Home Maxxansituu Fuula 11

Gorsa Jaalalaa Dubbisaa

1

 

 

👉Gorsa Jaalalaa Dubbisaa*
=”=”=”=”=”=”=”=”=”=”=”=”

❤️Jaalala bituu hin yaalin jaalalli siin haabitu malee.
Yeroo wal fakkaataa keessatti nama lama yoo jaallatte filannoonkee isa duraa osoo hin taane isa boodarra jaallatte ta,uu qaba.sababni isaas osoo isa duraa dhugaan jaallatte ta,ee isa lammaffaa onneenkee hin keessumsiisu ture.

★Jaalala jechuun:-
-Bareedina barbaaduu miti
-Faayidaa barbaaduu miti.
-Ejjaa(fedhii foonii) barbaaduu miti.
-Yeroo fayyaa qabaniif yeroo gammachuu qofa wal haammachuu miti.
-Waan jaallatamteef jaallachuu miti.
-Namnumti wal jaallataaf jaallachu miti.
-Waan sibiteef atis guyyaa eegdee liqii deebisuu miti.
-Bifa nama sanaa ilaaluu miti.
-Qabeenya bor badu ilaaluu miti.
★Jaalala dhugaa jechuun
-Waan hundarraa qulqulluu kan ta,e
-Fakkeessu osoo hin taane dhugaa.
-Dhugaa jaalalaatiif jecha hiyyeessa jaallachuu.bor wajjin horatu.
-Yeroo gaddaa, gammachuu ,rakkinaa wal bira dhaabbachuu.
-Kan ofiif hin arganne nama sanaaf hawwuu.
-Obboleessakeetiif dabarsitee lubbuukee kennuu.
-Rakkinni har,a obboleessake(jaalallee) irra ga,e bor akka sirra ga,u beekte har,a rakkina isaa hirmaachuu.
-Nama jaallatteef kabaja,iftoomina kennuu dha.
Kana hunda cabsitee jaalalatti deemta taanaan jaalalichi hundee hin qabu bor buqqa,a.

 


HORAA BULAA

Eebba bara Haaraa

0

Eebba bara Haaraa


BARA HAARA 2010 tti:

Ilma qilxuu ta’i – dagagi
Coqorsa ta’i – lafa uwwisi
Andoodee kormaa ta’i
Bona gannaa lalisi
Dubbi kee gamni hin qabin
Sanyii kee lafti hin qabin
Ibidda tulluurraa ta’i, duuba fulduratti ifi
Allayyaan siree, bolli didibbee siif haa ta’u
Lafti kee fixeensa hin dhabin
Arfaasaa facaasi birraa siif haa makaruu
Kan irraan dhufe jalaan si haa baasu
Kan jalaan dhufe irraan si haa baasu
Duultu abbaa mirgaa ta’i
Qottuu abbaa dilbii ta’i
Daldaltuu buusi
Barattuu milkaa’i
Mortuu goomattuun si haa dadhabduu
Bobba’i gali rafii dammaqi
Kufani cabuu dubbatanii salphachuu si haa olchuu
Dinni si haa sodaatu
Biqila lja godhatu ta’i
Namni si haa hawwatu, horii buli
#Eebbi koo haphee ta’e sitti haa qabatu
Lukni kee bakka milki haa ejjetu
Lammiin si haa leellisuu
Waaqni si haa eebbisuu
Horaa bulaa
Alaa mana
Walii galaa
Wal wajjiinin tola
Waan beektaniifi dubbistan dhalootaaf haa dabarsinu
Waliin baranne waliis haa barsiifnu!
@
Barri 2010 kun
Kan quufa
Kan gabbina
Kan gammachuu
Kan badhadhina
Sif haa ta’u!”


*Falmataa Gurmuu irraati

Haalli yeroo ammaa naannoo Arsii jiru Gabbara moo Daldala: Abdiisaa Bancaatiin

0

 

Haalli yeroo ammaa naannoo Arsii jiru Gabbara moo Daldala: Abdiisaa Bancaatiin(hubannoof-qofa)


Haalli Naannoo keenyatti ta’aa jiru #Gabbara Moo#Daldala
*******************************
Abdisa Bencha Jaratiin~~~~~~~Hubannoodhaaf qofa

~Abbaan, intalli koo digrii xumurtee jirti, Gabbara 100,000 fidi,
~Gurbaan mucayyoo sana fuudhuu hedu Ameerikaa jiraata, Gabbara 150,000 itti qabadhaa,
~Intalli tiyya Biyya Arabaatii galte Gabbara olkaasee qabadha.
~Abdiisaan Mindaa guddaa nyaata, gabbara wayyaa qabu irraa fuudhaa…… fii haalli kana fakkaatu babaldhachaa dhufee Gabbara Aadaa ture Daldalatti jijjiiruuf jedha.

Gabbarri Gosoota Fuudhaaf heeruma naannoo Arsitti beekkamu keessaa isa tokko. Innis, Warri intalaa, Gurbaan fuudhu ykn Maatiin gurbichatti qabeenya tilmaamaan hanga barbaadan qabatanii irraa fudhachuun intala isaanii kan kennaniifiidha.
Gabbarri yeroo garagaraattiifii naannoo garagaraatti akkasuma Qabeenya ykn humna maatiin intalaa ykn gurbaa qabu, bareedina intalaafi Sadarkaa barnootaa irratti hundaayee garaagarummaa qabaachuu dandada’a. Akkasumas Haala amantiidhaan walqabsiisee maatiin guutumatti hin barbaadnes ofuma keessanii waan qabdaniin wal bulfadhaa, nuti homaa hin barbaadnu jechuudhaan kanneen gabbara kana didanis yeroo ammaa hedduumachaa dhufee jira.

Kun osoo akkasumaan jiruu naannoo tokko tokkotti haalli hamaan uumamaa jiru immoo mata-duree koo kana GABBARA MOO DALDALA akkan jedhu na taasiise. Mee muudannoo Hawaasa keessatti dhaladhee guddadhe naannoo Arsii isiniif qooda.

Gabbarri aadaa Oromooti. Hardhas Aadaadha, borus aadaa ta’ee jiraata. Garuu haalli naannoo tokko tokkoo kan nama sodaachisuufi dargaggootni fuudha akka sodaatan, shammarran carraa heerumaa akka dhabaniif sababa ta’uu mala sodaa jedhu qaba. kunis waa malee miti. mee fakkeenya wajjiin durirraa kaanee haa ilaallu:
Abbaan koo harmee koo gaafa fuudhu, Saawwan 35 fi Huccuu(wayaa) 12, Damma fe’aa farda lama fikkf gabbare naan jette harmeen koo. Garuu kun akkamitti ta’e beektuu, Maatiin walitti dhufe dureessa jedhaniitu gurra wal barbaadanii walirraa fuudhan jedhama. Gaafa Harmeen abbaa kootti heerumte Abbaan koo fudhatee galuun immoo Maatiin ishee Saawwan 80 geegayoo jedhamu kennaniif jedhama. Kanaafuu abbaan koo waan miidhame natti hin fakkaanne.
Obboleessi koo gaafa fuudhu, xiqqaachaa dhufe loon 15, huccuu 8, damma fe’aa tokko ture.
haalli kun gadi bu’aa dhufe, Obboleettiin koo gaafa heerumtu, gurbaan homaa hin qabu jedhanii Loon 5 fi Huccuu 8 fidi jedhamee Loon tokkoyyuu irraa hin fudhanne, ni laatameef malee,
Hiriyyaan koo gaafa fuudhu immoo Gabbara waan jedhamuu hin gabbarre, Of danda’aa jiraadhaa jedhanii intala laataniif. Haalli Fakkeenya kennaa jiru kun Arsiifi Baale naannoo heddutti walfakkaata.

Garuu dhiyeenya kana, haalli kanaan ala ta’e kan daldala fakkaatu eegalamuun hawaasa naannoo hedduu mufachiisuufi walirraa ilaalee naannoo gara naannotti babaldhachaa jiraachutu muldhataa jira.

Abbaan, intalli koo digrii xumurtee jirti, Gabbara 100,000 fidi,
Ilmi mucayyoo sana fuudhuu hedu Ameerikaa jiraata, Gabbara 150,000 itti qabadhaa,
Intalli tiyya Biyya Arabaatii galte Gabbara olkaasee qabadha.
Abdiisaan Mindaa guddaa nyaata, gabbara wayyaa qabu irraa fuudhaa…… fii haalli kana fakkaatu babaldhachaa dhufee Gabbara Aadaa ture Daldalatti jijjiiruuf jedha.

 

 

Kanaaf Fakkeenyi Gaariin:
Gurbaan waggaa tokko dura Ameerikaa dhufe tokko intala fuudhuuf dhufe gabbara qarshii 100,000 fi Birdilibsii 50 itti qabatan, Dhiisee lixuuf nama AMARIKAA dhufe, fuudhuuf qabeenyi gaafatame nama sodaachisa, cinqameetuma gabbaree fuudhe, ji’a tokko osoo hin guutin isaan wal lolte isheen, lafatti gatee bade gara Amarikaa isaa, hanga hardhaa Maatiisaatiillee hin bilbilu.

Fakkeenyi Lammataa: Intala barnoota Digrii xumurtee hojii mootummaa qabdu tokko Gurbaan barsiisaa tokko jaalatee isheen waliigalanii maatitti gaafa ergatu, Maatiin isheemmoo qarshii 150,000 fiddu malee jedhaniin. Barsiisaan kun amma maal haa kafalu kaa?

Haalli kanaafi kana fakkaatu yeroo ammaa dargaggootairratti sodaa guddaa fiduu argaa jirru, Kanaaf fakkeeny guddaan Mucaa Anaana Shaallaa kan Muka koree Jaalallee koo naa fiddan malee hin bu’u jedhe fudhachuu dandeenya, ka’umsi wanta sanaa gabbara humnaa olii akka ta’e himama.

Haalli kun miidhaa hedduu geessisu keessaa:
1) Shammarran hedduu maatii waakkattee Jaalallee wajjiin baddee seeratti dhiheessaa jiraachuun isa tokko.
2) Sodaa drgaggootaa hammeessuufi Shamarraniif carraan cufamaa dhufaa jiraachuu
3) Olaantummaa fi gadi aantummatti wali ilaaluun wal tuffiin balbaldhachaa jiraaachuu
4) Jaalala Qulqulluu gara fuula duraatti dargaggootni abdiin itti imalaa jiran fashalleessuun jireenya ijoollee kanaa balleessuu fii kkf hedduu tarreessu dandeenya.



Yoon Dogoggoreef na hoffolchaa
HORAA BULAA
Abdisa Bencha Jara

 — feeling Concerned.

Arsii Lixaa, Shaallatti Dargaggeessi Intala jaallate akka kennaniif muka kore milkaa’eera

0

Arsii Lixaa, Shaallatti Dargaggeessi Intala jaallate akka kennaniif muka kore milkaa’eera


Jaalala dhugaa qabaadhu malee ni milkoofta.

Naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa aanaaa Shaallaa ganda Awwaara Gamaatti dargaggeessi kaadhimaasaa akka laataniif muka kore milkaa’era.

Barataan kutaa 7 Roondii Nageessoon, umriin isaa 23 yammuu ta’u, intala naannoo isaarraa jaalalli isa qaba. Jaalatees akka aadaa naannichaatti jaarsa ergatee gaafata. Roondiin jaalatee jaarsa ergatee fuudha gaafatus, intallii jaalatamtee fi warrishee sarmuu didu. Diddaa kanas hubatee Adoolessa 30,2009 ganama barii sa’aa 2tti ka’uun qilxuu guddaa naannichatti argamurra koree, intala dhabuurra akka lubbuu ofii balleessu hima. Jaarsoliin naannichaa gochaa kana arganis waan wallaalanii, maatii isaa waliin akka irraa bu’u gaafatan. Innis intala jaalate yoo argate malee, mukicharraa gadi of darbee akka of balleessu itti hima. Dhimma Roondii qabataniis jaarsoliin gara warra intala jaalatamtee qajeelu. Warri intalaas bakkichatti argamuun, Birrii kuma 10 siif laannaa irraa bu’i jedhuun. Roondiin garuu jaalalli kan isa qabe shamarrittiirraa malee Birriirraa waan hin turreef, ishii malee akka hin buune fi akka of ajjeesu himata. Abbaan alangee Waajjira Haqaa Aanaa Shaallaa obbo Laakamihirat Makoonnin akka jedhanitti, warri kaadhimicha eeyyamuu diddaan turanis, Roondiin yaadasaa jijjiirrachuu dhabuu isaatin intala manaa fidanii akka bu’u taasisaniiru. Roondiif bifa jaarsoliidhan waadaa galaniifin guyyaa lammaffaatti warri intalaa ebbisanii laataniifiru.

Ajaa’iba

CIRRACHA HADHOOFTUU – Gall Stone or Cholelithiasis: Dr.Nuredin Luke

0

CIRRACHA HADHOOFTUU – Gall Stone or Cholelithiasis: Dr.Nuredin Luke


Baattuun hadhooftuu qaamota bullayina nyaataf gargaaran keessaa tokko yoo taatu kan argamtus garaa keenya gara mirgaatiin Tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammi fi bocni ishii Abukaadoo xiqqaa kan ga’u ta’ee dhangala’aa bullaa’iinsa Lipiidii (coomaa, dhadhaa, buuphaafa’aaf) tajaajilu kan tiruun oomishite erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda gara mar’umaan xiqqaa ujummoo hadhooftuutiin dabarsiti.

Cirrachi qaama kana keessati uumamu hammaan gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda’a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta’uu danda’a.
Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaaku lama qaba:
1- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta’u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu argamuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay’inaan qaba.

2- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta’u innis piigimantii bilirubin jedhamu irraa uumama.

Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
– Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fayyadamuu.
– Fuduraaf kuduraa adda addaa fayyadamuu dhabuu.
– Dhiira irra dubara irratti heddumaata.
– Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
– Furdinnaa qaamaa gar malee guddaa ta’e qabaachuu.
– Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa ni heddumaata.

– Dhukkuba dhiigaa tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta’anii dha.

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:
* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta’u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda’u. Yeroo kana:
– Garaa keenya gara harka mirgaa ykn laphee irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu. Dhukkubbiin kunis sa’aa muraasaaf ture kan badu ta’uu isaafi yeroo biraas dhukkubbiin akkasii namatti deebi’ee dhagahamu. Yeroma kana ceekuu gara mirgaa/ dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubiin namatti dhagahamu.
– Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.

– Nyaata zayitiin itti baay’ate yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu.

  • Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee:
    -Dhukkubbii garaa kenyaa kan gara gubbaa kan gara mirgaatti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahame.
  • Hoo’i qaamaa fu dadhabiin dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate

– Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta’e hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.


Maal haa goonu?
*Dhukkubbiin/mallatoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaalaa deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nuuf ajaje (kan akka Ulitrasawuundii fa’a) gochu.

  • Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba sanaa hin qabne yaala hatattamaas ta’e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta’u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha.

  • Yaalli cirracha hadhooftuu dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta’uu mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji’oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin bulbuluu dhabuu danda’u kanaaf yaalli bu’a qabeessa ta’e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha.


Ulfaadhaa!

Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin L.

Eebba Cidha Lataa Qana’ii fi Yaadannoo Baayisaa

2

Eebba Cidha Lataa Qana’ii fi Yaadannoo Baayisaa


Cidha Keessan: #Eebba Oromootiin Eebbisee Gammachuu koo ibsadhe kunoo:

Leta Kenei Aga fi Yaadannoo Baayisaa
Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miilaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa loo’aa ta’aa
Gannaafi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaafi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaafi mataa ta’aa
Akka biiftuu aanga’aa

Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’anii isin hin fixin

Madda Walaabuu ta’aa
Waraabanii isin hin fixin

Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu, adawiifi tolfattuun isin hin danda’in
Bonaaf hoongee baraaramaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortaniin wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba Oromootii,
Qabatee isin biraa hin hafin

Amiin Yaa Waaqa Uumaa!
Yoo dogoggoreef na hoofkalchaa
Obboleessa kee
Abdisa Bencha Jara

CUUNFAA LOOMII:- Dr Nuredin Luketiin

1

CUUNFAA LOOMII:- Dr Nuredin Luketiin


Bu’aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:
* Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta’uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
* Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar’umaan guddaa keenyafis gaariidha. 
* Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta’u gargaara.
* Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si’eessa.
* Bu’aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta’anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
* Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa’a ta’uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
* Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
* Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
* Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
* Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
* Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.



Fayyaa ta’aa!

Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin L.

Jaalalleewwan: Akkamitti Wal-qunnamtii Saalaa walitti Mi’eessu?

2

 


Ilmii namaa wantoota isaaf barbaachisu keessa inni tokko walqunnamtii saalaa dha. Waliin jireenya ilma namaa keessattuu saala faallaa, jireenyaaf waliin jiraatan keessatti/gaa’ela keessatti Walqunnaamtiin saalaa  ga’ee ol’aanaa qaba. Walqunnamtiin saalaa ijoollee horachuun ala bu’aa hedduu qaama keenyaaf kan buusu qaba. 

Kanaafuu, imala Waliin jireenyaa keessatti waan ilmi namaa uumamaan barbaadu tana irratti xiyyeeffannoo kennanii walitti  mi’eessuu danda’aniin irratti dursanii walii beekuu ykn walhubachuu ykn iftoominnaan waliin mari’atanii walhubachiisuudhaan fedhii walii guutanii walgammachiisuun barbaachisaadha. Kuni immoo waliin jireenyi namoota sanaa akka umrii dheeraa qabaatuuf gahee olaalaa akka qabu qorannooleen heddu ni agarsiisu

Yeroo heddu, rakkoon walfakkaataan irra deddeebiidhaan biyyoota adda addaatti muldhatu jira. Inni kun yeroo baay’ee hanqina shammarroota irratti mul’atu yoo tahu dhiirota irrattis hamma tokko ni mul’ata. Innis Saalfachuu, fedhii ofii osoo hin gammadin dhokfachuu, osoo fedhii walqunnamtii saalaa rawwachuuf fedhii guddaa qabu saalfachuun dhoffachuu, ykn osoo inni tokko fedhii olaanaa qabu inni kaan jalaa-diduu fi kkf rakkoolee irra deddeebiidhaan mudatan qofa osoo hin taane, namni fedhi qabu sun ala-bahee akka filannoo biraa barbaadatuuf kan haala mijeessuu fi yeroo heddu jireenya namoota akkasii sana akka diigamuuf kan kan gahee olaanaa akka qabus hayyootaan ni himama.

Haaluma walfakkaatuun, waliin jireenya keenya keessatti, Tooftaaleen muraasni Akkamitti Wal-qunnamtii Saalaa walitti Mi’eessuuf gargaaran:
❤️
1- Akkamitti Wal-qunnamtii Saalaa gahaa raawwachuu – Jal-qaba irratti wal qunnamtii saalaa gahaa raawwachuuf ilma namaatif sporti,bashannanuufi kkf murteessa dha.

❤️2- Ija keessaa wal laaluun fedhii walii beekuu.
~ija keessa wal ilaaluun fedhii walii beekuun qaamni keenya hundi wal qunnamtiidhaf akka qophaahu taasisa.

❤️3- Uffata halkanii marachuu dhiisuu fi ifaa dhaamsu dhiisuun wal qunnamtii saalaa mi’eessa.
~inni kun yeroo baay’ee kan mul’atuufi fedhii walii eeguu irratti dhiibba kan fiduudha.

Jaalalleewwan lamaan uffata haguuggatanii ifaa dhaamsanii yoo wal qunnaman;
A) Wal arguu wan hin dandeennef isaan lachenuu wal qunnamtii armaan dura raawwatan isheenis dhiira wajjiin ciiste innis shamara waliin ciise ykn isheenis dhiira isa irra bareedu innis shamara ishee irra bareeddu uf afoo fiduun yaadatu wan dandahaniif.
B) Yoo haguuggatan dafqi uumamuu wan dandahuuf fooliin adda addaas uumamuu dandaha. Kanaaf haguuggii dhiisuu.

❤️4- Ija keessa wal ilaalaa harkaan rifeensa walii qaqqabuu fi wal dhungachuu.
~ Ija keessa wal ilaaluun fedhii walii eegaa deemuu fi tokko tokko dura akka fedhii hin xummurref gargara.
~ harkaan rifeensa walii qaqqabuun jaalala walii kan ibsu fi natti tolaa jirtaf natti tolaa hin jirtuu kan ittiin waliif ibsaniin yoo ta’u
~ Dhungoon immoo al tokko qofa wal qunnamtii saalaa raawwatanii akka hin dhaabanneef fedhii duubaan jiru akka uumuu fi wal qunnamtii akka mi’eessuf gargaara.

❤️5-Qulqulleessituu ykn gogsituu uf bira kaahuu fi Naannoo qaama saalaa dhiqachuu.
~ Gogsituu uf bira kaahuun yeroo tokko tokko dhiirota harka fedhiin dafee bahuu dandaha sila taheef; akka fedhiin ishee hin qabbanoofnef dafanii gogsuun barbaachisaa dha.
~ Al tokko fedhii isaanii yoo xummuran kan lammataatiif itti fufuun wan dandahamuuf osoo gara 3ffaatti hin tarre naannoo qaama saalaa innis taanaan keessattu isheen dhiqachuun murteessa dha. Yoo dandahame immo akkuma fedhii jalqabaa xummuraniin osoo kan lammataatti hin dabarre dhiqachuun irra wayyaa dha.


Maddi: page keenya xalayaa jaalalaa

 

QUUNCA’UU/MADAA’UU QAAMA SAALAA – Genital Ulcer Syndrome: Dr Nuredin Luketin

0

QUUNCA’UU/MADAA’UU QAAMA SAALAA – Genital Ulcer Syndrome


Qaamni saalaa dhiiraa ykn kan dubaraa sababa baakteeriyoota (akka Treponema pallidum, Heamophilus ducreyia, Chlamydia trachomatis, Klebsiella granulomatis ) ykn Vaayirasii [Herpes simplex virus(HSV-1 fi HSV-2)] jedhaman kan wolqunnamtii saalaatiin daddarbaniin quunca’uu ykn madaa’uu danda’a. Quunca’uun qaama saalaa kun ammoo sababa garagaraatiin carraa Vaayirasiin HIV nama isa qabuu irraa gara nama isa hin qabnetti daddarbuu dachaa shanii hanga saddeetii dabaluu akka danda’u qorannooleen hedduu ni addeessu. Sababota carraa daddarbuu kana dabalan keessaa:
– Quunca’uun qaama saalaa carraa vaayirasiin HIV madaa saniin seenuu dabala
– Baakteeriyaa ykn vaayirasii madaa ykn quunca’uu san fide ittisuuf sirni ittisa qaamaa waan seelii dhiiga adii achitti bobbasuuf HIV-in seelii dhiiga adii haala salphaa ta’een achitti argachuun gara qaamaa seenuu danda’u

– Akkasumas nama Vayirasicha wojjiin jiratu irratti naannoo madaa sanitti vaayirasichi lakkofsaan waan heddumaatee argamuuf carraa nama kanatti daddarbuu olkaasa.

Maal haa goonu?
* Iftoominnaan rakkinna jiru ogeessa yaalatti himachuun yaala argachuu.
* Dhukkubni kun saal-qunnamtiin waan daddarbuuf hiriyyaa dhiiraa ykn dubaraa keenyas qorachiisuufi yaalachisuu. Yeroo tokko tokko isaan keessaa tokko baakteriyicha ykn vaayirasicha qabaatee mallattoo dhukkubichaa mul’isuu dhabuun isa kaanitti daddabarsaa jiraachaa waan jiruuf isaan lachuu yaalamuu qabu jechuudha.
* Wolqunnamtii saalaa of eggannoon xiqqaate gochuu dhabuu.
* Hanga madaan fayyuuf wolqunnamtii saalaa dhaabuu/dhiisuu.
* Koondomii fayyadamuu.
* Ogeessa yaalaa wojjiin mari’achuun qorannoo HIV gochuu.
* Jijjirraa amalaa barbaachisoo ta’an kan carraa dhukkuba saalqunnamtiin daddarban guddisan irraa fagaachuu (fkn hiriyyaa saalqunnamtii heddu yoo qabaanne kana dhiisuu).

* Xaxaa yaalamuu dhabuu irraa dhufan keessaa tokko madaan kun namatti deddebi’uu, yeroo tokko tokko ammoo madaan sun haalaan guddachaa deemuun hanga qaamni saalaa sun nama irraa cituu fi akkasumas turtii yeroo dheeraan booda qaamota akka sammuu, manjalloo fi narvii ijaa irrattis rakkoo fiduu danda’a.

Hub: Suuraa iddoo ‘comment’ jalqaba irraa ilaluu dandeessu


Fayyaa ta’aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin L.

Jinjibila: Dr Gurmeessaa

0

 JIINJIBILA


Jinjibilli keemikaala “Gingerol” kan faayidaalee armaan gadii kennu of keessaa qaba.
– Feedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala.
– Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa.
– Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir’isa
– Nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega.
– Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun fooyyee nuu kenna.
– Dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir’isa
– Dhukkuba kulkulfannaa buusaa fi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa.
– Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka.
– Qabiyyee qaamaa yoo baay’ate dhukkuba

 


Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)