Afaan Oromoo Afaanota Gurguddoo Addunyaa 109 tti makamee tajaajila kennuu jalqabuuf Jechootni English Miliyoona 1 fi isaa ol Afaan Oromootti yoo hiikamaniidha. Kana milkeessuf Namni Jechaa fi Hima Afaan English gara Afaan oromootti hiikuu danda’u kamuu irratti hirmaachuu ni danda’a. kanaaf immoo dhaabbanni Google haala mijeessee jira.

Afaan Oromoo tarree Afaanota gurguddatanii hiriirsun hojii namoota muraasaa miti, ykn kan dhaabbata tokkoo miti. Dhimmichi Nama afaan kana haasayu hunda ilaallata. kanaafuu ni dandeenya yoo ta’e hiikkaa isaa irratti hirmaachuu, hin dandeenyu yoo ta’e kanneen hiikaman gulaaluu irratti hirmaachuu, kanaas hin dandeenyu yoo ta’e xiqqaatu waamicha akkanaa miidiyaalee hawaasa faayyadamnu irratti share taasisun nurra jiraata.

Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti hirmaachuuf:
Tartiibaa asii gadii hordofaa:

  1. Google Chrome seenaa
  2. Email (Gmail) keessaniin Login godhaa
  3. liinkii kana seenaa, https://translate.google.com/ liinkii kana seenuf filannoo hedduu gargaaramu dandeessu. Fkn, liinkima kana irratti cuqaasuu ykn asirraa laalun saanduqa search keessatti barreessuu.
  4. Contribute kan jedhu seenaa (suuraa asii gadii ilaalaa)

4. Setting > Languages > Gadi bu’aa Oromo filadhaa
5. itti aansun Suuraa asii gadii qalbeeffadhaa

6. Bakka xiyyi agarsiisu ilaalun gara English – Oromo tti jijjiiraa
7. Bakka halluu magarisaan haguugame yoo tuqxan kanneen namootni biroo hiikan akka gulaaltaniif isin gaafata. isin kan sirrii ta’ee LIKE kennituuf, kan sirrii hin taane DISLIKE kennituuf. yoo hin beekne SKIP tuquun gara itti aanutti dabartu.

8. Bakka halluu cuqulisaan haguugame yoo tuqxan Himoota Afaan English isiniif fidaa, gara Afaan Oromootti akka hiiktan isin ajaja. ni dandeessu yoo ta’e irratti hirmaachun gahee keessan bahattu.

Suuraan olii kuni, kan namootni hiikan yogguu gulaaltudha
Suuraan kun Himoota haaraya yogguu Afaan Oromootti hiiktu agarsiisa

Dabalata vidiyoo asii gadii ilaalun caalatti hubachuun ni danda’ama.

 
Hiikkaan Google Afaan Oromoo Faayidaa akkamii qaba? Faayidaan inni qabu hedduudha, isaan keessaa muraasa haa ilaalluu.

• Tarree Afaanota Gurguddoo Addunyaa taa’a.
• Afaan hojii Dhaabbilee Gudrguddoo Idil-Addunyaa tahuuf carraa argata.
• Biyyoota hawaasni Afaan Oromoo dubbatu jiru hundattuu salphatti ittiin-tajaajiluu fi tajaajilamuun hojiirra oola. Akkasuma carraa hojii bal’aa uumufii danda’a.
• Tajaajilootaa fi Oomishaalee Adda addaa salphatti Afaan Oromootiin akka oomishamaniifi raabsaman daandii saaqa.
• Afaan Oromoo Afaan Miidiyaaleen gurguddoon dhimma itti bahan akka tahuuf shoora olaanaa taphata.
• Odeeffannoolee/Barreeffamoota Afaanota Gurguddoo kamiinuu jiru namni barbaadu/hawaasni Afaan Oromoo dubbatu salphatti Afaan Oromootti jijjiiratee dhimma itta baha, akkasumas, barruulee/Odeeffannoolee Afaan Oromootiin bahan qaamni barbaadu kamuu yeroo/biyya barbaadetti Afaan fedheetti jijjiiratee dhimma itti-bahuuf gargaara.
• Marsaaleen hawaasaa gurguddoon yeroo ammaa Addunyaa ganda tokko gochuuf hojjachaa jiran kan akka Feesbuukii, Tiwiitaraa, Telegiraamaa, Instaagiraamaa, LinkidIin, Yuutuubii, fi kkf..niif Afaanota hojii waan tahuuf Guddina Afaanichaatiif shoora olaanaa kaawuu bira darbee Aadaa, seenaa, duudhaa fi sirna Gadaa Oromoo bal’inaan ni beeksisa.
• Afaan Oromoo hirmaannaa Qorannoo fi qo’annoo Idil-Addunyaa tahan, akkasumas Guddina Saayinsii fi Tekinoolojii isa yeroo ammaa addunyaa raasaa jiru keessatti hirmaachuuf carraa akka argatu gochuudhaan, Hawaasichi Afaanicha dubbatus Jijjiirama saffisaa Saayinsiif Tekinoolojiin Addunyaa uumaa jiru kana keessatti akka hirmaatuufi irraa fayyadamu, akkasumas akka waliin tarkaanfatu daandii kan saaquudha.
Walumatti yeroo takkaan Guddina Afaan Oromoo tarkaanfii hedduu gara fuulduratti butuu fi kkf isaan muraasadha.

Maarree Hojii seena qabeessa guddina Afaan Oromoo tarkaanfii 10 ol fuulduratti tarkaanfachiisu kana Ati maal raawwatte? Qooda maal fudhatte? Fira/Maatii/Hiriyoota kee Meeqatti himte/affeerte?
#oroict.com

36 COMMENTS

  1. This idea is brilliant ideas which best method for oromic language development
    I would like say for this brilliant ideas.

  2. afaan keenya kan guddisuu nuyi male alagaan balleessuuf yaalaa, Kanaafuu yaada baay’ee bareedaa waan ta’eef beekan Oromoon qabdu hedduu waan ta’ef irratti hirmaachuun dirqama Oromoota hundaatti hanga danda’u hundaan hirmaachuu qaban akkasumas waamicha dabraasu qaban .

  3. Oromoon misiraachoo kana dhaga’ee bakka laafaa of hin qammoodne jira jedhee hin yaadu ani karaako akka gaggabuun ta’e . Yaadaa coomaadha ga’eekoos nan ba’adha.

  4. Afaan baattuu aadaati.

    Language carries culture(material and non material).Sabni keenya akka sabaatti jiraachuuf afaan isaa dagaagee afaan hojii tahee saayinsii ammayyaan/ ‘technology’dhaan deeggaramuu qaba.

    Yeroon kana itti jalqabuu qabdan waggaa afurshan dura tahuu qaba ture.Ammas hin dabarre.Deemsa keessan saffisiisuudha.Dhugaa dubbachuuf gumaachi keessan guddaadha.Wanti nuti goonu jiraannaan walbira dhaabbanba.

  5. Afaan Oromoo afaan saba bal’aa ta’e qabu dha garuu akka saba isaa amma yaaddame hin bal’aanee kun kan ta’e dhibba siyaasaa sabichaa irraa jiruutu afaanicha irraas Jira waan ta’eef
    Kanaaf inni darbee darbee kan dhufuuf furmaanni hedduutu jira jabaadha isin cinaa jirra hojii jajjabeeffamudha

  6. Afaan ofii eenyummaa ofiiti. Eenyummaa ofii kan tikfatuufi kan kabachiifatu abbaadha. Kanaaf ilmaan oromoo afaan keessan afaan addunyaa godhuuf shoora guddaa taphata jirta galanni keessan guddaadha.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here