FUNUUNA ykn DHIIGUU FUNYAANII ( nasal bleeding) AKKAMIIN
DHAABUU QABNAA? YEROO BAAY’EE MALIRRAA KA’AA? – – DR GURMEESSAA
- Funyaan keenya quba gudaa fi quba elemtuu gidduutti jabeessinee qabachuudhaan gara lafee jalatti argamuutti gadi
dhiibuu.
2. Gara fuulduraatti xiqqoo gadi jechuu. Gara dudduubaatti jechuun dhiigni akka ujummoo nyaataa ykn ujummoo qilleensaa seenu
taasisa malee dhiiga dhaabuuf hin gargaaru.
3. Gadi ciisuu dhiisuu. Funyaan keenyaa waan dhiigaa jiruuf sadarkaa onnee olitti ( above heart level ) eeguu qabna. Kanaaf
gadi ciisuu dhiifnee taa’uu ykn yoo dadhabne ammo mataa keenya ol qabannee ( 30 to 40 degree above horizontal) ciisuu.
4. Bishaan baay’ee dildllaa’aa ( cabbii yoo arganne gaariidha) fuula fi funyaan keenya irratti naquu. Kunis ujummooleen dhiigaa
xixiqqoon akka kottoonfatan waan gargaaruuf.
MAALIRRAA KA’AA?
Funyaan hiddoota dhiigaa qaqalloo fi baay’ee gara alaatti dhuyaatanii jiran qaba. Kanaafa qaamota kanneen biroo irra
dhiiguuf saaxilamaadha. Yeroo baay’ee kan dhiigu sababa goggoguu keessa funyaaniiti. keessumaa waqtii bonaa yeroo
qilleensi gogaan jiru. Erga keessi funyaan keenyaa gogee booda harki keenya yoo xiqqoof itti bu’e (fakkeenyaaf yoo fuula dhiqannu),
keessaa isaa yoo tuttuqne fi kkf salphumatti dhiiga. Dhiigni sababa kanaan dhiigu salphumatti akka armaan olitti ibsametti dhaababata.
Kana irra darbee baay’ee dhiiga taanaan rakkoo biraa kan qaama keessaa ta’uu waan danda’uuf mana yaalaa deemtanii ilaalamuu
qabdu.
GALATOOMAA!
Dr Gurmeessaa