Sabni sun – inni dur
Gaaddisa jalatti seerasaa tumate
Sabni Kuush – inni sun
Kan Odaa jalatti Gadaasaa uummate

Kan ofiin of tolche
Kan ofiin of bulche
Kan ofiin of oolche
Kan of babbareeche

Afaanii fi aadaa – latiinsa sabboonaa
Eenyummaa sabboonsaa
Dhiigasaatiin tursee
Kan nu boonse -boonsaa!

Inni Orom-duroo
Kan dursee heera baase
Kan Kallachaaf Bokkuu
Harka lamaan kaase

Aadaaf seenaasaatiif
(Sagal kufee ka’ee)
Dafqa dhangalaasee
Odaan akka hin gogneef
(Seenaa akka tursuuf)
Dhiigasaa obaase!

Kan kaleessa gadde
kan nu boonse har’a
Kan kalee gaaddisaa
har’a abbaa Galmaa
Oromoo ta’uusaa
Eenyutu nuun morma?

Gootota Oromoo kan akka Agarii
Leenca ilma Birruu – Kan akka Taaddasaa
Qorichi Faranjii, Qeerransi ilma Aagaa
– Kan akka Abdiisaa

Gootni warra Baalee
Jeneraal Waaqoo – Warqiin ilma Guutuu
Leenci leenca caalu
Baalchaa Abbaa Nabsoo – kan godaa baroodu
Kan akka Abbabaa, kan akka Jaagamaa, kan akka Garasuu
Garasuu Dhukii – Garasuu Abbaa Booraa
Dhirsa Faranjii Roomaa
Boora dalga kaachisee
Baandaa allaattii nyaachise
Qeerroo Nageessoo fi
Alamuu Qixxeessaa
Warra seenaan boonsaa

Gootota Oromoo kam waamee kam dhiisu?
Kam fuudhee kam gatu?
Hunduu seenaa qabu
Hunduu na komatu.

Lammii!
Haadha uummata guddaa
Biyya koo Oromiyaa
Deessee saba arjaa
Wiirtuu Itoophiyaa

Marsanii hooksanii
Jejanii faarsanii
‘Si malee’ jedhanii itti godaananii
Saamanii saamsisu, yeroo itti galani.
Sirna Guddifachaa yoom jifuu guutani?
Yoom eebbise Abbaan Gadaa?
Yoom damma muuxachiise?
Yoom baksaa cuubachiise?
Yoom aannan unachiise?
Yoom aadaa kakuu galche?
Yoom dhiigaaf foon taasise?

Dureettummaa laalanii
Daboo itti wal kadhatanii
Keessa oolanii bulanii
Humnaan kaadhimmatanii
‘Surgery’ itti taa’ani
Keessa sakatta’ani!

Shira diinni raawwate
Roorroo Oromoon baate
Ana xiqqashuu miti,
Harmee Oromiyaatu
Horteesheetiif dubbate!

Mar’immaan na cicciru
Kalee na keessaa baasu
Tiruu kiyya tuttuqu
Kaanserii natti riqu
Somba kiyya harkisu
Qilleensa ittiin hargansu
Hadhooftuu kiyya dhoosu
Warqii na keessaa baasu!

Na saamanii hin quufani
Gotaraaf gumbii guutu
Hambaatti na kuufatu
‘Swiss Bank’ kaawwatu

Arraba na dachaasu
Dabasaa natti hadhabsu
Onnee na babbaqaqsu
Sodaa na keessa rabsu

Ija na tuttumatu
Laalcha na laaffifatu
Sammuu kiyya jallisu
Aarsaa Taaddee balleessu

Beekaa koo mankaraarsu
Shororkeessaa taasisu
Caasaa koo burjaajessu
Taayitaa sobaa baachisu

Caasaa onneen hatame
Kan matta’aan faalame

Diinatti irreeffata
Lammii ofiitti goota
Ni ajjeesa ni hidha
Ni gama ni kakata
Eenyummaasaa gurgura
Diinaaf ni jilbeeffata
Nyaapha waliin of hata
Wal gurgura – wal nyaata

Dhaloota!
Hangafummaan keenya
Diinaan haguugamee
Wal dhaga’uu dinnee
(Kontiroobaandistiif)
Karra keenya saaqnee
Damma nuti nyaannu
Daawwaa isaa godhannee
Mirga abbummaa qabnu
Dabarsinee laannee
Mana ofiif keessummaa
Lammii ormaa taanee
Jilbi keenya laafee
Mataan lafa ilaallee…

Obsinee jiraannus
Birmadummaan hafee
Sabummaa qooddannee
Buqqa’uutu dhufe.

Garuu gootni Oromoo
Kalee dhiigasaa coccobsee
Ofii aarsaa ta’ee
Dungoo nuu qabsiise
Duudhaa sirna gadaa
Muudee nuu aangomse
Har’a maaltu dhufee
Dararamnee buluuf
Onnee nu laaffisee?

Hacuuccaa fi roorroo
Shira nu ukkaamse
Lagaan nu qoqqoodee
Eenyummaa balleesse
Qabsoofnee mo’achuuf
Seenaa bade galchuuf
Qeerransi Qeerroo Oromoo
Jeettiin qilleensa raasu
Misaa’elli Itoophiyaa
Kan addunyaa warraaqsu
Abidda ciraa kaasee
Obomboleettii bubbise
Yandoo hin caamne roobsee
Qabsoo haqaa finiinse.

Barataatu fincile
Bilisummaa isaatiif
Ofirratti murteesse
Qalamaan qabsoo lixee
Iyyee iyya dabarsee
Alaaf keessaa warraaqse
Qonnaan bulaatu bookkise
Qabsoo diddaa garbumaa
Waaqoo Guutuu haaromse
Artistiitu weellisee
Dhiiga diinaa hadheesse.

“Sobnee sirbina, keessi keenya madaa
Ijji imimmaani, mormaan ragadaa
Saaqi saanqaa… saaqi”

Xiinxalaan lallabee
Abbaan gadaa tumse
Jaarsi falfalatte
Gaggeessaan kutate
Tokkummaa jabeessee
Heera hojiitti hiikee
Kan dabe soroorse
Waadaa galeef durse
Dhugaa sabaaf tumse
Hadhaa diinaa waraanee
Dhara keessaa yaase
Afaan qawwee cufee
Qabsoo waltajjiidhaan
Seenaa galmeessisee
Hayyuu Oromootaa
Leenca qomoo gootaa
Muummee Ministeeraa
(Lammaan?) filachiise!

Dr Abiyyi hayyuu dha – mahaandisa qabsooti
Dimokiraasii finiinsa
Jecha gochaan simsiisa
Hunda ni hirmaachisa.

Dhaggeeffatee hubata
Dubbatee amansiisa
Saba wal jaalachiisa
Laphee cabe fayyisa.

Sanyii jaalalaa baata
Omishee sabaaf laata
Qajeelummaa waaltessa
Jibba ni dhabamsiisa!

Maandeellaa sab-lammiiti
Wal-qixxummaaf hojjeta
Oobaamaa Itoophiyaati
Mul’ata heddummata!

Addunyaan gojoma’ee
Musee eenyutu argata?
Nuti hin kenninu malee
Raashiyaa fi Chaayinaa
Ameerikaatu filata!

Roorroo injifannee
Har’a bilisoomneerra
Lammii buqqa’e dhaabuuf
Sab-lammiin wal geenyeerra
Lootariin ‘Lammiin Lammiif’
Tombolaan qophaa’eera
Dureessi bitachuudhaaf
‘Cheekiin’ baadhu baateera
Addunyaatu hirmaate
Faranjiinuu dhufeera
Har’a hojiitti hiikama
Abjuun Dokter Abarraa!

Galaan irbaata lammii
Ifaajiin koree kanaa
Kalaqni mootii Morodaa
Furmaanni sodaa balaa!

Waaqayyo ati dursii
Deeggarsa nuu eebbisi
Lubbuu shiraan manca’e
Jannata kee dhaalchisi
Kan miidhame fayyisi
Fayyinakee badhaasi
Qabeenya lammii badee
Ati bakka nuu buusi
Lammii buqqa’e ijaari
Jireenyatti deebisi
Lammii lammii deeggaru
Yaa Rabbi nuu eebbisi!

Now, we, all Ethiopians, who are under the sky and over the Earth:
Let us unite together to fight man-made and natural disaster before it passes to generation that *** our unique, lovely country – Ethiopia all round success and sustainable ***
Thank you for listening!
Galatoomaa!
አመሰግናለሁ!
============================

Yaa lammii koo!

Lammiin kee si qaqqabaniiru
Har’aa booda rakkoo kee ni furu
Akkuma ‘Loomiin shantamni nama tokkoof ba’aa, nama shantamaaf faaya’ jedhamutti
Nu lammiin kee rakkoo kee si waliin qooddannee
Rakkoo kee ni furra
Ka’i! Ka’i! Ka’i! Jabaadhu, si gargaarra!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here