Qubeen afaan kamiituu mallattoo sagalee afaanichaati. Afaanota heddu addunyaa tana keessatti dubbataman ka itti fayyadaman qubee Laatiniiti.Qubeewwan afaan Oromootis qubeewwan afaan Laatinii irraa fudhataman. Qubeen kun akkaataa bocasaaniitiin bakka lamatti qoodaman.
QUBEE AFAAN OROMOO
QUBEE GURGUDDAA
A,B,C,CH,D,DH,E,F ,G,H,I,J,K,L,M,N,NY, O,P,PH,Q R,S, SH,T ,TS,U,V,W,X,Y,Z,ZS,
QUBEE XIXIQQAA
a,b,c,ch,d,dh, e,f,g, h,I,j,k m,n,ny, o,p, ph,q,r,s,sh,t ts,u,v, ,w,x,y,z,zs.
Qubeen afaan Oromo’oo baay’ina lakkoofsaatti 28 ti. Garuu qubeewwan sagalee afaan halagaa dabalatee 33 (soddomii-sadi). Irra caalaan qubee afaan Oromo’oo tokk’e (single). Isaanillee:
A(a),B(b),C(c),D(d),E(e),F(f),G(g),H(h),I(i),J(j)K(k),L(l),M(m),N(n),O(o),P(p), Q(q),R(r),S(s),
T(t),U(u),V(v),W(w),X(x),Y(y),Z(z),ZS(zs).
Isaan hafan qubee dachaati.
CH(ch),DH(dh),NY(ny),PH(ph),SH(sh)TS(ts),TS(ts).
Qubeen afaan Oromoo P(p), TS(ts),V(v) fi ZS(zs) sagalee afaan Oromoo keessa hin jiran. Garuu sagalee jecha afaan halagaa waamuun dirqama bakka ta’etti itti fayyadamna. Oromoon hedduun, keessattuu ka afaan biraa hin beenne yeroo baay’ee sagalee jecha afaan halagaa P(p) F(f)tti, TS(ts) X(x)tti ,V(v) B(b)tti yookiin F(f)tti, Z(z) S(s)tti akkasumas ZS(zs) SH(sh) jijjiiree waama.
Fakkeennaaf: ‘Poolisii’_ foolisii
‘Tsahaay’_ Xahaay
‘Televission’_Telefishiina’,Telebishiinii’
‘Zayiita’_ Sayiita jedha.
Kun ka ta’e ammoo sagaleewwan sun afaan keenna keessatti waan hin argamnee fi nuti ammoo afaan sagaleen sun keessa jiru waan hin beekneef waamuun nu dhiba.
***********************
Qubeen afaan Oromoo akkaataa faaydaasaaniitii bakka lamatti qoodaman.
Isaanis
1) Dubbifamaa (Worra Sagalee hin qabne),
2) Dubbachiiftuu (Worra Sagalee Qaban)
1) Dubbifamaa _(worra sagalee hin qabne): Isaan kunniin sagalee bakka bu’an malee ofii isaaniitii sagalee hin qaban. Irra caalaan qubee afaan Oromoo worra sagalee hin qabne. Akkuma maqaa isaanii irraa hubannutti qubeen kunniin ni dubbifaman malee hin dubbatan. Baay’ini isaaniillee 28.
Isaanis: B(b), C(c), CH(ch), D(d), DH(dh), F(f), G(g), H(h), J(j), K(k) L(l), M(m), N(n), NY(ny),P(p),PH(ph), Q(q), Rr, S(s), SH(sh), T(t), TS(ts) , V(v),W(w), X(x), Y(y), Z(z), ZS(zs).
Qubeewwan kunniin sagalee waan hin qabneef dubbachiiftuu irraa argatan. Faaydaa isaanii ammoo of duratti ilaalla.
2. Dubbachiiftuu_( worra sagalee qaban): Qubeen kunniin sagalee mataasaanii ka qaban yoo ta’u akkuma gubbatti jenne worra sagalee hin qabneellee sagalee kennan. Isaanilee:A(a),E(e),I(i),O(o),U(u) fa’a.
Qubee afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun akka sagaleetti yoo ilaallaman dubbachiiftuu GABAABDUU fi DHEERTUU jedhamuun bakka lamatti qoodaman.
*********************
Hojii “gaarii” hojjachaa jirtu ammallee itti fufaa!