Jawar Mohammed kan dhalate bara 1985A.L.A Godina Arsii gara Daangaa Harargeedhaan waldaangessu magaalaa xiqqoo Dhummuugaa jedhamtutti dhalate. Naannoo Dhummuugaa kan jiraatu ummanni gara dhibbeentaa 90(90%) hordoftoota Amantii Musliimaa yommuu ta’an, dhibbeentaan 10 hafe immoo hordoftoota amantii garagaraati. Haa tahuu malee Dargaggeessi qaroon Oromoo kun Maatii amantiidhaan walmakaa(Abbaadhaan Musliimaafi haadha Kiristaana) irraa dhalate.

Haalli kun Dargaggeessi gameessi kun umrii dargaggummaasaatti muudannoo jireenya hawaasummaa adda addaa kan itti qorame akka tahe dubbata. Akkasumas, haalli sun; Jawar, Hariiroo walitti dhufeenyaafi waliin jiraanya hawaasa maatii amantiiwwan garagaraa hubaachuu keessatti carraa guddaa akka uumeef, akkasumas yeroo fudhatee yeroo adda addaatti amantii dhuunfaasaatiyyuu murteessuuf karaa qabsiisuuf akka yaadeefi kunis waliin jireenya dhuunfaasaafi hawaasummaatiif, akkasumas obsa horachuuf hangam akka isa gargaare hima.

Jawar hanga umriin isaa barnootaaf gahuufi asuma Magaalaa Dhummuugaa jiraate.

 

 

 

Umrii dargaggummaan Dhummuugaa jiraate keessatti akkuma dargaggoota kaawwanii Hangafootaafi maanguddoota waliin kan dabarsu akka taheefi sababni dargaggootni naannoo dhummuugaa Hangafootaafi Manguddoota waliin yeroo dheeraa dabarsaniif Beekumsa irraa argachuufi bilchina hangafootaa dhaaluuf akka tahe dubbata Leencichi Jawar Mohammed.

Haaluma walfakkaatuun Dargaggoon Jawaris Seenaa, Seera, Aadaafi Duudhaa, Safuufi Siyaasa Akaakayyuu(Abbaa abbaa isaa) irraa fi hangafootasaa irraa akka barate dubbata. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar akka jedhutti, Hubannoofi Muuxannoo Abbaafi Akaakoo isaa waliin madaalee, Akaakoon abbaa isaa immoo isaan kanneen caala akka dargaggoo gorsuufi gahoomsuu danda’an tilmaama isaa kaaya.

haaluma walfakkaatuun; hayyuun gameessi Jawar, akka jedhutti “Dhaaloota baroota jahaatamootafi torbaatamoota keessa turaniif DINQISIIFANNAAfi KABAJA Guddaa akka qabuufi, Ummanni sun ummata tattaafataa, ofittoo kan hin taaneefi itti gaafatamummaadhaan kan socho’an” akka ta’an akka amanu dubbata.

Yommuu Umriin isaa barnootaaf gahu, Barnoota Sad.1ffaa achuma Dhummuugatti barnoota kan eegale yoo ta’u, garuu Jawar osoo barnoota M/B sad.1ffaa hin xumurin barnoota addaan kutee akka deemu ergaan jedhu itti himame Mana barumsichaa irraa. Kun taatee osoo isaafi maatiin isaa itti hin yaadin yoo tahellee, Dargaggeessi gameessi Jawar Mohammed Carraa M/B waan hundaan M/Barumsicha duraan keessa turee caalutti akka baratu carraa saaqeef.

Kunis; Gara Magaalaa Asallaatti akka imaluufi Barnoota isaa M/B Kaatoolikitti akka eegalu taasifamuu isaati. Sana M/B kaatoolikii jedhamutti waggaa 1 erga baratee booda, waggaa itti aanu gara M/B Cilaalootti jijjiirate, hanga gara Magaalaa Adaamaatti imalutti. Imalli Dargaggeessa gameessa kanaa itti aanu Magaalaa Adaamaa ta’e. Haala Kanaan Qormaata ce’umsa biyyoolessaa magaalaa Adaamatti fudhachuudhaan xumure.






Yeroon kun yeroo Leenci umrii dargaggummaa keessa itti seenuu eegaleefi QBO(Qabsoo Bilisummaa Oromoo) keessatti qabatamaan hirmaachuu eegalee dha. Baruma Qormaata fudhatu sanaadha,

~ “Alaabaa ABO qabattee deemta”

~ “Dargaggoota jeequmsaaf kakaasaa jirta” jedhamee kan hidhaa wayyaanetti darbatamee tures.

 

 

Bara 2003, Dargaggeessi Qaroon kun, barattoota Umrii xiqqeenyaatiin Qabxii hin yaadaminiifi fakkeenyummaa olaanaa qabu fide tahe argame, kanumaanis Carraa addaa kan barnootaa Koollejii qabeenya gahaa qabu kan biyya Singapore ” United World College of South East Asia” jedhamu argate. Imalli isaa inni itti aanu gara  Singapore ta’e.

As, Koollejjii United World jedhamu kana erga seenee booda Hayyuun gameessi umrii dargaggummaatti bilchaate kun haala mijataa argate tokko tokkotti dhimma bahuu eegale. Umrii ijoollummaa oftahee seenaafi aadaa, eenyummaa isaa hangaftootasaa, keessumaayyuu akaakoosaarraa barachaa guddate sana hojitti hiikuuf tattaaffii tokko tokko eegale. Barnoota Afaan Oromoos asumatti barattoota hiriyyoota kutaasaa waliin barachuu eegale.

Jawar, turtii waggaa 2, biyya Singapore keessatti barattoota biyyoota 60 ol keessaa dhufaniifi afaanota 100 ol dubbatan waliin walitti makamee dabarse. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar, ilaalcha addaa, duudhaafi seenaa Magaalaa xiqqoo keessatti beeku sana, baldhifatee, guutumatti ilaalcha addunyaawa, Aadaafi Afaan hedduuminaan fayyadamuu hubate, muuxannoo guddaas godhee fudhatee jireenya isaa ammaa keessatti akka hedduu isa qarqaare dubbata.

Haata’uu malee Imala Hayyuu gameessa Jawar Mohammed keessatti, gufuufi rakkoon osoo hin mudatin as gahe jechuu miti. Imala isaa gufachiisuuf yaaliin M/B Sad.1ffaa barnoota irraa dhaabuun kan eegalte yommuu tahu, Hidhaafi dararaa mootummaa, Rakkoo jireenyaafi kkf hedduu keessa darbuu dubbata.

Dargaggeessi gameessi Jawar mohammed akka jedhutti, rakkooleefi gufuu yeroo adda addaatti na mudattu akka carraatti fayyadamuudhaan, Xiyyeeffannoo koo hunda, inumaayyuu daraan cimsee gama danda’uun Barnootatti kennuufi carraa argame kamuu akka nahin milindhe carraaquudha jedha. Kanumaan walqabatee, Koollejiin United World sagantaalee imala ykn daawwannaa barnoota iddoowwan seena qabeeyyii adda addaa, dhaabbilee adda addaatiin muuxannoo tola ooltummaa wal jijjiiruu fi koonfiransii dargaggoota gahoomsu qindeessuudhaan kan qopheessuu waan taheef, carraa kanaan fayyadamee carraa biyyoota addaa addaa kanneen akka Ameerikaa kaabaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa daawwachuuf carroomuu dubbata Jawar.

Muuxannoo asitti argate kanneen keessaa Hedduumina addaa addunyaan qabdu, uumama addunyaa qabdu sirritti hubachuufi kan biyya ofii keessaa bahe ‘Itiyoopiyaa’dhaan walcinaa qabee madaalchisuun rakkoo biyyasaa mudachaa jiruufi dhugaa lafa jiru walcinatti akka madaaluuf carraa naaf uume jedha.

Bara 2005 erga barnootasaa turtii waggaa lamaa magaalaa Singapore xumuree booda, Haala qabatamaa biyya keessa jiru hubachuudhaan, Jawar imala isaa itti aanu gara biyya Ameerikaa kutaa kaalifoorniyaa taasifate.




Erga Biyya Kaalifoorniyaa galees, hin teenye leencichi; Barnoota isaa Digrii-1ffaa Yuunivarsitii guddaafi beekkamaa Yuunivarsitii Istaanfoordi kan handhuura magaalittii kibba Kaalifoorniyaa-Silconn Valley, naannoo mijataa kaampaaniiwwan gurguddaan akka Googler, yahoofikkf itti argamutti eegale. Amma haalli daraan mijataa, iddoo ciisichaa(Dorm) isaa dabalatee hojiilee inni booda eegale kan akka ittifayyadama marsaalee hawasaatiif haala kan mijeesseef ture. Kunis, Hayyuu gameessa kana gara addunyaa saayinsawaatti dhiyeessuu bira darbee ogeessa gameessa marsaalee hawaasaa sirnaan fayyadamu akka tahuufi riqicha qunnamtii akka babaldhifatuuf haala mijeesseef.

Haaluma kana keessa osoo jiru Dargaggeessa gameessa kana Bara 2009 taateewwan lama walfaana mudataniin. Isaanis: 1ffaan Fuudha Haadha manaasaa heddu Jaalatu ‘Arfaasee Gammadaa’ yoo tahu, ta’iin 2ffaan immoo Barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digrii 1ffaasaa fudhate.

 

Yeroo kana Dargaggeessi lafaa dhufaan kun Hirmaanna Siyaasaa, Qeeqa dhaabolee Siyaasaa, Qeeqa Mootummaa Itoopiyaafi kanneen biroo keessatti hirmaannaa argarsiisuu jalqabee jira.

Barnoota Saayinsii Siyaasaa erga Istaanfoordirraa erga xumuree booda, Hojii Shaakalaa(Internship) argatee imalasaa gara Kutaa Magaalaa Washingiton DC godhate. Hayyuun hardha Saffisnisaa namoota heddu ajaa’isiise kun yeroo kanaa eegalee qorannoo dhuunfaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kenne, waan hedduus barreesse/hojjate hanga barnoota Digrii-2ffaasaa qo’achuuf deemutti.

Barnootasaa Digrii-2ffaa ammas Yuunivarsitii beekkamaa biraa filachuudhaan Yuunivarsitii olaanaa Kolombiyaa, kan magaalaa New Yorkitti argamutti jalqabe. Yuunivarsitichi hayyootaafi beektota qorannoo garagaraa gaggeessaniif hedduu mijataa kan taheefi Qorattoota jajjabeessuufi kunuunsuun kan beekkamuudha.

Haala kanaan Hayyuun dargaggeessi erga digrii-1ffaa isaa xumuree mumuldhachuu eegale kun deebi’ee achi buutee tahe. Xiyyeeffannoo isaa hunda gara barnootatti deebise.

Bara 2012, Qorannoofi barnootni inni Yuunivarsitii kanatti argate, hubannoofi muuxannoo Filoosoofawaafi seenessaa akka isa horachiise ibsuun, Yuunivarsitii Kolombiyaa, Graduate School gadi lakkisuuf murteesse.

Hojii Xiinxala Siyaasaafi Aktiivistummaa Hayyuu Dargaggeessaa Jawar Mohaammed Kutaa 2ffaatti ilaalla.





Maddi: Gaaffiif Deebiifi Barreeffamoota miidiyaalee fi marsaaleen hawaasaa Jawar wajjiin taasisan.

Kan Gulaale Ani Abdiisaa Bancaa Jaarraa

HORAA BULAA DEEBANAA


    

2 COMMENTS

  1. The story teaches us nothing can prevent committed person from attaining his/her objectives, especially, when one is devoted his/her knowledge, resources and time for public interest by sacrificing personal interest. Really, he is his work. May God bless him and his Nation.
    Hedduu sigalateeffanna Abdiisaa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here