CIIGOO Afaan Oromoo
Ciigoon akaakuu Aoolaa keessaa isa tokko yoo ta’u, jiruuf jireenya ummataa keessatti seenaa,
aadaa, duudhaa, jaalalafi jibbaa, gaddaaf gammachuu, amantaafi shakkii, waliin jireenyaa fi waldhabiinsa, tokkummaa fi garaagarummaa, tolaa fi hammeenya, fi kkf ittiin ibsachuuf
bu’aa guddaa qaba. Kana malees, wanti dubbannu sirritti akkaisa ta’uufi fudhatama argatuuf nu tajaajila.
Ciigoon garee jechootaa, gaalee, ykn hima ta’ee dubbii dachaa ta’e kan of keessatti qabateedha.
Dubbiin dachaa kun ciigoo Afaan Oromoo keessatti
yeroo baay’ee walaloo ciigoon ittiin ibsamu keessatti bo’oo isa gara dhumaarratti argama.
Dubbiin dachaa kunis ergaa lama dabarsa.
1. Ergaa ifaa fi fuullee jiru kan SOORGOO jedhamee beekkamu.
2. Ergaa dhoksaa ykn icciitii kan of keessaa qabu, SOOKOO jedhamuun kan beekkamu.
Ergaa isa jalqabaa(soorgoo) baasuun salphaa ykn yaada walalichaa irratti kan hundaa’e yo ta’u,
inni lammaffaa(sookoon) immoo qabiyyee walalichaarratti waan bu’uura hin godhanneef irra deddeebi’anii dubbisuun ergaa dhokataa ykn icciitii isaa argachuun kan barbaachisuu dha.
Ciigoon wantoota gurguddoo sadi of keessaa qaba. Isaanis:
1. Dubbii dachaa(Sobboqoo)
2. Soorgoo
3. Sookoo dha.
Jechi dachaa ykn sobboqoon yeroo tokko tokko sooressa dubbis ni jedhamu.
innis jechi tokko ergaalee adda addaa dabarsuu waan dand’uuf.
Sookoo fi soorgoon walduraa duubaan lafee fi dhuka jedhamuunis ni beekkama.
Malootni ittiin ciigoo itti hiikan keessaa dandeettiilee adda addaa qabaachuun barbaachisaadha,
isaan keessaa dandeettii qoruu, qorachuu fi xiinxallanii ilaaluu fa’a.
Mala dubbiin dachaa(ciigoon) ittiin hiikamu.
1. dubbii dachaa ciigoo uumu jabeessuun ykn laaffisuun, dheeressuu ykn gabaabsuun hiika barbaaduu.
Fkn: a. Nutti haa tolu jennee
Harree manaa baafne.
Jecha dachaa: harree manaa baafne.
Soorgoo(lafee): Beeylada Harree jedhamu manaa ariine.
Sookoo(dhuka): Balfa/xurii qulqulleessine
Fkn b. Cirracha darbitee kan buufte karaarra
Abaaramuu keeti baatetoo namarraa.
Jecha dachaa: baateetoo namarraa.
Soorgoo: Ati qofaatti Abaaramuuf.
Sookoo: Nama gubbaa baatee ykn namarra kortee abaaramuuf.
2. Jecha dachaa ta’e lama ykn lamaa ol garagaraa walitti fiduun ciigoo uumuu
Fkn: a. Miila lama qabdaaf muka lama hin kortu
Tokkumaa filadhuu hamma garaa hirtu.
Jecha dachaa: hamma garaa hirtu.
Soorgoo:Muka tokko filadhuu kori.
Sookoo: waan tokko hojjachuuf hin mamin/shakkin.
Fkn: b. Dhageettiin badeeraa kan warra gamasii
Ani taa’een ilaalaa ati guurii buusi.
Jecha dachaa: guurii baasi
Sookoo: guurii gurra keessaa baasi.
Soorgoo: Harii baasi, Haxaa’i
Fkn: c. Harka walqabachuun hundumaafuu tolaa
Kan wal bira jiru mala waliimalaa.
Jecha dachaa: Mala walii malaa
Soorgoo: Yaada walii kennaa
Sookoo: Daba walirratti yaada.
3. Jecha dachaa ykn jecha hiika lama qabuun ciigoo uumuu.
Fkn: a. Hunda caala jettee maaliif boonta cufa
Situ hin beekne malee caalaan ammaa dhufa.
Jecha dachaa: Caalaan
Soorgoo: Kan hundarra caalu
Sookoo: Nama Caalaa jedhamu.
Fkn: b. Isheen si jaalatti Ati maaf jibbita
Inta ulfeessi yaa gurbaa ulfaataa.
Jecha dachaa: Ulfeessi.
Soorgoo: kabaji
Sookoo: Ulfa taasisi.
Fkn: c. Ani buna hin dhugu garaa kutadheera.
Buna kee lammaffaa egaa kakadheera.
Jecha dachaa: Buna kee lammaffaa
Soorgoo: Buna dhugaatii dhiiseera
Sookoo: Buna kee isa lammaffaa hin dhugu.
Fkn: d. Akkan taane ta’ee seera uumaa cabsee
Harki na hidhamnaan miilanan barreesse.
Jecha dachaa: Miilanan barreesse.
Soorgoo: Lukaan(quba miilaatiin) barreesse.
Sookoo: Dhiyeenya kanan katabe ykn barreesse.
AFAAN OROMO – Oromo Language