Eebba bara Haaraa


BARA HAARA 2010 tti:

Ilma qilxuu ta’i – dagagi
Coqorsa ta’i – lafa uwwisi
Andoodee kormaa ta’i
Bona gannaa lalisi
Dubbi kee gamni hin qabin
Sanyii kee lafti hin qabin
Ibidda tulluurraa ta’i, duuba fulduratti ifi
Allayyaan siree, bolli didibbee siif haa ta’u
Lafti kee fixeensa hin dhabin
Arfaasaa facaasi birraa siif haa makaruu
Kan irraan dhufe jalaan si haa baasu
Kan jalaan dhufe irraan si haa baasu
Duultu abbaa mirgaa ta’i
Qottuu abbaa dilbii ta’i
Daldaltuu buusi
Barattuu milkaa’i
Mortuu goomattuun si haa dadhabduu
Bobba’i gali rafii dammaqi
Kufani cabuu dubbatanii salphachuu si haa olchuu
Dinni si haa sodaatu
Biqila lja godhatu ta’i
Namni si haa hawwatu, horii buli
#Eebbi koo haphee ta’e sitti haa qabatu
Lukni kee bakka milki haa ejjetu
Lammiin si haa leellisuu
Waaqni si haa eebbisuu
Horaa bulaa
Alaa mana
Walii galaa
Wal wajjiinin tola
Waan beektaniifi dubbistan dhalootaaf haa dabarsinu
Waliin baranne waliis haa barsiifnu!
@
Barri 2010 kun
Kan quufa
Kan gabbina
Kan gammachuu
Kan badhadhina
Sif haa ta’u!”


*Falmataa Gurmuu irraati

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here