Seenaa Obbo Xulaa Dubee: Demeka Beka Bude tiin

Seenaa Obbo Xulaa Dubee

0
6260
Seenaa Gabaabaa Xulaa Dubee

Seenaa Obbo Xulaa Dubee: Demeka Beka Bude tiin


Obboo Xulaa Dubee, godina Gujii naannoo magaalaa Nageelleetti dhalate. Obbo Xulaa Duubee, nama umurii dheeraati, yeroo ammaa kana umuriin isaanii waggaa 104;yoo ta’uu qabsoo Oromoo bara dheeraa irraa jalqabee dhandhamachaa nama ture waan taheef;dhalootaa ammaatiif seenaa guddaadha.

Keessayuu ,bara 1973 dura sirna mootummaa H/Sillaaseen lolaa turan. Akkasumas bifa #shiftaatiin ta’anii ,mootummaa Xaaliyaaniidhaan lolaa turuun seenaa isaanii irraa barree jirra. Bara 1973 irraa eegalee sirna Nafxanyootaa dura dhaabataa erga turaniin booda ,gara hidhannoo waraana riphee lolaatti bara 1963 Bu’uressitoota qabsoo ummata Oromoo J/Waaqoo Guutuu,Huseen G/Bunee J/ Husseen Cirrii,J/Jaarraa Abbaa Gadaa,H/Abdullaayii Ganamoo fi namoota isaan fakkaatan waraana hogganuudhaan,H/Maamud Ali Rube, Aliyii Umar Agaa , Kadiir Boruu Jaarraa , Husseen Jibriil Elemoo fa’aan Hogganamutti makamee wajjiin qabsoo finiinsaa turaniiru.

Bakki inni hogganoota kanatti itti makame Gannaale Malkaa Roqomtuu jedhama.Itti dabaluudhaan;naannawa ykn godina Arsii,Baale,Baddaa Gujii, Boorana,Somaalee fi bakka hedduu keessatti waraana wal irraa hin cinnee mootummaa nama-nyaata irratti haleellaa godhaniin injifannoo guddoo galmeessisaniiru. Obboo Xulaa Duubee,gama seenaa isaanii durii keessaa ammoo,bara 1973 tti #kilaashii#automatic dhukaa’u mootummaa Somaalee Zihad Baaree irraa argatan.#Kilaashiidhaan diina lafarraa fixan.

Wayituma kana ,Obboo Xulaa Duubee kilaashii ho’aa kana dhungatan.”Sibiilli ho’aa waan ta’eef, hidhiins na madoofte”jedhu ;Obbo Xulaan. Obbo Xulaa Duubee akka jedhanitti ;sabaabiin #kilaashii dhungadheef, barsiisaa kiyya Jaalatamaa Huseen Saldhee gaafa lola Baaree bakka “Ela Harari” jedhamutti;lola keessatti barsiisaan kiyya kanan jaaladhu na biratti dhahamuu irraan kan ka’ee, lola san keessatti Nafxanyoota Kilaashii kiyyaan lafarraa Xuruuree Oo’uma saniin Kilaashii osoo aarri keesaa bahu dhungaadhe”. Yeroo kilaashii dhungatan jechi isaan jedhan ”Ee akkas Zihad Barree kiyya naa jiraadhu”…jedhan.

Zihad Barreenis kana dhagayee nama san natti fidaa jedhe ture.Obbo Xulaan,Zihad Barreen wal arganii;”maaf Zihad Barree jiraadhu ”jettee kilaashii dhungattee? jedhee gaafate ,Zihad Barreen. Obbo Xulaan,’dur duri qawwee takka takka dhukaatu diina uummata kiyyaatiin lolaa turree, amma qawwee #automatic sirraa waanan argadheef akkas jedhe’ jedheen ;obbo Xulaan. ‘Kana booda maaluma akkan siif godhu barbaaddaa?’jedhee gaafate Zihad Barreen;Obbo Xulaan gootummaa qofa osoo hin taane,qarummaas ni qaba.

Yerooma san “waan biraa naa hin godhin;Oromoo Oromiyaa kan jedhu dhiiftee maqaa Sumaaleen nu hin waamin”jedheen. Obbo Xulaan,maleessaaf dhaweessa namaa waan ta’eef yerooma sanuu jecha ‘Oromiyaa ‘jedhu falmataa turan. Rabbiin umurii isaanii nuuf haa dheeresu.


Maddi: – *Maanguddooti isa waliin qabsaa’aa turani fi qabsoo keessatti isa beekan irraa. Ulfaadhaa woyyama!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here