Hiibboo

Hibboo

Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin dhiyaata.
Yeroo baay’ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan dubbatamu ykn taphatamu waan ta’eef
gamtaadhaan haala hoo’aan hordofama.Hirmaannaa cimaatu keessatti godhama.

Hibboon yeroo baay’ee bifa taphaatiin kan dhiyaatu waan ta’eef baay’ee nama bashannansiisa.
Hibboon wanta beekkamaa tokko akka icciititti hiikuun kan taphatamu.
waan ta’eef nama barsiisuu fi keessattuu sammuu ijoollee qaruudhaaf gahee guddaa qaba.

Hibboon Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti kan beekkamu ta’us naannoo
gara naannootti garaararummaan jechootaa ykn adeemsaa jiraachuu danda’a.
Hibboon seera mataa isaa qaba ykn seera ittiin taphatamu qaba.

Isaanis:

  • Qaama gaafatuu fi gaafatamu qabaachuu qaba.
    Qaamni gaafatu ‘hibbo’ jedhee yommuu gaafatu/eegalu kan gaafatamu immoo ‘hip’ ykn ‘hibib’ ykn ‘hibbakka’ jechuun jalaa qaba ykn deebisa.
  • Kunis Deebicha deebisuuf qophii ta’uu agarsiisuu dhaafi.
  •  Deebiin sirrii yoo deebi’e tahpichi itti fufa.
  • Gaafatamaan yoo deebisuu dadhabe gaafatamaan gaafataaf kennaalee kan akka lafaa, biyyaa, magaalaa fi kkf kennuufii qaba.
  • Gaafataan kennaa kennameef diduus mirga qaba, jijjiirsifachuudhaaf, kennaa erga fudhatee booda, abaaruu mirga qaba.Fkn:
    • Muka dudduufaa jala bahi, ganna dhudhuufaa bahi.
    • Kankoo madaalatti kankee qadaadatti.
    • Mana kootii jabbii mana keetii cabbii
    • Ani sin abaaruu fardi kee si jalatti haa maxaanu. fikkf jedhee abaaruu danda’a
  • Gaafatamaan immoo abaarsa jalaa itti maganfachuudhaan akka hin abaarreef kadhata, ‘Afaan kee dammaan si qabe’ jedhaan:
  • Gaafataanis abaarsa dhiisee lafa kennamteef fudhatee moggaafachuun lafa kennameef faarsuu jalqaba.

Fkn: Lafti kennameef Finfinnee yoo ta’e akkana jedha:
Finfinnee koo argadhee maalan dhaba,
Aannan qe’ee keessa na yaa’a.
Bosonni dallaa naaf ta’a
Dammi dallaa na jira,
Anoo sin arrabsuu waaqni hamaa kee haa cabsu fi kkf jechuun biyya kennameef faarsa.

  •  Tapha kana keessatti arrabni hangam baay’atuuyyuu gadoo(xiiqii) qabachuun tasuma hin jiru.

Fakkeenya hibboo armaan gadii kanneen haa ilaalluu:
Gaafataa     Gaafatamaa
Hibboo………………………………… Hibbakka(Hibib)
ni gaafata……………………………… deebisuf yaalii godha
Yoo deebise ‘beekte/ argatte’ jadhaan…(bakka waljijjiiranii gaaffi fi deebii itti fufu)
Yoo deebii argachuu baate ni yaala
Biyya naaf kenni ykn ani gubadhe
na obaasi………………………………. Yaalii godha…
miti na obaasi………………………….. hamma ta’e yaalii godhee yoo argachuu
baate dhugi jadhaan
gaafataan akkas jedhee ni arrabsa.
Tirtiruu buusi
Hibboo tiyya naa deebisi
Sonba harcaasi
Dhadhaa na obaasi
Huffee baqsaan koo calalaa
Dubbiin koo mararaa
Siitu baqsee
Naatu dhugee
Akka hoolaa joonja’ii lafti si haa martuu
Akka kal’ee qalbiin kee haa rarraatu
Akka raachaa lafti sitti haa dhiphatu
…fi kan kana fakkaatan jadheenii
deebii itti hima gaafatamaan akka inni dhiisuuf jecha
nadhiisii afaan kee dammaan siqabe jedhaan
Haala kanaan gaafataa fi gaafatamaan gaafiidhaaf bakka wal jijjiirun tapha isaanii itti fufu.
Jachooti ennaa gaafatamaan deebii sirri dhabu gaafataan jadhaman garuu oromiyaa garagaraatti garaa garummaa qabaachuu danda’a.
Kan asirratti fakkeenyaaf isinif dhihessine kanneen naannoo Oromiyaa Shawaa fi hamma tokko Wallagga keessatii jadhamanidha.
Hibboon Oromiyaa keessatti bal’inaan beekkaman keessaa hamma tokko akka kanaa gaditti
isinif dhihessineerra.

Fakkeenya hibboo ‘Siifanii fi Siingitan’ giddutti gaggeefame hordofaa.
1. Siifan: Hibboo?
2. Siingitan: Hiph ykn hibib ykn hibbakka
3. Siifan: Haati mala ilaalti ilmoon nama nyaatti, beekii naaf himi?
4. Siingitan: Qawwee fi rasaasa
5. Siifan: Uleen abbaan koo naaf mure hin dabdu hin caabu?
6. Siingitan: Maqaa.
7. Siifan: Lafee hin qabuu ijjisaa dhibba?
8. Siingitan: Biddeena
9. Siifan: Hin dhiqattu, hin dibattu ni bareeddi?
10. Siingitan: Hiddii
11. Siifan: Harkaan facaasanii ijaan haaman?
12. Siingitan: Barreeffama.
13. Siifan: Ol utalee gad cuqqaale?
14. Siingitan: Muka tumaa mooyyetti midhaan tumu.
15. Siifan: Fayyaan du’aa baata, du’aan fayyaa baata?
16. Siingitan: Farda, Kooraa fi Nama
17. Siifan: Shaniin dhahee shantamaan albaase?
18. Siingitan: Gingilchaa.
19. Siifan: Ganama argeen guyyaa dhabe?
20. Siingitan: Fixeensa.
21. Siifan: Luka afur qabaa laga hin cehu?
22. Siingitan: Siree.
23. Siifan: Godoo gaaraa balballi lafa ilaala?
24. Siingitan: Funyaan
25. Siifan: Guyyaa namaa gadi halkan namaa oli?
26. Siingitan: Handaaqqooo(lukkuu) haraaatirra galtu..

Gaafilee Hibboo kanneenii yaalaa

1. Dukkanni gumbii guute
2. Ni deema ni deema hin dhaabbatu
3. Abbaan bokkuu marmaratee rafe
4. Fannisan fannoo hin qabduu teesisan teesson hin qabdu
5. Guyyaa bakka feete ooltee galgala hanxaxiin cufatti
6. Funyaan qabdii furrii hin baafattu
7. Hojii waaqaa mukti buphaa buuse
8. Bixxilleen lamaan tabbatti hirkatte
9. Hoolaan gurraachi abbaan koo naaf qale dhiiga hin qabu
10. Ilmoon haadha keessaa baatee haadha dhiitti
11. Funyaan qabdii hin haxxifattu
12. Qamadii garaa jalaa bokkaan hin tuqu
13. 13.Bakka qottiyyoo diimaan ciise margi hin margu
14. Osoon kolfuun gubadhe
15. Loon baay’ee keessaa kormaa tokko qofa
16. Shaa jettii shanbaa jettii harkaan nan tuqin jettii
17. Ilkaan hin qabduu dheedhii nyaachuu hin dadhabdu
18. Osoo boossuu kofaltii osoo haatuu mar’atti
19. Gabaabaa qalbii dheeraa
20. Dheeraa qalbii gabaabaa
21. Mana hin qabdu nyaata hin dhabdu
22. Loon hin qabduu ni elmiti
23. Hamma majii geessi biyya waliin geessi
24. Bifaan gurraattii amalaan giiftii
25. Hin dhiqattu hin dibattu ni bareeddi
26. Ganama argee guyyaa dhabe
27. Lafarra kaattii saree fakkaatti
28. Jiraa du’aa baatu du’aa jiraa baatu
29. Yoo bahu mana ilaala yoo galu ala ilaala
30. Ani asin kaay’ee maaltu achirra sikaa’e
31. Ani silaalaa ati waaqa ilaalta
32. Arraba hin qabuu daaraafi awaara arraabdi
33. Yoo nyaatu ni fayya yoo dhugu ni du’a
34. Balbala cufattee sirbiti
35. Sangaa gurraachi bosona keessa deema
36. Baala fakkaata waaqarra kaata
37. Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu
38. Jaarsa gabaabaa bareedaa kan afaan areedaa
39. Lafee hin qabuu ija hin dhabu
40. Haati lafa dhiittii ilmoon haadha dhiitti
41. Ilmoon ni deemna ni deemna jettii haati ni teenya jettii
42. Gabaa hin dhaqxuu dhadhaa hin dhabdu
43. Ganama hiyyeessa galgala dureessa
44. Godoo gamaa balballi ishee lama
45. Ani lafan si kaa’e maaltu waaqa irra si baase
46. Asuma taa’ee walitti qabe
47. Abbaas hin fakkaatu haadhas hin fakkaatu
48. Akka ayyaana keenyaa halaala irra teenya
49. Yoo ergan ni fagaatti yoo waaman ni dhiyaatti
50. Adii dhalaa gurraacha horsiifata diimaa guddifata
51. Abbaan gabaabaan lafa jala fiiga
52. Asii fiigee gunbii diige
53. Afur taatee boolla tokkotti fincoofti
54. Abbaa garbee iyyaa darbe
55. Isuma tumuu isumaan qabuu
56. Akaayyii ishee hin nyaatanii gaaddisa ishee hin taa’ani
57. Bifaan wal fakkaatti hojiidhaan wal caalti
58. Tokko ganama jibba
59. Tokko gagala jibba
60. Tokko ganna jibba
61. Fuuldura mootii teessee fincoofti