sterility” jedhuun maxxanfame akka mul’isitti WI-FI yoguu fayyadamnu “electromagnetic radiation” kan jedhamuu tamsaasa kun ammoo sanyii dhiiraa lakkoofsan hir’isuun hanga carra dhala nama dhabsiisuu (maseenumma,infertility) geesisuu danda’a.
***Dabalataanis
>Dandeetii xiyyeeffannaa keenya ni hir’ata
>Hirriba dhabuuf sababa ta’a:-hirriba duraa yoo xiqaate sa’aatii lamaaf ilalaa yoo ture ta’e hirribni nu qabuu baachuu danda’a kun ammo sababa ifitti bilbilaa sammuu keenyarrati qabuun dhufa.
>Dhageettii gurraa hir’isa:-sagalee ol qabnee ‘head phone’ ykn ‘ear phone’ niidhan muuziqaa ni dhageeffana yoo ta’e.
>Ija midhuu (fuuldurati nu jaamsuu) danda’a:- yeroo dheeraadhaaf osoo adda hin kutin bilbila ilaaluun.
>Jireenya hawaasumaa midhuu:- nama waliin hariiroo hawaasumma akka hin qabanne nu taasisa.
>Araada nuti ta’uu
>Dhukkubbi harka :- yeroo baay’ee wa barressuu fi ‘scroll’gochurra kan ka’e.
MAAl WAYYAREE?
*Hanga danda’ameen yeroo bilila keenyarrati dabarsinu ya hir’isnu. Kana jechuunis dhimma barbadnu itti fayyadamnee lafa ka’uu fakkeenyaaf ‘facebook’ yoo fayyadamnu erga qabnu dabarsine; odeeffannoo barbaadnu ilaalee bahuun ni gaarii ta’a
.Bilbilaan yoo nama dubbisnus hasawa gaggababaa fi ergaa barbaachisu dabarsuurrati haa xiyyeeffannu.
*Bilbilaa yeroo dheeraaf hin ilaaliin:-daqiiqaa 20 yoo ilaaltee sekondii 20 ammoo waan birra fuldura kee jiru ilaali itti deebi’i. Kana yeroo yerootti gochuun gaariidha.
*Nama wajjiin jirta tanaan bilbila akka hiriyaati hin ilaaliin. Hariiroo hawaasummatiif si fayyadaa nama waliin hasa’i. Hiriyaa kee ‘facebook’ irratti itti haasoftu caalaa kan cinaa kee jirutti hasa’uutu bu’a qaba.
Keessatuu haati mana fi abbaan manaa yeroo waliif kennuu qabdu.
*Hirriba dura sa’atii dheeraadhaf(>2) bilbila hin ilaaliin, hirriba sin dhoowuu dandaati.
*Muuziqaa sagalee ol aanaadhan hin dhaggeefatin.
*Bilbila madda ibsa(chaarjii) irra gootanii gonkumaa nama hin dubbisinaa. Akkasuma yeroo akkasii ‘ear phone ykn headphone’ dhaan waa hin dhaggeeffatinaa. Akkas gochuun balaa hanga du’a namarran gaha. Namooni du’anis jiru.
*Yoo danda’ame bilbila kiisii keessa godhachuurra waan itti qabannu kan akka boorsaa keessa godhachuu osoo baranne.Akkas gochuun raadiyeeshinii bilbila irraa maddee qaama keenya miidhu xiqqeessa.
*Halkan yoo raftan bilbilli eegdan yoo hin qabaanne cufa ka’aa ykn of irra fageesuun ka’a. Dammaqsituu(alarm) guutanii warri mataa dura ka’atan akkas gochurra of qusadhaa.
*Ijoollee daa’imaati gonkuma bilbila hin kennina. keessatuu umriin isaanii waggaa 3 gadi warra ta’anitti. Yeroon kun yeroo sammuun ijoollee itti guddatu waan ta’eef guddina sammuu isaanii dangessa. kanarra kan ka’e daa’imman rakkoo cimaadhaaf saaxila’an ni jiru.


source:foodsandhealthylife.com
Galatoomaa!!!FAYYAA TA’AA!
@@@Dr.Yona. @@@

 

Nyaata akkuma nyaanneen wantoota raawwachuu hin qabne – Gorsa

0

Nyaata akkuma nyaanneen wantoota raawwachuu hin qabne – Gorsa Dr-Naafyaad


1, Shaayii dhuguu hin qabnu. 
Akkuma nyaata nyaanneen Shaayii yoo dhugne albuudni ayiranii jedhamu kan nyaata keessatti argamuu kan dhiiga oomishuu keessatti gahee qabuu fi pirootinoonni tokko tokko akka isaan mar’ummaan keessaa xuuxamanii dhiigatti dabalamuun qaama keenyaaf hin oolle godha.
2, Qaama keessan hin dhiqatinaa(shaworii hin galinaa) :
Nyaatin nuti nyaannu garaachaaf keessatti akka bullaahuuf mar’ummaan keessatti akka xuuxamuuf dhiiga barbaada. Nyaata akkuma nyaanneen qaama keenya yoo dhiqanne dhiigni gara miilla keenyaa fi harka keenyaati baayinaan waan deemuuf nyaatni nuti nyaannu akka seeraan hin bulloofnef hin xuuxamne godha.
3, Hirriba hin rafinaa
Akkuma nyaata nyaanneen yoo rafne inzaayimoonni nyaata bulleessan kan garaacha keessatti argaman yeroo ciisnu gara naannoo qoonqoo keenyaa dhufuun akka qoonqoon keenyaaf naannoo laphee keenyaa(singiggoo) nu gubu taasisa.
5, kuduraaf muduraa hin sooratinaa
Akkuma nyaata nyaanneen muduraawwan akka maangoo, papaya, burtukaana, muuzaa fi kkf yoo nyaannu nyaatni nuti nyaannu akka eegamutti akka hin bulloofne godha. Kanaaf nyaata dura sahaatii 1 ykn nyaata booda sahaatii 2 booda nyaachuun filatamaadha.
6, Deemsa deemuu dhiisuu
7,Tamboo aarsuu dhiisuu
Qorannoon akka mirkaneessutti akkuma nyaata soorataniin tamboo aarsuun sadarkaa carraa kaansariin qabamuu nii dabala. Nyaata booda qofa osoo hin taane guutummaatti tamboo xuuxuu dhiisuun filatamaadha.
”’ dabalataan yeroo nyaata nyaannu
-seeraan teenyee nyaachuu qabna.
-suuta jennee nyaachuu qabna
-humnaan ala nyaachuu dhiisuu
-nyaata booda daqiiqaa 30f boqochuu qabna
******* fayyaa hin dhabinaa********
Like fi share gochuu hin dagatinaa.. 



”””””” Dr Naafiyaad”””’

Maqaalee Oromoo Babbareedaa

2

Maqaalee Oromoo Babbareedaa


Yeroo ammaa ummanni Oromoo Ilmaan isaatiif maqaalee Babbareedoo safuufi Aadaa Sabichaa ibsuufi agarsiisuu danda’u filatee moggaafataa jira. Mee maqaalee kanneen keessaa muraasa asiin gaditti maxxansineerra, isinitti itti dabalaa.

 

A

Aagaa, Aagituu, Aannanee, Abbayaa, Abboomaa, Abdannee, Abdataa, Abdii, Abdiisaa, Addunyaa, Adii, Akkakoo, Akkasaa, Akkashee, Amanuu, Amantee, Amantii, Amiidoo, Ammayyuu, Anaan, Aannanee, Angaasaa, Angaatuu, Araaree, Araarsoo, Askoo, Ayyaanaa, Ayyaanoo, Ayyaantuu,

B

Baacaa, Baaccuu, Badhaadhaa, Badhaanee, Badhaasaa, Badhaatuu, Bagudaa, Bakaree, Bakkashee, Bal’aa, Bantii, Bareedduu, Barii, Barrisee, Barsiisaa, Bashaadduu, Bashaanee, Bashaatuu, Beekaa, Beekumaa, Beenyaa, Biiftuu, Bilisee, Bilisummaa, Biqilaa, Biqiltuu, Birakee,  Bisoo, Biyyaa, Bonaa, Boonaa. Boodanaa, Bookkanaa,  Boonii, Boonsaa, Boontuu, Booraa, Booranee, Bor-tolti,  Bulanii, Bulchaa, Bulee, Bulee-Bulii, Bullukoo, Bultiiwaaqashee, Bultuu, Burqaa,

C

Caalaa, Caalaa, Caaltuu, Calqituu, Camadaa, Cangaree, ,

Daangulee, Daawwitii, Dabalaa, Dabalee, Dadhiituu, Dambalee, Dammakoo, Dammaqsaa, Dammasaakeetii, Dammashee, Dammee, Dandanaa, Dandeessuu, Dangalaa, Daraaraa, Daawwitii, Deebii,

Dhaabaa, Dheeressaa, Dhibbaa, Dhiinsaa, Dhufeeraa, Dhugaasaa, Dibaabaa, Dibaabee, Didaa, Diggaa, Diimaa, Diimee, Dinqiishee, Doi’ii, Dorgee, Dummeetti, Dungoo, Durreettii, Duullaa,

Eebbaa, Eebbisaa, Eebbisee, Eelaa,

Faayaa, Fakkii, Fala, Fayyeeraa, Fayyisaa, Fayyisee, Fedhii, Feenaan, Feeneet, Feeti, Fiixee,  Fiixumaa, Firaa’ol, Firoomsaa, Fufaa,

Gaaddisaa, Gaalloo, Gaanfuree, Gaangul, Gadaa, Gadaadaraartuu, Gaaddise, Galaanaa, Galataa, Galgalee, Galgaloo, Gammachis, Gammachuu, Gammadee, Ganamee, Garbaa, Gidaadaa, Giiftii, Gishuu, Godee, Goobanaa, Guddaa, Guddataa, Guddattuu, Guddinaa, Guddisaa, Gurbaa, Gurmeessaa, Gurmuu, Guutaa, Guutamaa, Guutuu, Guyyaa,

Haawwanii, Hacaaluu, Hambaa, Hambisee, Hankoo, Harmee, Hawaas, Hawwii,Hawwinee, Hirphaa, Hirphaasaa, Hirphee, Horaa, Hordoofaa, Hortuu, Hundarraa, Hundee, Hundumaa,

Ibsaa, Ibsituu, Iddoosaa, Iddooshee,Ifa’iftuu,Irranaa, Irranee, Ittaanaa, Ittafaa,

Jaagamaa, Jaalallee, Jaalalii, Jaalannee,Jaalataa, Jaamboo,Jabeessaa, Jajanii, Jifaar, Jigsaa, Jiituu,Jootee, Jorgee,

Kanarraa, Kanbaraa, Kanhiriyyaa, Kankoo, Karoorsaa,Keelloo, Kennaa,Kennaakee, Kiilolee, Kiyyaa, Koo-keet, Kooraa, Koorsaa, Koortuu, Kumashii, Kumee, Kummarraa,Kumsaaboontuu,Kuulanii,

Laalii, Lammeesaa,Lammii,Lammummaa, Leelloo, Leencoo, Leensaa, Leensee, Liiban,Lookoo,Luunco,

Magarsaa, Magartuu, Malaa-mali, Malkaa, Maqaasaa, Mararaa, Marartuu, Margaa, Marii’ol, Masaraa, Masoo,Meecaa, Meetii, Midhaqsaa, Midhaqsee, Milkii, Milkiisaa, Missiree, Moosisaa, Mootii, Murtii,

Naanaati, Naa’ol, Naa’omi, Nadhanii, Nadhii, Nagaasaa, Nagaasee, Nagaraa, Nagarii, Nagaroo, Nagawoo, Nammarraa, Naa’ol, Nuurfataa,

Obsaa, Obsee, Ofirraa, Olaanaa, Olyaad, Qabataa, Qabbanee, Qananii, Qananiisaa, Qaqqabaa, Qarneessaa, Qeeransoo, Qondaalee, Quufaa,

Rabbirraa, Roobaa, Roobeeraa, Roobalee, ,

Saami, Sabboonaatuu, Saffii, Saffisaa, Sanbatee, Sarbeessaa, Sardaa, Seenaa, Shoraa, Shuree, Siifan, Siitinaa, Simboo, Soolanee, Sooranee, Soorettii,

Taanaan, Taliilaa, Taliilee,Tokkaatuu, Tokkummaa, Tolaa, Tolasaa, Toleeraa, Toltuu, Tufaa, Tulluu, Tumee, Turaa, Turee, Tuuchoo,Tuulamaa,

Urgeessaa, Urjii, Ushii, Utuu, Waaqasaa, Waaqgashee, Waaqjedhaa,Waaqjiraa, Waaqtolee, Waaqwayyaa, Walalii, Waaqgaarii, Warqee, Wayyeessaa, Xaafaa, Yaadanii,  Yaadessaa, Yaachisaa,

Itti Dabalaa>>


HORAA BULAA

AFAAN OROMO – Oromo Language

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)