Sirna Gadaa ittiin Bulmataa Oromooti….Abbaa Gadaatiin


Sirna Gadaa Sirna ittiin bulmataaOromooti. Gadaan jaarmayaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta’u sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha.

Gadaan sirna ittiinsiyaasni,dinagdeeniifi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaafi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru. Sadarkaa Gadaa Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama.

Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaannamni Oromoo hamma gaafa dulloomee du’utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.*.

  • Dabballooma (waggaa 0-8)*.
  • Gaammoma (waggaa 9- 16)*.
  • Dargaggooma (waggaa 17- 24)*.
  • Kuusoma (waggaa 25- 32)*.
  • Raaboma (waggaa 33 – 40)*.
  • Gadooma (waggaa 41- 48)*.
  • Yubooma (waggaa 49- 56)

 

  • Dabballee (Ganna 0-8)

Dabballeen sadarkaan daa’immaaniiti, da’imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana huluuqe, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk. Jaldeessoo, Qamalee kkf.). Warri isaanii horii aannanii kan hin qabaane yoo ta’an gosatu annan kennaf. Wa’ee safuu bu’uuraa baratu, fkn kan akka gadhee fi gaarii, firaa fi diina addaan baasuu baratu. Galgala galgala himtee (myth), tabahiibboofi seenaa akaakayuu fi abbaa bileetuu itti himama.Ittimakoo (Gaammee Didiqqaa) (Ganna 8-16)Mucaa sadarkaa Dabballeerraa rifeensi mataa haadamee, firri waamamee ayyaani guddaan godhamme, kennaan goromsa tokkoo (Gubbisa) erga godhameefii booda gara Sadarkaa Gadaa Ittimakootti (Gaammee Didiqqaa) ce’a. Kana jechaan Hammachiifamee maqaan baafama. Guyyaa hammachiisaa kanaa eegalee maqaa kanaan beekama. Ijooleen Sadarkaa Ittimakoo seenan bara afur booda gaammee haaddatanii, Roggee filatanii, jabii tiksuu, bishaan daakuu, farada gulufuu, sirba sirbuu fi geerarsa geeraruu baratu. Hidda saynii yoo xinaate amma mana kudhatokkoo beekuu qabu. Hojii tiiksaa, qonnaa fi adamoo, morkii ispoortii akkasumas warri durbaa hojjii jirbii fo’uu baratu. Wa’ee siyaasa (mirgaa fi dirqamaa, seeraa) fi hawaasummaa baratu.Ayyaana ijoolee ykn guyyaa kabaja ijoolee (ayyaana taaboree), obbolaa fi hiriyaa ofii wajjin ayyaaneffatu. Guyyaa taaboree ijooleen bixxillee nyataa, farsoo dhugaa, sirbaa gammachuudhan dabarsu. Yeroo gaammee haadattanu goromsi tokko dhuunfaatti nikeenamaaf. Karaa uumatiin waggaa 16tti ijoolen areeda fi guntuta baasu, sagaleen isaanii ni jijjiirama. Haaluma kanaan qoodni fi itti-gaafatumman isaanis ni jijjirama jechaadha.Foollee (Gaammee Guguddaa) (Ganna 16-24)Gaammee Didiqqaan Ukkee ykn Unkee jala ba’uudhan gara sadarkaa Foolleetti ce’u. Godoon Ukee ida ijaaramee booda isa keessatti haati gurbichaa waan barbaachisaa ta’an hundaa (fkn Coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffachuu, bixxillee sagal caccabsuudhan itittuu fi aannan itti dhibaasuudhaan) erga qopheessitee booda hiriyoonni isaa bakka argamanitti eebiftee sirni ayyaanaa sirbaancalqabama. Sirbuma kana keessa gurbichi godoo cabsee karaa boroo keessaan baha.Sana booda ijoolleen maaliif godoo keenyakeessa bahe jedhanii dhaanuuf itti fiigu. Innis arreedee ykn dhaadachuudhan harkaa baha, ukee cabsee bahe jedhama. Ijoollummaa keessaa bahe jechuudha. Ciisa ijoolleetii baheetu mana jala buluu eegala. Ayyaani ukee kun yeroo gannaa rawwatama. Namni ukkee bahe birraa masqalarratti Giifatoo sirbee horii fudhata. Achumaan Foollee sirbuu itti fufa.Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaane ittisuu) akkasumas barumsa waraanaa fi ispoortii kkf. baratu, biyya irra deemudhaan sirbaa, foolisaa sabaan wal baru.Yeroo buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba. Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaattii wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni buttaa jalate (seera irraa gore) foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba (fkn namichi buttaa qaluu fedhe nama seera cabsee yoo ta’e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu. Foolleen seeramalee nama hin sodaatu, waan jedhuu fedhe, saalfii tokko malee sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa(seera tolchuu irrati jabaa yoo ta’e) ykn ni abaara (seera yoo cabse). Dhiisi jedhama malee hin adabamu.Sadarkaa Gadaa Foollee keessati dargagoon siritti biyyas walis baru (hiriyumaadhan wajjin deemu). Booranatti, jalqabaaf koree hayyuu hiriyaa jedhamu namoota jaha kan of keessaa qabu ofuma isaaniitii filatu. Akkuma sadarkaa Gadaa Ittimakkootii Foolee gidduutis walmorkiin jiru kanuma qaamaa (ispoorti fi dandeetti adamoo kkf.) qofaadha. Yeroo isaanii isa irra caalaa waan wajjin dabarsaniif sirriiti wal beeku. Dur Foolleen yeroo ajjeesu hin gaafatamu, du’us gumaa seeraan hin qabujedhama.Qondaala (Kuusaa) (Ganna 24-32)Dursee galmi (masari) guddaan gosa gosatti erga ijaaramee booda hayyoota (koree) Gadaa sadarkaa kanaa hoogganuutu filatama. Alaabaa mallattoo Kuusaa (diimaa adii) kan ta’e erga dhaabatanii booda sirba Xunnee (kan umurii isaanii) fi sirba ce’umsaa Mokkee jedhamu sirbu. Abbootiin ijoolee kanaa (sadarkaa Gadaa Yuuba 3ffaa keesa kan jiranu), bakka faajjiin isaanii itti dhabatte irraa jalqabuudhan sirba Mokkeetiin haadha manaa ofii (haadha ijoolee kuusaa)faarsaa gara bosonaa deemanii damee muka mi’eessaa kan baala qabu muratanii qabatanii deebi’u. Baala mi’eesaa karraatii suuqu. Haadhotiin ammoo bishaan aannaniin makaniii gabatee guutuu dhiyyeesu. Abbootiin ijoolee bishaan aannanii kanaan rifeensa mataa ijoolee ofiilaaffisanii irraa erga haadanii booda morma irraati callee godhuuf.Kanati aansee saan eelmamtu tokko jabbii ishii waliin badhaasa kan godhameef fudhatee hiriyyoota ofii wajjin torban lamaaf bakka tokkooti ulma galu. Haadhoonni isaanii achitti Galaa aannan fiduuf. Garuu ijoolleedhaan wal hin arganu.Galaa yeroo kennanu maqaa ilma ofii otoo hin ta’in maqaa gosaa ofiitti waamuu. Torban lama booda wayyaa aadaa ufatanii Liichoo bokkuu xiqqoon itti hidhamee qabatanii galama ulmaa keessaa bahu. Horii badhaasaan fudhatan sana horii warra ofiitti dabalatu. Kana booda ulmaa bahe jedhama. Ayyaani kun boorana keessati Ayyaana Godiyyaa jedhama. Jarreen kun Foollee sirbaa horii sanbi kennuuf qalachaa nyaachaa, bineensaa fi diina adamsaa bara saddeetif wal-faana turu.Raabaa (Raabaa Doorii) (Ganna 32-40)Ce’umsi sadarkaa Gadaa Kuusaa iraa gara sadarkaa Gadaa Raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu. Hayyoonni warri sadarkaa Gadaa kuusaa keessatti filataman kan du’anii fi kan dadhaboo ta’anbakka buufatamu malee akkuma jiruti itti-fufuu. Warri sadarkaa Raabaa hoogganan kun Aduulaa Raabaa jedhamuudhan beekamu Ittigaaffatumaan isaanii ini duraa waraana hoogganuu yoo ta’u yeroo nagaa immoo aadaa, seeraa fi Seenaa adda addaa baratu. Torban tokkoofjaarsolii isaan gorsan (barsiisan) wajjin ardaa-jilaatti ulma galu. Yeroo kana nama biraa waliin dubbachuun dhoowadha. Yeroo ulmaa fixanii bahan hiriyyoon isaansii damee muka daannisaa badhaasudhaan sirbaa siimatu. Isaanis kanaaf galata galfachaa daanisa sana irra dhaabatanii waliin sirbaa sirnichi xumuurama.Sadarkaa Raabaa keessati niitii fuudhuu fi qabeenya dhuunfaa godhachuu nama irra eegama. Miseensi Aduulaa Raabaa ta’e tokkoo fuudhuu akkasumas qabeenya dhabee yoo dhabe horii shan kan kottee afuriin adeemu qabaachuu isaan irra jira. Kana guutuu baanan umrii isaa guutuu Raabaa ta’eet hafa (Gadoomuu hin danda’u jechaadha). Namni akkanaa Qoleeykn Cufattee jedhama. Cufatteen nama waan waamuu fi waan yaasu hin qabaaneedha. Cufateen hin gadoomu malee waan yakka miti (namn ofii ta’uu dadhabe biyyaafis hin ta’u jedhameetti). Sadarkan Gadaa Raabaa waggoota sadeet idda xumuurre booda Raabaa Doorii jedhama. Warra hayyuu fi Abbootii Gadaa aangoo irra jiran irraa sirriiti muuxannoo argachuu akka danda’anu walumatti waggoota 13 sadarkaa Raabaa fi Raabaa Doori keessa turu. Sana booda ni Gadoomu.Waggaa 40tti namni tokkoo waan hundaanuu ni bilchaata (muuxxannoo fi beeku


Maddi: Fuula Facebook Abdii Gadaati

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here