Dargaggoonni hedduun, keessattuu kanneen kubbaa miilaa jaalatan Emaanuel Eebooyee ni wallaalu jedhee hin yaadu. Eebooyen dhalataa Ardii Adeikaa lammii Kotdivuwaar yommuu ta’u biyya isaa dabalatee Primiyeer Liigii Ingiliz keessatti yeroo hedduuf garee jaalatamaa ta’e Arsanaalif waggoota hedduuf taphateera. Sana boodas gara Awrooppaa imaluun garee kubbaa miilaa Turkii Gaalaataasaraaayiif taphateera. Namni kuni anbaa ijoollee lamaati. Akkuma taphattoota biroo maallaqa ol’aanaa kanneen argatan keessaa isa tokko. Jireenyi isaa jireenya qananiiti ~ Manni inni keessa jiraatufi konkolaataan inni oofu kan gatiinsaanii qaalii ta’aniifi mimmiidhagoodha.

Har’a garuu Eebooyeen qabeenya qabu hunda sana keessaa ari’amee, harka qullaatti hafee eddoo ciisichaa dhabee al tokko tokko mana hiriyaa isaa lafarra akka ciisu dubbateera. Maashina uffataan miiccatu dhabuu isaatinis uffata isaa harkaan akka miiccatu akkasumas uummataan waliin geejjiba akka fayyadamu addeesseera. Har’arratti namni kaleessa durummaa isaatiin waan fedhe godhu danda’u suni harka duwwatti hafee deeggarsa eenyuyyuu fudhachuuf qophii ta’uu isaa dubbachaa jira.

Garuu Maalif?

Dubichi akkana ~ Eebooyeen akkuma biyyoota Afrikaa hunda keessaa carraa barnootaa nama argate hin turre. Galiinsaa baay’ee ol’aanaa haa ta’u malee maallaqa isaa akkamitti akka hogganu hin beeku ture. Maallaqa isaa kan too’attuufii akka feete tan gootu haadha manaa isaa turte (faranjii). Akka inni dubbatutti yeroo heddu haati manaa isaa kuni waraqaa garagaraa irratti isa mallatteessisifti. Innis mallatteessuu malee maali jedhee wanni inni ishee gaafatu hin jiru. Inni fayyaalummaafi kubbaa dirree keessa olii gadi ari’u malee mooqqaa duubaan ‘niitiin’ isaa itti diruudhaaf qopheeffachaa jirtu wanti inni beeku hin jiru. Wanti hundi kan ifa ta’eef yeroo jidduu isaaniitti lolli uumamee qabeenya isaa guutumana guututti, manas dabalatee, akka dhuunfattu manni murtii isheedhaaf murteesseettu ture.

Ofduuba deebi’ee waan dabre yeroo dubbatu, yeroo Garee Turkii Gaalaataasarayiif taphadhu yuuroo miiliyoona saddeet argadheen ture. Kana keessaa yuuroo miiliyoona torba maatii koof ( niitifi ilmaan isaatiif) akka erge dubbata. Yeroo hedduu ilmaan koo waliinis nan haasa’an ture. Amma garuu ilmaanuma kootinuu osoon wal hin dubisin ji’ootni heddu dabraniiru jedha Eebooyen. Sababuma kanaanis ammarratti Eebooyeen namarraa adda maqee, rakkatee, al toko tokkos lubbuu ofii balleessudhaaf akka yaadu gaafif deebii gaazexaa Ingiliizii Za Mirror jedhamu waliin gaggeesseeratti himeera. Taphataan kamiyyuu isarraa akka baratuufis dhaamsa akeekkachiisaa dhaameera. Balballi isaas deeggarsaaf banaa ta’uu isaa dubbatee Arsanaal osoo isa hojii kenneefii hojjachuudhaaf akka fedhii qabu dubbateera.

Waamicha isaa kanatti aansudhaan dinqisiifattoonni isaatis eddoo jiranii #YouarenotAloneEboe jechuudhaan akka isa cinaa dhaabbatanii deeggarsa barbaachisu godhaniif dubbachaa jiru. Waan hundaafuu, hundi keenyayyuu ( akka Isaatyi qarshii Miiliyoonota hedduun lakkaawwamu qabaachuu baannus) jireenya keenya keessatti seenaa kanarraa waan guddaa tokko barachuu qabna jedheen amana. Kan isarra gaye kuni bifaafi haala garagaraatiin eenyuma keenyarrayyuu gahuu danda’a. Waan tokko osoo namatti hin dhufin dura ‘ Pro Active’ ta’anii itti qophaawuun erga rakkoon ol’aanaan uumamee booda furuudhaaf caccabuu irra faaydaansaa guddaadha. Kanaafuu eddoo jirru hundatti, jireenya keessatti ofeeggannoo haa goonun dhaamsa kooti

Kanuma
Keenyas Oluma
#HawiAnole

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here