Home Maxxansituu Fuula 12

Qaamota Shamarranii Nama Hawwatan Sadarkaa Sadarkaan: Dr. Gurmeessaa

0

Qaamota Shamarranii Nama Hawwatan Sadarkaa Sadarkaan: Dr. Gurmeessaa


Warra xiinsammuutu jedhe lol
Qaamota shamarranii keessaa sadarkaa sadarkaadhaan 1ffaa haga 10ffaatti kan nama harkisan!
10.FFAA. Koomee miillaa. Kun jaalaala yokaan dhiira harkisuu keessatti gahee guddaa waan hin taphanne fakkaata garuu miti sirriitti gahee qaba.
9.FFAA. Dugda. Dhiironni hedduun osoo ofirratti hin beekiin dugda gadi dhooqaa yokaan (curved) baay’ee jaallatu.
8.FFAA. Garaa (mudhii). Kana yeroo hedduu sirboonni aadaa keenyaa yoo durbaaf weellisan qalloo mudhii soonsaa… kan mudhiin qabaa hin guunne… fi kkn jedhu ni beekna.
7.FFAA. Rifeensa. Dhiironni riifensa dheeraa jaallatan akkuma jiran kuun ammoo gabaabaa mammaramaa jaallatu. Garuu inni guddaan rifeensaaf bakka guddaa qabu.
6.FFAA. Taafaa (hip) kun kara cinaan kan mullatu malee isa dudduubaan argamu san miti. Yoo bal’aa fi curved ta’e dhiironni ni filatu jedha researchiin adda addaa.
5.FFAA. Seequumsa ishii (smile). Kuun namoonni hedduu kan beekanii fi kan irratti walii galan kan hedduu nama harkisuudha.
4.FFAA. Hidhii (lips) Kun yoo guutuu ta’ee fi hammaan giddu galeessa ta’e jallatamaa ta’a. Garuu qalama baay’ee ciccimaa fi fagotti mul’atu yoo itti diban mul’isuuf malee harkisuuf ga’ee hin qabu.
3.FFAA. Guntuta (breast). Harmi yoo dhaabatu guddatee yoo bareeduu… wellistootni keenya illee akkam akka nama harkisu ni beeku. Ishii guntutni gaafa jibichaa fakkaatu qabdu jedhu..
2.FFAA. Teessuma (Butt). Kun homaa gaaffii hin qabu. Dhiirri akka dubara dudduuba ishii sagal dhoksee ilaalu ni beekna.
1.FFAA. Ija (Eye). Inni kun eeboo yokaan xiyyadha. Ni waraana, ni ajjeesa, ni injifata. Maarree gooftaa dhiiraati jechuun ni danda’ama.
Photo Credit Social media.

 


Fayyaan Faaya!

Dr.Gurmeessaa

Ucuba ykn Quufa Mormaa: Dr Gurmeessaa

0

Ucuba ykn Quufa Mormaa: Dr Gurmeessaa


Quufni mormaa kan uumamu gaafa xannachi taayirooyidii morma keenya fuulduratti argamu dhiita’udha.
1. Hir’ina elementii ayodinii
2. Nyaata ucuba mormaa fidan (goiterogens) baay’isuu keessumaa raafuu fi ocholoonii baay’inaan nyaachuu.
3. Ulfaa’uu
4. Kukulfanna (inflammation) xannacha taayirooyidii
5. Dhukkuboota akka hashimootoo fi giraaves jedhamaanii fi kkf dha.
Quufa mormaa haga ta’e ofirraa ittisuuf yoo xiqqaate kanneen armaan gadii lamaan gochuu dandeenya.
– Nyaata akka raafuu fi ocholoonii yeroo dheeraaf walitti fufanii nyaachuu dhiisuu
– Ashaboo iodine of keessaa qabu bitannee nyaatatti daballee nyaachuu. Keessumaa naannoo dhukkubni kun itti baay’atutti hir’ina iodine waan jiruuf akkas gochuu qabna.

 



Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

Qubee Fakkiidhaan

0
Qubee Afaan Oromoo
Qubee Afaan Oromoo

Asii gaditti Qubeen Afaan Oromoo Fakkiidhaan fakkeenyota Jecha Qubee Sanaan eegalanii ykn of keessaa qabanii irraa kan fudhataman
ibsa dabalataa wajjiin tuqamuuf yaalamanii jiru.

QUBEE Afaan Oromoo Fakii wajjiin

Qubee A/Oromoo Fakkeenya Fakkii Yaada(Remark)

A

Adurree
hiikkaa
– Bashoo(Cat)
Addurree View
A – Adurree
Jechi ‘Adurree’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘A’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

B

Bishaan Booyyee View
B – Bishaan
Jechi ‘Bishaan’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘B’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

C

Cuubee
hiikkaa
– Murtuu(Knife)
Cuubee View
C – Cirracha
Jechi ‘Cuubee’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘C’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

D

Daa’ima
hiikkaa
– Ijoollee umriin xixiqqoo
Doonii View
D – Daa’ima
Jechi ‘Daa’ima’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘D’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

E

Eeboo
hiikkaa
– Meeshaa Waraanaa kan Aadaati
Eboo View
E – Eboo
Jechi ‘Eboo’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘E’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

F

Farda
hiikkaa
– Geejjiba Fe’iinsaa(horse)
Farda View
F – Farda
Jechi ‘Farda’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘F’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

G

Gaala
hiikkaa
– _____(Camel)
Gaala View
G – Gaala
Jechi ‘Gaala’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘G’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

H

Hoolaa
hiikkaa
– ____(sheep)
Hoolaa View
H – Hoolaa
Jechi ‘Hoolaa’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘H’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

I

Ija
hiikkaa
– Agartuu(eye)
Ija View
I – Ija
Jechi ‘Ija’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘I’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

J

Jaldeessa
hiikkaa
– —(Monkey)
Jaldeessa View
J – Jaldeessa
Jechi ‘Jaldeessa’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘J’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

K

Kubbaa
hiikkaa
– Meeshaa taphaa(ball)
Kubbaa View
K – Kubbaa
Jechi ‘Kubbaa’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘K’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

L

Leenca
hiikkaa
– Mootii Bineensota Bosonaati
Leenca View
L – Leenca
Jechi ‘Leenca’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘L’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

M

Mana
hiikkaa
– Dawoo jireenya ilma namaa(home)
Mana View
M – Mana
Jechi ‘Mana’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘M’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

N

Nama
hiikkaa
– ilma namaa(human being)
Nama View
N – Nama
Jechi ‘Nama’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘N’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

O

Odaa
hiikkaa
– Caayaa Oromoota(Oda)
Odaa View
O – Odaa
Jechi ‘Odaa’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘O’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

P

Poolisii
hiikkaa
– Qaama Seera kabachiiftuu(police)
Poolisii View
P – Poolisii
Jechi ‘Poolisii’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘P’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

Q

Qocaa
hiikkaa
– –(tortoise)
Qocaa View
Q – Qocaa
Jechi ‘Qocaa’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Q’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

R

Raafuu
hiikkaa
– Gosa nyaataati
raafuu View
R – Raafuu
Jechi ‘Raafuu’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘R’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

S

Saawwan
hiikkaa
– saawwa(cows)
Saawwan View
S – Saawwan
Jechi ‘Saawwan’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘S’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

T

Teessoo
hiikkaa
– Minjaala(Table)
Teessoo View
T – Teessoo
Jechi ‘Teessoo’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘T’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

U

Ulee
hiikkaa
(Stick)
Ulee View
U – Ulee
Jechi ‘Ulee’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘U’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

V

Vaayitaaminii
hiikkaa
– Kan humnaf anniisa kennu(vitamin)
Vaayitaaminii View
V – Vaayitaaminii
Jechi ‘Vaayitaaminii’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘V’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

W

Weennii
hiikkaa
– —-(Baamboo)
Weennii View
W – Weennii
Jechi ‘Weennii’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘W’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

X

Xiyyaara
hiikkaa
Geejjiba Qilleensa irraati
Xiyya View
X – Xiyyaa
Jechi ‘Xiyyaara’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘X’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

Y

Yaa’ii
hiikkaa
– Walgahii Namootaa
Yaa'ii View
Y – Yaa’ii
Jechi ‘Yaa’ii’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Y’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

Z

Zeeroo
hiikkaa
– Duwwaa/Ona(empty)
Zebraa View
Z – Zeeroo
Jechi ‘Zeeroo’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Z’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

QUBEE DACHAA ykn CIMDII

CH

Barachuu
hiikkaa
– Faaya Abbaan Gadaa addatti godhatu(kalacha)
barachuu View
Ch – Barachuu
Jechi ‘Barachuu’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘CH’ kan of keessaa qabaniidha.

DH

Dhadhaa
hiikkaa
– Kan aannan keessaa bahu(butter)
Dhadhaa View
Dh – Dhadhaa
Jechi ‘Dhadhaa’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Dh’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

SH

Shaashoo
hiikkaa
– Meeshaa Faaya Aadaa kan aannan itti dhugamu(—)
Shaashoo View
Sh – Shaashoo
Jechi ‘Shaashoo’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Sh’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

NY

Nyaata
hiikkaa
– Soorata(food)
Nyaata View
Ny – Nyaata
Jechi ‘Nyaata’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Ny’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

TS

Tsabala
hiikkaa
– Filowhaa(flowha)
Tsabala View
Ts – Tsabala
Jechi ‘Tsabala’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Ts’ dhaan Eegalanii keessaa tokko

ZH

Televizhiinii
hiikkaa
– —(Televizhion)
Televizhiinii View
Zh – Televizhiinii
Jechi ‘Televizhiinii’ jedhu fakkeenya jechoota Qubee ‘Zh’ kan of keessaa qabaniidha.

 

Sirna Siinqee Aadaa Oromoo

0

 Sirna Siiqqee Aadaa oromoo


Seerri siinqee ulee qal’oo sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne waan ta’eef filatama. Siinqee dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimatee bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu. Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.

Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

Siinqeen Idaayyiif Kennamuu

Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa (uumamaan bilisa ta’uu) ti. Boraatiin muka irraa soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo mallattoo haadha-warrummaa ti. Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef mallattoo qabeenyaa ti.

Cidha gaa’elaa irratti yeroo idaayyichi idaayyittii fudhatee galuuf ka’u, haati ishii siinqee, boraatii fi baarree harkatti qabattee, balbala fuula dura teessi. Idaayyichi haadha idaayyittii bira ga’ee dhaabbata. Haati idaayyittii “hoo baarree, hoo barsee” jettee siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti. “Hoo barsee” jechuun yaboo sirra keewwadhee jechuu dha.

Hamaamonni oggaa qe’ee ga’u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree idaayyittiitti kenna. Idaayyittiin seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi baarree qabattee ol seentee gola ishii keessi. Kanumaan haadha siinqee taati. Yeroo eebbisanillee “siinqee baarree oofkalaa” jedhu. Kunis fuudha kana nagaadhaan keessa fulla’aa ykn ofkalaa jechuu dha.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadha-warrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Ulfina Haadha Siiqqee

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce’an.

Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa’an/bayima ba’an, Ateetee/Ganyaa jedhamu. Dubartoonni bayima ba’anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan, nama tokkoos ta’e nama hedduus ta’an, maanguddoonillee, fardarraa bu’anii, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii “Ilteeninnaa” jedhanii itti irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti irreeffatanii “obbayaa” jedhanii deebisu. Dubartoonni bayima ba’an, otoo isaan hin eebbisiin nama isaan qaxxaamure ari’anii qabanii adabu.

Aangoo Haadha Siinqee

Dhaanicha Abbaa Warraarraa Baraaruu

Sirni Gadaa, seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin mul’atu keessaa tokko, dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota gurmuu uummataniin birmannaa godhamu.

Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga’ametti, mallattoo wal waamichaa kan ta’e sagalee ililfannaa, “ililii,ililii,ililii…” jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu. Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse, kan daa’ima hoosisaa jirtus, kan sa’a elmitus, kan okkotee ibiddarraa qabduus, hojii of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee, hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi. Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana siinqee qabachiisanii manaa baasu.

Namicha haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa gurumuu kana keessa jirtu hundi, qe’een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin qabu. Daa’imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti marti namicha balleessaa hojjate sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa isaanii miidhamte itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/ erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.

Qaamni itti iyyatan, waltajjii qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa’anii dubbisu. Kana malees, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii, “ilteeninnaa” jechuun itti irreeffatu. Dubartoonnis “hobbayaa” jedhanii eebbisu. Yeroo seera kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.

Qaamni himannaa isaanii dhaga’uuf taa’e, “Wayyooma/ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse Gadaa dha.” Jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan, waltajjii jalqabu. Sana booda, “ulfoo teenya maaltu bade, maal rakkattan” jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa’iitti himti. Qaamni seera raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii dhiyeessanii, dubbii qoratu. Hanga murteen kennamutti, dubartoonni, roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen kun loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu sangaa/qotiyyoo isaa qaluu ta’uu danda’a……. itti fufa

Ciigoo Afaan Oromoo

0

CIIGOO Afaan Oromoo


 

Ciigoon akaakuu Aoolaa keessaa isa tokko yoo ta’u, jiruuf jireenya ummataa keessatti seenaa,
aadaa, duudhaa, jaalalafi jibbaa, gaddaaf gammachuu, amantaafi shakkii, waliin jireenyaa fi waldhabiinsa, tokkummaa fi garaagarummaa, tolaa fi hammeenya, fi kkf ittiin ibsachuuf
bu’aa guddaa qaba. Kana malees, wanti dubbannu sirritti akkaisa ta’uufi fudhatama argatuuf nu tajaajila.

Ciigoon garee jechootaa, gaalee, ykn hima ta’ee dubbii dachaa ta’e kan of keessatti qabateedha.
Dubbiin dachaa kun ciigoo Afaan Oromoo keessatti
yeroo baay’ee walaloo ciigoon ittiin ibsamu keessatti bo’oo isa gara dhumaarratti argama.

Dubbiin dachaa kunis ergaa lama dabarsa.
1. Ergaa ifaa fi fuullee jiru kan SOORGOO jedhamee beekkamu.
2. Ergaa dhoksaa ykn icciitii kan of keessaa qabu, SOOKOO jedhamuun kan beekkamu.
Ergaa isa jalqabaa(soorgoo) baasuun salphaa ykn yaada walalichaa irratti kan hundaa’e yo ta’u,
inni lammaffaa(sookoon) immoo qabiyyee walalichaarratti waan bu’uura hin godhanneef irra deddeebi’anii dubbisuun ergaa dhokataa ykn icciitii isaa argachuun kan barbaachisuu dha.
Ciigoon wantoota gurguddoo sadi of keessaa qaba. Isaanis:
1. Dubbii dachaa(Sobboqoo)
2. Soorgoo
3. Sookoo dha.
Jechi dachaa ykn sobboqoon yeroo tokko tokko sooressa dubbis ni jedhamu.
innis jechi tokko ergaalee adda addaa dabarsuu waan dand’uuf.
Sookoo fi soorgoon walduraa duubaan lafee fi dhuka jedhamuunis ni beekkama.
Malootni ittiin ciigoo itti hiikan keessaa dandeettiilee adda addaa qabaachuun barbaachisaadha,
isaan keessaa dandeettii qoruu, qorachuu fi xiinxallanii ilaaluu fa’a.

Mala dubbiin dachaa(ciigoon) ittiin hiikamu.
1. dubbii dachaa ciigoo uumu jabeessuun ykn laaffisuun, dheeressuu ykn gabaabsuun hiika barbaaduu.
Fkn: a. Nutti haa tolu jennee
Harree manaa baafne.
Jecha dachaa: harree manaa baafne.
Soorgoo(lafee): Beeylada Harree jedhamu manaa ariine.
Sookoo(dhuka): Balfa/xurii qulqulleessine

Fkn b. Cirracha darbitee kan buufte karaarra
Abaaramuu keeti baatetoo namarraa.
Jecha dachaa: baateetoo namarraa.
Soorgoo: Ati qofaatti Abaaramuuf.
Sookoo: Nama gubbaa baatee ykn namarra kortee abaaramuuf.

2. Jecha dachaa ta’e lama ykn lamaa ol garagaraa walitti fiduun ciigoo uumuu
Fkn: a. Miila lama qabdaaf muka lama hin kortu
Tokkumaa filadhuu hamma garaa hirtu.
Jecha dachaa: hamma garaa hirtu.
Soorgoo:Muka tokko filadhuu kori.
Sookoo: waan tokko hojjachuuf hin mamin/shakkin.

Fkn: b. Dhageettiin badeeraa kan warra gamasii
Ani taa’een ilaalaa ati guurii buusi.
Jecha dachaa: guurii baasi
Sookoo: guurii gurra keessaa baasi.
Soorgoo: Harii baasi, Haxaa’i

Fkn: c. Harka walqabachuun hundumaafuu tolaa
Kan wal bira jiru mala waliimalaa.
Jecha dachaa: Mala walii malaa
Soorgoo: Yaada walii kennaa
Sookoo: Daba walirratti yaada.

3. Jecha dachaa ykn jecha hiika lama qabuun ciigoo uumuu.
Fkn: a. Hunda caala jettee maaliif boonta cufa
Situ hin beekne malee caalaan ammaa dhufa.
Jecha dachaa: Caalaan
Soorgoo: Kan hundarra caalu
Sookoo: Nama Caalaa jedhamu.

Fkn: b. Isheen si jaalatti Ati maaf jibbita
Inta ulfeessi yaa gurbaa ulfaataa.
Jecha dachaa: Ulfeessi.
Soorgoo: kabaji
Sookoo: Ulfa taasisi.

Fkn: c. Ani buna hin dhugu garaa kutadheera.
Buna kee lammaffaa egaa kakadheera.
Jecha dachaa: Buna kee lammaffaa
Soorgoo: Buna dhugaatii dhiiseera
Sookoo: Buna kee isa lammaffaa hin dhugu.

Fkn: d. Akkan taane ta’ee seera uumaa cabsee
Harki na hidhamnaan miilanan barreesse.
Jecha dachaa: Miilanan barreesse.
Soorgoo: Lukaan(quba miilaatiin) barreesse.
Sookoo: Dhiyeenya kanan katabe ykn barreesse.


AFAAN OROMO – Oromo Language

Barnoota Suursagalee[Video]

2
 
 
Qubee Afaan Oromoo Barnoota – Suursagalee




 
Qubee Afaan Oromoo Kutaa 2ffaa Barnoota – Suursagalee

 

 

 




Qubee Afaan Oromoo Fakkiidhaan Barnoota – Suursagalee






 

Qubee Afaan Oromoo Kutaa 3ffaa Barnoota – Suursagalee

 

Qubee Afaan Oromoo Kutaa 4ffaa Barnoota – Suursagalee

 




Jecha Afaan Oromoo

0
Jecha Afaan Oromoo
Galmee Jechoota Afaan Oromoo

Jecha Afaan Oromoo


Jechimmoo kan uumamu Walitti dhufiinsa sagaleetiin ykn
‘Sagalee + Sagalee = Jecha’ ta’a.
Jechootni kan uumaman, sagaleen dubbii akkaataa hiika kennuu danda’anitti walfaana dhufuudhaan.
Sagaleef sagaleen walitti dhufuun jecha uuma.
Sagaleen gara garaa akkaataa hiika qabaaachuu dandaánitti yoo walitti dhufan, jechoota adda addaaa uuma.
Jechi sagaleewwan ykn sagaleelee garagaraa lamaa fi isaa oli irraa ijaarama.
Afaan Oromoo keessatti jechi bifa adda addaaatiin ijaarama: Isaanis:
1. Sagalee dubbachiiftuu fi dubbifamaa irraa
Ma + na = Mana
Ka + na = Kana
Bo + so + na = Bosona
I + ja = Ija
Mar + ga = Marga fi kkf jechoota sagalee adda addaarraa uumamaniidha.

  1. Jecha tokko irraa jecha biraa baasuu:
    Jecha tokko fudhannee, jecha sanarraa jechoota biroo heddu uumuun ni dandaáma.
    Fkn: Mirkanaaé: Jecha Mirkanaaé jedhurraa jechootni hedduu bahuu danda’u.
    Isaanis: -kana -aanaa
    -miá -karaa
    -ana -naannaé
  2. Hundee jechaa irraa dhaalatoo baasuu.
    Deem: Hundee kana irraa jechootni uumamuu dandaán:
    -Deeme
    -Deemte
    -Deemne
    -Deeman fikkf faá.

 

Dhamjecha:


Jechi tokko dhaamsa ykn ergaa tokko ykn tokkoo ol of keessaa qabaachuu danda’a.
Jechi tokko dhaamsaawwan tokkoo ol yoo of keessaa qabaate, unkaawwan(forms) dhaamsaawwan adda addaa agarsiisan,
addaan baafatanii beekuun ni danda’ama. Unkaan dhaamsa tokko qofa qabu Dhamjecha jedhama.

Fkn: Jecha ‘’Saroota’’ jechu yoo fudhanne dhaamsa lama dabarsa.
1. ‘’Saree’’ ykn beeylada miila afurii kan jedhu yoo taú
2. ‘-oota’ kan jedhu immoo baayina agarsiisa.
Walumaagalatti jechi ‘saree’jedhu dhamjecha tokko yommuu taú,
jechi ‘-oota’ jedhu dhamjecha biraati.
Sararri xiqqaan(-) kun, dhamjechi kun dhamjecha biraa irraa foxxoquu agarsiisa.

 

Dhamjecha Hirkata:


Dhamjechi hirkataan gosa sadi(3) qaba.
1. Dhamjecha hirkataa duree(prefix).
2. Dhamjecha hirkataa gidduu(infix).
3. Dhamjecha hirkataa duubee(suffix).
Dhamjechi hirkataan dureen, dhamjecha jalqaba jechootaarratti maxxanee dhufuudha.
Fkn: al- alidilee
Wal- walmaddii
Gar- garmalee… fkkf fakeenyota dhamjecha dureeti.

Dhamjechi hirkaan gidduu, dhamjechaa hundee jechaa gidduu galuudha.
Hub: Afaan Oromoo dhamjecha kana hin qabu.

Dhamjecha hirkataa duubee; kunis dhamjecha dhuma jechaarratti maxxanee galuudha.
Fkn: ‘-oota’ jecha saroota jedhu irraa cite
‘-icha’ jecha namicha jedhurraa fudhanne
‘-dhaan’ jecha eboodhaan jedhu ilaaluu dandeenya….
Fikkf dhamjechoota dhuma jechootaarratti maxxanuun baayína, akkaataa, fikkf agarsiisaniidha.

 

Jecha Tishoo


Jechoota hiika qaban lama walitti fiduundhaan jecha hiika qabu tokkoo fi baay’achuu ykn danachuu danda’u uumu, Jecha Tishoo jedhama.
Akka seerluga Afaan Oromootti, Jechoota tisheessuun haala lamaan ijaaramuu danda’a. Isaanis:
1. Sarara xiqqaan walitti fiduu(-)
Haala kanaan jechootni tisheeffaman jechoota lamaan gidduu sarara xiqqaa galchuudhaan.
Jechi inni jalqaba irratti dhufu sun yoo sagalee dheeraan xumurama ta’e qubee tokko irraa gatuun sararri xiqqaan gidduu gala.
Fkn: Seenaa + qabeessa = seena-qabeessa
mataa + duree = mata-duree
faayidaa + qabeessa = faayida-qabeessa
Jechi inni jalqabaa sun sagalee gabaabaan xumurama taanaan, sagalee sana irraa haqnee sarara xiqqaa itti hiina.
Fkn: koola + galtuu = kool-galtuu
roga + sadee = rog-sadee
saba + lammii = sab-lammii

  1. Walitti Siiqsuun barreessuudha.
    Inni kun mala jechoota tisheessuu isa lammaffaa yommuu ta’u,
    innis jechoota lameen walitti siiqsanii iddoo duwwaa gidduu jechootatti osoo hin hambisin
    afuura tokkoon akka dubbifamuuf, walitti siiqsanii barreessuudha.
    Fkn: gara + dhabeessa = gardhabeessa
    saba + lammii = sablammii
    mataa + duree = mataduree

Jechi Tishoo jechoota qeenxee fi danoomuu danda’uudha.
Qeenxee: ……. Danuu
seena-qabeessa …… seena-qabeeyyii
mata-duree …… mata-dureewwan
faayida-qabeessa ……. faayida-qabeeyyii
kool-galtuu …….. kool-galtoota
rog-sadee ……. rog-sadoota
sablammii …… sablammiilee/sablammoota
gardhabeessa ……. gardhabeeyyii

 


AFAAN OROMO -Oromo Language

Barnoota Barreeffamaa

0


1. Qubee Afaan Oromoo

Qubeen Afaan Oromoo Soddomii sadi(33), isaan keessaa digdamii tokko dubbifamaa, shan immoo
dubbachiiftuu yommuu ta’an, torba(7) immoo Qubee Dachaa/Cimdiidha.

Qubee Barreeffamaan>>

Qubee Fakiidhaan>>

 


2.Walaloo Qubee Afaan Oromoo

Qubeen Afaan Oromoo, bu’aa bayii heddu keessa darbee, har’a hanga Afaan hojiitti, Manneen Barnootaa naannoo isaatti
Barsiifamaa jira. Kanaafuu, Walaloon kunis, Adeemsaa fi bu’aa bayii Afaan Oromoo keessa darbe
ibsuuf yaalameera.

 


Qubee

Eegaan Si Baree
Afaan Koo Fure

A-Aa jedhee jalqabee qubee koo baradhe
B-Biyya dhabee ture seenaarraa argadhe
C-Cunqursaa alagaa kan bar hedduu baadhe
CH-chee jechaa gulufee diina koo qoladhe
D-Daranuu barachuuf hundee kootiif seenaa
DH-Dhibee wallaalummaa utubaa dukkanaa
E-Eboo waa qusanne hundaatti gadhiisee
F-Faajjii walabummaa kiyyaa lafaa kaasee
G-Gadaa saba kootii ijaaruuf deebisee
H-Halagaan nu fixee nutti mootii ta’uuf
I-Ija koo banadhee ufirraa ittisuuf
J-Jiruun awwaalamnee namaa gadi hin taanee
K-Kiyyoon nu dhukkubdee ba’aa nyaaphaa baannee
L-Lallabnee iyyanne hundaan tokko taanee
M-Mallattoo tukkummaa sirna wal qixxummaa
N-Numa addaan facaasee nurraa fayyadamaa?
NY-Nyaaphaan fira taane osoo beeynu diinummaa
O-Afaan Oromoo qabna afaan saba bal’aa
P-Polotikaaf seenaa ittiin qindeeffanna
PH-paatti aane dhufa isaan phaadha jenna
Q-Qubee liqii qabne barree wal barsiifna
R-Roorroo daba halagaa ufirraa buqqifna
S-Seenaa keenna dhiifnee kan halagaa baruun
Sh-Shira nutti deemu osoo ilaan garru
T-Tooftaa jirre baasee yoomuu nu gowwoomsuun
U-Ummata isa caaluun hin jiru jedhanii
V-Vaayrasii ta’anii qaama nu fixanii
W-Wallaalaa nuu jedhu hayyuu keenna fixanii
X-Xurii doofummaatiin sammuu nu duuchanii
Y-Yoo inni mormate yakkamaa godhanii
Z-Zowdii wal dhaalchisuuf numarra taa’anii?


3. Sagalee Afaan Oromoo

Sagaleen kan uumamu walitti dhufeenya qubee garagaraa yommuu ta’u, ykn
‘Qubee + Qubee = Sagalee’ uuma.
Sagaleen qubee dubbachiiftuu ykn dubbifamaa fi dubbachiiftuu irraa uumama irraa uumama. Sagaleen gosa akka
Sagalee Jabaa, Sagalee laafaa, dheeraa fi gabaabaa ta’uu danda’u.

 


 

4.Jecha Afaan Oromoo

Jechimmoo kan uumamu Walitti dhufiinsa sagaleetiin ykn
‘Sagalee + Sagalee = Jecha’ ta’a.
Jechootni kan uumaman, sagaleen dubbii akkaataa hiika kennuu danda’anitti walfaana dhufuudhaan.

Jecha>>

 


5. Hima Afaan Oromoo

Akka Seerluga Afaan Oromootti Himni kan uumamu walitti dhufeenya Jechoota garagaraa, bifa hiika qabaachuu
danda’aniin yommuu walitti dhufaniidha.
‘Jecha + Jecha = Hima’ uuma.
Himootni Bifa garagaraa kan qabaniifi akaakuulee garagaraatti gargar kan bahaniidha. Bal’inna isaa akka itti anuutti ilaalla.

 

Hima …


6.Keewwata Afaan Oromoo

Akka Seerluga Afaan Oromootti Keewwatni kan uumamu walitti dhufeenya Himoota garagaraa, bifa hiika qabaachuu
danda’aniin yommuu walitti dhufaniidha.
‘Hima + Hima = Keewwata’ uuma.
Bal’inna isaa akka itti anuutti ilaalla.

 

Keewwata …


AFAAN OROMO – Oromo Language

Qubee Afaan Oromoo

0

Qubee Afaan Oromoo


Asii gaditti Qubeen Afaan Oromoo Gurguddaa, Xixiqq fi Lakkoofsota Afaan Oromoo ni baranna.

Qubee Gurguddaa, Qubee Xixiqqaa fi Lakkoofsota

Qubee Gurguddaa Qubee Xixiqqaa   Lakkoofsota Maqaa lakkoofsotaa

A

a   1 Tokko

B

b   2 Lama

C

c   3 Sadi

D

d   4 Afur

E

e   5 Shan

F

f   6 Jaha

G

g   7 Torba

H

h   8 Saddeeti

I

i   9 Sagal

J

j   10 Kudhan

L

l   30 Soddoma

M

m   40 Afurtama

N

n   50 Shantama

O

o   60 Jahaatama

P

p   70 Torbaatama

Q

q   80 Saddeettama

R

r   90 Sagaltama

S

s   100 Dhibba Tokko

T

t   500 Dhibba shani

U

u   1,000 Kuma tokko

V

v   5,000 Kuma shani

W

w   10,000 Kuma kudhani

X

x   50,000 Kuma Shantama

Y

y   100,000 Kuma dhibba

Z

z   1,000,000 Kitila tokko

Qubee Dachaa ykn Cimdii

Qubee Gurguddaa Qubee Xixiqqaa   Qubee irraa uumaman Fakkeenya

CH

ch   c fi h Barachuu

DH

dh   d fi h Dhadhaa

SH

sh   s fi h shaashii

NY

ny   n fi y nyaata

PH

ph   p fi h Kophaa

TS

ts   t fi s Tsabala

ZH

zh   z fi h Televizhiinii

 


Qubee Dubbifamaa, Qubee Dubbachiiftuu fi Qubee Ergisa

Qubee Dubbifamaa Qubee Dubbachiiftuu   Qubee Ergisaa
B b, C c , D d, F f, G g, H h, J j,
K k, L l, M m, N n, P p, Q q, R r,
S s, T t, V v, W w, X x, Y y, Z z
A a, E e, I i, O o, U u   P p, V v, Z z, TS ts, ZH zh

 


AFAAN OROMO – Oromo Language

Afoola

0


Afoolli bifa ‘liitireecharii’ ta’ee aadaa, seenaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa dhaloota darbee himaamsa
afaaniitiin gara dhaloota itti aanutti ykn dhaloota dhufutti kan dabarsuudha.

Amaloota Afoolaa:
Afoolli: Gocha wajjiin kan walqabate.
Yeroo baay’ee yaada ifa ta’e hubachuuf kan rakkisuu miti.
Afaaniin dhalootaa dhalootatti waan daddarbuuf jijjiiramni yaadaa jiraachuu ni danda’a.
yeroo baay’ee gumiidhaan dalagama.
Yeroo baay’ee waan darbe irratti xiyyeeffata.

Afoolli jiruuf jireenya ilma namaa keessatti faayidaa heddu qaba. Isaan keessaa muraasni:
 Afoolli ummata qubee mataasaa hin qabne seenaasaa ittiin daddabarsuuf
 Barnootni afaaniffaan itti kennama
 Ittiin har’a galfachuu fi ittiin bashannanuuf.
 Amantii fi kabaja hawaasni tokko waan tokko irratti qabu agarsiisuudhaaf.
 Afoolli yeroo hedduu barruudhaaf madda ta’uun ni tajaajila.

AKAAKUU AFOOLAA

Afoolli akaakuu heddu qaba. Isaan keessaa:
 Eebba
 Mammaaksa
 Hibboo
 Ciigoo
 Sheekkoo/Oduu durii
 Geerrarsa
 Sirba
 Tapha Ijoollee
 Faaruu
.

.

AFAAN OROMOO GUDDISUUN GAHEE ILMAAN OROMOO HUNDAATI!

 

 

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)