Home Maxxansituu Fuula 9

Geerarsa Oromoo

0

Geerarsa Oromoo


Geerarsi dhaadannoo namoonni dhaadatan,akeeka jiruufi  jireenyaaf qaban kan ittiin agarsiisan, gootummaa hojiiisaaniirratti qaban kanittiin beeksifatan, hawwii fuuladuraa kan ittiin ibsataniifi malleen ittiin cookkatanidha. Geeraraan geerarsaan eenyummaa, fedhii, hawwii, komii, gaddaafi gammachuu isaa ittiin ibsata.Haaluma kanaan geerarsi armaan gadii kun ergaafi qabiyyee garaagaraa kan of keessatti qabatudha.

 

Takkaa Bookkisuu laataa

Narraan fokkisuu laataa

Takkaa barooduu laataa

Narraan bareeduu laataa

 

Weenniin lagarra bulee

Eegeen bissii fakkaataa

Dura geeraran malee

Booddee machii fakkaataa

 

Takkan irra didichaa

Akka baasaa dinnichaa

Takkaan irraa wakgodhaa

Akka baasaa goommanaa

Akka goommana birraa

Akka foormataa dirraa

Abbaakoo Gashareekoo

Nageesse dabareenkoo

 

Dabareen tikaaloonii

Taraan dhiiraa geerarsaa

Maafan dhiisa dheekkamsaa

Maafan taraa dabarsaa

 

Nageesse kaadabareen

Nageenyaanan jammaree

Abbaabulee sin waamaa

Michuun maccaaf tuulamaa

 

Maafan waamii keedhiisaa

Adeemsa karaattillee

Kajeellii gandaattillee

Hamman kufeecabutti

Hamman du’eebadutti

 


Geerarsa Oromoo>>

Jechoota Hayyoota Addunyaa

30

Jechoota Hayyoota Addunyaa


1) Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias)
2) sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i.
(Jecha warra Ingilizii)
3) Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam sheekispir)
4) Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha.
(Maaksim Troobey)
5) Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William shekispir)
6) Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra Morookoo)
7) Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa)
8) Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra chaayinaa)
9) Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii)
10) Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii)
11) Namni dogoggorsasaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii)
12) Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan)
13) Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan)
14) Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber)
15) Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)
16) √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu.
√ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu.
√ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu.
√ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu.
(Heenriik Ibsan)
17) Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa harka kee keessa seentee jirti.(Charles Koltan)
18) Har’i akka ta’etti yoo qabaatti siif galte malee Boris hin amanamtu.
(Toomaas Diiriyes)
19) Waanti nuti sodaachuu qabnu sodaa qaofadha.(Franklin Ruzvelt)
20) Baay’inni rifeensaa,baay’inni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baay’inni rakkinaas sammuu nama mul’ataa xureessuu hin danda’u. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.(Seeneka)
21) Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees)
22) Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu.(Robert Luis Stevens)
23) Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba.(Andire Morwa)
24) Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.(Laawoo 8ffaa)
25) Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan Frederik Furar)
26) Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.(Oliver Gold Smiz)
27) Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)
28) Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha.(Sokirates)
29) Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi.(George Barnaad show)
30) Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee…
(wiiliyaam Muuldan)
31) Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda’utu si dura dhaabbata.(Antuwan Tekov)
32) Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.(Monten)
33) Namni tokko amaloota sadii(3) qaba. isaanis:
√ Amala inni agarsiisu
√ Amala inni qabuu fi
√ Amala inni qaba jedhee yaadu.
(Alfans Kar)
34) Namni hiriyaa isaatiif gammachuu hin yaadne rakkinaaf saaxilamaadha. Namni akkasii ofiisaa qofa osoo hin taane,namoota biroos ni madeessa.Kufaatiin namaas eenyummaa akkasii irraa dhufa. (Alfred Adiler)
35) Haala si mudatu waliin jireenta kee walfudhachiisuuf yaalii godhi malee ‘akkan barbaadu ta’uu qaba’ hin jedhiin.(Abraham Liinkan)
36) Otuu of hin gargaariin eenyumaaniyyuu gargaaruu hin dandeessu.(Gris Mori)
37) Galaanni yeroo hundumaa waan yaa’uuf Namni tokko yeroo lama cehuu hin danda’u.(Hirik Litas)
38) Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa ta’i.(William James)
39) Jireenyi Kenya waanta yaadni keenya uumudha.(Mark Awurias)
40) Sammuu Keenya keesaatti Jannataa fi Gaanamiin uumuu ni dandeenya.(Milten)
41) Amma rakkinni si rakkisutti ati hin rakkatiin.(Jecha Ameerikaanotaa)
42) Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo ta’u,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa.
Madda:Kitaaba saayikooloojii(ICCITII MILKAA’INAA) kan Norman V.Pill barreesse. Qannoo Addisuu Afaan Oromootti hiikee Hinseenee Makuriyaa akka gulaaletti.Fuula 224-229 tti kan jirurraa. Namoonni kitaabicha hundasaa dubbiftan carroomtaniittu.Aadaa kitaaba dubbisuu haa dagaagfannu.
43) Namni waan qabutti hin gammanne osoo maaluu argatee hin gammadu.(Hoomer, Abbaa walaloo Giriik)
45) Waa fudhachuu irra waa kennuuti caalaa nama gammachiisa.(Kitaabicha keessaa)
46) Namni guddaan(real man) eenyumaanuu of hin madaalu.(kitaabicha keessaa)
47) Namoonni baayyeen sababii kophaa ta’aniif mukaa’u;Ani garuu nama Mukaa’aa waliin jiraachuutu na mukeessa(Ifargan Gudeta,Alex)
49) Yoo nama jabaa ta’uu barbaadde jireenya kophaatti gammaduu bari.(Alex)
50) Namoonni bayyeen addeessa kan koraniif namoota jalaa isaan utuban waan qabaniifi.

 


Maddi Kan dubbifnerraa

AFAAN OROMO – Oromo Language

Afaan Oromoo: Barannoo Tokko

0

Afaan Oromoo: Barannoo 1 – Seenaa Guddina Afaan Oromoo  : B/sa Fedhasaa Taaddasaatiin


Maxxansa darbe keessatti mataduree “Afaan Oromoo” jedhuun gaaffii 2 isin gaafadheen ture. Baayyeen keessanis deebii gadi fagoo deebisuuf yaaltanii jirtu. Ulfaadhaa! Gaaffileen kun

1. Afaan Oromoo Afriikaa keessatti dubbataa hedduu qabaachuun sadarkaa meeqarratti argama? Toophiyaa keessattoo?
2. Afaan Oromoo guddisuu eessaa jalqabuu qabna?

Maxxansa kana keessatti gaaffii 1ffaa deebisuuf yaalameeraa, dubbisaa!

Afaan Oromoo baroota dheeraaf afaan dubbii qofaatti daangeffamee ture. Sababoota garaa garaarraa kan ka’es waggoota hedduuf osoo carraa qubee ofiitiin barreeffamuu osoo hinargatin ture.

Afaan Oromoo garee Afaan Kuush keessatti ramadama (Tamene 2000, Baye 1986). Afaan Arabaafi Hawuusaatti aanee uummata hedduudhaan akka dubbatamu yommuu ta’u, sadarkaadhaan 3ffaadha. Afaanota Itoophiyaa keessatti argaman keessaa afaan dubbattoota hedduu qabu akka ta’e hayyoonni irratti waliif galu (Feyisa 1996; Hamid, 1995; Mohammed, 1994; Temesgen, 1992 Benderiifi Mulugeta, 1970). Yaada hayyotaa kanarraa kan hubatamu, Afriikaatti sadarkaa sadaffaa, Toophiyaatti sadarkaa 1ffaa ta’uunsaa falmii hinkaasu.

Afaan Oromoo afaanota hedduu gaanfa Afrikaa keessaatti dubbataman keessaa haala dubbiitiin afaan sadarkaa guddaarraa ga’edha. Haata’u malee, barreeffamuu kan eegale bara 1842tti akka ta’e (Bender 1976; Mahaadi 1995) barreesanii jiru. Yaada seenaa jalqabbii kanarratti garuu falmiin ka’uu jalqabeera. Fakkeenyaaf, Tafarii Nugusee dhimmi Oromoo jaarraa 13ffaa keessa barreeffamuu akka jalqabe ragaa argate qaba. Ammas yoo qoratame seenaan barreeffama Oromoo kan jalqabe sana durayyuu ta’uu mala.
Afaan kamuu guddate kan jedhamu dubbattota hedduu qabaachuun qofa osoo hintaane, afaan ogbarruu/ afaan barreeffamaa yoo ta’eedha. Dubbataa hedduu qabachuunsaa guddina afaanichaaf sababa nita’a; garuu guutuu miti. Barreeffamaanis dursuu qaba.

Dubbataa hedduu qabaachuun afaan biyyoolessaa akka ta’u murteessisuu mala. Sunis, guddina! Afaan Oromoo osoo dubbattootaa hedduu hinqabu ta’ee, akkuma afaan ‘gafatfaa’ dhiibbaafi gadi qabaa jaarraa tokkoo olii irra ga’een dhugamee hafa ture. Haata’u malee, dubbataa hedduu qabaachuunsaa du’arraa isa hanbisee jira jechuudha. Dhumarratti, gaaffii tokko akka yaaltan isin afeera.

Afaan Oromoo erga dubbataa hedduu qabaatee maaliif afaan barreeffamaa osoo hintahin turee?

Baranoo 2ffaa keessatti na eegaa…

Sagalee Afaan Oromoo

0

Sagaleewwan afaan tokko keessatti argaman Sagaleewwan dubbiiti.
Sagaleewwan biroo immoo sagaleewwan akka sagalee konkolaataa, sagalee allaattii, horii, qilleensaa fikkf.
Sagaleen kan Uumamu qubee fi qubeen (Qubee + Qubee) walitti dhufuun yoo ta’u, bu’uurri afaan hundaa immoo sagalee dubbiiti.
Sagaleewwan dubbii Afaan Oromoo lakkoofsaaan 29 dha.
Isaanis:
a,   b,   c,   d
e,   f,   g,   h
i,   j,   k,   l
m,   n,   o,   q
r,   s,   t,   u,
w,   x,   y,   ch
dh,   ny,   ph
sh,   ykn ‘(hudhaa)

Gosoota Sagalee dubbii
Sagaleewwan Afaan Oromoo kunneen bakka lamatti qoodamu.
Isaanis:
1. Sagalee Dubbifamaa
2. Sagalee Dubbachiiftuu

Sagaleen dubbii Afaan Oromoo ulaagalee armaan gadiirratti hundaa’a.
Issanis:
1. Qilleensa Afuura sombaa habu ykn seenuudha
Kunis afuurri sombaa bahee sagalee dubbii uumu qaamulee sagalee dubbii adda addaa irratti
gufachuun sagaleewwan dubbifamaa yommuu uuman, afuurri qaamolee dubbiitiin osoo hin gufatin uumamu immoo dubbachiiftota.
2. Sagaleen Dubbifamaan kophaa hin haasa’amu
kana jechuun dubbifamaan kophatti sagalee hin qabu.
dubbachiiftuun immoo hophatti ni haasa’ama.
3. Dubbifamaan qaamolee sagalee dubbii walitti yoo fidu, Dubbachiiftuun immoo qaamolee sagalee dubbii uuman addaan baasuuf fikkf.

Hub: Qaamolee Sagalee dubbii(yeroo afuurri somarraa bahu ykn seenu, iddoo sagaleen itti uumamu) kan jennuun:
1. Hidhii
2. ilkaan
3. irgee
4. laagaa
5. Arsasee fi
6. kokkeedha.

DHEERINAA FI GABAABINA SAGALEE

Afaan Oromoo keessatti Dheerinaa fi Gabaabini sagalee Sagaloota dubbachiiftuu waliin walqabata.
1. Sagalee Gabaabaa
Sagalee gabaabaa kan jennuun, sagalee dubbachiiftota afaan oromoo warra bu’uuraa shaniin gabaabaa uumamaniidha.
Fkn:
dh + u  =  dhu      n + a  =  na
l + a  =  la      m +  u  =  mu
Haaluma kanaan jechootni sagalee gabaabaan uumaman:
Fkn: dhufe      rafe
bona      mana
laga      ija

2. Sagalee Dheeraa
Sagaleen dheeraan sagalee gabaabaa irraa argama.
Kunis Sagaleen dheeraan kan uumamu dubbachiiftuun gosa tokkoo lama walfaana dhufuun bifa hiika qabaachuu danda’uun yoo barreeffamteedha.
Fkn:
boonaa
laafaa
laagaa fikkf

LAAFINAA FI JABINA SAGALEE

Laafinaa fi jabinni sagalee qubee dubbifamaa irratti hundaa’a.
Sagalee laafaa:
Sagaleen laafaan sagalee dubbifamtootaAfaan oromoo gosa tokkoo qofa irraa ijaaramiidha.
Fkn: bi +  fa  =  bifa
i + ja  =   ija
mii + la  =   miila

Sagalee Jabaa:
Kunis baay’ina dubbifamtootaatiin kan walqabatu yommuu ta’u, dubbifamaan gosa tokkoo lama walitti anaananii barreefamaniidha.
Fkn: Sammuu
karra
soddaa
gubbaa fikkf

 


AFAAN OROMOO – Oromo Languages

BUNAA FI FAYYAA : – Dr Gurmeessaa

0

BUNAA FI FAYYAA : – Dr Gurmeessaa


Bunna dhuguun faayidaan fayyaaf qabu maali?
Dhalli nama buna dhuguu kan eegale jaarraa 15 ffaa dha as akka ta’e ragaan mul’isa. Yeroo ammaa kana akka addunyati bunni dhugaatiiwwan hedduminaan dhugaman keessa tokkodha. Tole ka har’a qorannoo godhameen faayidaa buna dhuguun fayyaadhaaf qabu isinitti hima. Faayidawwan buna kan dubbistanii ; warri duru buna jaalatan jaalala keessan cimsatu,kan buna jibbus yoo jiraate tari yaada keessan jijjirattu jedhen yaada.
*Faayidawwan buna kun mee maal fa’a???
1.Dhukkuba sukkaara ittisuuf. Qorannoon heddu kan mul’isu bunni dursee dhukkuba sukkaara (type-2 diabetes mellitus) nurra ittisuu akka danda’uudha. Dhukkuba sukkaara yeroo amma akka addunyaati nama miiliyoonni 300 oltu ittin rakkata. Namni buna dhugu carraa dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 23-50tiin gadi buusa.
2. Carraa dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessatti hir’isa. kara tokkoon dhukkubni onnee fi dhiiguun sammuu keessattii(stroke) walqabataa
waan ta’eef;dhukkuba sukkaara yoo ittisu dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessattis ittisa. karaa biratiin ammoo waldhahuu rukkutaa onnee(heart rythm disturbance) kan dhukkuba onneetii fi dhiiguu sammuu keessatiif sababa ta’uu maluu nurra dhorka.
3.Dhukkuba narvii nurra ittisuuf. Buna dhuguun dulluma keessa dhukkuboota narvii dhufu malan ittisa kunis :
* Madaala qaama eegachuu dadhabuu,maasha
alee qaamaa garmalee kotoonfachuu,qaamaan hoolachuu fi deemsaan qususu..kun waliigalatti” parkinson’s disease” jedhama.
*Dandeettii waa yaadachuu dhabuu ykn waa hunda irranfachuu..”Dementia/Alzheimer’s disease “jedhama.
Dhukkubootni lameen kun keessumatuu namoota umriin isaanii 65 ol ta’e irratti mul’atu. Dhukkuboota yaaluuf rakkisaa ta’aniidha. Namooni buna dhugan carraan dhukkuboota kanaan qabamuu ofirra ittisu.
4.Kaansarii ittisuuf. Qorannoon kan agarsiisu namootni buna dhugan carraan kaansarii tiruutiin qabamuu parsantii 40 gadi yoo busu,carraa kaansarii mari’imaanii parsantii 15 niin gad buusa.
5.Tiruun keenya fayya-qabeessa akka ta’uuf. Hojii gudda kan qabu tiruun keenya keemikaalota nyaataa fi dhugaatii ,keessatuu alkoolii keessatti argamaniin yeroo gara garaati rakkoon irra gahuun dhukkubsatee sadarkaa dhuma(cirrhosis) jedhamuurra gahuu danda’a. kun ammo yeroo gabaaba keessati nama ajjeesa. Bunni tiruu qulqulleesuudha
an keemikaaloota hubatii fidan irra eega
6.Dhiphinaa fi si’aa’ina dhabuu(depression) nurra qolata. Qorannoo yuuniveristii harvarditti godhameen buna dhuguun sababa si’aa’inna dhabuutii kan dhufu rakkoo ofiin of ajjeesuu(suicide) akka hir’isuu dha.
**HUB:

Faayidaa buna kaneen kana fakkatan yoo ta’u. Yeroo ulfaa garuu dubartoonni buna dhorkamuu batamuus xiqqeesani yoo dhugan gariidha. Akka qorannoon mul’isutti dubartoonni yeroo ulfaa garmalee buna baay’isan ulfi irra bahuu (miscarriage) danda’a jedha.
Bunni xiqqoos taatu dhiibbaa dhiiga ni dabala. Kanaaf hin dhugina jechuus batamu namni dhiibba dhiiga qabu xiqqeesee dhugu qaba.
maaree “Buna fi nagaa hin dhabina ” jedha mitiree oromoon. “Bunni jira……koottaa Buna dhuga!!”
source: authoritynutrition.com


DR Gurmeessaa
Galatooma!!!FAYYA TA’A!!

 

 

Makmaaksa Oromoo Qubee Afaan Oromoo A-Z

0

Makmaaksa Oromoo Qubee Afaan Oromoo A-Z


A
Abba hin qabdu akaakyuuf boochi
Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin birmatu
Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aawu
Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimsee
Abjuun bara beelaa buddeena abjoota
Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti
Afaan dubbii bare bulluqa alanfata
Afaan gaariin afaa gaarii caala
Afaanii bahee gooftaa namaa ta’a
Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba
Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa
Akkuma cabannitti okkolu
Akukkuun yeroo argate dhakaa cabsa
Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii liqimsi ama of komatu namni hin komatu
Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin
Ana haa nyaatuun beela hin baasu
Ani hin hanbifne, ati hin qalbifne arrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti
Asiin dhihoon karaa nama busha
“Aseennaa natu dide, kennaa warratu dide otoo nabutanii maal ta’a laata”,jette intalli haftuun
B
Badduun fira ishee yoo hamattee, baddubaatuun niiti ishee hamatti
Bakkka oolan irra bakka bulan wayya
Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte bari
Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu
Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti!!
Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba
Bara fuggisoo harreen gara mana, sareen gara margaa
Barri gangalata fardaati
Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu
Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku
Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti
Bishaan gu’a gahe nama hin nyaatiin, namni du’a gahe si hin abaariin
Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe
Bishingaan otoo gubattuu kofalti
Boru hin beekneen qad-bukoon ishee lama
Boftii fi raachi hanga ganni darbutti wal faana jiraattu
Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka
Buna lubbuuf xaaxa’u warri naa tolii kadhatu

C
Cabsituun tulluu amaaraatiin giraancee jetti
Citaan tokko luqqaasaniif manni hin dhimmisu

[the_ad id=”2140″]

D
Dabeessa uleen (jirmi) shani
Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon
Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu
Deegan malee waqayyo hin beekani
dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti
Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan
Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu
Dugda hin dhungatan, hunda hin dubbatani
Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu
Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba
Dhuufuun waliin mari’atanii dhuufan hin ajooftu
Diimina haaduun nyaatani,diimaa arrabaan nyaatu
Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti
Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu
Du’aan dhuufaa jennaan kan bokoke dhiisaa jedhe
Dubbii baha hin dhorkani galma malee
Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi’ani
Duulli biyya wajjinii godaansa

E
Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani
Edda waraabessi darbee sareen dutti

F
Fagaatan malee mi’aa biyyaa hin beekani
Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin
Firri gara firaa jennaan kal’een gara loonii jette
Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti
foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe
fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu
Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli

G
Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan eessumni koo farda jette
Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani
Gabaan fira dhaba malee nama dhabinsa hin iyyitu
Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema
Gaalli yoom bade jennaan, gaafa morma dheeratu bade
Gama sanaa garbuun biile (asheete) jennan warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe  jaldeessi
Gamna gowomsuun jibba dabalachuu dha
Ganaman bahani waaqa jalaahin bahani
Gara barii ni dukkanaa’a
Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya
Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, warri qophinaafi se’u

Gaashatti dhuufuun daalattii dha
Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati
Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju
Goomattuuf goommanni hin margu
Goondaan walqabattee laga ceeti
Gowwaa wajjin hin haasa’iin bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa
Gowwaan ballessaa isaa irraa barat, gamni balleessaa gowwaa irraa barata
Gowwaan bishaan keessa ijaajjee dheebota
Gowwaan gaafa deege nagada
Gubattee hin agarre ibiddatti gamti
Guulaa hin bitiin jiilaa biti
Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu
Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu


H

Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti
haadha laalii intala fuudhi
Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa qabani
Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadi
Hanqaaquu keessa huuba barbaada
Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo jetti
Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hanbisa
Haati hattuun intala hin amantu
Haati hattuun intala hin amantu
Haati kee bareeddi jennaan, karaa kana dhufti eegi jedhe
Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaatte
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee
Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa
Hantuunni hadha ishee jalatti gumbii uruu bartii
Harka namaatiin ibidda qabaa hin sodaatani
Harki dabaruu wal dhiqxi
Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu
Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu
Harree hin qabnu, waraabessa wajjin wal hin lollu Kan harree hin qabne farda tuffata
Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa’u jette waraabessaan
Harreen yoo alaaktu malee yoo dhuuftu hin beektu
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Hidda mukaa lolaan baaseetu, hidda dubbii farshoo (jimaa)n baase
Hidhaa yoo tolcha, gadi garagalchanii baatu hin guddattuu jennaan baratu dhumee jedhe
Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa malee galu hiyyeessaf hin qalani kan qalame nyaata
Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte
Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba bulchiti
Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti

I
Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti
Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa
Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi
Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin seetu
Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na dhukube jetti malee
Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu
Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti
Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa
Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti
Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu
Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce’a
Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti
Intallii haati jajju hin heerumtu
Itti hirkisaan kabaa hin ta’u
Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti

[the_ad id=”2140″]

J
Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan, edana akkamitin arka jedhe
Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan achisutu garaa jira
Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu
Jabbiin hootu hin mar’attu
Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti
Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
Jarjaraan re’ee hin horu
Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina
Jibicha korma ta’u elmaa irratti beeku
Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha

K

Kadhatanii galanii weddisaa hin daakani
Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa

Kan abbaan quba kaa’e oromi(namni, halagaan) dhumdhuma kaa’a
Kan afaanii bahee fi kan muccaa bahehin deebi’u
Kan bishaaan nyaate hoomacha qabata
Kan citaa qabaa tokko namaa hin kennine mana bal’isii gorsiti
Kan dandeessu dhaan jennaan gowwaan galee nitii dhaane Adaamiin ollaa hagamsaa jiru bara baraan boo’aa jiraata
Kan gabaa dhagahe gowwaan galee niitii dhokse
Kan hanna bare dooluutu sosso’a
Kan hordaa natti fiiges, kan haaduun natti kaates bagan arge jette saani du’uuf edda fayyitee booda
Kan humnaan lafaa hin kaane yaadaan Sudaanitti nagada
Kan ilkaan dhalchu kormi hin dhalchu
Kan namni nama arabsi irr, kan abbaan of arabsutu caala
kan qabuuf dabali jennaan harreen laga geesse fincoofte
Kan of jaju hin dogoggoru
Kan quufe ni utaala, kan utaale ni caba
Kan tolu fidi jennaan, sidaama biyya fide
Kan tuffatantu nama caala, kan jibbanitu nama dhaala
Kan tuta wajjin hin nyaanne hantuuta wajjin nyaatti
Kan waaqni namaa kaa’e cululleen hin fudhattu
Karaa foolii nun hin jedhani jette wacwacoon
Karaan baheef maqaan bahe hin deebi’u
Karaan sobaan darban, deebi’iitti nama dhiba
Karaa dheeraa milatu gabaabsa, dubbii dheeraa jaarsatu gabaabsa
Karaa fi halagaatu gargar nama baasa
Keessummaan waan dhubbattu dhabde mucaa kee harma guusi jetti
Keessummaan lolaa dha abbaatu dabarfata
Keessa marqaa boojjitootu beeka
Kijiba baranaa manna dhugaa bara egeree wayya
Kokkolfaa haati goota hin seetu
Kormi biyya isaatti bookkisu biyya namaatti ni mar’ata
Kursii irra taa’anii muka hin hamataniL
Lafa rukuchuun yartuu ofiin qixxeessuu dha
Lafa sooriin du’e baataatu garmaama
Lafaa fuudhuutti ukaa nama bu’a
Lafti abdatan sanyii nyaatee namni abdatan lammii nyaate
Laga marqaa jennaan ijoolleen fal’aanaan yaate
Lama na hin suufani jette jaartiin qullubbii hattee
Leenci maal nyaata jennaan, liqeeffatte jedhe, maal kanfala jennaan, eenyu isa gaafata jedhe
Lilmoon qaawwaa ishee hin agartu, qaawwaa namaa duuchiti
Lukkuun(hindaaqqoon) haatee haateealbee ittiin qalan baaftiM
Maa hin nyaatiin jedha dhirsi hamaan
Maal haa baasuuf dhama raasu
Mammaaksi tokko tokko dubbii fida tokko tokko dubbii fida
Mana haadha koon dhaqa jettee goraa bira hin darbiin
Mana karaa irra kessumaatu itti baayyata
Manni Abbaan Gube Iyya Hin Qabu
Maraataa fi sareen mana ofii hin wallalani
Maraatuun jecha beektu, waan jettu garuu hin beektu
Marqaa afuufuun sossobanii liqimsuufi
Marqaan distii badaa miti, irri ni bukata, jalli ni gubata
Marxoon otoo fiiganii hidhatan otuma fiiganii nama irraa bu’a
Mataa hiyyaassaatti haaduu baru
Midhaan eeguun baalatti hafe
Mucaa keetiin qabii mucaa koo naa qabi jettehaati mucaa
Muka jabana qabu reejjiitti dhibaafatu
Morkii dhaaf haaduu liqimsuN
Nama foon beeku sombaan hin sobani
Namni akka fardaa nyaatu, gaafa akka namaa nyaate rakkata
Namni beela’e waan quufu hin se’u
Namni dhadhaa afaan kaa’an, dhakaa afaan nama kaa’a
Namni gaafa irrechaa duude, sirba irreechaa sirbaa hafa
Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa
Namni hudduu kooban galannii isaa dhuufuu dha
Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu
Namni nama arabsu nama hin faarsu
Namni badaan bakka itti badutti mari’ata
Namni gabaabaan otoo kabaja hin argatiin du’a
Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuu dha
Nama kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko
Niitiin dhirsaaf kafana
Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati
Niitiin afaan kaa’aami’eeffatte yoo kabaluuf jedhan afaan banti
Nitaati jennaan harree qalle, hin tatuu jennaan harree ganne, qoricha jennaan isuma iyyuu dhaqnee dhabneO
Obboleessa laga gamaa mannaa gogaa dugduu(faaqqii) ollaa ofii wayya
Obsaan aannan goromsaa dhuga
Obsan malee hn warroomani
Ofii badanii namaa hin malani
Of jajjuun saree qarriffaan udaani

Ofi iyyuu ni duuti maaliif of huuti
Ofii jedhii na dhugi jedhe dhadhaan
Okolee diddu okkotee hin diddu
Ollaa araban jira akkamittin guddadha jette gurri
Ollaan akkam bultee beeka, akkatti bule abbaatu beeka
Ollaafi garaan nama hin diddiin
Ollaa fi kateen nama xiqqeessiti
Ol hin liqeessiin horii keetu badaa, gadi hin asaasiin hasa’aa keetu bushaa’a
Otoo beeknuu huuba wajjin jette sareen
Otoo garaan tarsa’e jiruu, darsa tarsa’eef boossi
Otoo farda hin bitiin dirree bite
Otoo fi eegeen gara boodaati
Otoo garaan dudda duuba jiraate, qiletti nama darbata
Otoo sireen nama hin dadhabiin tafkii fi tukaaniin nama dadhabdiQ
Qaalluun kan ishee hin beektu kan namaa xibaarti
Qaban qabaa hin guunnee gad-lakkisan bakkee guutti
Qabbanaa’u harkaan gubnaan fal’aanan
Qabanootuharkaa, hoo’itu fal’aanaan
Qabeenyi fixeensa ganamaati
Qalloo keessi sibiila
Qalladhu illee ani obboleessa eebooti jette lilmoon
Qaaqeen yoo mataan ishee marge bade jetti
Qarri lama wal hin waraanu
Qeesiinwaaqayyoo itti dheekkam, daawwitii gurgurtee harree bitatte
Qoonqoon darbu, maqaa hin dabarre nama irra kaa’a
Qoonqoon bilchina eeggattee, qabbana dadhabde
Qorichaofii beekan namaa kudhaamu
Qotee bulaa doofaan, miila kee dhiqadhu jennaa, maalan dhiqadha borus nan qota jedhe
Qurcii dhaan aboottadhu jennaan, qophoofneerra jedheS
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Saree soroobduun afaan isheef bukoo ykn. dudda isheef falaxaa hin dhabdu
Sabni namatti jiguu irra gaarri (tulluun) namatti jiguu wayya
Sareen duttu nama hin ciniintu
Sanyii ibiddaa daaraatu nama guba
Sareen warra nyaattuuf dutti
Seenaa bar dhibbaa baruuf bardhibba jiraachuun dirqama miti
Shanis elmamu kudhanis, kan koo qiraaciitti jette adurreen
Sirbituu aggaammii beeku
Sii uggum yaa gollobaa, anaafoo goommani ni dorroba inni gurr’uu soddomaa jette jaartiin horii ishee gollobaan fixnaan
Sodaa abjuu hriba malee hin bulani
Soogidda ofiif jettu mi’aayi kanaachi dhakaa taata
Sombaaf aalbee hin barbaadani
Suphee dhooftuun fayyaa gorgurtee, cabaatti nyaatti[the_ad_placement id=”ads”]T
Taa’anii fannisanii dhaabatanii fuudhuun nama dhiba
Takkaa dhuufuun namummaa dh, lammmeessuun harrummaadha
Tikseen dhiyootti dhiifte fagootti barbaacha deemti
Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisaa oolti
Tokko cabe jedhe maraataan dhakaa gabaatti darbatee
Tokko kophee dhabeetu booha, tokko immoo miila dhabee booha
Tufani hin arraabaniU
Udaan lafatti jibban funyaan nama tuqa
Ulee bofa itti ajjeesan alumatti gatu
Ulee fi dubbiin gabaabduu wayya
Ulfinaa fi marcuma abbaatu of jala baata

W
Waa’een garbaa daakuu fi bishaani
Waan ergisaa galu fokkisa
Waan jiilaniin kakatu
Waan kocaan kaa’e allaattiin hin argu
Waan namaa kaballaa malee hin quufani
Waan samii bu’e dacheen baachuu hin dadhabu
Waan uffattu hin qabdu haguuggatee bobbaa teessi
Waan warri waarii hasa’aan, Ijoolen waaree odeesiti
Wadalli harree nitii isaa irraa waraabessa hin dhowwu
Wal-fakkaattiin wal barbaaddi
Wali galan, alaa galan
Wallaalaan waan beeku dubbata, beekaan waan dubbatu beeka
Waaqaaf safuu jette hindaaqqoon bishaan liqimsitee
Warra gowwaa sareen torba
Waraabessi bakka takkaa nyaatetti sagal deddeebi’a
Waraabessi biyya hin beekne dhaqee gogaa naa afaa jedhe
Waraabessi waan halkan hojjete beekee guyyaa dhokata

Y
Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi
Yoo ala dhiisan mana seenan, yoo mana dhiisan eessa seenan
Yoo boora’e malee hin taliilu
Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu
Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re’eetiin
Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti
Yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu
Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu
Yoo ta’eef miinjee naa taata jette intalli.


AFAAN OROMO – Oromo Language

Hima Afaan Oromoo

1
Hima Afaan Oromoo
Hima Afaan Oromoo

Hima Afaan Oromoo


Himni jecha (word), ykn gaalee( phrase) ykn ciroo ( clause) tokkoo fi isaa olirraa ijaarama.
Gulummoo fi Xumurtuu qabaatee yaada guutuu kan dabarsuu fi sirna tuqaaleetiin kna xumuramuudha.
Akkasumas Jechootni walitti dhufuudhaan yaada guutuu fudhatamaa fi qindaa’aa ta’ee ergaa guutuu kandabarsuu fi sirna tuqaaleetiin kan xumuramuudha.

Walumaagalatti, Himni gulummoo (subject) +ibsa-xumurtuu(adverb) + xumurtuu (verb)+ ibsa- maqaa (adjective) + gocha-fudhataa (object) of keessaa qaba.

Afaan Oromoo kessatti himni qindaa’aan tokko kutaalee lama of keessaa qaba.

1. Gulummoo[Mathima]:-Subject

2. Xumurtuu(Antima):-verb

Fkn: Tolaan Leenca ajjeese. Tolaan:-mathima”
Fkn: Bokkaan roobe. roobe:-xumurtuudha”

Afaan Oromoo keessatti Himni Akkaataa tajaajilasaa fi caasaa seerlugaa(grammatical structure) irratti hundaa’uun bakka lamatti(2) qoodama. Isaanis:

A. Hima Akkaataa Tajaajilaan
Himni Afaan Oromoo Akka tajaajila isaa irratti hundaa’uun bakka Afuritti(4) qoodama. Isaanis:
1. Hima Addeessaa/Himaamsa
Addeessaan Hima ta’iinsa waan tokkoo, jijjiirama waan tokkoo, iddoo wanti sun itti argamuu fii kkf ibsuudha.
2. Hima Gaaffii
Gaaffiin, Hima waa’ee gulummichaa hojiisaa kan gaaffiin ibsuudha.
Fkn: Guyyaan har’aa maali?
3. Hima Ajajaa(Command)
Ajajni, Hima ergaa bifa ajajaatiin darbu ittiin ibsinuudha.
Fkn: Hojii manaa hojjadhu.
4. Hima Rajeffannoo
Raajefannoon, Hima waan tokko raajefachuu/dinqisiifachuu ibsuuf itti fayyadamnuudha.
Fkn: Nan bade!

B. Hima Akkaataa Caasaa Seerlugaatiin
Himni Afaan Oromoo Akkaataa caasaa seerlugaa irratti hundaa’uun bakka Afuritti(4) qoodama. Isaanis:
1. Hima Salphaa(Simple sent.)
Himni Salphaan Hima xumurtuu tokko qofa qabaatee kan ergaa guutuu dabarsu yoo ta’u Innis ciroo ofdanda’aa tokko ta’a.
Fkn: Boonaan dhufe.
2. Hima Dachaa(Compound sent.)
Dachaan, Hima xumurtuu lamaa fi isaa ol qabaatee yaada lamaa fi isaa ol dabarsuu danda’uudha.
Fkn: Caaltuun ganamaan kaate. fuula dhiqatte, ciree ishee nyaattee mana barumsaa deemte.
3. Hima Xaxamaa(Complex Sent.)
Xaxamaan, Hima Ciroo dhaabbataa fi ciroo hirkataa tokkoo fi isaa ol of keessaa qabuudha. Hima kana keessatti wal qabsiiftotni ciroo hirkataa irra jiraatu.
Fkn: Yoo dhufuu baattellee, xalayaa naaf barreessi.
4. Hima Dachaa Xaxamaa(Complex Compound sent.)
Dachaa Xaxamaan, Hima ciroo of danda’aa tokko fi sanaa olii fi ciroo hirkataa lama fi isaa ol of keessaa qabuudha.
Fkn: Qilleensarras kaattu, lafarras arreeddu walgeettiin teenya Finfinneedha.
Isheen yoo as deemtus, yoo achi deemtus waa’ee Dachaas lafa hin keessu.

 

 


HORAA BULAA

AFAAN  OROMO – Oromo Language

Jecha Afaan Oromoo

0

Jecha Afaan Oromoo


Sagaleef sagaleen(Sagalee + Sagalee) walitti dhufuun jecha uuma.
Sagaleen gara garaa akkaataa hiika qabaaachuu dandaánitti yoo walitti dhufan, jechoota adda addaaa uuma.
Jechi sagaleewwan ykn sagaleelee garagaraa lamaa fi isaa oli irraa ijaarama.

 

 

 

 


 

Hiikka Jechootaa

1
Jecha Afaan Oromoo
Galmee Jechoota Afaan Oromoo

Jechootni hiika addaa addaa qabu, Isaan keessaa haala armaan gadiin mee haa ilaalluu:

1. Hiika Sirrii / kallattii: jechi tokko uumaadhaan hiika isaa kan beekkame kan namni hunduu itti waliigale moggaasa ganamaa jechuudha.
Fkn: Hoolaa – Beeylada manaa kan miilaa afur qabu, kan foon isaa nyaatamu
Biddeena – Midhaan irraa kan tolfamu, ija ija kan qabu, kan nyaatamu. fi kkf

2. Hiika Dubbii: Hiikni dubbii kun hiika sirrirratti kan rarra’e fi kan muuxannoo hawaasicha fayyadamuu wajjiin deemudha.
Fkn: Leenca – Jabaa jchuudha
Waraabessa – Kan Garaa jaalatu jechuudha.

3. Hiika Galumsaa/ bakka galamaa: Kunimmoo yeroo jechootni himoota adda addaatti galuudhaan hiika adda addaa qabaatani kan uumamuudha.
Fkn: Jecha ‘dhahe’ jedhu yoo ilaalle:
a) Daa’imni sireerraa lafa dhahe. —>Sireerraa kufe akka jechuuti.
b) Caalaan uleen lafa dhahe. —> Rukute/reebe akka jechuuti.
c) Abdiisabaa bineensa faana dhahe. —–> duuka bu’e, hordofe, barbaade akka jechuuti.
d) Ani rakkannaan Mootiin mala naa dhahe. —> Furmaata naaf barbaade, akka jechuuti
e) Caalaan bullukkoo dhundhumaan dhahe. —> safare akka jechuuti

4. Hiika galmee jecchootaa: Hiika galmee jechootaa kan jedhamu, hiika jechootaa kanneen armaan olitti ilaalle kan of keessatti
qabatu ykn immoo hiika galmee jechootaa irratti kennamu jechuudha.


AFAAN OROMO – Oromo Language

Jechama Afaan Oromoo

0

Jechama Afaan Oromoo


Jechamni Afoola Afaan Oromoo yommuu ta’u, Haasawa tokko keessatti mi’eessuuf ykn bareechuuf itti fayyadamna.
Jechamni Afaan Oromoos hiika lama kan qabu yoo ta’u,
qaama kan gubbaarratti hiika ifa ta’e ibsamuufi qaama keessaattimmoo hiika dhoksaa ni qaba.
Fkn: I. Namichi kun gurra guddaa qaba.
a. Gurra qaamaa irra jiru, nafa
b. Maqaa guddaa(Beekkamaa)
II. Sammuun mucaa kanaa dhiphaadha.
a. Mataan isaa xiqqaadha.
b. yaadnisaa dhiphaadha.
III. Odaa jala jiru.- seeraan bulu.
IV. Garaa laafessa. -Namaaf naha.
V. Fuula bade. -jibbe. fikkf

Kanneen armaan gadiimmoo isiniif dhiise:
• Ulee jiituu
• Waaroo mulqate.
• Luka mure
• Harkatti qabe.
• Ceekuu baase.
• Maqaa nyaate.
• Cilee Fakkaate.
• Buqqee duwwaa.

 


AFAAN OROMO – Oromo Language

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)