Mallattoo Shamarree sijaallattu akkamiin beekuu dandeesuu? Dhiirotaaf qofa: Gammadaa Olaanaatiin


Shammarroon dhimma jaalalaa irratti iftoominaan dhihaachuuf aadaa fi safuun baayyee isaan danqa. Kanaaf, jaalala ibsachuuf dhimma uumuu ykn mallattoo argisiisu malee fuul-durratti akka argame miirasaanii baasani hin himatani. Kun immoo dhiira baayyee dogongorsiisa. Yeroo tokko tokko shamarroonni utuu hinbeekin dargaggoonni waan jaallataman godhanii fudhatu. Shamarroonis dargaggoo jaallatanitti jaalalasanii ibsachuuf baayyee dhibamu. Eegaa shamarreen tokko yoo dhiira tokko jaalalaaf feetu mallattoo akkamii calaqsiifti?


1) Ija hannaan si’ilaalti:- Utuu isheen irra deddeebitee hattee si’ilaaltuu yoo argite dhimmichi jalqabaa jira. Iji keessaan nama hedduu keessa baasee wal’oraana yoo ta’e dubbii jabeessi. Kun qofti garuu guarantee miti.


2) Ammas ammas maqaa siwaamti:- afaan isheerra maqaankee deddeebi’ee dhufa yoo ta’e garaanshees sibira. Nama biraa waamuuf jettee maqaakee fayyadamti yoo ta’e onnee ishee seenaa jirta.


3) Siwaliin tahuuf sababa uumti;- sababa adda addaa fayyadamtee siwaliin ta’uu ykn turuu feeti yoo ta’e ammas dhimmichii jabaachaa jira.


4) Bakka ati ooltu oolti:- bakka ati bashannanuuf ykn hiriyyoottankee waliin walarguuf yeroo baayyee feetu isheenis argamuu baayyifti yoo ta’e siwaliin bashannanuu kajeeluusheeti ykn jara ati achitti quunnamtu qoraachuuf tahuu ni mala.


5) Gaffii sitti baayyifti:– waayee jireenyakee gadi fageenyaan baruu barbaaddi yoo tahe tarii jaalala siif qabdurraa kan madde waan ta’uu danda’uuf itti hin qoosin.


6) Nama irra addatti siwaliin odeessuu barbaaddi:– nama ykn hiriyoottan keessan waaliin yeroo teessanii odeessitan isheen waan ati odeessiturratti addaan xiyyeeffatti yoo ta’e keesumaa immoo yeroo morkiin ka’u sicina gorti yoo ta’e dubbiin dubbii jaalalaatii irratti baradhu.


7) Baacookee jaallatti:– baacoo ati baaccu hundumti ishee kofalchiisa, ija ijakee keessa ilaalala sidhaggeeffatti, baacookeetti gammaddi….


8) Qaamaan sitti sixxi:– mudhii ykn ciqilee ykn barruu harka kee qabachuu feeti. Sibukkee taa’uu filatti. Tapha keessa yeroo kofaltu sababa barbaaddee lapheekeetti hirkatti. Rifeensa mataashee harkaan fattaalaa si ilaalti… iji ishee hin laafaa, sagaleenshee jijjiiramaa deema…


9) Waan ati feete feeti/ waan ati jaallatte jaallatti, waan ati jibbitu jibbiti


10) Siwaliin jiraachuu akka barbaaddu sitti himti….
Yoo intala obsa fixachiiftee amma isheen afaanii baafattee sitti himtutti eeggatte ati dhugaa dhiira jaallatamuu qabudha. Hin hariifatin, carraa isheef kenni.
Kana hundumaa goote yoo calliste ati dhiira miti hospitaala deemi sakkata’ami



Xumureera!

 

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here