Eebba Oromoo
Eebbi gosa Afoolaa ta’ee Oromoo biratti baratamaa fi kabajamaa yoo ta’u Maanguddoodhaan gaggeeffama.
Ebbi yeroo garagaraatti gaggeeffama, akkasumas Naannolee Oromiyaa garagaraatti gargar ta’us kaayyoon isaa
tokkuma, Uumaa tokkicha galateeffachuu fi kadhachuuf oola.

Eebba Oromoo iddoo heddutti baratamaa

Hayyee, hayyee, hayyee!
Waaqa gurraacha
Gurraacha garaa garbaa
Leemuu garaa taliilaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
Waaqa Bokkuu gurraachaa
Waaqa Ciicoo gurraattii
Waaqa uumee Walaabuu
Waaqa sagaltama gabraa
Waaqa salgan yaa’ii Booranaa
Waaqa torban Baarentumaa
Waaqa Caffee tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo!
Nagaan nu oolchitee, nagaan nu bulchi
Irraa gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi
Daafii sababii nu oolchi
Hamaa nurraa qabi, tolaa nutti qabi
Uumaan si kadhannaa, nuu dhagahi
Xiqqaa nuuf guddisi, guddaa nuuf bulchi
Wallaalaa nuu beeksisi, beekaa keenya nuuf bulchi
Alaa mana nu tiksi
Bakka nu wallaalle Waaqa ati itti guuti!
Barri Roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina
Gabbisi Waaqi!

Eebba Oromoo kan Cidhaa/Gaa’ilaa
Oromiyaa bakka tokko tokkotti cidha gaa’elaa irratti Abbootiin ykn Maanguddoon akkana jechuun misirroolee eebbisu.

Coqorsa, Ulmaayii, Biqila midhaanii fi Aannan harkatti qabatanii eebba kennuuf.

Maanguddoon wayita eebbisan, misirroonni ammoo haata’u ykn amiin jechuudhaan itti fufu.

Eebbi isaanii kunis akkana fakkaata:

Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka Biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in
Bona ongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortanii wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
qabatee isin biraa hin hafin
Na hoofkalchaa

jechuudhaan xumurama!

Eebba Oromoo BOORANAA

Ardaan nagaa…………………………………………..Nagee
Bobbaan nagaa….…………………………………….Nagee
Barri nagaa…………………………………………….Nagee
Waareen nagaa……………………………………….Nagee
Waariin nagaa………………..………………………Nagee
Reerii nagaa………………….………………………Nagee
Dheedi nagaa…………………..…………………….Nagee
Yaa’iin nagaa…………………………….…………..Nagee
Kuubiin nagaa………………………………………….Nagee
Raabi nagaa…………………………………………Nagee
Kuusaa goseen nagaa…………………………….Nagee
Ijoolleen Kuuchuu nagaa……………………………Nagee
Dirreen nagaa…………………………….…………Nagee
Dirree dirri Liiban nagaa…………………………….Nagee
Liiban Golbaa Diidi nagaa…………………..…….Nagee
Malbee Golboon nagaa…..………………….…….Nagee
Saakuu waasoon nagaa………………………….Nagee
Tulaa sallan nagaa……………………..…………Nagee
Baddaa sadeen nagaa……………………………Nagee
Areeroo Gooroon nagaa………………….………Nagee
Gooroon Oromoo teenna nagaa……………..…Nagee
Oromoon nagaa……………………………..…….Nagee
Oromiyaan nagaa………..………………….……Nagee
Handhura Oromiyaa Finfinnee nagaa…..……Nagee
Gadaan nagaa………….……………………..….Nagee
Gadaamojjii ta roobaa nagaati…………………..Nagee
Bokkeenni roobe haraa danbalaa guutee……Nagee
Nageenni galee moonaa guutee…………….…Nagee
Elelleen mirgitee hokolee guuttee………………Nagee
Nagaa Waaqi guutee……………………….……Nagee
Funnaan kormaa qajeele……………………..…Nagee
Funnaan dhalaa qajeele….…………………….Nagee
Ilmat abbaa qajelee……………………….…….Nagee
Angafat maandhaa qajeele…………………….Nagee
Niitit dhirsaa qajeele…………………………….Nagee
Qaro arraba qajeela…………………………….Nagee
Beekaa yaada qajeela………………………….Nagee
Barataa barruu qajeela……………….….…….Nagee
Sabat-Sabaa qajeela…………………….…….Nagee
Biyyat abbaa qajeela………………….….……Nagee
Oromoot walii qajeela……………………..…..Nagee
Horaa bulaa deebanaa mishaa,
lataa daraaraa, aadaa afaan keessan beekaa
tokko ta’aa jiraadhaa.

Eebba Oromoo GUJII

Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

 


AFAAN OROMO – Oromo Language

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here