Ati Maqaa Naaf Laadhu!!!
Mee enyu Siin jedhu moggaasni Siif malu
Damma moo Aannani jechi Siin madaalu?
Damma akkan hin jenneef Dammi Gagaa qaba


Aannanis jechuu dhaaf bullaan dhama qaba
Mee maaliin si waamu siifoo jechan dhaba.


Mee Bishaan siin jedhuu isa foolii hin qabne
kan dhagaan dhiitames garaa gara hin citne
inni Siif hin malu amalli isaa Lamaa
har’a yoo Calale bor booruun makamaa.


Erga akkas ta’ee Dacheen si moggaasuu?
Isheetti fakkeessee oolmaa kee ifa baasuu?
Dachee ishee dhugaa ishee hamii hinbeekne
na miiteetta jettee kan nama hin gaafanne.
Lakkii si hin madaaltu dacheen shira beekti
nama dhugaaf du’een anaa dhufu jetti
isheenoo dhoksinaan deebiftee hin muldhiftu
Firri yoo gaafates kunoo as jira hin jettu
Dacheenis si hin waamu ishee haqa hin beekne
Waadaa namaa fuutee galmaan ishee hin geenye.


Qoricha siin jedhuu kan nama Fayyisu?
Nama du’aaf eegan kan jiraa taasisu?
Qorichis hin ta’u maalsaa si Madaala?
Seeraan ala taanaan miidhaasaatu Caala
fayyisuunsaa hafee Fayyaattuu Awwaala.


Yoos Rooban jedha Roobni Jiidha qaba
Lafa hongeetu isaan biqilchuu jalqaba.
Lakkii natti haa hafu ati Rooba hin taatu
yoon Rooba siin jedhe nan dhiisu dhugaatu.
Gama kanaa Caamee gamasii bubbisa
Loogduuf ija Ilaaltuun Sanyiin Roobaa hinjirtu
ati Rooba miti boris Rooba hin taatu.
Haadha koo maal jedhuree Maaliin si Waammadhu
anoo Jechan dhabe at maqaa naaf Laadhu!!!

 


Horaa Bulaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here