Walaloo Duula Barreeffama Qubee Afaan Oromoo: Daraaraa Nurgiitiin


Lafeefi dhiigni Abbootaa
Aarsaa godhee erga fidee,
Baasii labsi naan jedha
Naanis garaan na didee,
.
Firrisaa dhaggeeffadhu
Dhaga’i atis Lubeekoo,
Sagaleekoo ciradhee
Yoon seenessu Qubeekoo,
.
Duratti isa dhageenye
Dhiibbaa Qubeerra ture,
Qabsaa’ee wixxifatee
Warra darbetu fure,
.
Har’ammoo barri dhufnaan
Barri bilisaan caafan,
Dhaloonni Qubee kuni
Akkamiin Quba Laafan,
.
Kan ormaayyuu in katabna
Bareechinee sararree,
Keenya isa bu’aa dhiigaa
Maaliif qoosaan dabarree,
.
Erga tokkittiin qaba
Hima dhaloota qaru,
Namni Qubee naafessu
Dhugaa dha nan mararu,
.
Qubee keenya isa baay’ee
Isa akka hoomaa raayyaa,
Qubeen okkoluusaarra
Miilli okkoluu wayya,
.
Kanaaf dhaloota Qubee
Dhaamsa tokkon dabarsa,
Yoo seeraan hin katabiin
Seenaan isin arrabsa,
.
Ani Garuu,…
.
Warra beekan deeggaree
Warra hin beekne ittimee,
Qubeekoo Qubakootiin
Nan Qubeessa ichimee!.

 


HORAA BULAA

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here