SHEEH BAKRII SAPHALOO EENYU? UMMATA OROMOOF MAAL GUMAACHE LAATA? 
Sheeh Bakrii Saphaalloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 – 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini. Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji’amte waggaa 8 booda yoo ta’u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. 

Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi’ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ta’u, barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda’u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, haati isaa Kadijjaan Musliima ta’uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. 

Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta’u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati. Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin gara Saphaallootti debii’e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaas Afaan Oromootin walaloo barreessu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe.

Sheek Bakriin Saphaalloo gadi-lakkisee iddowwan adda addaatti barsiisaa ture. 
Kana keessaa beekkamaan sadi’i Hortuu, naannoo Dirre Dhawaa, magaalaa Dirre Dhawaa mataasaa, fi Addelle, Dirre Dhawaarraa km 25 kan fagaattu fi karaa Hararirratti kana argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masgiida isaa jedhamee beekkama. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa baayyee barreessaa ture. Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddoo Hagi Qome jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi’e. Kunis qondaaltonni mootumma Afaan Oromoon qubee kan biraan dhiisii qubee Saabatiinu akka barreeffamuuf gonkuma kan hin barbaadne waan turaniif hojiisaa icitiin hojjachuuf ta’u hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannoo Harargeetti argateyyuu, qondaaltonnii mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun “Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa” jedhan. Kanarraa ka’uun fayyadama qubee kana ukkamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii Saphaallos Dirre Dhawaatti hidhaa manaa jala akka turuu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif.

Bara 1968tti, torbanitii si’a lama ykn sadi’i Adelle akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakrii Shalda, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta’u garuu jalqabaa qubee amma dhumaatti waa’ee bitta garbumma Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga’e fi rakkina sirna Hayilasillaase jalatti uummata Oromoorra ga’aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamuu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphaallotti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture.

Bara 1978tti, erga Hayila Sillaasen aangorraa bu’ee Dargiin angoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaalloo fi haati manaan isaa Goola Diimaa (Red Terror) baqachuun gara Somaaliyaa deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin gara Moqaadishoo akka deemuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee gara Moqaadishoo deemuf eeyyama hin arganne. Haalii buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfataa ta’e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du’e. Sheek Bakrii Saphaalloon qaamaan haa boqatu malee hojiin isaa hanga baraa baratti firii busaa nu faana jiraata.


Maddi:Barreeffama seenaa hayyoota Oromorraa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here