DHIBEE GARAACHAA QABDU? – OBN tu Maxxanse

Dhukkubni garaachaa (peptic ulcer disease) qunca’uu garaachaa fi mar’umaan isa gara garaachaatti ol’aanuu irraa kan dhufu.

Kunis walmadaaluu dadhabuu asiidii garaachi keenya oomishuu fi wantoota uumamaan hubaatii asiidii kana irraa garaacha keenya ittisan gidduutti uumamuun kan dhufudha.

Hawaasa keessatti dhukkubni kun 1% gaha jedhama.

Haata’u malee lakkoofsi kun kan mana yaalaa deemee galmaa’ee yaala argate qofa.

Ka’umsa;

Baakteeriyaa H. paayloor

Baakteeriyaan kun garaacha keenya fi mar’umaan keenya ol’aanu miidhuudhaan kan dhukkuba kanaaf nu saaxilu yoo ta’u, biyya keenya keessatti namoonni 80% ta’an baakteeriyaa kanaan qabamoodha.

Haa ta’u malee namoonni baakteeriyaa kanaan qabaman hundi dhukkuba kana hin qabani.

Baakteeriyaa kana qoricha mana yaalaa deemnee fudhachuudhan dhabamsiisuu(eradicate) gochuun ni danda’ama.

Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman; NSAID jedhaman.

Isaan kun kanneen akka aspiriin, indoomeetaasiin, ibuproofeenii fi kkf.

Qorichootni kun yoo waa tokko nu dhukkubu dhukkubbii sana balleessudhaaf yeroo hedduu ajaja ogeessa fayyaatin ala kan ofii keenyaa fudhannu waan ta’aniif miidhaa isaanii ogeessaa fayyaa gaafachaa fi akeekkataa fayyadamuu qabna.

Keessumattuu namootni duraan dhukkuba garaachaa xiqqaa tahe qaban gara sadarkaa cimaatti waan dabarsuuf bakka isaanii ogeessa fayyaa mariisisuun qorichoota biroo fudhachuutu filatama.

Tamboo xuuxuu;

Dhukkubni garaachaa akka dafee sadarkaa badaa irra gahuu fi yaaluuf ulfaataa ta’urra geessisa.

Alkoolii dhuguu;

Alkoolii keessumattuu kan qabiyyeen alkoolii isaa olka’aa ta’e dhuguun yokaan ammoo kan qabiyyeen alkoolii isaa gadi aanaa ta’e baay’isanii dhuguun dhukkuba garaachaa yeroo gabaabaa ( acute gastritis) kan namatti fidu yoo ta’u, yeroo tokko tokko haga garaacha keenya dhiigsuutti deema.

Rakkoo hawaasummaa;

Rakkoon hawaasummaa ka’umsaa fi baballachuu rakkoo garaachaaf sababa akka ta’an kitaabonnihedduun ni eeru.

Rakkoolee hawaasaa kana keessaa muraasni;
maatii waliin waldhabuu, hojiin garmalee bay’achuu, hojii dhabuu, galii baay’ee gadi aanaa argachuu, fi kkf.

Of eeggannoo;

Alkoolii baay’isuu dhiisuu, tamboo xuuxuu dhaabuu, qorichoota ajaja malee fayyadamuu dhaabuu fi of dhiphisuu dhiisuu.

Nyaata dhukkuba kana nutti cimsan irraa fagaachuu.

Nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka. Nyaata nutti cimsu irra fagaachuu.

Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaa fi dhugaatii erga hojjetamanii turan, afaanitti hadhaa’an (farsoo ba’ee ture) namatti kaasu.

Dhukkuba kana irraa fayyuuf nyaata nu gargaaran nyaachuu.

Isaan keessa dammi isa hangafaa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha.

Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa h. paayloor jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa. Fudraa fi mudraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.

Gara mana yaalaa deemuun sadarkaa inni irra jiruu fi yoo baakteriyaan h. paayloor jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.


Gorsi; Health Digest fi Doktar Gurmeessaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here