Ilma Hayyuu umrii daa’imummaatiin hojii gurguddaa hanga Muummee Ministeeraatti hojjateen walbaraa

Seenaa Jireenyaa Gabaabaa fi Bu'aa bayii yeroo adda addaa kan Muummee Ministeera Itoophiyaa Dr.Abiy Ahimad Alii

1
6748

Seenaa Jireenyaa Gabaabaa Muummee Ministeera Dr.Abiy Ahimad Alii
*****************************************************************

Dr.ABIYI AHIMAD ALII Eebla 15 bara 1968 A.L.I’tti Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti kan dhalatan yeroo tahuu,barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa isaanii achuma Godina Jimmaa magaalaa Aggaaroo fi Jimmaatti barataniiru.

 

Dr.Abiyi Umrii Dargagummaatiin Raayyaa Ittisa Biyyaatti yeroo makame

Bara 1984 irraa eegalee gara qabsoo DHDUOtti makamuus danda’anii jiru.Qopha’ummaa barnoota isaanii ilaalchiisee bara 2001’tti Diigrii jalqabaa isaanii “Computer Engineering
dhaan Microlink information technology college, Finfinnee irraaargatani jiru.Itti ansuunis,
Maasteersii isaanii bara 2005 gosa barnootaa Koompitaraa “Cryptology” jedhamun, Mashihe Dynamics Cipher-ED Pretoria South Africa irraa fudhataniijiru.

 

 

Dr.Abiyi Ogeessa Tekinoolojii Salamon Kaasaa Waliin

Bara 2003tti immoo gosa barnootaa“Transformational Leadership and Change
jedhamun,Greenwich University, London in collaboration with International Leadership Institute Addis Ababa,Ethiopia Irraa argatanii jiru. Itti aansuunis bara
2005’tti MBA,gosa barnootaa “Master of Business Administration” maastersii isaanii biroo Yuunivarsiitii,Ashland Lead star irraa argatani jiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti “Institute
for. peace and securitystudies” keessatti PHD (Diigrii saddaffaa) isaanii gosa barnoota “peace and security studies” jedhamuun Doktereetii isaaniifudhatanii jiru.

Muuxannoo hojii isaani ilaalchiisee:-

  • Gama Ittii gaafatamummaa dhaabaatiin hundeeffama dhaabichaa irraa eegalee dhaaba keessa kan turanii fi yemmuu hundeessitoonni dhaabiicha garee lamattii (garee bulchiinsa siyaasaa fi garee humna ittiisaatti) yeroo qoodamanittii garee raayyaa waraanaa tahuun dhaabichaa
    tajaajilaa kanturan
  • Dr.Abiy,yeroo miseensa raayyaa waraanaaturanittiis gulantaa Leetenaal Koloneelii argatanii jiru.
  • Akkasumas yeroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani (UN)’tti miseensa humna nagaa mirkanneessaa (UNAMIR), tahuun Kigali Ruwandaatti filatamanii tajaajilaa turanii jiru.
  • Bara 2002 irraa eegalee hanga ammaattii miseensa koree giddu galleessa Dh.D.U.O. tahuun tajaajilaa kan jiran Dr.AbiyiAhimad,
  • Bara 2007 irraa eegalee immoo koree hojiiraawwachiiftuu Dh.D.U.O.tahuun tajaajiluu irrattii argamu.
  • Akkasumaas bara 2005 irraa eegalee hanga ammaatti miseensa koree hojii raawwachiiftuu ADWUI (Addaa Dimookraatawaa Waraaqsa Ummatoota Itoophiyaa) tahuuntajaajiiluu irratti argamu.
  • Gama mootummaatiin sadarkaalee adda addaatti ittii gaafatamummaa garagaraatiin kan hojjatanii fi hojjachaa jiran yeroo tahuu,
  • Bara 2002 irraa eegalee ummata Godina Jimmaa Magaalaa Aggaaroo Bakka Bu’uun Miseensa manamarii bakka bu’oota ummataa tahuun filatamuun biyyaa fi ummata isaanii tajaajilaa kan turani Dr.Abiyi,Ittii gaafatamummaa mootummaa fi dhaaba isaanitiin itti keennamee ga’uumsaa fi qulqulliinaan raawwachaa yerooturan keessatti kabajaa fi jaalallii isaan hojiif qabanu,akkasumas hirmaachisumman isaan hojii keessatti
    qabanu jalleewwaan qabsoo isaanii kan ragaa bahaniif akkuma jiruuttitahee,hundaa ol hojiin idilee isaanii kan ragaa bahuufii dha.
  • Bara 2000 hanga bara 2002’tti miseensa boordii dhaabbata Raadiyoo fi televizhiinii Itoophiyaa (ERTA) tahuuniis tajaajilanii jiru.
  • Bara 2001-2002’tti miseensa boordii Koorporeshiinii Telekomnikeeshiini Itoophiyaa (ETC) tahuun hojjatanii jiru.
  • Bara 2000 -2002’tti sadarka maanajarummaatiin Ethiopia Media and Expansion (Broadcastii TV fi Raadiyoo) ,National Electronics Id System, Computer Based Data Communication System’dhaan dhaabbilee gara garaa keessaa fi Automation of Banking
    System in Ethiopia keessatti maanaajara tahuun kan tajaajilan yeroo tahu.
  • Bara 2007 irraa eegalee walittii qabaa boordii interpiraayizii daandii saffiinaa, akkasumas baruma kanattii walittii qabaa boordii waldaa hojiilee ijaarsaa, dizaayinii fi supparviizhiinii Itoophiyaa tahuun tajaajilanii jiru.
  • Bara 1999 irraa hanga 2002 tti hundeessaa fi Daayreektara INSA (Information Network Security Agency) tahuun kan tajaajilan yeroo tahuu,
  • Bara 2005 irraa eegalee immoo Dayreektara Giddugala Odeeffannoo Saayinsii fi Teeknoloojii Biyyoleessaa(National Science and Technology InformationCenter) tahuun
    tajaajilanii jiru.
  • Bara 2007’tti Ministira Ministeera Saayiinsii fi Teeknooloojii Biyyooleessaa tahuun kan hojjatan yeroo tahuu,
  • Bara 2008irraa eegalee hanga xumura bara 2009’tti Sadarkaa Ittii Aanaa Pirazidaantiitti Hoggaanaa Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa tahuun tajaajilaa kan turanii fi
  • Jalqaba Fulbaana bara 2010 irraa eegalee hanga ammaatti Sadarkaa Ittii Aanaa Pirazidaantitti hogganaa Waaj/Dh.D.U.O. giddugaleessaa tahuun tajaajiluu irratti argamu.
  • Dr.Abiy yeroo ammaa Muummee Ministeeraafi Ajajaa Waliigala Waraana Itoophiyaati.
Dr.Abiyi Muummee Misteeraa tahee muudame

Muummeen Ministeeraa Dr.Abiy bu’aa ba’ii yeroo dheeraafi jabinaafi Muraannoodhaan hojiin hojjate firee godhatee Muummee Ministeera Itoophiyaa  kan dhalootaa ilma Oromoo Oromoof qabsaayee aangoo qabate tahee muudame.

 

 

 

Dr.Abiyi Marii Raayyaa Ittisa Biyyaa wajjiin taasise

Kanatti dabalataan Dr.Abiyi yeroo sababa amantaan walittii bu’iinsa hawaasa godina Jiimmaa gidduutti uumamee ture dhaabbilee amantaa fi jaarsoolii biyyaa waliin tahuunrakkicha bu’ura irraa hiikuun hawaasni godina Jimmaa akkuma durii garaagarummaa ilaalcha amantii tokkoo malee tokkummaa fi jaalalaan waliin jiraachuu isaanii akka ittii fuufsifatan taasiisuu keessattii carraaqqii Jaallee Abiyi Ahimad taasiisaniif Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiiya badhaasa
Ambaasaadara Nageenyaa” jedhuu laateefi jira.

Dr.Abiy – Muummee Ministeera Itoophiyaa

Walumaagalattii muuxxannoo ol’aanaa beekumsa guutuun deeggarame kana qabatanii hiriira waraaqsa diinagdee Oromoof mootora tahun,dargaggoota Oromoo toora sirrii
tahe irrattii hiriirsuun mootummaa,ummataa baldhaa Oromoofi dhaaba walittii qindeessuun jaalleewwan qabsoo sirrii biroo waliin tahuun injiffannoo ol’aanaa galmeessuu irratti kan argaman qabsa’aa sirrii yeroo murteessaatti Ummanni Oromoo argate keessa isa ijoo fi ol’aanaa dha.

Dr.Abiyi Ahimad Aliif Umrii Dheeraa Hawwiineerra!

1 COMMENT

  1. Carraaqqii keetiif galata guddaa nubiraa qabda.Kitaaba “Burqaa Zimmitaa” jedhu kana osoo hanga damda’ame gara Afaan oromootti nuuf hiikamee

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here