Geerarsa Oromoo
Geerarsi dhaadannoo namoonni dhaadatan,akeeka jiruufi jireenyaaf qaban kan ittiin agarsiisan, gootummaa hojiiisaaniirratti qaban kanittiin beeksifatan, hawwii fuuladuraa kan ittiin ibsataniifi malleen ittiin cookkatanidha. Geeraraan geerarsaan eenyummaa, fedhii, hawwii, komii, gaddaafi gammachuu isaa ittiin ibsata.Haaluma kanaan geerarsi armaan gadii kun ergaafi qabiyyee garaagaraa kan of keessatti qabatudha.
Takkaa Bookkisuu laataa
Narraan fokkisuu laataa
Takkaa barooduu laataa
Narraan bareeduu laataa
Weenniin lagarra bulee
Eegeen bissii fakkaataa
Dura geeraran malee
Booddee machii fakkaataa
Takkan irra didichaa
Akka baasaa dinnichaa
Takkaan irraa wakgodhaa
Akka baasaa goommanaa
Akka goommana birraa
Akka foormataa dirraa
Abbaakoo Gashareekoo
Nageesse dabareenkoo
Dabareen tikaaloonii
Taraan dhiiraa geerarsaa
Maafan dhiisa dheekkamsaa
Maafan taraa dabarsaa
Nageesse kaadabareen
Nageenyaanan jammaree
Abbaabulee sin waamaa
Michuun maccaaf tuulamaa
Maafan waamii keedhiisaa
Adeemsa karaattillee
Kajeellii gandaattillee
Hamman kufeecabutti
Hamman du’eebadutti