1. Qubee Afaan Oromoo

Qubeen Afaan Oromoo Soddomii sadi(33), isaan keessaa digdamii tokko dubbifamaa, shan immoo
dubbachiiftuu yommuu ta’an, torba(7) immoo Qubee Dachaa/Cimdiidha.

Qubee Barreeffamaan>>

Qubee Fakiidhaan>>

 


2.Walaloo Qubee Afaan Oromoo

Qubeen Afaan Oromoo, bu’aa bayii heddu keessa darbee, har’a hanga Afaan hojiitti, Manneen Barnootaa naannoo isaatti
Barsiifamaa jira. Kanaafuu, Walaloon kunis, Adeemsaa fi bu’aa bayii Afaan Oromoo keessa darbe
ibsuuf yaalameera.

 


Qubee

Eegaan Si Baree
Afaan Koo Fure

A-Aa jedhee jalqabee qubee koo baradhe
B-Biyya dhabee ture seenaarraa argadhe
C-Cunqursaa alagaa kan bar hedduu baadhe
CH-chee jechaa gulufee diina koo qoladhe
D-Daranuu barachuuf hundee kootiif seenaa
DH-Dhibee wallaalummaa utubaa dukkanaa
E-Eboo waa qusanne hundaatti gadhiisee
F-Faajjii walabummaa kiyyaa lafaa kaasee
G-Gadaa saba kootii ijaaruuf deebisee
H-Halagaan nu fixee nutti mootii ta’uuf
I-Ija koo banadhee ufirraa ittisuuf
J-Jiruun awwaalamnee namaa gadi hin taanee
K-Kiyyoon nu dhukkubdee ba’aa nyaaphaa baannee
L-Lallabnee iyyanne hundaan tokko taanee
M-Mallattoo tukkummaa sirna wal qixxummaa
N-Numa addaan facaasee nurraa fayyadamaa?
NY-Nyaaphaan fira taane osoo beeynu diinummaa
O-Afaan Oromoo qabna afaan saba bal’aa
P-Polotikaaf seenaa ittiin qindeeffanna
PH-paatti aane dhufa isaan phaadha jenna
Q-Qubee liqii qabne barree wal barsiifna
R-Roorroo daba halagaa ufirraa buqqifna
S-Seenaa keenna dhiifnee kan halagaa baruun
Sh-Shira nutti deemu osoo ilaan garru
T-Tooftaa jirre baasee yoomuu nu gowwoomsuun
U-Ummata isa caaluun hin jiru jedhanii
V-Vaayrasii ta’anii qaama nu fixanii
W-Wallaalaa nuu jedhu hayyuu keenna fixanii
X-Xurii doofummaatiin sammuu nu duuchanii
Y-Yoo inni mormate yakkamaa godhanii
Z-Zowdii wal dhaalchisuuf numarra taa’anii?


3. Sagalee Afaan Oromoo

Sagaleen kan uumamu walitti dhufeenya qubee garagaraa yommuu ta’u, ykn
‘Qubee + Qubee = Sagalee’ uuma.
Sagaleen qubee dubbachiiftuu ykn dubbifamaa fi dubbachiiftuu irraa uumama irraa uumama. Sagaleen gosa akka
Sagalee Jabaa, Sagalee laafaa, dheeraa fi gabaabaa ta’uu danda’u.

 


 

4.Jecha Afaan Oromoo

Jechimmoo kan uumamu Walitti dhufiinsa sagaleetiin ykn
‘Sagalee + Sagalee = Jecha’ ta’a.
Jechootni kan uumaman, sagaleen dubbii akkaataa hiika kennuu danda’anitti walfaana dhufuudhaan.

Jecha>>

 


5. Hima Afaan Oromoo

Akka Seerluga Afaan Oromootti Himni kan uumamu walitti dhufeenya Jechoota garagaraa, bifa hiika qabaachuu
danda’aniin yommuu walitti dhufaniidha.
‘Jecha + Jecha = Hima’ uuma.
Himootni Bifa garagaraa kan qabaniifi akaakuulee garagaraatti gargar kan bahaniidha. Bal’inna isaa akka itti anuutti ilaalla.

 

Hima …


6.Keewwata Afaan Oromoo

Akka Seerluga Afaan Oromootti Keewwatni kan uumamu walitti dhufeenya Himoota garagaraa, bifa hiika qabaachuu
danda’aniin yommuu walitti dhufaniidha.
‘Hima + Hima = Keewwata’ uuma.
Bal’inna isaa akka itti anuutti ilaalla.

 

Keewwata …


AFAAN OROMO – Oromo Language

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here