Home Maxxansituu Fuula 5

Waa’ee Gadaa wantoota beekuu qabdan shan

0
Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo Kuraa, Makkalaa fi Bokkuu isaa waliin

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan Oromoo hamma gaafa dulloomee du’uutti hawaasa keessatti bakkaa fi qoodama dalagaa qabaata.

1. Gogeessa Gadaa

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta’u, isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna saddeet saddeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamu (gabatee ilaali).

Gabateen Gadii kun Daataa BBC.COM irraa fudhanne

Boorana Maccaa-Tuulama Arsii Gujii Ituu-Humbannaa
Meelba / Harmufaa Birmajii Birmajii Harmufa Horata
Muudana / Roobalee Michilee / Muudana Roobalee Roobalee Dibbaaqa
Kiilolee / Birmajii Duuloo / Halchiisa Bahara Muudana Dibbeessa
Biifolee / Muldhata Meelbaa / Hambissaa Horata Halchiisa Fadata
Michilee / Duuloo Roobalee Daraara

Maqaa Paartiilee Gadaa – maddi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaati

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jiruutiini. Kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.


Dabballee fi Luba Guyyoo Gobbaa Ardaa jilaa Badhaasaatti

 

 

2. Baallii walharkaa fuuchuu

Gadaan waggaa saddeet saddetiin naanna’a. Abbaan Gadaa tokko waggaa saddeet irraa guyyaa tokkollee dabarsuu hin danda’u, aadmalee.

Dhaloonni oromoo sirna gadaatiin bulu yeroo hunda gadaa keeessa jira. Gulantaa irra jirurratti mirgaa fi dirqama aangoon gadaa kenneef hojiitti hiika namni hunduu. Baallii walharkaa fuuchuu jechuun egaa gulantaa sirna gadaa tokkorraa kan itti aanuutti ce’uu jechuudha. Haala Kanaan namni raaba doorii keessa ga’umsaan darbe gadaa ta’ee aangoo abbaa gadaarraa fudhata. Oromiyaa bakka garaa garaatti jilli gadaa fardaan ba’ee guyyaadhaan baallii walitti dabarsa. Boorna keessatti sirni kun halkan walakkaa raawwatama. Yeroo jilli gadaa fardeen torbaan baalli fuuchuuf ba’an nama dhiisii simbirruu dura darbuun aadmalee.

3. Ardaa jilaa

Ardaan Jilaa bakka itti walga’uun dhimmi ummataa mari’atamuudha. Iddoo kabajamaa jilli gadaa irra naanna’uun naannoo wayyoomsu ykn kabaja akka qabaatu hojjetu jechuudha. Ardaan Jilaa teessoo gadaatis. Dhimmi jilatamu kamiyyuu ardaa jilaatti raawwatama waan ta’eef. Oromiyaan Ardaalee Jilaa hedduu qabdi.

4. Odaa

Odaan galma abbaa Gadaati. Oromiyaa keessa odaawwan hedduutu jiru. Kanneen giddu gala sirna gadaa ta’anii tajaajilaa turanii fi ammas tajaajilaa jiran garuu shan. Isaanis :

  • Odaa roobaa kan Godina Baaleetti argamu
  • Odaa bisil kan Shawaa Lixaatti argamu
  • Odaa nabee kan shawaa Bahaatti aragamu
  • Odaa Bultum kan Harargee Bahaatti argamu
  • Odaa Bulluqi Horo guduruu

5. Irreecha

Shamarranii fi Dhiirri Oromoo wayita Hora Harsadiitti irreeffatan

Irreessi duudhaa, amantii fi aadaa oromoo calaqqisiisa. Kaayyoon sirna Gadaa keessaa isa tokko oromoon kan ittiin uumaa fi uumamatti dhiyaatu, galateeffatuu fi kadhatu sirna Irreechaatiin.

Irreechi waggaatti si’a lama kabajama. Inni birraa wayita oromoon bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti ce’u kabajama. inni kun Irreecha Malkaa jedhama.Inni arfaasaammoo wayita roobni fuula as deebifatu rooba nagaa kadhachuuf kabajama.inni kunimmoo irreecha tulluu jedhama.

 

Maddi BBC Afaan oromooti

Abbaan Gadaa yoo jaaru/ qorcaa yoo micciiru(du’u) eenyun bakka bu’a?

0

Seera bulchiinsa preezdaantummaa fi mana mareetin muummeen mootummaa yoo du’aan boqatan, paartichi yaa’ii ariifachiisadhaan nama bakka buusa.

Sirna Gadaa waan akkanaa yoo mudate falli maal ta’a seetu?

Akka Booranni jedhutti abbaan Gadaa angoorra jiru utuu baallii hin kennine yoo jaare, akka Gujiin himuttimmoo nami abbaa Gadaa ta’uuf deemu yookaa gadoomarra jiru yoo qorcaa micciire eenyutu bakka bu’a?

Boorana biratti mudannoon akka kanaa kallattii lachaniinuu akka mudatee ture odeeffannoo arganneera.

Abbaan Gadaa baallii fuudhan Kuraa Jaarsoo nama silaaf abbaa Gadaa ta’u dursee filame jaaree jennaan isaan bakka bu’anii obbo Hordofaa Galgaloo nutti himaniiru.

Gosti walii galee obboleessi nama sanaa beekomaa fi bulchiinsa irratti cimaa ta’uun yoo yaadame bakkicha dhaaluu danda’a.

Yookaammoo lubuma sana keessaayi namni kan bakka buufamu.

Fakkeenyummaaf yoo fudhanne abbaan Gadaa Guyyoo Gobbaa irraa baallii kan fuudhan Kuraa Jaarsoo Kuraa waliigaltee gosaatiin bakka ilma obboleessa abbaa isaanii dhaalan.

Silaa Abbaa Gadaa ta’uuf dursee kan filame Guyyoo Morquu duunani.

Fiixee yookaa gogeessa Gadaa Booranaa shananittuu namni lubaan miseensa ta’u guyyaa kuusa ta’erraa kaasee hayyoota Adulaa ja’a filata.

Hayyoota Adulaa kana keessaayi Abbaa Gadaattis kan ce’u.

Aduloota waggootaan dura lallaban ja’an kana keessaa kan itti aanaa abbaa Gadaati jedhame bakka sana bu’ee Gadoomatti akka dhufudha obbo Hordofaan kan himani.

Garuummoo Aduloota kanniin keessaa namni cimaan dhabamnaan gosa isaa keessaa itti dhiheenyaan kan jiru akka muudamu ta’a.

Haala kanaanis kan tolu yoo hin jiraanne Abbaan Gadaa kan Boorana qajeelchu waan milkiin uummata bulchu waan ta’eefuu kan safuuf beekoma qabu,kan wanti aadi malee isa biratti iddoo hin qabaanne ilaalamee Oromuma Booranaa gosa kamuu keessaa filamuun abbaa Gadaa ta’a.

Haalli akka kanaa Gujii biras jira. Fincaan Gujii shananiif wayita miseensa ta’amu bara kuusarra ga’anutti namoonni torba balbala Gujii torban irraa filaman guyyoota 27 ta’aniif mana barnootaa galu.

Agaalla galu jedhaan Gujiin.Agaalla jechuun dallaan ijaaramee sana keessattimmoo galmi tolfamee barnoonni iddoo itti kennamu.

Isaan kuni akka isa ammayyaatiin koree hoji raawwachiiftuu akka jennuuniiti.

Torbiin kuni hundinuu ga’ee mataa isaanii qabu jedhan itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turizimii godinichaa obbo Dambii Turcee.

Warri Agaalla galan kunniin namoota torbii filatan inni duraa abbaa Murtiiti.

Boodas Abbaa Gadaa kan ta’u kanuma.Kan Abbaa Murtii gargaarummoo jalkeya jedhama.

Namoonni biroo tartiibaan faga,hayyuu,waamura,torbii fi jaldhaaba.

Rakkoon akka abbaa Gadaa qorcaa micciirsisuu yookaa gorora liqimsuu jechuun du’aan boqachuu isaan mudatu hayyoota torbii kana keessaa baka bu’ama.

Torbii balbala torbaa kana keessaa namni akeeka biyya hogganuu qaba jedhamu abbaa murtiitu filama.

Abbaan Murtii kuni dooroma ga’ee abbaa doorii, Gadaa yoo ga’ummoo abbaa Gadaa ta’a.

Abbaa murtii kanatti kan aanu Jalkeya inni jedhamu yeroo maraa bakka bu’aa abbaa Gadaa ta’uun kan tajaajuludha.

Rakkoon abbaa Gadaa gorora liqimsiistu yoo uumame namoonni torban kuni waliin ta’uuni murtii jalkeyi abbaa Gadaa ta’uu kan mirkaneessani jedhan obbo Dambii Turcee.

Jalkeyi yookaa itti aanaan abbaa Gadaa kunis dandeettii bulchiinsaa kana hin qabu taanaan ni gombifama.Kana jechuun paartiin yookaa lubi suni nama biraa laalee bakka buusa.

Boorana biratti bara abbaa Gadaa 58tessoo haalli Abbaan gadaa adoo angoo hin fixatin itti jaare mudatee kan ture ta’uu eerama.

Obbo Hordofaa Galgaloo himana maanguddoo Booranaa irraa akkan hubadhetti bakka isaanii namni gosaan lallabame abbaa Gadaa ta’ee Gadooma sana xumursiisera.

Abbaan Gadaa duraa jaarraan Liiban Kusee Liiban bakka bu’e jedhama.

Gama Gadaa Tuulamaatiin haalli akka kanaa akkami kan jedhu iyyaafanneerra.

Abbaan Adeemsa hojii tajaajila deeggarsa oogummaa too’annoo fi hordoffii magaala Bishooftuu fi barreessaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa obbo Caalaa Soorii erga bara sirni nafxanyaa naannaa giddu galeessaa kana too’ateetuu wa-harkaa fuudhiinsi baallituu seera qabeessa utuu hin ta’in tureera.

Lubni Gadaa shanan bara gadooma isaanii yaa godaananu malee abbaa Gadaa kan ta’u kallattii sirriin baallii fuudhee miti.

Kan adeemsa sirriin baallii fuudhe Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo qofa.

Kanneen sanaan dura turan abbaa Gadaa muul’adhuu qofaan as ga’ani.

Yemmuu caffee godaananitti gadaan jiraa jedhamee yoo gaafatamu anatu gadaadha jedheetu abbaa Gadaa kan ta’aa ture.

Dhimmi waa’ee sirna Gadaa sana keessatti ta’u gama koree hoji raawwachiiftuu Tuulamni Saglan Yaa’ii jedhuutiin raawwatama.

Ta’ullee bara gadaa Bayyana Sanbatoo kanatti seerri abbaan Gadaa yoo du’e kallattiin eenyutu bakka bu’a kan jedhu hin lallabamne jedhan obbo Caalaan.

Qorannoo bara gadaa itti aanu Gadaa Melbaatti ni ilaalama jedhamee eegama.

Haala hayyoota torbii balbala Gujii torbaa filaman,kan booranaa hayyuu Aduulotaa gosootuma Booranaa keessaa ta’uun kan dursee qophaa’u ta’ee yoo qorcaa micciiruun dhufte yookaa jaaran irra deebi’amee baallii itti kennina jedhamee godaansaaf hin ba’amu.

Hayyooti kunniin itti mari’atuun yaa’ii koree hoji raawwachiiftuu ol kan ta’e yaa’ii Caffeetiin uummatatti beeksisu.

Getaachaw Muul’ataa, Shallamaa Kabbee

Muramte – Murtii Araaraa

0

Muramte Falfala nujalaa haa muru muramte
Muramte Oromoon sirna qabaa muramte 
Sirni guyyaa qabaa muramte 
Guyyaan abbaa qabaa muramte 
Abbaan haqa qabaa muramte 
Haqa santu gahee muramte 
Halangee harkaan sigahee muramte 
Halangeen sitti kennamtee muramte 
Halangeen taayitaadhaa muramte 
Taayitaan tan ummataati muramte 
Ee qabsoon asgeenyee muramte 
Ummatumatu itti miidhame muramte 
Lubbuutu itti wareegamee muramte 
Dhiigatu itti dhangala’ee muramte 
Lammitu lafarraa buqqa’ee muramte 
Qarreefi Qeerrotu lafee itti cabee muramte
Hayyutu itti dhama’ee muramte 
Wayyutu itti hidhamee muramte 
Ummatumatu namaa muraa muramte 
Ummatumatu namatti muraa muramte
Injifannoon duuba hindeebituu muramte 

Waan arganne tikfannee waan hafe gaafannaa muramte
Tokko taanee tarkaanfannaa muramte
Tokkummaan jijjiirama arganne tikfannaa muramte
Tokkummatu humnaa muramte
Hummanni humna qabiu waan hunda qabaa muramte
waan muranne uumaan nuuf haa muru
Sun Toltu
Toltuun haa toltu.

Abdisa Bencha Jara

Obbo Ibsaa Guutamaa: Yeroo cehumsaa Afaan Oromootiin akka baratamuuf quuqamaan hojjenne

0

Yeroo mootummaa cehumsaatti Ministira Barnootaa ta’uudhaan kan tajaajilan Obbo Ibsaa Guutamaa turtii BBC’n akkaataa Jalqabbii barnoota Afaan Oromoofi dhimmoota hedduu biroorratti taasise kunooti.

BBC: Dhaloota Fidalaafi Dhaloota Qubee yeroo jettan dhaga’amtu. Maal jechuudha?

Obbo Ibsaa: Hawaasni Oromoo gulantaalee sirna Gadaatiin bakka garagaraatti qoodama. Waggaa saddeet saddeetin qoqqoodama. Gulantaa walfakkaataa wagga saddeetii keessa kan jiru Hiriyaa jedhama.

Hiriyaan yeroo olsiqaa deemu inni gara oliimmoo bakka gadhiisaafii deemuu qaba. Akkasitti deemeetu hanga Lubaatti gaha.

 

Yeroo kana Lubni bakka gadhiiseefii bahaa deema jechuudha. Yoo akkanatti waljalaa siqaa deeme malee inni gara gadii jiru ukkaamamee, walnyaatee akka volkaanoo gaaf tokko yoo dhoohe hundumtuu ni bada.

Kanaafuu nuti warri Dhaloota Fidalaan baranne Dhaloota Qubeetiif bakka gadhiisaa deemuu qabna. Nuuf yeroon kuni yeroo itti gorsa kenninu yookin aara galfannudha.

Kanaafuu warri lafaa dhufu bakka qabachuu qabuun jedha. Amma aadaa keenyaan deemaa hin jirru. Akka alagaan nuuf kaa’etti ijaaramnee deemaa jirra. Kanaaf bakka waliigadhisuun kuni kan hin baratamneef. Haalli kuni geeddaramee bakka walii gadhiisuun dirqama taha.

BBC: Waa’ee ministeera barnootaa hoggantanii maal yaadattu?

Obbo Ibsaa: Ministeera barnootaa ta’uun wagga tokkoofin tajaajile. Turtii waggaa tokkoo kanatti bara itti aanutti manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran hundi barnoota Afaan Oromootiin akka barsiisan kitaabota qopheessaa turre.

Ji’oota afur hin caalle keessatti qopheesinee xumurre. Pirojektii kanaaf beektonni Oromoo hundi birmataniiru. Keessumaa barsiisonni hojii kooti jedhanii halkaniifi guyyaa hojjetaniiti saffisaan kan qophaa’e.

Utuu mootummaan hin jigiinis hojii kana galmaan geenye. Kitaabolee qopheessuu, maxxansuu, rabsuun manneen barnoota kennuun jalqabame.

Afaan Oromootiin barsiisuun osoo yeroo sana quuqamaan hin jalqabamne tahee sadarkaa kanarra hin gahu ture. Yeroo cehumsaa sanatti qaamni hundi xiyyeefannaansaa siyaasa kan biraa waan tureef nuti yeroo hojii kana saffisaan hojjennee xumurru haala mijataa arganne.

Osoo yeroo sana qalbiin namaa siyaasa dhiisee gara kenya ilaalee danqaa guddaatu uumama ture. Afaan Oromootiin barnoonni akka jalqabuuf yerootu kenne. Yeroo sanatti osoo hin fayyadamnee rakkisaa taha ture.

BBC: Aangoo ministeera Barnootaa akkamitti gadhiistan?

Obbo Ibsaa: Yeroo ABO’n mootummaa cehumsaa keessaa bahe ani walgahii UNESCO tokko irratti hirmaachuufin biyya alaan ture.

Osoon achi jiruuyi kan ‘mootummaa cehumsaa keessaa baaneerra, ofii keetii murteessi waan gootu, deebi’uufi achitti hafuu’ kan jedhu naaf dhaaman.

Akka yeros natti himanitti Mallas Zeenaawwiin Obbo Diimaafi Obbo Leencoo waameetu ‘ani eegumsa isiniif gochuu hin danda’u, biyyaa bahaa’ jedheen.

Yeroosuma viizaa biyya adda addaa xumurameefii ABO biyyaa baasan.

Anis ergan kana dhagaheen booda lamuu hidhamuu waan hin barbaanneef achuma biyya alaattin hafe. Hanga ammaa kunoo wagga 26 oliif biyyuma alaatin ture.

Kanaafuu, nuti warri Dhaloota Fidalaan baranne Dhaloota Qubeetiif bakka gadhiisaa deemuu qabna.Obbo Ibsaa Guutamaa, Hayyuufi qabsaa’aa

BBC: Walaloo ‘Itoophiyaawii maannew’ maalirraa kaatanii barreessitan?

Obbo Ibsaa: Yeroo Hayilasillaasee nuti Ijoollee turre. Warraaqsa dargaggoota addunyaa keessa jirra. Yeroo ilaallu naannoo keenyatti cunqursaatu baayyata, sabni tokko saba kan biraarratti tuulamee, inni kaan tuffatamee jira.

Kanaafin ‘Itoophiyaa, Itoophiyaawii…’ jechaatii deemuun garuu sabni kaan kan akka Oromoo, Aanyuwaak fi kan biroo dhuguma Itoophiyaadhaayii? Kan jedhu gaaffii kaasuufin barreesse. Gaaffii kanaafis deebiin argamuutu irra jira kan jedhudha kaayyoonsaa.

BBC: Gaaffii walaloo sanaatif amma deebiin argameeraa?

Obbo Ibsa: Ani ofii kootiif yeroo sanayyuu deebii isaa nan beeka. Itoophiyaawiin eenyu akka ta’e yerosuu deebii argadheera. Garuu hamma yoonaatti namni gaaffii sanaaf deebii kenne hin jiru.

BBC: Haala yeroo Oromiyaa maal jettu?

Obbo Ibsaa: Wanti amma mul’atu nama gaddisiisa. Nuti kan dhufne nagaadhaan qabsaa’uuf.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisna, cehumsa kanaan gara dimokiraasitti baana jedheeti. Kuni waan guddaa biyya kana keessatti jedhamee hin beeknedha.

Dhuguma olaantummaa seeraatu kabajama taanaanimmoo akka barbaannetti uummata gurmeessinee, mirgaafi dirqamasaa barsiifnee sodaafi doorsisa malee hojjechuu dandeenya jechuudha.

Amma yeroo nuti gara Oromiyaa dhufnummoo rakkinatu jira. Maaliif akka rakkoon kuni uumame, eenyuufi eenyu gidduutti akka ta’eyyuu waanuma odeefamurraa kan hafe hin beeku.

Dhugaan jiru garuu uummati keenya kallattii garagaraa jiru buqqa’aa, du’aa fi rakkoof saaxilamaa jiraachuudha.Nageenyi bu’uu qaba. Nageenyi cehumsa kana milkeessuuf durfannoo jalqabaa waan ta’eef.

BBC: ABO isiniif maali?

Obbo Ibsaa: Ani ABO dha. Jireenyikoos, hamma dhumaattis ABO dha. ABO’n meeqas haa tahu, abbaan barbaades ciratee haa fudhatu, ABO’n tokkichuma mataakoo keessa kan jiru.

Isa lafa jiru miti. Inni lafa jiru baayyeedha. Kunis sunis kankooti jedhee kan maqaa itti mogaafate baayyeedha.

Garuu, ABO’n salphaa miti Oromoodhaaf. Ijoollee baayyee itti wareege, waggoota shantamman darban wareega guddaatu bahe. Beektota keenya meeqa dhabne, jaallan koo warran beeku meeqatu dhume? Ana malee kan hafe jirayyuu natti hin fakkaatu.

Kana kana yeroo ilaaltu ABO ebeluu, jettee waan asiifii achi qabdu miti. ABO’n Ayyaana Oromoo keessaa tokko jedheen fudhadha ani. Namni sababa ABO tiin hin tuqamne tokkollee hin jiru, qe’een maqaa ABO tiif hin miidhamne tokkollee hin jiru.

BBC: Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa akka ta’uuf haaldureen barbaachisu maali?

Obbo Ibsaa: Oromoon saba guddadha. Mootummaan kuni kan magaala guddoosaa qabu Oromiyaa keessaayi kanaaf Oromoon bu’aasaa argachuu qaba.

Magaalasaa keessa ta’ee afaan isaatiin hin dubbatamu taanaan rakkisaadha. Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta’uu dhabuusaatiin ijoolleen Oromoo hojii Federaalaa hin argattu.

Waan baayyee keessatti warra kaan waliin walqixxee hin hirmaatan jechuudha.

Madaallii kamiinuu yoo ilaalames afaan kamiiniyyuu gadi miti Afaan Oromoo. Maaliif biyyasaa keessatti afaan Federaalaa hin taane kan jedhu sammuu Oromoota hundaa keessa jira.

Kanaafuu afaan Federaalaa ta’uu qabaadha malee halduree waan jedhamu homaa hin barbaachisu.

BBC: Konfiransii irratti hirmaachuuf gara biyyaa deebitanii maalif hidhamtan?

Obbo Ibsaa: Yeroo sana dhaabbonni biyya keessa jiraniifi ABO’n Paarisitti walgahiitu ture. Walgahii kanarratti murtee tokkorra geenyee turre. Murteen kunis konfiransii guddaa biyyatti gallee qopheessina kan jedhudha.

Dhaabbileen hunduu, Wayyaanee dabalatee kanumarratti waliigallee gara biyyaatti deebine.

Dhaaba ABO dura bu’ee kan dhufe ana ture. Biyya dhufee gara mana kiyyaan deeme. Mana kiyyatti loltoonni hedduun dhufanii na fuudhanii deemuun mana hidhaa nagalchan.

Torbee sadiif erga na hidhanii booda na gadhiisan. Walgahii sana dhaabni keenya hin fudhannu waan jedheefin hidhaadhaa baanan bakka hayyu duroonni keenya jiran Landan deeme.

BBC: Obbo Leencoo Lataa akkamitti isin hiiksisuuf dhufan ture?

Obbo Ibsaa: Obbo Leencoon yeros waan isa tuqe hin beeku. Ani yakkaanin hidhame. Biyyattiitti waayi balleeseera jedhameetin hidhame.

Yakkarrattimmoo nama bakka hin buutu, yoon ani yakka hojjedhe anumatu itti gaafatama jechuudha. Isaan dhufuu isaanii karaarra yeroo gahan dhageenye. Jaala keenya tokkotu akka dhufaa jiru natti hime.

Akkamittiin akkas taha jedheen ofgaafadhe? Obbo Leencoonis kana wallaalanii miti waatu tuqe jedheetuman yaade ani. Obbo Leencoonuu yeros waatu na tuqe jechaa ture.

 

Jarri namaaf hin hiltu, xayyaararraa buustee nama keenya guddaa kana fiddee mana hidhaa buuste. Jarri nama xinnaafi guddaa kan jedhu hin beektu.

Dhufnaan buufata xiyyaaraatii fidanii mana hidhaa na biratti dabalame jechuudha.

BBC: Dhufaatiin isaanii maal fayyade?

Obbo Ibsaa: Homaa waan fayyade hin qabu ni balleesse malee. Waan baayyeetu bade dhufaatii isaaniitiin.

Yeroo sana ani hidhamuukootti nama baay’eetu ka’ee ture. Mana murtii yeroon jalqaba dhaqe, guutuunsaa nama keenya duwwaadha ture.

Kanaaf yeroo itti warraaqsa guddaa itti uumuun dandahamu ture. Obbo Leencoon dhufnaan dubbiin dhume. Hoggannii kee dhufee harka kennatee jennaan maaltu haferee? Homtuu hin hafne.

BBC: Miidiyaa hawaasummaa ni fayyadamtuu?

Obbo Ibsaa: Duraan ‘website’ tokkon qaba isarrattin waan sammuu koo keessa jiru yaada garagaraa barreessaan ture. Ammammoo erga ‘facebook’ dhufee achirraa odeefannoo nan argadha, ofiikoofis yaada mataa kiyyaa yeroo tokko tokko nan barreessa.

BBC: Umrii keessan kana booda jiruun maal hojjechuuf yaaddan?

Obbo Ibsaa: Hanga ammaa kitaabota hanga afurii barresseera. Ammaan boodas dhimmoota yeroon mana hidhaa turee kan afaan Ingiliffaan barreesse gara Afaan Oromootti hiikaan jira. Mata dureewwan adda addaa irratti barreessufis yaadan qaba. kanuma kana jechaan itti fufa.

Madda: Gaaffiifi Deebii BBCn Jaal Ibsaa Guutamaa waliin godherraa

Imala_Jireenyaa_A/J_Umar_Suleeymaan

0

Seenaan Goota kanaa kan himamee dhumu ta’uu baatuyyuu, Muraasa akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineerra

Seenaa Gabaabaa Jeneraal Artist Umar Suleeyimaan Sheyimoo
Gootaa fi Hayyicha Oromoo Suleeyimaan Sheyimoo Irraa Bara 1953
Godina Baalee Aanaa Diinshoo Ganda Qotee Bulaa Abbakara Zaallo’oo jedhamutti dhalate.Jeneraal Artisti Umar Suleeyimaan Waa Malee Hingootomne Fiixaa Inni Irraa Bayetuu Goota Finiina. Abbaan Jeneraal Artisti Umar Suleeyimaan Goota Finiinaa Bara Sirna Nafxanyaa isaan Tuquun Akka Nama Waaqatti Bu’eetti Yaadamu Keessatti Gootota Dachiin Baalee Biqilchite Kan Akka Jeneraal Waaqoo Guutuu Fa’a Waliin ta’uun Gootummaan Diina Lolaa turan. Kana Qofaa Miti Haaji Suleeyimaan Sheyimoo Hayyuu Biyyi Arsii Baalee Qabduu Keessaa Isaan tokko. Hanga Hardhaatti Hayyuu Gumaa Fixuun Beekkamaniidha.

Eegaa Hayyichi Oromoo Goonni Ija Barbadaa Qabsaayaan Sagaleen Isaa Rasaasa Caalu Kan Diinni Yoo Sagalee Isaa Dhagayu Hollatu Abbaa Gootaa fi Hayyuu Kanarraa Dhalate. Baruumsa isaa jalqabas achuma mana baruumsa Abbakara Zaallo’ootti Barate.barnoota Elemantari Mana Baruumsa Hoommaa Ganda Dawaadiinaa Keessatti Argamutti barate, Sadarkaa 2ffaa mana baruumsa sadarkaa lammaffaa Baatuu Taraaraa Goobba Jirutti Barate.j/Artist Umar Waa Sadiin Beekkama ture. Kubbaa Miilaa, Fiigicha Gabaabaa fi Sirboota Onnnee Namaa Hawwatan Keessattuu Sirboota Arsii Baalee Biratti Mimmi’aawoo ta’an Sirboota bakka cidhaatti sirbamuufi sirboota guyyaa Sooma Hiikkaa Fishee Jedhamee Beekkamu Sirbuudhaan Beekkama.

Spoortii fi kinatii walcinaa Oofuun Hirmaannaa Gama Hundaa Godhuun Beekkama.Akka Yeroo Saniitti Gandaa Abbakaraa Irraa Kaasee Waradaa Diinshoo Akkasuma Awuraajjaa Baaleetti Dorgomuudhaan Kinatiifii Sportiinillee injifannoo Gaarii Galmeessisaa ture.

Goota Baddaa Baale - A/J Umar Suleeyman

A/J Umar Suleeyman

Jeneraal Umar Suleeyimaan Afoo Darbuun Fiigichaan Abadan Ima Hin Yaaddamne ture. booda osoo baruumsa sadarkaa lammaffaa Goobbatti Baratu Dargii Oofani. Mooraa Leenjii Dabra birhaan Seene leenjii irra osoo jiru Qondaltonni Dargii dandeettii Muuziqaan Inni Qabu Waan Hubataniif Kibur Zabanyaatti Fudhatanii Leenjii Kennuufiin Guyyaa waraana isa waliin leenjii seensisan eebbisan fidanii bashannansiisaa Oole jedhu warri waliin Leenjii Fudhatan. Booda Gara Finfinnee Dhufee Osoo Kibur Zanyaa Keessatti Muuziqaa fi sportiin Tajaajilu Mootummaan Dargii Kufe Akkuma Mootummaan Dargii Kufeen Mooraa Gullallee Uummanni Oromoo Seenaa Jabduu Irraa Qabutti Sirboota Warraaqsaa Walaloofi Yeedaloo dhama qaban, Gurraa fi qalbii namaatti tolu Qopheessuun Uummata Isaa Damqsaa Ture.

Keessattuu Sirboota Inni Ittiin Beekkamu Geerrarsa fi #Jiituu Malkaa Birraa Jiituu Malkaa Birraa#………(3) Oromiyaan Teennaa hintuqinaa nurraa nutuu bira jirraa. Jedhamuu fi Nuti Oromoon Tokko Hinqoqqoodamnu Kan Jedhuun Uummata Oromoo Biratti Beekkamaa Dhufe. Jeneraal Artist Umar Akkuma Mootummaan Wayyaanee Dhaabbilee Oromoo Gara Biyyaa Galan Shira Adda Addaa Itti Xaxuun Biyyaa Baasuu Eegaleen Weelluudhan Warraaqsaa Qabsaayota Oromootiif Huumna Ta’anii fi Uummata Oromoo Onnachiisan Sodaa Tokko Malee Handhuura Oromiyaa Finfinnee Taa’ee Falmii Isaa Itti Fufe.

Weelluudhan Warraaqsaa Hedduu Dhama Qaban Kan Akka Dimokraasiin Yoo Dhugaa ta’e Hundumtu Abba Fedhe Haa Deeggaruu Ka’ee Jedhuun Mootummaa Wayyaanee Raasuu Eegale. Dinnee Didaa, Ka’i Malee Mallasaa Ka’i Malee, Wayi Sagalee Wayya Saagalee Bosonaa fi Sirboota warraaqSaa hedduun Mootummaa Wayyaaneetti Bowwoo Guddaa Ta’e.Umar Jechuun tokkicha Akka Dhibbaa Dhugaaf Osoo Morma Muraniillee Gadi Hijenne. Jeneraal Umar Erga ABO fi Dhaabbileen Biroo Hedduun Biyyaa Ari’aman Yeroo Dabballoonni Dhaabaa Hinturreetti Bakka Miidiyaan Uummataaf Dubbatu Hinturretti Bobaa Diinaa Fifinnee Taa’uun Geerrarsaan Mogolee Diinaa Buusaa ture. Uummata Isaatiif Sagalee Qabsoo jabaa Ture.


Goota Baddaa Baale - A/J Umar Suleeyman
A/J Umar Suleeyman

Xiiqiidhaan Mootummaa wayyaanee fuuldura dhaabbatee itti geerraree, itti weeddisee Qabsoon Oromoo diinaan akka hin sakaalamneefi hin kunfne Mootummaa Wayyaanetti dhaadachuudhaan Ummata Oromoo hundatti hamilee horee, QBO akka jajjabaattu hamiilee ta’uu eegaluun isaa ammoo diinatti bowwuu mataa tahe shirri guddaan Qabsaayaa sabaa kanarratti gama adda addaatiin xaxamuu eegale. Kiyyoon adda addaa jalatti godhamte, hanga Maatii isaatiin akka summii akka nyaachifamu taasifame, Hanga Mana cidhaatiifi iddoo walgeettii Oromootii hin dhabamu jedhamee iddoo hundatti kiyyoon isa sakaaltu hidhamaa turte, Dabni xaxamaa ture bahaafi gala isaa waan dhoorkateef Ummatni Sabboonaan Ummata Baalee tooftaadhaan lubbuu Goota kanaa akka baraaramtu mala dhahe. Haala kanaan
Goonni Baddaa Baalee Kuni Biyya Abbaa Isaa Gadi Lakkisuun Biyya Ollaa Keeniyaatti Ceeyuun Qabsoo Isaa Itti Fufe. Erga Biyya Norweyii Bayes Guyyaan Goonni Kuni Qabsoo Oromoo Irraa Inni Boqate Hinturre.


Goota Baddaa Baale - A/J Umar Suleeyman
A/J Umar Suleeyman

Jeneraal Umar Suleeyimaan Mootummaa Wayyaaanee Qofa Osoo Hintaane Daldaltoota Qabsoo Oromootiifis Bowwoo Guddaa itti ta’e. Qabsaayota Dhugaa Faarsuun Daldaltoota Qabsoo Oromoo Ammoo Akka Qabsoo Sabaatiin Hinqoosne Sodaa Tokkko Malee Akeekkachiisaa ture, hardhas ittuma jira. Qabsaayota Shiraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti Ajjeefamanii fi Dhabaman abukaatoo ta’uun Ilmaan Oromoo Qabsoof Manaa Bayanii Shira Namoota Dhuunfaatiin Ajjeefamaniif falmii hangana hinjedhamne godhaa ture. Mahandisni Qabsoo Oromoo Kuni Biyya Abbaa Isaa Dhiibbaa Alagaatiin Keessaa Godaanetti Galee Bilisummaa Qabsoo Uummata Oromootiin Argamte tana ta Innuu Gayee Daangaa Hinqabne Keessaa Qabu Tana Uummata Isaa Wajjiin Tiikfachuuf Gara Biyyaa Galuuf Guyyoota Afur Qofatuu Isa Hafa.



An siif biyya kenne lubbuu tiyyaa Yaa sabakoo
akka narraa hin oolle gaafa rakkoo

Weelluu Artist Jen. Umar Suleeyman



Walaloo – Fooziyaa Oromoo

Sanyii waaqoo guutuu
kan abbishee garbaa.
Geerarsi isaatuu rasaasa
Diina naasisee darbaa .
Goota akka leenjisoo
Kan akka nadhii gammadaa .
Kan sabaaf dhaabbate
Leencicha onnee barbadaa.
Haftee haaji aadam saaddoo
Kan jaarraa abbaa gadaa.

Weellisaa qofa miti inni hayyuudhaa.
Geeraraa qofas miti inni barsiisaadhaa .
Umar leenca sabaati qabsaayaadhaa.
Nuuf jiraadhu waggaa bara dhibbaa .
Gadhee malee eennu siif qaba jibbaa.
Si kabaja sabni guutun si jaalataa.
Kaabaa kibbaa bahee hunduu si simataa .
Lixaaf bahaa dhufee ufitti si aanfataa.

Geerarus geerarsi isaa diinota raasaa
Weellisus weellun isaa tan akka rasaasaa.
Yoo loles kan akka waaqoti onnetu beeysisaa.
Yoo toles dacheedha nama quuqu suutuma asaasaa.

Hojii Imala Xiinxala Siyaasaafi Aktiivistummaa Obbo Jawar Mohaammed Kutaa – 2ffaa

1

Jawar Mohammed akka Xiinxalaafi Kakaasatti

Jawar Ilaalcha siyaasaa isaafi waan itti fakkaate Biyya Itoopiyaarratti xiyyeeffatee adeemsa eegale, keessattuu Siyaasa Ummata Oromoo giddugaleeffachuudhaan. Yeroma jalqabu barreeffamoota dhedheeraa Aariifi Xiiqiin guuttame mootummaa irratti, akkasumas Qeeqa hanqinnootaafi Rakkoolee adda addaa Jaarmayaan ABO mudateefi keessa jiru fi kkf gadibaasuu eegale.

Fkn: “Failure to Deliver: The Journey of the Oromo Liberation Front in the Last Two Decades” jedhu keessatti Jawar, Ilaalchasaa rakkoo Jaarmayaa kanaati jedhu rakkoolee siyaasa Oromoo keessa jiruun walqabsiisee gadi fageenyaan ibseera.

Jawar, waa’ee barreeffama kanaa yoo ibsu, Qorannoo heddu kan godheefi Qorannoosaa keessaa ilaalchaafi Bulchiinsa osoo hin tuqin Caasaa bulchiinsaa qofarraa ABOn Kaayyoo ganama manaa baheen galmaan gahuuf akka rakkatu akka ijootti kaayuu ibsa.

Maxxansa isaa kana nama qalbiin hubatee, akkasumas caasaa ABO yeroo sanaa beeku malee kanneen biroo, keessattuu miseensota heddu irraa mormiin guddaan Jawar Mohammed mudateera jedha Maxxansi allaboutethio.com. Jawar akka kakaasaatti yeroo as bahu, yeroon isaa yeroo Jaarmayaan siyaasaa ummanni Oromoo hedduu jaalatu ABOn gargar caccabuu eegale kan ture, jedha barreeffamichi. Haata’uuyyuu malee Dargageessi nama Barnoota gahaa qabuufi Yaada isaa haala salphatti namani hedduu hubachuu danda’utti dhiyeessuuf humna qaba ture.

 

Haaluma kanaan qeeqni Jawar eegale, babaldhatee Jaarmayaa Ummanni Oromoo jaalatu ABOn irratti hayyoota Oromoo heddurraa komiin heddu dhiyaachuu eegale,  Hooggantootni ABO Ummata isaan jaalatu sanaaf hatattamatti deebii gahaa hin laanne, Daraanuu dhaabni ABO gargar caccabuu itti Fufe, ABOn Oromoon beeku tokko ture ni bittannaa’e hanga nama jechisiisutti ABO, ATBO, KWO, ADO, ABOA, KBO,ABO Tokkoome, fikkfnitti gargar ciccite.

 

 

Haalli kun Ummata Oromootiif qabsoon Oromoo akka maseentetti yeroo ilaalamuu eegaleefi Abdii kutannaan heddu muldhate waan tureef Dargaggeessa hayyuu lafaa dhufaa kanaaf ammoo Carraa taheef, Innis carraa argate tokko osoo hin balleessin itti fayyadamee Ummata Oromootiif Sagalee ta’uu eegale, jedha barruun marsariitichaa.

 

Jawar Akka Qindeessatti

Ilmaan Oromoo biyya alaa jiraatan hin gurmoofne jechuudhaan Jawar, Waldaa dargaggoota Oromoo Idil-Addunyaa hunddeesse. Jawar Muuxannoolee Koonfiransiiwwan aadda addaa Sadarkaa Idil-Addunyaa qopheessuu waan qabuuf, muuxannoo kanaan fayyadamee Ummata oromoo qindeessuu eegale. Qindeessuu qofa osoo hin taane Ummatattis gadi-bahee dubbatee ‘Rakkoo amma Ummanni keenya keessa jiruu baasuuf Gurmaayuun furmaata dhumaa’ akka tahe jala sararee dubbachuu eegale.

Kana keessaa tooftaan inni duraa Keessoo siyaasa Oromoo irraa hiquufi Jaarmayaa Siyaasaa kamiinuu wajjiin hiriiruu dhiisuusaati. Haaluma kanaan Waggaa lama keessatti hojiilee ija qaban hedduu miseensa wajjiin tahuun agarsiisuusaati. Piroojekiilee hedduus uuman.

Kun osoo ta’ee jiruu, Jawar Fagoo deemuuf akkasumas jijjiirama qabatamaa fiduudhaaf daangaa daangaa deemuun akka isa hin baafne hubate, keessattuu Siyaasa Oromoo hunda giddugaleeffate oofuudhaaf.

Ta’us yaada kana galmaan gahuuf dandeettii gahaa qabaachuu ofshakke, Jawar ofumasaayyuu amanuu dhabe, hanqina ofitti amanamummatu na mudate, keessaahuu baldhisee waan Oromoofi Oromiyaa guutuu yoo yaadu jedha. Sana booda waggaa lamaa Siyaasaafi Waldaa sanarraa fagaatee ofihaaromsuufi barachuu murteesse.

Haaluma kanaan Yuunivarsitii beekkamaa biyya Ingilaand Oxfordtti, Koollejjii giddugala Qorannoo Semisteera tokkoof jalqabe. Dargaggeessi Foolataan gadi hin teenne kun asii gadidhiisee Biyya Hindii tan giddugala Dimookiraasii addunyaa taateen bahe, Asittis Sirna Filannoo, Filchiisuufi Adeemsa walfakkaataa biyya Hindii barate.

Dargaggeessi kun yeroo kanatti carraa argateen, Haala Mathama Gandi ‘Salt satyagraha – Hindian Civil Disobidence’akkaataa kaayyoon isaa jeequmsa malee itti galma gahuu dandeessu irratti qopheesses itti dhiyeenyaan yeroo fudhatee ilaale.

Jawar amma ofitti amanamummaa guddaa horatee deebi’e.

Itti fufa>>

 


Maddi: Gaaffiif Deebiifi Barreeffamoota miidiyaalee fi marsaaleen hawaasaa Jawar wajjiin taasisan.

Kan Gulaale Ani Abdiisaa Bancaa Jaarraa

HORAA BULAA DEEBANAA

IRREESSI MAALI? – Ibsa baldhaafi Faaruu ‘Mareehoo’ Guutummaasaa

0

BAGA #IRREECHA-2018 geessan irra deebiin –
Waa’ee #Irreechaa kana irratti yeroo heddu namootni heddu afaan walfalleessan kanarratti #Hubannoo walii cimsuun barbaachisaadha. Gaaffii IRREESSI/CHI Maali jedhu akka armaan gadiitti ibseera.

Irreechi/ssi amantaalee aadaa Oromoo keessatti mul’dhatan keessa isa tokkoo fi adda-dureedha. Irreecha jechuun sirna kadhaa fi galata waaqaf godhamuudha. Kadhaa fi galanni godhamu kunis iddoo fi yeroon kan murtaa’eedha. Kunis amantii keessatti gochaadhan kan ifa ta’udha. Sirna irreechaa kan hoogganu jaarmayaa Qaalluutti.
Gosa Irreechaa Irreechi iddoo adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni guguddaan bakka lamatti raawwatama, isaanis Irreecha Tullu fi kan Irreecha Malkaatti.

A. Irreecha Tulluu (Irreecha Arfaasaa)
Irreechi Arfaasaa (Irreecha Tulluus ni jedhama) kun kan gaggeeffamu Tulluurratti yoo ta’u, yeroon isaas bonnii darbee roobni Afraasaa yeroo itti eegamuudha. Baatileen dursan turan roobni dhabamee hongeen namnii fi horiin kan itti miidhamaa tureedha. Kanaaf giddugala ji’a Bittooteessa maatiin marti gara lafa qabbana fi jiidha qabutti bahanii rooba arfaasa argachuuf waaqa kan itti kadhatanii.
Tulluutti bahanii kadhachuun kun kan amantii waaqeeffannaa Kuushoota dur
durin walqabateedha jedhama. Oromiyaa keessaa Tulluun Cuqqaalaa araddaa irreechaa isa guddichadha.

B. Irreecha Malkaa (Irreecha Birraa)
Irreechi Birraa (Irreecha Malkaas ni jedhama) kan raawwatu yeroo ganni xumuramee, baatii birraa ykn giddugala ji’a Fulbaana (22-25) keessatti. Guyyaan Irreechaa “Ayyaana Birraa ykn Xaddacha Saaquu” jedhamuunis ni beekama. Iddoon irreecha birraa kunis, malkaa fi hora guguddoo irratti. Tibba darbe namoonni guutama galaanaatiin addaan citanii turan walarguuf
jecha, Yeroo Ganni akka dukkanaatti ilaalamu xumuramee uumamaaf biiftuun baatu waan taheef guyyaa kana akka guyyaa gammachuutti fudhatu. Ganni dukkanaa’aan darbee, Galaanni lagaa guutee firaaf maatii walitti dhufuu dhoorgu yeroo itti darbu waan ta’eef.

Kanaaf, Yeroo Irreechaa kana Ummanni Oromoo malkaa gamaa fi gamanaa walitti bahanii
Mareehoo!… Mareehoo..!” jechaa Waaqa kadhachaa,
faarfachaa, galateefachaa gara Malkaa deemu. Eebba Abbaa Malkaa fi hangafootaan godhamu booda marga jiidhaa fi abaaboo birraa qabatanii bishaaniin tuqani waaqatti facaasaa waaqa(uumaa) galateeffachaa irreeffatuu. Araraa fi wabii gaafatuu.
Haaluma kanaan Kadhannaan Guutuun yeroo gara Malkaa deeman jedhamu
Oo…..yaa marehoo………….mareehoo(2x)
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya waaqa uumaa hundaa mareehoo…
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya waaqa lafa uumtee … mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya waaqa Malkaa uumtee…mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya waaqa Oodaa Nabee …marehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya waaqa Odaa Roobaa…Marehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya Waaqa Ooda Bultum …Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya Waaqa Ooda Bisil… Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya Waaqa Ooda Bulluq… Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya waaqa Uumaa uumtee… Marehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya Waaqa Dachee Uumtee… Marehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya Waaqa nama Uumtee … Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya Waaqa Bishaan Uumtee… Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya waaqa midhaan uumtee…Marehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Ya Waaqa tulluu Uumtee… Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Marga Qabannee si kadhannaa…Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Malkaa Buunee si kadhannaa….Mareehoo
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Jiidha Qabannee si kadhannaa
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Irreechi Irree keenyaa
Oo…..yaa marehoo…
Mareehoo…………………………Mareehoo(2x)
Jedhee maqaa Waaqasaa uume waamee, Umaa hunda
uume faarsee kadhataa.

Kaayyoon kadhaa kanaatis Waaqayyoo(Uumaan) akka rooba, nagaa fi dhala ykn sanyii
isaanii baayyisuu fi firii argataniidha. Yeroo baayyee Oromoonni bakka qubatanii gara horaatti loon isaanii wajjin itti godaanu. Kunis akka jalqabaa fi seena hojii bara haaratti fudhatamaa.

Yeroo ammaa Horri Arsadii, Bishooftutti argamu iddoo Oromoonni Tuulamaa jaarraa dheeraa dura
itti irreeffachaa turani waan taheef Oromoon miliyoona hedduun lakkaawamu achitti walgahee irreeffachuu eegalee jira. Arsadii maqaa namaa yoo ta’u gosa Liiban keessaa Abbaa Malkaa nama tureedha. Arsadii Abbaa Malkaa ta’uu kan danda’e balaa lubbuu isaa irrra ga’e
jalaa of baraarsuu erga danda’ee booda, guyyoota saddeetif,soomana cimaa godhee, muka birbirsaa jalatti lubbuun kan mul’dhate waan ta’eefiidha jedhama. Birbirsi kan inni itti dhibaafatamuufis
yaadannoo fi raajeeffannaa kanaaf akka ta’ee ni himamaa. Kana booda Horii Harsadii akka Malkaa irreessaatti ulfaa ta’ee Oromoota Tuulamaatiin akka kabajamu murtaa’e. Yeroo booda Oromoonni marti Hora Arsadii akka wiirtuu Irreeffannaa godhanii itti hirreeffachaa turan. Yeroo ammaa kana waggaa keessatti ala tokko Hora Arsadii irratti ni hirreefatu.

Hora Arsadii Ayyaanni Irreecha kun Oromoon falaasamaa fi ilaalcha addunyaa keessatti jiruufi waaqa(uumaa) akkasumas raajii isaa, dhalootaa fi iccitii jireenyaan walitti fiduun kan ibsuudha.
Sanyiin namaa horee kan baayyatu, kan faca’e du’aa ka’e ija godhatu, atoomsaa fi gargaarsa humna waaqaa(uumaa)tiin jedhee amana. Nuti Oromoon waaqa nu uume kadhanna. “Uummamaan uumaa
kadhata” jechuun uummamaan waaqa(uumaa) isaa ni galateeffata, ni faarfata, yeroo ammaa kanas Hora Arsadii irratti kan raawwatamu sirnuma kana.

Hubachiisa: Ibsa Abbaan Gadaa Bayyanaa Sambatuu dhiyeenya kana Miidiyaaleef kennaniin Dur haala mijataa dhabuufi, Sirnoota darbaniin irraa ittifamutu nu dhoogge malee, naannoo tuulamaa kana keessatti Malkaan FINFINNEE Hangafa hundaati, kanaaf Bara kana haala mijataa jiruun walqabatee IRREECHI-2018 Finfinnetti akka irreeffatamus himaniiru.


 

HORAA BULAA DEEBANAA

Afaan Oomo Online | OROMO ICT
<<Hawaasa keenya Addunyaarra jiru walqunnamsiiuu>>
Cell: +251904432625 /+251910130926
Email: oromoict@gmail.com or info@oroict.com or contact@oroict.com
Web: www.oroict.com – Gorsa ICT
: www.afan-oromoo.com – Afaan Oromoo
: www.hojii.net – Beeksisa Hojii
: https://fayyaa.afaan-oromoo.com – Gorsa Ogeeyyii Fayyaa.

Afaan Oromoo: ‘Giddu-galeessi too’atu tokko ni barbaachisa’

0

Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee dhiyeenya kana, manneen barnootaa magaalattii keessa jiran keessa Afaan Oromoo akka afaan barnootaa dabalataa akka tahuuf murteesseera.

Kallacha tokkummaa hundee bilisummaa

Afaan Oromoo hundee Oromummaa

Galma aadaa keenyaa

Eegaa seenaa keenya

Afaan Oromoo… jechuudhaan Artist Alii Birraa sirboota isaa barri irraa hin dabarreen akka saayinsiifi siyaasa ittiin dubbisnee barreessinu cimsee dhaama.

Afaan Oromoo kaleessa

Afaan Oromoo yoo xiqqaate waggoota 190 dura Oromoota garbummaan gara Awurooppaatti gurguraman warra akka Ooshuu Aagaa, Akkafedhee Daallee, Waareefi Gaba’oo jedhamnirraa jalqabee barreessuuf yaaliin hedduun taasifamaa turuu seenaan og-barruu Afaanichaa ni mullisa.

Boodarra ammoo warra akka Sheek Bakirii Saphaaloo, Onesmoos Nasiib, Asteer Gannoofi Dimboo Garbaafaatu arkaa fuudhee Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta’uu carraaqqii taasisaa akka turan seenaan kun ni ibsa.

Namoota waggoota hedduu dura Afaan Oromoo akka ittiin barreefamuuf dhama’aa turan kanarraa dhaloonni fuudhanii wareegama jajjabaa hanga lubbuutti gaafate itti baasanii ar’a ga’era.

Walaloon “Onnee midhameef qoricha”

Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaaf

Yunivarsitiin Baahirdaar afaan Oromoofi Gi’iizii barsiisu eegaluuf

Afaan Oromoo har’a

Afaan Oromoo afaan afoolaan hedduu badhaadhaa ta’edha. Garuu umuriin og-barruu Afaan Oromoo kichuudha.

Sadeeta sadan darban keessa afaan hojii mootummaa, barnootaafi qorannoo ta’uusaatiin Afaan Oromoo afaan barreeffamaa ta’eera.

Afaan Oromoo akka hundee guddaa qabuufi afoolaan badhaadhaa ta’etti og-barruun isaa guddateera ykn guddataa jraa?

Akka barreessaafi gaazexeessaan beekamaa lammii Naajeeriyaa Chuunaa Acheebee jedhutti afoolli biyyoo gabbataa og-barruun irratti margudha. Akka ayyuun kun jedhutti og-barruun Afaan Oromoo bu’uuraafi lafa mijataa irratti margu qabaata jechuudha.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda’u Nama Afaan Oromoo waggoota 25’f barsiisaa turaniin wal bara

Yeroo ammaa kana Afaan Oromoo afaan hojii mootummaadha, afaan barnootaafi saayinsiidha. Miidiyaaleenis Afaan Oromootiin babal’achuutti jiru. Gaazexoonni, barruleefi kitaabonni Afaan Oromootiin warra dubbisaniif dhiyaataa jiru.

Yunvarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa doktoraafi Yuunvarsiitii Haroomaayaatti ammoo Afaan Oromoo barsiisaa kan ture Abbabaa Lameessaa sadarkaa yeroo ammaa afaanichi irra jiruufi egereen isaa maal ta’uu akka qaburratti BBC Afaan Oromoo gaafatee ture.

Garuma abbaa dhabuutti deemaa jira…

Afaan Oromoo dhimma eenyummaa Oromooti kan jedhu Abbabaan, dhimmi itti gaafatamummaa afaanichaas kanuma Oromoodha jedha.

Akka Abbabaan jedhutti akka sabaatti sabaatti, aadaan dubbisuu gaariin hin jiru. Yoo aadaan dubbisuu jiraates aadaan barreessuummoo jiraata.

“Afaan Oromoo afaan abbaa hin qabne yoo jechuu baadhellee haala amma irra jiru kanaan baayyee nama yaaddeessa. Garuma abbaa dhabuutti deemaa jira,” jechuun soda haala Afaan Oromoo irra jiru ibsa Abbabaan.

Kanaaf yeroo sababii dhiyeessan ammoo, giddu-galeessaan akaadaamiin Afaan Oromoo waal ta’insa afaan kana akka adda-durummaan hoogganuufi to’atuuf itti kana ba’achaa jiru hin jiru.

Afaan waaltessuudhaaf galmee jechootaa, seerlugootaafi kan biroo akka giddu-galeessaatti wabiidhaan tajaajila kennaa jiru waan hin jirreef tattaaffii namoonni dhuunfaadhaan taasisaniin qaawwi kun guutamaa jira jedha Ababbaan.

Akka dhuunfaatti yeroo hojjetaa deeman ammoo loqoduma dhuunfaa bakka buusaa waan deemaniif garaa garaummaa ballisaas jedha.

“Giddu-galeessaan kan to’atu hin jiru yeroo jennu ammoo abbaan isaa dhaabbata ta’uu dhiisee nama dhuunfaa ta’a.”

Kanaaf jedhan, abbaan Afaan Oromoo akka dhaabbataatti dhibe malee akka dubbataa afaaniitti ni jiraata. “Garuu kan nu barbaachisu barreeffama irratti abbaan isaa dhaabbataa ta’uu qaba, dhaabbatichaanis to’atamuu qaba,” jechuun fala ta’uu dubbata Abbabaan.

Fedhasaaa Taaddasaa ammoo Yuunvarsiitii Wallaggaatti barsiisaa Afaan Oromoodha. Innis Afaan Oromoo ilaalchisee qaamni giddu-galeessummaan hojjetu jiraachuun barbaachisaa ta’uu dubbata. “Afaan Oromoo jechoota itti fayyadamuun, seeraafi seerlugaan akka waalta’uuf giddu-galeessa tokkorraa ba’uu qaba.”

Akka barsiisaa Fedhasaan jedhutti afaanichi afaan hojii ta’uu isaatiin, saayinsiiniifi miidiyaaleen itti fayyadamuu isaaniitiin gara waalta’uutti deemaa jira garuu kana haala sirnaawaa ta’een cimsanii gaggeessuuf giddu-galli tokko ni barbaachisa.

Afaan Oromoorratti itti gaafatamummaa fudhatee hojjechuu kan qabu akaadaamiin afaanii hundeeffamuun barbaachisaadha kan jedhu barsiisaa Fedhasaan, hayyoonni argannoofi qorannoo qopheessan achitti walitti fiduudhaan akka gabbisaniifi tokkoomsan gargaara jedha.

Barreessuun afaan waalta’e barbaada…

Akka Abbabaab jedhanitti afaan barreeffamaan (og-barruudhaan) guddachuudhaaf waaltessuu barbaachisa. Afaan waalta’emmoo afaan giddu-galeessaan to’atamu jechuudha.

Afaan to’achuun ammoo qubeessasaa, seerlugasaa akkasumas loqoda sirrii kan namoonni Afaan Oromoo akka afaan lamataatti baratan waaltessuudha jedhu.

Loqonni waalta’aa kuni sirriidha kuni dogoggora jettee ati nama barsiisaa deemtu tokko jiraachuun barbaachisaadha kan jedhan qorataan kun, “Gara sanatti deemaa jirraa kan jedhuuf baayyee rakkisaadha. Sababiin isaas kitaabonni hanga ammaa barreeffamanii dhiyaatan baayyeen isaanii loqoda dhuunfaatiin,” jedhan.

Akka ilaalcha kaadhimamaa doktoraa kanatti waalta’aamoo al-waalta’aa jira kan jedhu gaaffii guddaadha.

Barsiisonni kunneen lamaan, akkaataa namoonni dhuunfaatiin, miidiyaaleerratti, hojii waajiraatiifi barnoota keessatti Afaan Oromootti dhimma ba’an akka cimee waalta’aa deemu gochuu caalaa garaa garummaa bal’isaa deemuu danda’a sodaa jedhu qabu.

Namootaafi qaamota adduma addaan Afaan Oromootti dhimma ba’an akka quba walqabaatan gochuu keessatti dhaabbanni itti gaafatamummaa fudhatee hojjetu jiraachuu qabas jedhu.

Daarekteera Giddu-gala Aadaa Oromoo duraanii Dr. Garramoo Hulluuqaa yaaddoofi gaaffiin Afaan Oromoo ilaalchisee ka’u kun guddina afaanichi irra ga’e ta’uusaa dubbatanii, Afaan Oromoo hanga gama hundaan guddachuun isaaf malu guddisuudhaaf ciminaafi quuqamaan hojjechuun ga’ee nama hundaati jedhu.

“Waalta’inarratti hojiiwwan gurguddaan hojjetamaniiru. Garuummoo akka barbaadameefi afaanichi irra ga’uu qabuun, akka afaan guddaafi saba bal’aa ta’e qabuun giddu-galeessaan waaltessuun alatti isa waalta’e waliin geessisuurratti hanqina guddaatu jira.”

Waanti hanga ammaatti hojjetame gaarii ta’ee, gara fuula duraatti walhubannaadhaan yoo irratti hojjetame malee dhimmi waaltinaa ammallee Afaan Oromootiif rakkoodha, jedhu Dr. Garramoon. “Abbaan isaa anadhaa, warra yuunvarsiitii keessaa barsiisanidha, warra naannoo hoogananidhaa, warra aadaafi turiizimiirra hojjetanidhaa, Oromoota biyya keessaafi ala jiranidha.”

Giddu-gala Aadaa Oromoo jalatti Wirtuun Qorannoo Oromoo gumii afaan waaltessu hundeeffamee hojjechaa turuusaa kan dubbatan Dr. Garramoon, “Yeroo Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa goona jennee ejjennoo siyaasaan yeroo itti deemaamaa jiru kanatti kuni ga’aa miti, ammallee hojiiwwan gurguddoo barbaada,” jedhan.

 

Nama Afaan Oromoo waggoota 25’f barsiisaa turaniin wal baraa

 

 

Seenaa Gabaabaa Xiinxalaa Siyaasaa fi Hoogganaa olaanaa OMN obbo Jawar Mohammed, K-1ffaa.

2

Jawar Mohammed kan dhalate bara 1985A.L.A Godina Arsii gara Daangaa Harargeedhaan waldaangessu magaalaa xiqqoo Dhummuugaa jedhamtutti dhalate. Naannoo Dhummuugaa kan jiraatu ummanni gara dhibbeentaa 90(90%) hordoftoota Amantii Musliimaa yommuu ta’an, dhibbeentaan 10 hafe immoo hordoftoota amantii garagaraati. Haa tahuu malee Dargaggeessi qaroon Oromoo kun Maatii amantiidhaan walmakaa(Abbaadhaan Musliimaafi haadha Kiristaana) irraa dhalate.

Haalli kun Dargaggeessi gameessi kun umrii dargaggummaasaatti muudannoo jireenya hawaasummaa adda addaa kan itti qorame akka tahe dubbata. Akkasumas, haalli sun; Jawar, Hariiroo walitti dhufeenyaafi waliin jiraanya hawaasa maatii amantiiwwan garagaraa hubaachuu keessatti carraa guddaa akka uumeef, akkasumas yeroo fudhatee yeroo adda addaatti amantii dhuunfaasaatiyyuu murteessuuf karaa qabsiisuuf akka yaadeefi kunis waliin jireenya dhuunfaasaafi hawaasummaatiif, akkasumas obsa horachuuf hangam akka isa gargaare hima.

Jawar hanga umriin isaa barnootaaf gahuufi asuma Magaalaa Dhummuugaa jiraate.

 

 

 

Umrii dargaggummaan Dhummuugaa jiraate keessatti akkuma dargaggoota kaawwanii Hangafootaafi maanguddoota waliin kan dabarsu akka taheefi sababni dargaggootni naannoo dhummuugaa Hangafootaafi Manguddoota waliin yeroo dheeraa dabarsaniif Beekumsa irraa argachuufi bilchina hangafootaa dhaaluuf akka tahe dubbata Leencichi Jawar Mohammed.

Haaluma walfakkaatuun Dargaggoon Jawaris Seenaa, Seera, Aadaafi Duudhaa, Safuufi Siyaasa Akaakayyuu(Abbaa abbaa isaa) irraa fi hangafootasaa irraa akka barate dubbata. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar akka jedhutti, Hubannoofi Muuxannoo Abbaafi Akaakoo isaa waliin madaalee, Akaakoon abbaa isaa immoo isaan kanneen caala akka dargaggoo gorsuufi gahoomsuu danda’an tilmaama isaa kaaya.

haaluma walfakkaatuun; hayyuun gameessi Jawar, akka jedhutti “Dhaaloota baroota jahaatamootafi torbaatamoota keessa turaniif DINQISIIFANNAAfi KABAJA Guddaa akka qabuufi, Ummanni sun ummata tattaafataa, ofittoo kan hin taaneefi itti gaafatamummaadhaan kan socho’an” akka ta’an akka amanu dubbata.

Yommuu Umriin isaa barnootaaf gahu, Barnoota Sad.1ffaa achuma Dhummuugatti barnoota kan eegale yoo ta’u, garuu Jawar osoo barnoota M/B sad.1ffaa hin xumurin barnoota addaan kutee akka deemu ergaan jedhu itti himame Mana barumsichaa irraa. Kun taatee osoo isaafi maatiin isaa itti hin yaadin yoo tahellee, Dargaggeessi gameessi Jawar Mohammed Carraa M/B waan hundaan M/Barumsicha duraan keessa turee caalutti akka baratu carraa saaqeef.

Kunis; Gara Magaalaa Asallaatti akka imaluufi Barnoota isaa M/B Kaatoolikitti akka eegalu taasifamuu isaati. Sana M/B kaatoolikii jedhamutti waggaa 1 erga baratee booda, waggaa itti aanu gara M/B Cilaalootti jijjiirate, hanga gara Magaalaa Adaamaatti imalutti. Imalli Dargaggeessa gameessa kanaa itti aanu Magaalaa Adaamaa ta’e. Haala Kanaan Qormaata ce’umsa biyyoolessaa magaalaa Adaamatti fudhachuudhaan xumure.






Yeroon kun yeroo Leenci umrii dargaggummaa keessa itti seenuu eegaleefi QBO(Qabsoo Bilisummaa Oromoo) keessatti qabatamaan hirmaachuu eegalee dha. Baruma Qormaata fudhatu sanaadha,

~ “Alaabaa ABO qabattee deemta”

~ “Dargaggoota jeequmsaaf kakaasaa jirta” jedhamee kan hidhaa wayyaanetti darbatamee tures.

 

 

Bara 2003, Dargaggeessi Qaroon kun, barattoota Umrii xiqqeenyaatiin Qabxii hin yaadaminiifi fakkeenyummaa olaanaa qabu fide tahe argame, kanumaanis Carraa addaa kan barnootaa Koollejii qabeenya gahaa qabu kan biyya Singapore ” United World College of South East Asia” jedhamu argate. Imalli isaa inni itti aanu gara  Singapore ta’e.

As, Koollejjii United World jedhamu kana erga seenee booda Hayyuun gameessi umrii dargaggummaatti bilchaate kun haala mijataa argate tokko tokkotti dhimma bahuu eegale. Umrii ijoollummaa oftahee seenaafi aadaa, eenyummaa isaa hangaftootasaa, keessumaayyuu akaakoosaarraa barachaa guddate sana hojitti hiikuuf tattaaffii tokko tokko eegale. Barnoota Afaan Oromoos asumatti barattoota hiriyyoota kutaasaa waliin barachuu eegale.

Jawar, turtii waggaa 2, biyya Singapore keessatti barattoota biyyoota 60 ol keessaa dhufaniifi afaanota 100 ol dubbatan waliin walitti makamee dabarse. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar, ilaalcha addaa, duudhaafi seenaa Magaalaa xiqqoo keessatti beeku sana, baldhifatee, guutumatti ilaalcha addunyaawa, Aadaafi Afaan hedduuminaan fayyadamuu hubate, muuxannoo guddaas godhee fudhatee jireenya isaa ammaa keessatti akka hedduu isa qarqaare dubbata.

Haata’uu malee Imala Hayyuu gameessa Jawar Mohammed keessatti, gufuufi rakkoon osoo hin mudatin as gahe jechuu miti. Imala isaa gufachiisuuf yaaliin M/B Sad.1ffaa barnoota irraa dhaabuun kan eegalte yommuu tahu, Hidhaafi dararaa mootummaa, Rakkoo jireenyaafi kkf hedduu keessa darbuu dubbata.

Dargaggeessi gameessi Jawar mohammed akka jedhutti, rakkooleefi gufuu yeroo adda addaatti na mudattu akka carraatti fayyadamuudhaan, Xiyyeeffannoo koo hunda, inumaayyuu daraan cimsee gama danda’uun Barnootatti kennuufi carraa argame kamuu akka nahin milindhe carraaquudha jedha. Kanumaan walqabatee, Koollejiin United World sagantaalee imala ykn daawwannaa barnoota iddoowwan seena qabeeyyii adda addaa, dhaabbilee adda addaatiin muuxannoo tola ooltummaa wal jijjiiruu fi koonfiransii dargaggoota gahoomsu qindeessuudhaan kan qopheessuu waan taheef, carraa kanaan fayyadamee carraa biyyoota addaa addaa kanneen akka Ameerikaa kaabaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa daawwachuuf carroomuu dubbata Jawar.

Muuxannoo asitti argate kanneen keessaa Hedduumina addaa addunyaan qabdu, uumama addunyaa qabdu sirritti hubachuufi kan biyya ofii keessaa bahe ‘Itiyoopiyaa’dhaan walcinaa qabee madaalchisuun rakkoo biyyasaa mudachaa jiruufi dhugaa lafa jiru walcinatti akka madaaluuf carraa naaf uume jedha.

Bara 2005 erga barnootasaa turtii waggaa lamaa magaalaa Singapore xumuree booda, Haala qabatamaa biyya keessa jiru hubachuudhaan, Jawar imala isaa itti aanu gara biyya Ameerikaa kutaa kaalifoorniyaa taasifate.




Erga Biyya Kaalifoorniyaa galees, hin teenye leencichi; Barnoota isaa Digrii-1ffaa Yuunivarsitii guddaafi beekkamaa Yuunivarsitii Istaanfoordi kan handhuura magaalittii kibba Kaalifoorniyaa-Silconn Valley, naannoo mijataa kaampaaniiwwan gurguddaan akka Googler, yahoofikkf itti argamutti eegale. Amma haalli daraan mijataa, iddoo ciisichaa(Dorm) isaa dabalatee hojiilee inni booda eegale kan akka ittifayyadama marsaalee hawasaatiif haala kan mijeesseef ture. Kunis, Hayyuu gameessa kana gara addunyaa saayinsawaatti dhiyeessuu bira darbee ogeessa gameessa marsaalee hawaasaa sirnaan fayyadamu akka tahuufi riqicha qunnamtii akka babaldhifatuuf haala mijeesseef.

Haaluma kana keessa osoo jiru Dargaggeessa gameessa kana Bara 2009 taateewwan lama walfaana mudataniin. Isaanis: 1ffaan Fuudha Haadha manaasaa heddu Jaalatu ‘Arfaasee Gammadaa’ yoo tahu, ta’iin 2ffaan immoo Barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digrii 1ffaasaa fudhate.

 

Yeroo kana Dargaggeessi lafaa dhufaan kun Hirmaanna Siyaasaa, Qeeqa dhaabolee Siyaasaa, Qeeqa Mootummaa Itoopiyaafi kanneen biroo keessatti hirmaannaa argarsiisuu jalqabee jira.

Barnoota Saayinsii Siyaasaa erga Istaanfoordirraa erga xumuree booda, Hojii Shaakalaa(Internship) argatee imalasaa gara Kutaa Magaalaa Washingiton DC godhate. Hayyuun hardha Saffisnisaa namoota heddu ajaa’isiise kun yeroo kanaa eegalee qorannoo dhuunfaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kenne, waan hedduus barreesse/hojjate hanga barnoota Digrii-2ffaasaa qo’achuuf deemutti.

Barnootasaa Digrii-2ffaa ammas Yuunivarsitii beekkamaa biraa filachuudhaan Yuunivarsitii olaanaa Kolombiyaa, kan magaalaa New Yorkitti argamutti jalqabe. Yuunivarsitichi hayyootaafi beektota qorannoo garagaraa gaggeessaniif hedduu mijataa kan taheefi Qorattoota jajjabeessuufi kunuunsuun kan beekkamuudha.

Haala kanaan Hayyuun dargaggeessi erga digrii-1ffaa isaa xumuree mumuldhachuu eegale kun deebi’ee achi buutee tahe. Xiyyeeffannoo isaa hunda gara barnootatti deebise.

Bara 2012, Qorannoofi barnootni inni Yuunivarsitii kanatti argate, hubannoofi muuxannoo Filoosoofawaafi seenessaa akka isa horachiise ibsuun, Yuunivarsitii Kolombiyaa, Graduate School gadi lakkisuuf murteesse.

Hojii Xiinxala Siyaasaafi Aktiivistummaa Hayyuu Dargaggeessaa Jawar Mohaammed Kutaa 2ffaatti ilaalla.





Maddi: Gaaffiif Deebiifi Barreeffamoota miidiyaalee fi marsaaleen hawaasaa Jawar wajjiin taasisan.

Kan Gulaale Ani Abdiisaa Bancaa Jaarraa

HORAA BULAA DEEBANAA



	            

Maqaalee Afaan Oromoo Qubee A-Z

0

A B C D E F G H I J K L M N O Q R S T U W X Y
.
Maqaalee Qubee – A
.
Aagaa, Aagituu, Aannanee, Aanaani, Aana, Aantuu, Abbayaa, Abboomaa, Abdannee, Abdataa, Abdattuu, Abdii, Abdiiwaaq, Abdiisaa, Abdiishee, Addunyaa, Adii, Aduu, Akkakoo, Akkasaa, Akkashee, Amanuu, Amantee, Amantii, Amiidoo, Ammayyuu, Anaan, Aannanii, Angaasaa, Angaatuu, Angaasu, Araaree, Araarsoo Araarssa, Arggaa, Argituu, Argataa, Arfaasa, Askoo, Atimoo’i, Ayyaanaa, Ayyaanoo, Ayyaantuu, Ayyittii,…
.
Maqaalee Qubee – B
.
Baacaa, Baaccuu, Badhaadhaa, Badhaanee, Badhaasaa, Badhaatuu, Bagudaa, Bakaree, Bakkashee, Bal’aa, Bantii, Bareedduu, Barii, Barrisee, Barsiisaa, Bashaadduu, Bashaanee, Bashaatuu, Beekaa, Beekan, Beekumaa, Beenyaa, Biiftuu, Bilisee, Bilisummaa, Biqilaa, Biqiltuu, Birakee, Bilillee, Birmadummaa, Birrituu, Bilisummaa, Bisoo, Biyyaa, Bonaa, Boonaa, Boonsaa, Boodanaa, Boobbaassa, Bookkanaa, Bokku, Bookissa, Boonii, Boonsaa, Bonsituu, Boontuu, Booraa, Booranee, Bor-tolti, Bulanii, Bulchaa, Bulee, Bulee-caalaa, Bulii, Bullukoo, Bultiiwaaqashee, Bultuu, Burqaa, Burqituu,
.
Maqaalee Qubee – C
.
Caalaa, Caaltuu, Calqituu, Camadaa, Caalchisaa, Cabbii, Cabbiwaq, Cangaree, Carraa, Carcarr, Camssa, Cimdeessa, Ciimtuu, CimCorqaa, Choora…
.
Maqaalee Qubee – D
.
Daawwitii, Dabalaa, Dabalee, Dadhiituu, Dambalee, Dammakoo, Dammaqsaa, Dammasaakeetii, Dammashee, Dammee, Damma, Dammitu, Dammasa, Daangulee, Dandanaa, Danbooba, Dandeessuu, Dandeetti, Dangalaa, Daraaraa, Daraarttu, Daawwe, Deebii, Deebiitu, Deebu, Dheeressaa, Dhibbaa, Dhiinsaa, Dhufeeraa, Dhuftteeti, Dhugaasaa, Dhungoo, Dibaabaa, Dibaabee, Didaa, Diggaa, Diimaa, Diimee, Diinqaa, Diinquu, Dinqituu, Diinqisaa, Dinqiishee, Dinaa’ol Doi’ii, Dorgee, Dorrobii, Dummeetti, Dungoo, Durreettii, Dureessa, Dunffaa, Duullaa, Duulii, …
.
Maqaalee Qubee – E
.
Eebbaa, Eebbisaa, Eebbisee, Eebbawaq, Eebbarabbii, Eejjata, Eejjetuu, Eelwaaq…

.

Maqaalee Qubee – F
.
Faayaa, Fakkii, Fala, Fayyeeraa, Fayyisaa, Fayyisee, Fedhii, Fedhiiwak, Feenaan, Feeneet, Feeneetii, Feeti, Fiixee, Fiixumaa, Firaa’ol, Firaa, Firasaa, Fireewak, Firoomsaa, Firoomtu, Firooma, Firumma, Firiikoo, Fila, Filtuu, Filasaa, Filuu, Fufaa, Fufee, Furaa, Furtuusaa, Furii, Fufii, Fuula,
.
Maqaalee Qubee – G
.
Gaaddisaa, Gaalloo, Gaanfuree, Gaangul, Gadaa, Gadaadaraartuu, Gaaddise, Galaanaa, Galataa, Galgalee, Galgaloo, Gammachis, Gammachuu, Gammadee, Ganamee, Ganamoo, Garbaa, Garoomssa, Gaayo, Gidaadaa, Giiftii, Gishuu, Godee, Goobanaa, Godaana, Guddaa, Guddataa, Guddattuu, Guddinaa, Guddisaa, Gurbaa, Gurmeessaa, Gurmuu, Gurraacha, Gurraacho, Guutaa, Guutamaa, Guutuu, Guute, Guyyoo, Guyye Guyyaa…
.
Maqaalee Qubee – H
.
Haawwanii, Hacaaluu, Hambaa, Hambisee, Hankoo, Harmee, Hawaas, Hawwii, Hawwinee, Hawwiisaa, Hirphaa, Hirphaasaa, Hirphee, Hiraa, Hiree, Hirookoo, Hireekoo, Hireesaa, Hireewaaq, Horaa, Hordoofaa, Hortuu, Hoorruu, Hundarraa, Hundee, Hundeesituu, Hundeessa, Hundumaa…
.
Maqaalee Qubee – I
.
Ibsaa, Ibsituu, Iddoosaa, Iddooshee, Ifa’iftuu, Ifaawak, Iftuu, ifaasaa, Ifnaan, Iftahii, Irranaa, Irranee, Ittaanaa, Ittafaa, Itittuu, Isaafiis,…
.
Maqaalee Qubee – J
.
Jaagamaa, Jaalallee, Jaalalii, Jaalannee,Jaalataa, Jaamboo,Jabeessaa, Jajanii, Jifaar, Jigsaa, Jiituu,Jootee, Jorgee,
.
Maqaalee Qubee – K
.
Kanarraa, Kanbaraa, Kanhiriyyaa, Kankoo, Kanawwiin,Karoorsaa, Keelloo, Kennaa,Kennaakee, Kee’an, Kiilolee, Kiyyaa, Koo-keet, Kooraa, Koorsaa, , Kookeeti, Keeraaji, Keemartii, Ketoraan, Koortuu, Kumashii, Kumee, Kummarraa, Kumalaa, Kumsaa, Kuma, Kumsaaboontuu, Kuulanii,
.
Maqaalee Qubee – L
.
Laalii, Lalisee, Laallisttuu, Lammeesaa, Lammii ,Lammummaa, Leelloo, Leencoo, Leensaa, Leensee, Liiban, Lookoo, Luucy
.
Saami, Sabboonaatuu, Saffii, Saffisaa, Sanbatee, Sarbeessaa, Sardaa, Seenaa, Seenaasaa, Seenaa’ol, Shoraa, Shuree, Sibiraati, Siifan, Siifiis, Siitinaa, Simboo, Sinboo, Siinboonee, Singitan, Soolanee, Sooranee, Soorettii, Suraanee
.
Maqaalee Qubee – T
.
Taanaan Taliilaa, Taliilee,Tokkaatuu, Tokkummaa, Tolaa, Tolasaa, Tolashee,Tolarabbi, Tolawaaq, Toleeraa, Toltuu, Tufaa, Tulluu, Tumee, Turaa, Turee, Tuuchoo,Tuulamaa
.
Maqaalee Qubee – U
.
Urgeessaa, Urjii, Ushii, Utuu, Utubaa, Ulfaata, Ufftahii,….
.
Maqaalee Qubee – W
.
Waaqasaa, Waaqgashee, Waaqjedhaa,Waaqjiraa, Waaqtolee, Waaqtola, Waaqwayyaa, Walalii, Waaqgaarii, Warqee, Wayyeessaa, Wayyeeraa, Wayyarabbii, Walabummaa,
.
Maqaalee Qubee – X (kan hafee dabalaa)
.
,…
.
Maqaalee Qubee – Y
.
Yaadanii, Yaadessaa, Yaachisaa
______
Maqaalee hafaniis hedduu dha kanneen hin barreefamiin #Comment asii gadiitti nuuf barreessa!
.

 

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)