Arsii Lixaa, Shaallatti Dargaggeessi Intala jaallate akka kennaniif muka kore milkaa’eera


Jaalala dhugaa qabaadhu malee ni milkoofta.

Naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa aanaaa Shaallaa ganda Awwaara Gamaatti dargaggeessi kaadhimaasaa akka laataniif muka kore milkaa’era.

Barataan kutaa 7 Roondii Nageessoon, umriin isaa 23 yammuu ta’u, intala naannoo isaarraa jaalalli isa qaba. Jaalatees akka aadaa naannichaatti jaarsa ergatee gaafata. Roondiin jaalatee jaarsa ergatee fuudha gaafatus, intallii jaalatamtee fi warrishee sarmuu didu. Diddaa kanas hubatee Adoolessa 30,2009 ganama barii sa’aa 2tti ka’uun qilxuu guddaa naannichatti argamurra koree, intala dhabuurra akka lubbuu ofii balleessu hima. Jaarsoliin naannichaa gochaa kana arganis waan wallaalanii, maatii isaa waliin akka irraa bu’u gaafatan. Innis intala jaalate yoo argate malee, mukicharraa gadi of darbee akka of balleessu itti hima. Dhimma Roondii qabataniis jaarsoliin gara warra intala jaalatamtee qajeelu. Warri intalaas bakkichatti argamuun, Birrii kuma 10 siif laannaa irraa bu’i jedhuun. Roondiin garuu jaalalli kan isa qabe shamarrittiirraa malee Birriirraa waan hin turreef, ishii malee akka hin buune fi akka of ajjeesu himata. Abbaan alangee Waajjira Haqaa Aanaa Shaallaa obbo Laakamihirat Makoonnin akka jedhanitti, warri kaadhimicha eeyyamuu diddaan turanis, Roondiin yaadasaa jijjiirrachuu dhabuu isaatin intala manaa fidanii akka bu’u taasisaniiru. Roondiif bifa jaarsoliidhan waadaa galaniifin guyyaa lammaffaatti warri intalaa ebbisanii laataniifiru.

Ajaa’iba

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here