Imaanaa Jaalalaa – Asoosama Gabaabaa
Kutaa – Afur

Borumtaa isaa barfadheen dhufe. Hirriba halkan qe’ee koo lagatee bule gara barii sossobatee na fudhatee sokkerraa kanin wareeree ka’e iyya bilbilaatiini . Duquqquuma keessa ta’ee ija sukkuumachaan kaase.
“Heloo!”jette na dursitee. Siddisee dha .
“Heloon”jedhe . Uffata halkanii ofirraa darbadhee ka’een lafa ijaajje.
“Roobale nagaa dha mitii? Biiroo maaliif akka hin galle si gaafachuufin bilbile!”.

Barfachuun koo naa gale .

Maaliifuu haa bilbiltu.Arrabsoodhaan dhukkee na irraa kaasuuf otoo naa qaacilteeyyuu anaaf sagalee ishee dhaga’uun eebba kamuu naa caala . Iji koo ariitiin yoo wal gadhiisee ifa duraan hin qabne gonfatu natti dhaga’ama. Maashaan koo annisaa horatanii yoo utaaluuf qoqophaa’an natti beekama .
“Dhiifama! Dhufaan jira!”jedheen cufe. Nan utaale. Otoo namni dhaabbatee dhimma koo kana yaadaan qabu jiraatee waan muudamni ministeerummaa naa kenname malee nama sagalee intala jaalallee qabduu qofa dhaga’uun akka jabbii silga quuftee burraaqxuu lafa dhiphisuu, intala nama adda biraaf ifa taate irraa gaaddidduu ishee gaaddifachuuf dhama’u godhee na hin hubatu. Ariitiinan kofoo koo gatantaraa ofitti diree, shamizii keessa danqaree,fuula koo bishaaniin dhuubee ba’e.

Yoon waajjira ga’u yeroo hojii idileerraa sa’aa tokkoof walakkaa barfadheera. Dafqi bobaa jalaan na xuruuruu eegaleera. Siddiseen akkuma kaleessaa,akkuma tibba darbee ,akkuman guyyaan jalqaba ishee argee miidhagdeetti… Isa durii caalaayyuu!

“Eessa bulteetu?”jette asaastee kolfa ukkaamaamaa .Seeqee callisuurra kan darbe homaa afuura hin baafanne.
“Si yaadaan bule!”jedhuu?anatu of gaafate.
“Yoo arrabsitee na salphistewoo ?” ofumaafin deebise.
“Boo isallee dhiisi…salphina ati ofirratti raawwatte caalaa? Otoo jaallattuu jaalalaa kee otoo itti hin himiin afaan bantee otoo ilaaltuu cululleen “qalam!”si duraa hin goonee? Isa dhiisiitii …ammas qaawwi xiqqoon yoo jiraatte hin beekaniiti dubbii mataa itti galfata taatu dubbadhu! Jedhi kaa …jedhi malee! Dabeessa wayii!”jedhee sammuun kokkee yaadaatti na hudhe.
“S..i..yaadaan bu…le!”sagalee ulfaataa hoollannaan hogganun of keessaa darbadhe.

” Jettaam!”jettee gara hojii isheetti deebite. Isheef jechi kun qoosaa dha. Anaaf garuu ciiniinsuu dubartii lakkuu da’uuf miixattee obbaafattee irra hin xinnaatu.

Mallatteessee yoon teessuma kootti deebi’uuf jedhu. Obbo Waaqjiraan biiroo isaaniitti akka na barbaadan natti himte jennaan korojoo koo minjaala koorra kaa’ee qaxxisaa dhaqe. Yeroo hojii kabajuu baannaan adabbii isaan fudhatan hamma hojii irraa akeekkachiisa tokko malee ariisisuu akka ga’u guyyaa waliigaltee mallatteessine waan natti himamee tureef onnee naasuun tarsa’uuf jettu sossobaan ol seene.
Harka fuudheen taa’e.
“Sila si barbaadnaan hin galle naan jedhani. Maali nagumaanii?”
“Dhiifama …hirribatu na injifate!”
“Rakkoo hin qabu! Dargaggeessi hirriba hin quufu jedhani!”jedhanii takka qasa’ani. Kolfi isaanii surraa qaba.
Anis gargaareen kolfe.
“Maaliifin si barbaade seete….Hojii keetti dhugumaan booneera. Nama waadaa isaa kabaju taateetta. Kana yaadaan qabee …Gara Baalee-Roobeetti si erguufin jedha. Torban tokkoof hojjettoota keenya damee sana jiran leenjii akka kennitun barbaade!”
Dhugumaan natti hin tolle. Magaalaa ala ba’uu koo otoo hin taane dhangaa guyyuu afuurrii fi lubbuun koo sooratan honga’uu kootu yaaddoo natti uume.
“Maal yaadderee Roobale?”jedhanii hirriba yaaddoo keessaa na dammaqsani.
” Qofaa kee miti kan deemtu …Birraa fi Siddiseenis ga’ee hojii waan qabaniif si waliin imalu. “yoo jedhan gurra koo hin amanne. Waan cooma jaalalaa muranii afaan na kaa’an natti fakkaate.
“To(o)le! Natti tola!”jedheen galateeffadhee ba’e. Balbala cufee duubaan itti hirkadhee dhaabbadhe. Kolfi na cinqe. Gammachuun suuqa ture ilkaan koo kolfa jaalalaa dharra’eruun hammate. Harka koo aboottadheen “Yes!”jedhe.

Itti fufa
© Mootii A

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here