Siinqeen maali?
Dubartiin Oromoo gaafa heerumte irraa eegaltee Haadha manaafi jaarsa qabaachuu ishee argarsiisuuf haadha ishee(guddisaa)rraa kan kennamuuf ulee mukaa qaldhoo qajeeltuu kan taateedha.
Haatahuu malee Siinqeehdaan
– Akka dullatti fayyadamanii horii ittiin hin oofan, saree ittiin hin rukutan; akkasumas Siinqee Gabaa, Cidhaafi Iddoo gaddaa(Booya) qabatanii hin deeman falfalaafis dhimma itti hin bahan.
Siinqeen ulee haafakkaatuuyyu malee tajaajillisaa guutumatti isaan adda. Siinqeen faaya kabajaati, Idaayyaan(Intalli heerumte) gara ciisicha isheetiin mataa garraa kaayyatu. Siinqeen waaqa uumaa kadhachuuf araaraaf, eebbaafi kkfniif akkasumas dubartoota irra cunqursaafi dhiibbaan yeroo irra gahu ofirraa qolachuuf kan dhimma itti bahaniidha.
Dubartootni Siinqee qabatanii bahu. Fkn: Yeroo IRREECHAA dubartootni siinqee qabatanii hiriira galanii ililtaafi ateetee dhageessisaa bareedanii hiriira isaanii osoo hin balleessin walduuka deemu.
Uumaadhaaf galata yeroo galchan, Lola daangaa darbe keessa dubartootni Siinqee qabatanii ililfachaa yeroo seenan lolli yeroma sana dhaabbata. Akka aadaa Oromootti ilmi Oromoo kamuu osoo firri isaa fedhellee du’eera tahee siinqeerra tarkaanfatee hin lolu.
Waraanni Oromoo kamuu yeroo lolaaf bahu dubartoota siinqee qabatan bitaai mirgaan dhaabsisee siinqee isaanii akka olqaban goosisee jala hulluuquun dhaadannoo:
– Osoo adda hin baafatin hin darbatin
– Sobaan hin dhaadatin
– Injifannoon gali… jechuun eebbisu.
Duri waraanni Oromoo dubartoota Siinqee qabatan irraa osoo eebba hin fudhatin waraanaaf hin bahu ture, yoo deemes akka seeraqabeessatti osoo hin taane bifa seer-maleessatti ilaalama, Moo’ica argateefi kabajni argatu hin jiru, Waraanni yoo dhumes Gumaa hin qabu ykn Oromoon gumaasaa baasuuf hin bahu.
Barbaachisumman Siinqee inni biraa, Abbaa warraa isaaniitiin ykn fira abbaa warraa isaaniitiin dubartoota irra miidhaan yoo gahe dubartootni naannoo jiran siinqee qabatanii walitti bahuudhaan kabaja ishee kalchiisanii yakkisiisanii eegsisuuf.
Dubartii Siinqee qabattee deemtu tamiinuu namni arge fardasaarraa bu’ee marga laateefii(Naga gaafatee)dabarsuu malee imalashee dhoorkuu ykn gufachiisuuf hin yaalu inumaayyuu fardasaa kenneefii haala mijeessaaf malee tarii yoo yaale adabbii hanga hawaasarraa ittifamuu gahu adabama.