Bara 2017 irraa kaasee Afaan Oromoo afaan hojii dhaabbata guddaa Idil-Addunyaa, Feesbuukii akka tahu gaaffii hayyootni Oromoo gaafataniin kan eegale, Hiikkaan Feesbuukii Afaan Oromoo yeroo ammaa dhibbeentaa 92(92%) irra kan jiru tahus, Afaan Oromoo yeroo ammaa tajaajila hiikkaa Afaanota hojii Feesbuukii kennuu jalqabe.

Afaan Oromoo tajaajila hiikkaa Afaanota Dhaabbata Idil-Addunyaa Feesbuukii tahee hojii eegale.

Bara 2017 irraa kaasee Afaan Oromoo afaan hojii dhaabbata guddaa Idil-Addunyaa, Feesbuukii akka tahu gaaffii hayyootni Oromoo gaafataniin, dhaabbatni Feesbuukii Qorannoo erga gaggeessee booda Afaan Oromoo akka jechoota Feesbuukitti hiikamu hayyameen booda Qeerroon, Qarreen, Hawaasni Oromoo biyya keessaa fi alaa irraa irratti hirmaachuun hiikaa turan. Nuti gama dandeenyu hundaan irratti hirmaachuu bira darbee hanga Miidiyaalee gurguddaa Oromoo akka OMN, OBN fi gara fuula Feesbuukii fi Marsariitii keenya www.afaan-oromoo.com tiin yeroo adda addaatti fayyadamuun ummata kakaasuufi qajeelchuudhaan hanga dandeenyu fi humna keenyaatti gahee nurraa eegamu bahaa akka turre ni yaadattu, kan baruu fedhu Ammas Marsariitii gubbatti eerre irraa ilaaluun nu danda’ama.

 

Haaluma kanaan as dhiyoo hiikkaan namootni keenya biyya keessaafi alaarraa hirmaachaa turan sun dhibbeentaa 92(92%) irra gahuu isiniif gabaafnee turre. Ammas ji’oota 2 oliif achumarra tureera.

Haatah’uu malee, Dhibbeentaan hiikkaa Afaan Oromoo kun xumuramuu baatuuyyuu yeroo ammaa dhaabbatichi hiikkaa Afaan Oromoo #Tajaajila_Ummataatiif dhiyeesseera. Kunis kan ta’e erga Walgahii Hundeessaafi Hoogganaan Olaanaan dhaabbata Feesbuukii Mark Zuckerberg fi Hooggantootni olaanoon dhaabbatichaa gaafa Fulbaana(september) 29, 2019 tti waajjira Giddugaleessa dhaabbatichaatti Guyyaa Hiriyyootaa(Friends day) kabajuuf erga walgahanii booda tahuun himameera. Affeerraa kanarrattis Afaanotni haaraa dabalamaa jiran irrattis mariin turuu US Today gabaareesa.

Kanumarraa kaanee mariin kun bu’uura buuse qaba jennee tilmaamneerra.

Kanaafuu akkuma Suuraa Asiin gadii kanarraa argitan:

Mase Love: ‘Dhugaa jatte Obbo Lammaa Galatoomi” jechuudhaan Maxxansa Abdisa Bancha Jara qoodan.

Abdisa Bancha Jara: ” Thank you Mr.Lamma for the truth.” jedhe itti agarsiise yeroo, Abdisan ‘See translation’ jedhee ilaalu.

Barreeffama gara gadii(Suuraa Obbo Lammaa Gubbaas) – ‘See translation’ isa jedhu agarsiisa.

Bara 2017 irraa kaasee Afaan Oromoo afaan hojii dhaabbata guddaa Idil-Addunyaa, Feesbuukii akka tahu gaaffii hayyootni Oromoo gaafataniin kan eegale, Hiikkaan Feesbuukii Afaan Oromoo yeroo ammaa dhibbeentaa 92(92%) irra kan jiru tahus, Afaan Oromoo yeroo ammaa tajaajila hiikkaa Afaanota hojii Feesbuukii kennuu jalqabe.

Kanaafuu Ummatni tajaajila Hiikkaa Afaan Oromoo akka argatu Dhaabbatichi tajaajila kennuu eegalee jira jechuudha.

Haaluma kanaan yeroo ammaa Dhaabbatichi Afaanota Gurguddoo Idil-Addunyaa jedhee yaadu Afaanota 101 n tajaajila Maamiloota isaatiif kennaa jiraachuu barameera.

Waliif Hiraa Hawaasni keenya akka fayyadamu godhaa.

——-

                           Galatoomaa

              Afaan Oromo Online fi oroict.com Team

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here