Afaan Oromoo tajaajila turjumaanaa ‘Google’tti akka dabalamuuf ijoolleen Oromoo biyya keessaafi alaa waggoota ja’aa oliif ifaajjii olaanaa taasisaniiru. Hojicha biyya keessaa abbummaadhaan dursaa kan ture Ogeessa Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) Dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraa yoo ta’u, innis bu’aa ba’ii ture Gaazexaa Bariisaaf ibseera.
Afaan Oromoo tajaajilichatti akka dabalamuuf ALA bara 2016 yommuu marsaaleen hawaasaa biyya keessa babal’atu kan eegale ta’uu eeree, namoonni hubannoo ga’aa qabaniifi qorattoonni sadarkaa olaanaa jiran qorannoo taasisuufi innis yeroo yunvarsiidhaa eebbifamee ba’ee wantoota Afaan Oromoo wajjin walqabateen hedduu hojjechaa turuusaatiin gaaffiin “Afaan Oromoo akka Googilitti dabalamuuf maaliif dhiibbaa hingootan?” kan jedhu ka’uufii kaasa.
Yeroo sana yeroo namni baay’een feesbuukiitti fayyadamuu eegale ta’us dogoggoroonni qubeefi seerlugaa baay’inaan kan itti mul’atan turuu yaadatee, kanarraa ka’uun appilikeeshiinii Afaan Oromoo Baradhaa jedhu hojjetee namoota hedduu bira qaqqabsiisuu ibsa. Kanarraa ka’uunis ijoolleen kanarratti fedhii qaban Ameerikaafi Keeniyaarraa isa quunnamuu dubbata.
Utuma yaalii kanarra jiranii feesbuukiin mataasaatiin turjumaana afaanotaa eegaluu kan dubbatu Dargaggoo Abdiisaan, wayita kanas dhaabbata feesbuukiitti Afaan Oromoollee akka dabalamu iyyata galchuufi kaampaanichis isaanii mirkaneessuu hima. Hojii turjumaana kanarrattis karaa marsariitiiwwan garagaraa waamichi taasifamuun ijoolleen baay’ee akka irratti hirmaatan ta’uullee eera.
Kaka’umsa kanaatiin Afaan Oromoo googilitti akka dabalamuuf sochiin eegalamuufi isa dabalatee namni tokko Keeniyaarraa, tokkommoo Ameerikaarraa xalayaa barreessuun gara kaampaanii googilitti erguu ibsee, ta’us dhaabbatichi ulaagaa tajaajilichatti dabalamu hinguutuu jechuun iyyatasaanii jalaa haquu hima.
“Ummanni baay’ina ummata miliyoona 40 oliin Itoophiyaafi Itoophiyaan ala dubbatamu kun akkamiin qabiyyeewwan addaddaa, marsariitiiwwaniifi hojiileen afaanichaan hojjechuurratti waanti mul’atu hinjiru jechuun nu jalaa kuffisan. Kanarraa ka’uun gareen koo ‘oroict solution’ marsariitii ‘Afaan Oromoo.com’ jedhamu qopheessine.
Kunis barnoota Afaan Oromoo sagalee, qubee, jecha, hima, keeyyataafi kkf hunda of keessatti kan qabuufi Afaan Oromoo kan irratti barreessinuudha. Haaluma kanaan marsiiriitiiwwan addaddaafi dikshinarii onlaayiniirratti Afaan Oromoo hiikuu namoota gargaraatiin qophaa’e, akkasumas wikipiidiyaanillee fooyyeessine” jedha.
Kanneen hunda walitti qabnee irra deebi’uun dhaabbatichaaf iyyanni barreeffamus ammallee deebiin ulaagaa hinguunne jedhu kennamuufii kan himu ogeessichi, isa booda Oromoon intarneetii fayyadamu hundi haala duulaatiin iyyata gara Googiliitti akka galchuuf waamicha taasisuusaanii dubbata. Kanaanis yoo xiqqaate iyyatiwwan kuma 50-100 gara dhaabbatichaatti ergamuu eereera.
“Erga iyyatiwwan kunniin dhaabbatichaaf ergamanii booda dhaabbatichi walga’ii waameeti Afaan Oromoodhaan “Galatoomaa” jedhee deebii nuu kenne. Hanqinoota fooyya’uu akka qabus nutti himame. Isaa booda jechoota miliyoona tokko Afaan Oromoorraa gara Ingiliffaatti hiikame fidaa nuun jedhan. Yeroo sana Giddugala Aadaa Oromoo, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Biiroo Barnootaa Oromiyaafi namoota dhuunfaa dikshinarii qopheessan jechoota miliyoona tokko qophaa’e barbaanna jedhee gaafannaan argachuu hindandeenye. Kun utuu kanaan jiruu yeroo sana ani Itiyoo Telekoom keessa hojjechaan ture. Sababa siyaasaatiin hidhame” jedha.
Akka ibsa Dargaggoo Abdiisaatti, hojicha biyya keessaa hordofaa kan ture isa waan tureef hojicha sababa kanaan harkifate. Yeroo kanas gareen biraa lafaa ka’ee dhaabbata Googilii bira dhaqee fandii dhaabbatichi gadhiisu fudhatan. Gareen sunis biyyoota addunyaa gargaraarraa qindaa’uun jechoota miliyoona tokko sana walitti guuruu eegalan.
Innis erga hidhaadhaa ba’ee booda gara jechoota kuma 60 hiikame itti erge. Gaafa isaan jechoota gara kuma 200 walitti qabanneerra jedhan jijjiiramni Itoophiyaatti dhufnaan inni kaan biyyatti deebi’ee, inni kaan biyyuma alaatti hafee garichi adda faca’e.
Akka carraa ta’ee dhaabbata googilii wajjin karaalee addaddaa kan hojjetu ogeessi kun, ALA bara 2020 carraa ‘Google African Scholarship’ argatee baratee xumuree kan eebbifame yoo ta’u, carraa kanatti fayyadamuun dhaabbaticha pirojektiin Afaan Oromoo akka Googlitti dabalamuuf hojjetaa turan isaan jalaa qabamuu ibsinaaiin dhimmichi gadhiifamuu ibsa.
Wayita kanas akka duraa jechoota miliyoona tokko fidaa osoo hinta’iin hawaasni bakkuma jiruu jechoota akka hiikkatu kan jedhan ta’uu ibsee, innis karaa miidiyaa hawaasaatiin ummanni akka ofiin hiikkatu ummataaf waamicha taasisuu hima. Namnis fedhii olaanaa afaansaa Googlirratti arguuf fedhii qabuun hedduun irratti hirmaatanis qulqullinnisaa garuu haala barbaadameen ta’uu dhabuun pirojektichi ammas akka harkifatu taasisuu ibsa.
Yaadni, jechoonni fe’aman kan qubee sirriifi seerluga hordofan akka ta’aniif hayyoota irratti hirmaachisuun barbaachisaadha jedhu waan ka’eef piroppozaala hayyoota yunvarsiitiiwwan Oromiyaa keessa jiran hundarraa, akkaataa loqoda godinaalee hunda hirmaachiseen gaggeeffamuu qaba jedhu barreessuun dhaabbilee addaddaatiif dhiheessuufi waamichi taasifamuu dubbata. Ta’us qaamni kanaaf deebii kenneef akka hinturreefi gama mootummaanis deebiin “bajanni hinjirui obsaa” jedhu kennamuufii hima.
“Sababoonni kunneen hundi hojicha nu harkatti harkifachiisaa dhufanis ijoolleen keenya kara karaa cimanii hojjechaa waan turaniif adda hincinne. Haala kanaan dhaabbanni googilii ji’a laman dura bara kana afaanota 24 tajaajila turjumaanaasaatti akka dabalu ibsa baase. Ifaajjiiwwan kanneen hunda keessa darbuun Afaan Oromoo tajaajila turjumaanaa Googlitti dabalame” jedha.
Afaan Oromoon tajaajila kanatti dabalamuunsaa, afaanicha afaan qorannoofi qo’annoo akkasumas kan saayinsiifi teknolojii ta’a kan jedhu Dargaggoo Abdiisaan, keessumaa yeroo ammaa addunyaan tokko ta’uuf deemtutti ta’uunsaa afaanichi faayidaalee garagaraa akka argatu kan taasisu ta’uu ibsa. Fakkeenyaaf afaan bittaafi girgirtaa ta’a, afaan dhaabbilee idil addunyaa garagaraa ittiin hojjetan ta’a, namoota afaan kana dubbataniif carraawwan hojii addaddaa uuma, darbees tajaajilli walfakkaataan addunyaarra akka jiraatu taasisa jedha.
Kanneen malees gaafa afaan tokko Googilitti dabalamu aadaa, seenaa, duudhaafi eenyummaallee qabatee waan dabalamuuf faayidaansaa olaanaa ta’uu eeree, kanas addunyaatti beeksisuufi dhaloota ittaanutti dabarsuuf akka daandiitti waan tajaajiluuf carraa guddaa ta’uu dubbata.
Yunvarsiitii Finfinneetti Qoraataa Afaanii, jechoota Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) Ingiliffarraa Afaan Oromootti hiikuu ‘ICT Glossary’ kan hojjetan Obbo Abbabaa Qannoo faayidaa Afaan Oromoo tajaajila turjumaanaa Googilitti dabalamuun qabu ilaalchisuun yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, afaan tokko guddate kan jedhamu afaan hojii, saayinsiifi teknolojii ta’uusaatiin lakkaa’ama. Kanaaf Afaan Oromoo Googilitti dabalamuun sadarkaa guddina afaanichaa kan dhugoomsuudha.
Akka baay’ina dubbataa afaancihi qabuun silaa kana dura tajaajilichatti dabalamuu akka qabu kaasanii, ammas ta’u waan guddaafi nama gammachiisu ta’uu ibsu. Waan tajaajilicharratti galuu qabu wajjin walqabateemmoo hayyoonni afaaniifi ogeessonni ‘ICT’ qubeefi caasluga afaanichaa dabalatee qulqullinaan waliin hojjechuu akka qaban dhaamu.
Kubbaaniyyaan Googil guyyoota lama dura akka ibsetti, afaanota addunyaa 25 gara tajaajila turjumaanaatti kan dabale yoo ta’u, kanneen keessaa 10 afaanota Afrikaa keessatti dubbatamaniidha. Isaanis, Afaan Oromoo, Tigriffa, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepediifi Tsoongaa jedhamaniidha.
Bambaaraan, Maalii keessatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 14 kan qabu yoo tahu, Eween Gaanaa keessatti namoota miiliyoona torba tahaniin dubbatama. Afaan Oromoo Itoophiyaaafi Keeniyaa Kaabaatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 37 qaba.
Tigriffi ammoo Ertiraafi Naannoo Tigraayitti namoota miiliyoona saddeetiin dubbatama. Afaan Lingaalaa, Giddugaleessa Afrikaa- Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Angoolaafi Sudaan keessatti namoota miiliyoona 47n dubbatama, Afaan Tiwii Gaanaa keessatti namoota miiliyoona 11n dubbatama. Waliigala googil hanga ammaatti afaanota hiiku 133 kan qabu yoo ta’u, barana ammoo afaanota 24 dabalaa jiraachuu ibseera.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014
Abdiisaa baayyee tokko Galatoomi
Afaanumaanillee tahu Hojiin ati hojjatte addatti kaniin hordofuu eegale bara 2015 irraa kaaseeni….dhugaa dubbachuuf yaadaan ture hojiin kuni ni milkaa’a moo hin milkaa’u jedhee…. Galatasaati kan isiniif nuuf kanne akkasuma siin hangafee dargaggoota sifaana hirmaatan maraafi Galatoomaa gammachuun kuni isniin argame
Ulfaadhu! Ulfaadhaa!
Fagaadhee barfadhus, hojichumaran jia jedheen yaada. Afaan tokko yeroo ifaajee, Abdiisaafi tumsitoota ifaanis ta’e alkallattiitiin tumsaa turaniin sadarkaa kanaan wayita gahu faayidaan isaa waanuma salphaatti ibsamee callifamu miti. “Dhugaan Ilma Waaqaa”tiin walqabatee “Eenyummaa Ofii olkaahuudhaaf.” nifayyada. “Olkaahan malee, olka’anii hinfuudhani.” akkuma jedhanii, waan olkaa’a san adeemsaan miidhakfachuu nidandahu. Waan miidhakfatanii olkaa’an ammoo akkaatuma barbaachisuunis kaaniif qooduun fi/ykn (and/or) arjoomuun nidandahama. Kana qofaamiti. Akkaatuma tajaajilawalfakkaataa afaanota 133 fi oliif Googliiraa agamuu dandahamuun, Afaan Oromootiin hawaasni fayyadamu hunduu walqixxa fahhadamoo nitaha jechuudha. Kana jechuun, hawaasa afaanota addunyaa olkaa’amanirraa qooddachuun fi/ykn arjoomamuun nidandaham jechuudha. Carraa eenyummaa ofii beeksuduufi eenyummaa kaaniis baruutu jira jechuudha. Carraa aadaafi duudhaa ofii irraa akka kaawwan fayyadamaniifi aadaafi duudhaa kaawwanii irraas fayyadamuutu jira jechuudha. Eebba “Afaan walii baraa!.” jedhamee gana jirutu, faayidaa afaanotaa barbaanne barachuudhaan walqabatee argamutu daran mijaawaa ta’a jechuudha. Faayidichi “Eenyummaa” kan walqabate qofaa osoo hintaane, “Meeshummaa” afaaniitiinis walqabatee carraan akka addunyaatti qooddattoota afaanota toorarraa (Turjumaana Googil) hundaa fayyadamoo taasisu danuudha.
Galatoomaa,QOODDATTOOTAA.
Anis hammandandahe ufafoof (fuuladuraaf), Waaqayyo nagargaaraati, hamman beeku,Afaan Oromo akka waaltinaan tajaajilamee kaaniinis sirnaawaa ta’ee daran tajaajila isaa milkaayinaan itti fufuuf, nanhirmaadha. Horaa bulaa; Afaan Keenyaan Walii qoodnee, Afaanota biroo waliinis walii qooduun karaa Turjumaana Googil mijateera jechuudha. Kanaafimmoo, DHAABBATNI GOOGIL GALATA GUDDAA QABA!
Qabaadhu
.Beekkumsa sammuu
.Ogummaa harkaa
.Jaalala onnee
Waa sadii facaasanii hin guuran
.Yaada .Xaafii .Kijiba
Waa sadii waa sadiif jirraa hanga beekutti hin dubbadhu jedhe gamni
.Luuyni gootaaf jirraa hanga beekutti
.Goowwaan hayyuuf jirraa hanga beekutti
.Dooyni arjaaf jirraa hanga beekutti