Jechoota Afaan Oromoo, Jechoota Afaan Amaaraatiin Liqimfamutti jiran: Walhaa sirreessinuu
#Jechoota Ergifatamee Afaan Keenya Keessatti Lubbuu horachuun Jechoota mimmidhaagoo Afaan Oromoo bakka bu’uun keenya akka badan godhee, Jechootni kunneen Afaan Oromoo keessatti iddoo qabachaa jira. Kanumaaf, Ofirraa kaanee, Hiriyyaa, Maatii fi hunnda keenya haa sirreessinuu!
Jechoo afaan Oromoo yeroo baayyee hin amaleeffatamneef akkasumas Yeroo ammaa Naannolee Oromiyaa heddu keessatti Hawaasni yeroo jechooota armaan gadii kana AFAAN OROMOOtiin walitti makee haasa’u hunduu ni beekna, Kana Balleessuuf akkasumas Qulqullinaafi Guddina Afaan Oromootiif Ofii keenyarraa kaanee walsirreessuu qabnaan DHAAMSA KEENYA….
Afaan oromoo afaan hirkate utuu hin taane of danda’ee kan dhaabatedha.Amalli guddina magaalaamoo yoomiyyuu afaan keenya jallisuu(akka itti maknu) nu gochuu qabu.”MAAL BAASUUF DHAMA RAASUREE”?.Artiin hammuma guddataa jiru qulqullinni afaan oromoos eegamu qaba,Seenaa nu gaafata. Waanan dog…Yoon Dogoggore na sirreessaa!!!!!!!
Afaan Amaaraa Afaan Oromoo
- Ishi———Tole
- Bicha——-Qofa
- tinnish——-xiqqoo
- hizbii———-Ummata
- silxanaa——- leenjii
- likkii miti—— Sirrii miti
- Alaafii———–Dura taa’aa
- mikittilii——- itti aanaa
- Caawutaa——- Tapha
- Budun———-Garee
- sixootaa——— Kennaa
- Shilimat———Badhaasa
- Ashannafuu——Moo’achuu
- Giximii———–Walaloo
- tsifeti————-Barreeffama
- kaffitagna——–Olaanaa
- Beqqaa~—–ni ga’a
- Qidaame~—Sanbata/Sanbata xiqqaa(duraa)
- Ihud———-Dilbata/Sanbata guddaa
- Ni dabbara~—-Ni jibbisiisa
- Xifir qalem~Halluu qeensaa
- Tsagur maheja~Qabsiisaa rifeensaa
- Xuux maheja~Qabsiisaa harmaa
- Kaalsii~Shurraaba miillaa
- Surree~Kofoo
- Caammaa~Kophee
- Temari~Barataa
- Astemari— Barsiisaa
- timirti——-Barumsa
- Mana Temari~Mana barumsaa
- Shaanxaa~Boorsaa
- Cuggaarraa~ Garaachaa
- Shinwpeet~Mana fincaanii
- kushina——Gola nyaataa
- Wax~Ittoo
- Miizana~Madaalaa
- Maskootii~Foddaa
- Gaxerii~ Baadiyyaa
- Katemaa~Magaalaa
- Meedaa~Dirree
- Birdlibsii~Uffata qorraa
- Birat distii~Distii sibiilaa
- birat———Sibiila
- Waraaj~Na buusi(baasii,taaksii fkk….)
- Qannesi~Hir’isi(sagalee televijiinii, raadiyoo fkk….)
- Guaddenyaa~Hiriyyaa
- Sargii~Cidha
- Fooqii~Gamoo
- andanya fooq—-Darbii 1ffaa
- darajaa—Sadarkaa
- Caakkaa~Bosona
- Siqaayii~Gidiraa
- Ciismaawucaa~ baastuu aaraa
- Dawwaluu~Bilbiluu
- Kuwaasii~Kubbaa
- Taragaagga’i~Tasgabbaa’i
- Mestawaqiyaa~Beeksisa
- Mattawaqiyaa~Waraqaa eenyummaa
- Qibaatii~Dibata
- Daanyaa~abbaa Murtee
- Barranyaa~Eegaa goolii
- Tifozo~Hamilee
- Qaxaruu~Miindeessuu yookiin Na qacari~na beellami
- Shufeerii~konkolaachisaa
- Raddaatii~Gargaaraa
- Misgabaa~Galmee(Galmaa’uu)
- Masgaba—-Galmee(Dookumantii)
- Silkii~Bilbila
- Hakiimii~Ogeessa fayyaa
- Zabanyaa~Waardiyyaa
- Damoosa~Miindaa
- Mannooriyaa bet~Mana jireenyaa
- Mannaariyaa~Buufata konkolaataa
- shiggirii——–Rakkoo
- Zeenaa———Oduu
AFAAN OROMO – Oromo Language
- Marsiimoy Sabaaf irraa
Baayyee Galatooma
Kunneen sagaleedhaan qophaa’anii osoo memoriidhaan daddabarfamanii bu’aa guddaa buusu natti fakkaata.