Home Maxxansituu Fuula 10

Afoola Oromoo

0

Afoolli bifa ‘liitireecharii’ ta’ee aadaa, seenaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa dhaloota darbee himaamsa
afaaniitiin gara dhaloota itti aanutti ykn dhaloota dhufutti kan dabarsuudha.

Amaloota Afoolaa:
Afoolli: Gocha wajjiin kan walqabate.
*Yeroo baay’ee yaada ifa ta’e hubachuuf kan rakkisuu miti.
*Afaaniin dhalootaa dhalootatti waan daddarbuuf jijjiiramni yaadaa jiraachuu ni danda’a.
*yeroo baay’ee gumiidhaan dalagama.
*Yeroo baay’ee waan darbe irratti xiyyeeffata.

Afoolli jiruuf jireenya ilma namaa keessatti faayidaa heddu qaba. Isaan keessaa muraasni:
#Afoolli ummata qubee mataasaa hin qabne seenaasaa ittiin daddabarsuuf
#Barnootni afaaniffaan itti kennama
#Ittiin har’a galfachuu fi ittiin bashannanuuf.
#Amantii fi kabaja hawaasni tokko waan tokko irratti qabu agarsiisuudhaaf.
#Afoolli yeroo hedduu barruudhaaf madda ta’uun ni tajaajila.

 

AKAAKUU AFOOLAA


1. Hibboo
Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin dhiyaata.
Yeroo baay’ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan dubbatamu ykn taphatamu waan ta’eef gamtaadhaan
haala hoo’aan hordofama.Hirmaannaa cimaatu keessatti godhama.

2. Mammaaksa
Mammaksis gosa afoolaa ta’ee yaada ykn dubbii dheeraa hima gabaabaan mala kurfeessanii teessisaniidha.
Yeroo baay’ee iddoo jaarsoliin Oromoo dubbii dubbatanitti mammaaksi iddoo guddaa qaba.
Haasawa tokko keessatti jechoota muraasaan yaada dheeraa gadi fageenya qabu ibsuuf fakkii dubbii sanii
yaada bal’aa fi dheeraa ta’e gabaabsanii walitti qabuu fi nama biraatiif dabarsuuf mammaaksi iddoo guddaa qaba.

3. Eebba Oromoo
Eebbi yaada hawwii gaarii akka qabeenya dagaagatan,
akka jireenya hawaasummaa jaalatamaa ta’an namni tokko nama biraatiif hawwu ykn
waaqayyoon kadhachuufii jechuudha.Yeroo baay’ee akka seera Oromootti eebbi Jaarsolii,
Manguddoo fi hangafoota ta’aniin gaggeeffama, Hangafni Boorana waan ta’eef osoo booranni iddoo sana
jiru Oromoon biraa dursuu hin danda’u, haala kanaan tartiba eeggatee wal affeeree ykn wal ofkolchee waleebbisa Oromoon.

Eebba Oromoo >>

1. Hibboo
Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin dhiyaata.
Yeroo baay’ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan dubbatamu ykn taphatamu waan ta’eef gamtaadhaan
haala hoo’aan hordofama.Hirmaannaa cimaatu keessatti godhama.

 


No posts found.

 

 


AFAAN OROMO – Oromo Language

Eebba Oromoo

0

Eebba Oromoo
Eebbi gosa Afoolaa ta’ee Oromoo biratti baratamaa fi kabajamaa yoo ta’u Maanguddoodhaan gaggeeffama.
Ebbi yeroo garagaraatti gaggeeffama, akkasumas Naannolee Oromiyaa garagaraatti gargar ta’us kaayyoon isaa
tokkuma, Uumaa tokkicha galateeffachuu fi kadhachuuf oola.

Eebba Oromoo iddoo heddutti baratamaa

Hayyee, hayyee, hayyee!
Waaqa gurraacha
Gurraacha garaa garbaa
Leemuu garaa taliilaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
Waaqa Bokkuu gurraachaa
Waaqa Ciicoo gurraattii
Waaqa uumee Walaabuu
Waaqa sagaltama gabraa
Waaqa salgan yaa’ii Booranaa
Waaqa torban Baarentumaa
Waaqa Caffee tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo!
Nagaan nu oolchitee, nagaan nu bulchi
Irraa gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi
Daafii sababii nu oolchi
Hamaa nurraa qabi, tolaa nutti qabi
Uumaan si kadhannaa, nuu dhagahi
Xiqqaa nuuf guddisi, guddaa nuuf bulchi
Wallaalaa nuu beeksisi, beekaa keenya nuuf bulchi
Alaa mana nu tiksi
Bakka nu wallaalle Waaqa ati itti guuti!
Barri Roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina
Gabbisi Waaqi!

Eebba Oromoo kan Cidhaa/Gaa’ilaa
Oromiyaa bakka tokko tokkotti cidha gaa’elaa irratti Abbootiin ykn Maanguddoon akkana jechuun misirroolee eebbisu.

Coqorsa, Ulmaayii, Biqila midhaanii fi Aannan harkatti qabatanii eebba kennuuf.

Maanguddoon wayita eebbisan, misirroonni ammoo haata’u ykn amiin jechuudhaan itti fufu.

Eebbi isaanii kunis akkana fakkaata:

Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka Biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in
Bona ongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortanii wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
qabatee isin biraa hin hafin
Na hoofkalchaa

jechuudhaan xumurama!

Eebba Oromoo BOORANAA

Ardaan nagaa…………………………………………..Nagee
Bobbaan nagaa….…………………………………….Nagee
Barri nagaa…………………………………………….Nagee
Waareen nagaa……………………………………….Nagee
Waariin nagaa………………..………………………Nagee
Reerii nagaa………………….………………………Nagee
Dheedi nagaa…………………..…………………….Nagee
Yaa’iin nagaa…………………………….…………..Nagee
Kuubiin nagaa………………………………………….Nagee
Raabi nagaa…………………………………………Nagee
Kuusaa goseen nagaa…………………………….Nagee
Ijoolleen Kuuchuu nagaa……………………………Nagee
Dirreen nagaa…………………………….…………Nagee
Dirree dirri Liiban nagaa…………………………….Nagee
Liiban Golbaa Diidi nagaa…………………..…….Nagee
Malbee Golboon nagaa…..………………….…….Nagee
Saakuu waasoon nagaa………………………….Nagee
Tulaa sallan nagaa……………………..…………Nagee
Baddaa sadeen nagaa……………………………Nagee
Areeroo Gooroon nagaa………………….………Nagee
Gooroon Oromoo teenna nagaa……………..…Nagee
Oromoon nagaa……………………………..…….Nagee
Oromiyaan nagaa………..………………….……Nagee
Handhura Oromiyaa Finfinnee nagaa…..……Nagee
Gadaan nagaa………….……………………..….Nagee
Gadaamojjii ta roobaa nagaati…………………..Nagee
Bokkeenni roobe haraa danbalaa guutee……Nagee
Nageenni galee moonaa guutee…………….…Nagee
Elelleen mirgitee hokolee guuttee………………Nagee
Nagaa Waaqi guutee……………………….……Nagee
Funnaan kormaa qajeele……………………..…Nagee
Funnaan dhalaa qajeele….…………………….Nagee
Ilmat abbaa qajelee……………………….…….Nagee
Angafat maandhaa qajeele…………………….Nagee
Niitit dhirsaa qajeele…………………………….Nagee
Qaro arraba qajeela…………………………….Nagee
Beekaa yaada qajeela………………………….Nagee
Barataa barruu qajeela……………….….…….Nagee
Sabat-Sabaa qajeela…………………….…….Nagee
Biyyat abbaa qajeela………………….….……Nagee
Oromoot walii qajeela……………………..…..Nagee
Horaa bulaa deebanaa mishaa,
lataa daraaraa, aadaa afaan keessan beekaa
tokko ta’aa jiraadhaa.

Eebba Oromoo GUJII

Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

 


AFAAN OROMO – Oromo Language

Hiika Jechootaa

2
Gosoota jechootaa
Gosoota jechootaa

 

Jechootni hiika addaa addaa qabu, Isaan keessaa haala armaan gadiin mee haa ilaalluu:
1. Hiika Sirrii / kallattii: jechi tokko uumaadhaan hiika isaa kan beekkame kan namni hunduu itti waliigale moggaasa ganamaa jechuudha.
Fkn: Hoolaa – Beeylada manaa kan miilaa afur qabu, kan foon isaa nyaatamu
Biddeena – Midhaan irraa kan tolfamu, ija ija kan qabu, kan nyaatamu. fi kkf

2. Hiika Dubbii: Hiikni dubbii kun hiika sirrirratti kan rarra’e fi kan muuxannoo hawaasicha fayyadamuu wajjiin deemudha.
Fkn: Leenca – Jabaa jchuudha
Waraabessa – Kan Garaa jaalatu jechuudha.

3. Hiika Galumsaa/ bakka galamaa: Kunimmoo yeroo jechootni himoota adda addaatti galuudhaan hiika adda addaa qabaatani kan uumamuudha.
Fkn: Jecha ‘dhahe’ jedhu yoo ilaalle:
a) Daa’imni sireerraa lafa dhahe. —>Sireerraa kufe akka jechuuti.
b) Caalaan uleen lafa dhahe. —> Rukute/reebe akka jechuuti.
c) Abdiisabaa bineensa faana dhahe. —–> duuka bu’e, hordofe, barbaade akka jechuuti.
d) Ani rakkannaan Mootiin mala naa dhahe. —> Furmaata naaf barbaade, akka jechuuti
e) Caalaan bullukkoo dhundhumaan dhahe. —> safare akka jechuuti

4. Hiika galmee jecchootaa: Hiika galmee jechootaa kan jedhamu, hiika jechootaa kanneen armaan olitti ilaalle kan of keessatti
qabatu ykn immoo hiika galmee jechootaa irratti kennamu jechuudha.

 


AFAAN OROMO – Oromo Language

FAA’IIDAA FAYYAA WALQUNNAMTIIN SAALAAN FIDU Haadha manaatifii Abbaa Manaa qofaaf

1

FAA’IIDAA FAYYAA WALQUNNAMTIIN SAALAAN FIDU Haadha manaatifii Abbaa Manaa qofaaf


Ilmii namaa wantoota isaaf barbaachisu keessa inni tokko walqunnamtii saalaa dha. Walqunnamtiin saalaa ijoollee horachuun ala bu’aa hedduu qaama keenyaaf kan buusu qaba. Tuqaalee 9 kanneen qunnamtiin saalaan fidu asii gadii tarreefame faa’iidaasa isiniif ibsuu yaalla.1. Eegumssa Fayyaa Dabala (Increase Immune System)Namootni qunnamtii saalaa torbaanitti si’a lama ol raawwatan eegumsi fayyaa (Immunity) isaani cimina godhata. Innis kan ta’u danda’u, yeroon qunnamtii saalaa yeroo yeroo dhan raawwatamu seelii immunoglobulin(Ittisa Fayyaa) qaama keenya keessa lakkoofsaan baayye kan ol ka’u dha. Seeliin kun viyirasii garaagara kannen farra qaama keenya ta’an hir’isu irratti gahee gudda qaba.2. Dhukkuba Onnee Hir’isaQorannoon tokko akka ibsuttii, dhiirotnii kannen torbaanittii si’a 2 ol qunnamtii saalaa raawwatan fi kanneen hin raawwanne yoo madaalchisan. Dhibbeentaa %45 dhiirotni qunnamtii saalaa raawwatu irra baayyeesa dhukkubbii onnee irra bilisa ta’an.Kun kan ta’u danda’u immo, qunnamtiin saalaa shaakalaa ispoortii(Excersise) ta’u danda’a jedhame.3. Dhiibbaa Dhiigaa Hir’isaWalqunnamtii Saalaa sammuu keenyaf aara waan baafachiisuuf dhiibba dhiiga hir’isuu irrattii bu’a qabeessa dha. Kuniis sammuu dhiphachuu fi dhiibba dhiiga keenya hir’isa.4. Waraansa Hir’isaQunnamtiin saalaa waraansa hir’isuun beekama. Keessattu waraansa dugdaa fi miila keenya hir’isuu irratti gaa’e gudda qaba. Kuniis kan ta’u danda’u, hormooniin waraansa hir’isu(Oxytocin) qaama keenya keessa dabalee argama. Hormoniin Oksitoosin yeroo tokko tokko love hormone ykn Hormonii Jaalalaa jedhamee beekama. Hormooniin kun qaama keenya keessatti yoo baayyinaan argame, waraansa (pain) garaagara fi dhiphachuu sammuu fi wantoota adda adda irraa nu ittisa. Bowwaa mataa fi waraansa yeroo laguun dhufuu irrattiis kan hir’isuu dha.5. Hirriba FooyyessaNamootni rakkoo hirribaa qabaniif qunnamtiin saalaa faa’iida guddaa qabaaf. Qoricha hirribaa fudhachuurra qunnamtii saalaa raawwatanii rafuutu irraa filatamaa dha jedhu doktoroonni heddu.6. Sammuu Dhiphachuu (Stress) Hir’isaWarrii sababa hojiitiif ta’e sababa adda addan kan sammuunsaani dhiphinaa fi yaaddo cimaa keessa jiraniif qunnamtiin saalaa furmaata ta’uf danda’a. Akkumaa tuqaa 4ffaatti ibsameetti, yeroon qunnamtiin saalaa raawwatamu hormooniin Oksitoosin waan dabaluuf dhiphinaa sammuu keenya baayye hir’ata. Qunnamtiin Saalaa sammuu keenyaf aara galfii dha.7. Fedhii Saalaa Dabala (Increased Libido)Dhiirotni rakkoo fedhii saalaa qabaniif furmaatnisaa, yeroo yeroo dhan qunnamtii saalaa raawwachu yaalu dha. Irra deddeebi’ani yoo raawwatan fedhiiniis dabalaa dhufa. Dubartootni fedhii hin qabneefiis, yeroo yeroo dhan yoo irra deebi’anii raawwatan isaaniif fedhiinsaani ol ka’a dhufa. Kuniis kan ta’u danda’u dubartootni dhaqnisaani waan jiiduuf (bishaan ta’uf) yeroorra yeroo yoo raawwatan bishaan kuniis waan dabaluuf fedhiinis dabalee dhufa.8. To’annoo Fincaanii Fooyyessa (Dubaraaf)Maashaalee afuffaa fincaanii jalattii argamu yeroo qunnamtii saalaa raawwatan humnasaa baayye kan dabaluu dha. Maashaalee kun yoo humna godhatu dubartootni dandeettii fincaansaani to’atan fooyyaa’a dhufa.HUB: Akkaata biraa kan fincaan to’achu ofbarsiisu dandeessan yeroo fincaaniif teessan gidduutti utuun xumuriin yeroo muraasaf addan kutuu yaalu dha. Kuniis maashaalee afuffaa fincaani jalatti argamu humna ykn irree itti horata.9. Carraa Dhukkuba Goflaa Proosteti (Prostate Cancer) Hir’isaDhukkubnii Prostate cancer (Goflaa Proosteti) dhukkuba dhiirota qofa kan hubuu dha. Qorannoo tokko tokko akka ibsuutti dhiirotni waggaa 40 ol ta’an kanneen qunnamtii saalaa yeroo dheeraaf hin raawwanne kan hubuu dha. Kanneen ji’atti al 21 ol sanyii kormaa dhangalaasaniifdhukkubni kun carraa isiin qabuuf baayye xiqaata.


Maddii Odeefannoo:Mercola.com

Miidhaawwaan Bilbilli Ammayyaawaan(SMART PHONE disadvantages) geechisu keechaa muraasa

0

Miidhaawwaan Bilbilli Ammayyaawaan(SMART PHONE disadvantages) geechisu keechaa muraasa: OROMO ICT dhaan


Miidhaawwaan Bilbilli Ammayyaawaan(SMART PHONE) geechisu keechaa muraasni kanneen armaan gadiiti:

1) Qaamni barbaade ykn namni barbaade osoo isin hin beekin faana isin dhahuu dandaha. Innis qaamni mootummaa ykn dhuunfaan osoo isin hin beekin Iddoo isin jirtan ilaalee isin hordofuu akka danda’u gochuuf bilbilli ammayaawaan gahee olaanaa qaba. kunis Fayyadamaa ykn App tajaajila akkasii kennan fayyadamuun, maxxansa keessan marsaalee hawaasaa hordofuufi kkf fa’a.

2)  Daataan barbaachisoon salphatti manca’uu; Bilbilli Ammayyaawaan daataalee akka suuraafi suursagalee(videos and photos) walitti qabachuuf salphaafi mijataa waan ta’eef wantoota yeroo dheeraaf walitti qabachaa turre yoo of eeggannoo cimaa hin goone yeroo xiqqoo keessatti hbuu dandeenya. Kunis Furtuun cufamuu(pattern lock), Mana fincaanii bu’uu, Bishaan xuqnaan hojjachuu dhiisuu, hannaaf saaxilamuu, carraa qinqnii(virus) saaxilamuufi kkf fa’a

3) Miidhaa dhaaf nu saaxiluu; Isaan kunis bilbilli Ammayyaawaan(smart phone) gatiin isaa olka’aafi qaalii waan ta’eef balaa saamichaatiif saaxilamuu bira darbee saamtonni nu saamuuf miidhaa qaamaa nutti qaqqabsiisuu akka dandeessu godha, akkasumas of eeggannoon yoo fayyadmuu dhiifne miidhaa fayyaas kan geessisu ta’uu isaa qorannooleen adda addaa ni agarsiisu. Isaan keessaa fkn: Chaarjiirra keenyee yoo fayyadamne dhooyuufi balaawwanbiroo dabalatee qaqqabsiisuu danda’a.

Kana Malees miidhaalee akka:

*Baatriin bilbila keessanii yoo xiqqaatee diimaa agarsiise, bilbila ittiin hin haasa’inaa. Sababni isaa, yeroo kana #raadeshiiniin isaa harka 1000n kaan Caalaa waan dabaluuf.

*Bilbila keessan of jala keessanii rafuun haalaan dhoorkaadha, yoo hoo’a dhooyee balaaf nu xaaxiluu waan danda’uuf.

*Bilbila keessan chaarjii irra keessanii #haasawuunhaalaan dhoorkaadha, hoo’ee dhooyuudhaann balaa geessuu waan danda;uuf.

*Mobile keessaan yoo ittiin odeessitan Gurra#bitaatiin fayyadamuun filatamaadha.

Kanneeniifi kan kana fakkaatan hedduudha.


HORAA BULAA DEEBANAA….✍️👈

👥: OROMO ICT and AFAAN OROMO – Oromo Language TEAM!💤

E-mail: info@oroict.com or info@afaan-oromoo.com

ICT Web: www.oroict.com

Afaan Oromo Web: www.afaan-oromoo.com

Irreecha Oromoo

0

Irreecha Oromoo: Walaabu Jilootiin


#Irreecha (Afaan Oromo]: also called #Irreessa, is Thanksgiving holiday of the Oromo People in Oromia (Ethiopia).
The Oromo People celebrate Irreecha to thank Waaqa (God) for the blessings and mercies they have received throughout the previous year. The thanksgiving is celebrated at the sacred grounds of Hora Harsadi (Lake Harsadi), Bishoftu, Oromia. The Irreecha festival is celebrated every year at the beginning of Birraa (Spring), new season after the dark and rainy winter season. Irrecha is celebrated in East Shewa Zone and around the world where diaspora Oromos live especially North America and Europe.

The Oromo People consider the winter rainy season of June to September as the time of difficulty. The heavy rain brings with it lots of things like swelling rivers and floods that may drown people, cattle, crop, and flood homes. Also, family relationship will severe during winter rain as they can’t visit each other because of swelling rivers. In addition, winter time could be a time of hunger for some because of the fact that previous harvest collected in January is running short and new harvest is not ripe yet. Because of this, some families may endure food shortages during the winter. In Birraa (Spring in Oromoland), this shortage ends as many food crops especially maize is ripe and families can eat their fill. Other crops like potato, barley, etc. will also be ripe in #Birraa. Some disease types like malaria also break out during rainy winter time. Because of this, the Oromos see winter as a difficult season. It does not mean the Oromo People hate rain or winter season at all. Even when there is shortage of rain, they pray to Waaqa (God) for rain and get automatic response.

The Oromo People celebrate Irreecha not only to thank Waaqa (God) but also to welcome the new season of plentiful harvests after the dark and rainy winter season associated with nature and creature. On Irreecha festivals, friends, family, and relatives gather together and celebrate with joy and happiness. Irreecha festivals bring people closer to each other and make social bonds.

Moreover, the Oromo People celebrate this auspicious event to mark the end of rainy season, known as #Ganna, was established by Oromo forefathers, in the time of Gadaa Melbaa in Mormor, Oromia.


Walaabu Jiloo tiin

Icciitii Dhiiraa kan Durbi hundi beekuu qaban

0

ICCITII DHIIRAA KAN DURBI BEEKUU QABDU


Akkuma beekkamu yeroo baay’ee dhiiraa fi dubartiin karaa baay’een walitti dhiyaatu karaa kanneen keessa karaan jaalalaa walitti dhufeenya dhiiraa fi durbaatiif baay’ee mijaayaa dha

kanaafuu akkuma dhiirri dubartii jaalatu dubartiinis dhiira ni jaalatti haa tahu malee dubartiinis waan dhiira tokko jaalattuuf iccitii mataa isii qabdi akkasuma dhiirris dubartii takka jaalala dhugaa jaalachuudhaaf iccitii mataa isaa qaba.

kanarraa ka’uudhaan wanta yeroo dheeraa dura qoratamee beekkame tokko anis isin biraan gahuuf dirqame

dubbiin amma dubbannu kun keessattu jireenya yeroo ammaa kanaan walitti hidhata qaba yeroi ammaa kana jaalalli dhugaa hin jiru yookaan hir’atee jira jedhamee yeroo beekkamu keessa jirra.

dhiirri tokko durba takka jaalala dhugaa isii jaalachuudhaaf wanti inni jalqaba dubartii irraa barbaadu kan dhiira addunyaa kana irra jiranii marti wal fakkaata innis DURBUMMAA qabaachuu isiitii fi itti aansuun jaalala beekuu isii qofa.

kana yeroo jedhu dhiirri addunyaa kana irra jiru marti isaanii yeroo ammaa kanatti kijiba wal fakkaatu kijibaa jiran dubbiin garuu iccitiidha kijibni isaan kijibaa jiranis-

dhiirri kamiyyuu dubartii takka yoi itti dhufu bareedinna isii laalee amala fi haala isii eega laale booda si jaaladhe jedhaan garuu haga ammaatti itti dhiyaatee waan hin arginiif ani si malee jiraachuu hin barbaadu yoo si dhabe hin du’a si jaaladha ima jedhaan booda yoo walitti dhiyaatan jireenya walii qoodamu keessa seenan garuu jalqaba irratti wanti inni isii gaafatu ati DURBUMMAA qabdaa? jedhee ishee gaafata yoo isiin lakki ani durbummaa hin qabu jetteen homaa rakko hin qabu ani jaalala dhugaa waan si jaaladhuuf durbummaa qabaachuu kee homaa naaf hin fayyadu wanni guddaan wal jaalachuudha jedhaan garuu wanni inni garaa isaa keessatti yeroo san yaadu akkasii miti.

yoo jalqaba jaalala xiqqo wahii isiidhaaf qabaates ishiin ani durbummaa hin qabu jennaan jaalali onnee isaa keessa jiru yeroma san kara jaalala sobaatti jijjiirama sana booda inni jaalala dhugaa isiif qabaatee osoo hin tahin faayidaa biraatiif isii wajjiin jiraachuu fi fuudhuunis ni mala booda garuu inni eega ishee fuudhe booda ishee wajjiin siree takka irra ciisee wanti inni yaadu waayee nama isa dura jaartii isaa irraa durbummaa fudhatee san qofaa dha

kanaafuu akkuma beekkamu yeroo baay’etti kan mul’ataa jiru dafanii wal hiikuu fii yokan ammo jireenya mana keessatti wal qaaysuu akkasuma yeroo tokko tokko osoo isiin jirtu nama biraa alaa barbaaduu fi rakko baay’etu uummama

garuu yoo isheen eeti ani DURBUMMAA ni qaba jetteen jireenya isaa keessatti akka yeroo san gammadutti lamuu hin gammadu haga durbummaa ishee san argutti rafee hin bulu durbummaa ishii arguuf jedhee hirriba dhaba waan ishiif tahu hin beeku osoo du’eelle guyyaa takka durbummaa ishii san argee du’uu barbaada dhuma irratti yoo carraan isaaf godhee durbummaa ishee san arge nama akka isheetti addnyaa kana keessatti jaalatu hin qabu jireenyi inni ishii wajjiin jiraatus haga humna isaatti jireenya gammachuu akka tahuuf yeroo hunda ni hawwaaf akka wanni hamaan ishee tuqu hin barbaadu jireenya ufii ishee keessatti uf laalaa jiraata garuu akkuma bifti namaa wak dhabu amalli namaatis wal dhaba waan taheef dhiirri tokko tokko kan aarii baay’atu jira garuu amala isaa waan taheef isheettis ni aara haa tahu garuu itti aara malee ishee hin jibbu yooka yero tokko tokko harkaanis ishee dhahuun ni mala haa tahu garuu ammas ishee hin jibbu akkuma abbaan ilma ufii dhahee guddisu san jechuudha innis yeroo aare qofa akka tasaa ishee dhaha malee ishee hin jibbus hin miidhus

wanti biraa haa hafuu yoo isheen duute inni tan biraa fuudheyyuu nama fuudhu san dirqama jireenyaatiif wajjiin jiraata malee akka ishee durbumma irra fudhatee sanitti jaalala dhugaa isheedhaaf hin qabu

wanti kun garuu yeroo ammaa kana iccitii tahee jiraata jira dubartoonni durbummaa isaanii bakka hin deebinetti gataa waan jiraniif akka walii galaatti dhiirri dubartii takka osoo dhugaan hin jaalatin si jaaladha jedhee akka kijibee jiraatu tahee jira haa tahu garuu dhuma irratti akkuma jalqaba ibsame jaalali inni ishii jaalatu jaalala kijibaa yokan jaalala faayidaa biraa irratti hundaaye qofaadha.

kanaafuu dubartiin martinuu iccitii dhiiraa kana beekuun baay’ee barbaachisaadha keessattu haawwonni ijoollee isaani tan lafaa ol guddataa jirtuuf iccitii kana barsiisuun dirqama

kana jechuun akka walii galaatti akkuma ilmi dhiira marti qaama saala kan kan wal fakatu qabu fedhiin isaaniitis kan dhiira maraatuu haala armaan olitti ibsameen wal fakkaata
(ani namni odeeffannoo kana isiniif barreesse kun) dhiirri odeeffannoo kana dubbise marti iccitii dhugaa kana yeroo dubbisu dhirri martinuu jireenya mana isaa keessa jiraata jiru akka uf argu 100% itti amana.

kanaafuu akkuma jalqaba isinif ibse dubartiin martinuu iccitii kana beekuun jireenya gaarii jiraachuuf waan isin fayyaduuf namoota hiriyyoota keessanittis himuudhaan dubbii kana waliif dabarsaa



please share godhuun odeeffanno kana waliif qoodaa

Xalayaa Jibbaa

0

<<XALAYAA JIBBAA>>


Sihaa ga’u balaankoo
……..Kan dugdarraa madde
Jaalala sobaatiin
………Onnekoo na gubde

Yoomiifan si dhoksaa
………Maaliifan si jajaa
Eenyufan si dheessaa
………Maafan si kabajaa

Jaalallike sobee
……..Miidiyaan didichaa
Ammammo kuno
……Anatti hadhaa’a akkuma ibichaa

Waggaa meeqa guutuu
……….Hirriba siif dhabe
Oonlaayini fi chaatii
……Friikoolii qabee

Suuraa fi sagaleekoo
………. anarraa waraabdee
Waan garaa kooti hunda
………….Nakeessaa dhudhugdee

Anatti xabattee sitti haa xabatu
Kan hoji keeti rabi siif haalaatu

Arkumake sanaan aadd nagootee
Hinturre achumaan hy naan jette

Dubbiin baduun
……Bar gaafa sanaa
Utu balballi jiruuu
… .Boroodhaan gadseennaan

Ammammoo sin abaaraaa
………Mar’imaan qabadhee
Jibbaa keetirraa kan ka’e
……..Funyaanko qabadhee

 


 

Imala irratti Balaqqamuu ykn Hoqqisuu-Motion Sickness: Dr Nuredin Luketin

0

Imala irratti Balaqqamuu ykn Hoqqisuu-Motion Sickness: Dr Nuredin Luketin


Balaqqamni yeroo imalaa deemsa konkolataan, baaburaan, xiyyaraan, doonii fi kkf goonu hunda irratti mul’achu kan danda’u ta’ee imala san xumurre yeroo xiqqoon booda kan dhaabbatudha. Nama lollojessun ykn haqqisiisuun mallato isaa ijoo haa ta’an malee isaanin dura mallatoleen biroo (fkn dafqa qabannaha, akka waan garaan nu guutame nutti dhagahamun, lafti namaan maruun, dadhabbin, bowwoon) namatti dhagahamu danda’a. Gabaabatti innis kan uumamu waldhabbii ergaa qaama madaala keenya eegu (Keessa gurraa) bira gahu , ergaa ijji keenya argee dabarsuufi hikkaa sammuun keenya itti kennu irraa dhufa. Innis otoo imala irra jirru tasa nu qunnamuu danda’a.

Wontonni armaan gadii kunnin balaqqama yeroo imalaa namatti jabeessuu danda’u:
• Ija keenyaan wontoota raasaa dhihoo jiran hordofuun
• Yeroo imalaa san dubbisuun
• Haasahaa deemuun
• Mataa keenya sosochoosuun
• Foliin boba’a
• Foliin sigaaraa
• Karaan irra deemnu marama ta’uun
• Tessoo gara duubaa irra ta’uun.

– Akkasumas Yeroo ulfaa fi da’imman woggaa 2-12 jiran irratti hedduminaan mul’ata.


Maal haa goonu?
* Wontoota isa nutti jabeessuu danda’an kan armaan olitti eeraman kan foyyessuu ykn ballesssuu dandeenyu ballessuu/foyyessu.
Fkn. Dubbisu, haasahu fi mataa keenya sosochoosu dhabuu.
* Gara samii ykn waan fagoo dhaabbata ta’e kallatii deemsa imalaa keenya irra jiran ilaala imalu. Yoo danda’ame rafuu.
* Deemsa dura nyaata zayitiin ykn dhadhaan itti baay’ate, akkasumas alkoolii dhuguu dhabuu.
* Deemsa dura nyaata heddu/baay’isnee nyaachu dhabu, akkasumas Garaa duwwaa /qooqaan imaluu dhabuu.
* Hancaqee/Maastikaa alanchuu. Zinjibiloo fayyadamuu.
* Haaluma danda’ameen waan isaa yaada imaluu dhabuu.
* Dabalataan qorichota balaqqama kana hambisuuf kennaman/fudhataman kan otoo imala hin eegalin sa’a tokko ykn daqiiqaa 30 dura fudhataman waan jiraniif mana qorichatii fudhachuu.



Ulfaadhaa!

Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin L.

Of-Eeggannoo Dubartiin Ulfaa Gochuu qabdu:- Dr Nuredin Luketin

0

Of-Eeggannoo Dubartiin Ulfaa Gochuu qabdu:- Dr Nuredin Luketin


Haati ulfaa takka mallatoolee armaan gadii kana yoo mudateen ykn ofi irratti agarte hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa deemuu qabdi:
* Dhiigni qaamaa saalaatiin ykn gadaamessaa as bahu yoo jiraate.
* Dhangala’aan akka bishaanii yoo qaama saalaatii heddumaatee jigaa ykn uffata jalaa jiisaa jiraate.
* Qaamni ishee (harka, lukaa fi fuulli) yoo iita’aa dhufe.
* Bowwoo hamaan, ijji itti dimimmisuun, naannoo cinaacha mirgaa/lapheetti dhukkubbiin hamaan yoo jiraate.
* Of wollaaluun, qaamni ishee hargufamuun (ijji adiin olgaragaluun hoomachi afaanii jiguun).
* Hafuurri hanqachuun/hargansiisuun
* Daa’imni gadaamessa keessa jiru kan sosochi jalqabe yoo sosochiin sun xiqqaate ykn dhabame.
* Dhangala’aan foolii qabu kan qaama saalaatii as bahu fi hoo’i ol’aanaan yoo jiraate.



Fayyaa ta’aa!

Ulfaadhaa, horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin L.

 

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)