FAA’IIDAA FAYYAA WALQUNNAMTIIN SAALAAN FIDU Haadha manaatifii Abbaa Manaa qofaaf
Ilmii namaa wantoota isaaf barbaachisu keessa inni tokko walqunnamtii saalaa dha. Walqunnamtiin saalaa ijoollee horachuun ala bu’aa hedduu qaama keenyaaf kan buusu qaba. Tuqaalee 9 kanneen qunnamtiin saalaan fidu asii gadii tarreefame faa’iidaasa isiniif ibsuu yaalla.1. Eegumssa Fayyaa Dabala (Increase Immune System)Namootni qunnamtii saalaa torbaanitti si’a lama ol raawwatan eegumsi fayyaa (Immunity) isaani cimina godhata. Innis kan ta’u danda’u, yeroon qunnamtii saalaa yeroo yeroo dhan raawwatamu seelii immunoglobulin(Ittisa Fayyaa) qaama keenya keessa lakkoofsaan baayye kan ol ka’u dha. Seeliin kun viyirasii garaagara kannen farra qaama keenya ta’an hir’isu irratti gahee gudda qaba.2. Dhukkuba Onnee Hir’isaQorannoon tokko akka ibsuttii, dhiirotnii kannen torbaanittii si’a 2 ol qunnamtii saalaa raawwatan fi kanneen hin raawwanne yoo madaalchisan. Dhibbeentaa %45 dhiirotni qunnamtii saalaa raawwatu irra baayyeesa dhukkubbii onnee irra bilisa ta’an.Kun kan ta’u danda’u immo, qunnamtiin saalaa shaakalaa ispoortii(Excersise) ta’u danda’a jedhame.3. Dhiibbaa Dhiigaa Hir’isaWalqunnamtii Saalaa sammuu keenyaf aara waan baafachiisuuf dhiibba dhiiga hir’isuu irrattii bu’a qabeessa dha. Kuniis sammuu dhiphachuu fi dhiibba dhiiga keenya hir’isa.4. Waraansa Hir’isaQunnamtiin saalaa waraansa hir’isuun beekama. Keessattu waraansa dugdaa fi miila keenya hir’isuu irratti gaa’e gudda qaba. Kuniis kan ta’u danda’u, hormooniin waraansa hir’isu(Oxytocin) qaama keenya keessa dabalee argama. Hormoniin Oksitoosin yeroo tokko tokko love hormone ykn Hormonii Jaalalaa jedhamee beekama. Hormooniin kun qaama keenya keessatti yoo baayyinaan argame, waraansa (pain) garaagara fi dhiphachuu sammuu fi wantoota adda adda irraa nu ittisa. Bowwaa mataa fi waraansa yeroo laguun dhufuu irrattiis kan hir’isuu dha.5. Hirriba FooyyessaNamootni rakkoo hirribaa qabaniif qunnamtiin saalaa faa’iida guddaa qabaaf. Qoricha hirribaa fudhachuurra qunnamtii saalaa raawwatanii rafuutu irraa filatamaa dha jedhu doktoroonni heddu.6. Sammuu Dhiphachuu (Stress) Hir’isaWarrii sababa hojiitiif ta’e sababa adda addan kan sammuunsaani dhiphinaa fi yaaddo cimaa keessa jiraniif qunnamtiin saalaa furmaata ta’uf danda’a. Akkumaa tuqaa 4ffaatti ibsameetti, yeroon qunnamtiin saalaa raawwatamu hormooniin Oksitoosin waan dabaluuf dhiphinaa sammuu keenya baayye hir’ata. Qunnamtiin Saalaa sammuu keenyaf aara galfii dha.7. Fedhii Saalaa Dabala (Increased Libido)Dhiirotni rakkoo fedhii saalaa qabaniif furmaatnisaa, yeroo yeroo dhan qunnamtii saalaa raawwachu yaalu dha. Irra deddeebi’ani yoo raawwatan fedhiiniis dabalaa dhufa. Dubartootni fedhii hin qabneefiis, yeroo yeroo dhan yoo irra deebi’anii raawwatan isaaniif fedhiinsaani ol ka’a dhufa. Kuniis kan ta’u danda’u dubartootni dhaqnisaani waan jiiduuf (bishaan ta’uf) yeroorra yeroo yoo raawwatan bishaan kuniis waan dabaluuf fedhiinis dabalee dhufa.8. To’annoo Fincaanii Fooyyessa (Dubaraaf)Maashaalee afuffaa fincaanii jalattii argamu yeroo qunnamtii saalaa raawwatan humnasaa baayye kan dabaluu dha. Maashaalee kun yoo humna godhatu dubartootni dandeettii fincaansaani to’atan fooyyaa’a dhufa.HUB: Akkaata biraa kan fincaan to’achu ofbarsiisu dandeessan yeroo fincaaniif teessan gidduutti utuun xumuriin yeroo muraasaf addan kutuu yaalu dha. Kuniis maashaalee afuffaa fincaani jalatti argamu humna ykn irree itti horata.9. Carraa Dhukkuba Goflaa Proosteti (Prostate Cancer) Hir’isaDhukkubnii Prostate cancer (Goflaa Proosteti) dhukkuba dhiirota qofa kan hubuu dha. Qorannoo tokko tokko akka ibsuutti dhiirotni waggaa 40 ol ta’an kanneen qunnamtii saalaa yeroo dheeraaf hin raawwanne kan hubuu dha. Kanneen ji’atti al 21 ol sanyii kormaa dhangalaasaniifdhukkubni kun carraa isiin qabuuf baayye xiqaata.
Maddii Odeefannoo:Mercola.com
Bayyee namattii tola