Seenaa Odaa Bultum! (H.JM)


Odaalee shanan godinaalee Oromiyaa keessatti argaman keessaa Odaan Bultum isa tokko yammuu ta’u godina Harargee Lixaa aanaa Odaa bultum, magaalaa Kaarra Qurquraa jedhamtu irraa fageenya 4km irratti argama.

Odaan bultum gara kaabaatiin Gaara Bultumiin, gara Luxaatiin Haroo Carcariin, gara Bahaatiin Dandeen, gara Kibbaatiin immoo Gooroo Cirriitiin daangeeffamee argama.

Moggaasa maqaa Odaa bultum ilaalchisee odeeffannoo akkas jedhuutu jira. Bara durii keessa gaafa Ituun tarree godaantu halkan hunda namni keessaa du’aa ture. Gaafa Odaa bultum jala bulan garuu namni tokkolleen osoo hin du’in waan bulaniif ganama hirriibaa ka’anii “Bullee bultanii?” jechuun nagaa wal gaafatan. Ergasii kaasee maqaan isaa Odaa Bultum jechuun miggaafame.

Akka manguddoonni naannoo sanaa jedhanatti. Bara sana keessa ituun gosaan qabeenyaa fi diinagdee irratti walitti bu’aa waan turaniif haala kana fooyyeessuuf Odaa kana jalatti wal-gahanii Heeraa fi Seera ittiin bulan baafatan jedhama. Yeroo sanatti Awsa’id akka aannan sa’satti walitti ititaa, tokko ta’aa, walitti isin haa mi’eessu, jedhee akka eebbisees ni himama.

Walumaa galatti odaan bultum bakka oromoonni naannoo sanaa maqaa ‘Ituu’ jedhu itti argatanii fi nagaan bulan waan ta’eef gaafasii jalqabee kabajaa guddaa argachaa dhufe.

Manguddoonni oromoo “Heerri tokko dameen adda” jedhu. Herri hangafticha odaa madda walaabuu irraa jalqabees yeroo yeroon tumamaa odaalee hundarra erga naanna’een booda Odaa bultum irratti waan guutameef (xumurameef) Odaan bultum ummata oromoo biratti kabajaa fi ulfina guddaa qaba. Sababaa Heerri oromoo jalatti guutameefiis odaan bultum odaalee Heerri jalatti tumamaa dhufan shanan keessaa Odaan bultum quxusuus jedhama. Oromoota naannoo sanaa birattiis Sirna gadaa ykn akka jecha naannoo sanaatti (Sirna Raabaa Doorii) keessaatti odaan kuni quxusuu fi kan Heeraa fi Seerri Oromoon buluun jalatti gutame ta’uun beekama.

Dooriin yeroo heerri odaa bultum tumamu kan fudhatanii seera irraa baasuudhaan wal-bulchaa turan ta’uu manguddoonni ni dubbatu. Ummanni naannoo kanaatiis akkuma odaawwan biraa waggaa saddeetitti yeroo tokko odaa kana jalatti kora ba’anii Raaba isaan bulchu filatu.

Gabaabumatti Odaan Bultum galmaa fi giddu gala mootummaa ummata oromoo naannoo kanaa ta’ee jalatti ofiin of-bulchaa akka turan seenaan ni addeessa.

Sirni Raabaa Doorii (Gadaa) waggaa saddeet saddeetitti gaafa geggeeffamu ayyaana kabajamuutu jira. Innis ayyaana “Odaa Bultum” kan jedhamu yommuu ta’u erga kabajamuu jalqabe waggaa dhibbaa ol kan ta’ee fi ammas kan itti jiru ta’uus sirnoota cunqursaa adda addaatiin yeroo dheeraaf addaan citee turuun isaas ni yaadatama!!

Maddi: Manguddoo!

 


HORAA BULAA

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here