NU XAMBEE


Kiyya jedhee Oromoon,
Gadi bahee hin daldalatu.
Lafti investment kenname,
Achi bal’ifatee hin qotatu.

Heektaara tokko irratti,
Birrii 5,000 gabbaraa.
Waggaa 10’niif kan ta’u,
Bara tokkotti dabbaraa.

Miliyoona hedduu hin qabu,
Birrii 10,000’niin mi’a bita.
Sanuu karaatti eeganii,
Qaraxaa fi Gibira irratti cita.

Nyaatee garaatti hin quufuu,
Uffatee qaamatti daara hin baanee.
Baratee hojii hin argatuu,
Hojjatee Sooressa hin taanee.

Ormi suuqii banatee
Waggaa lamatti durooma.
Kan keenna Garuu immoo,
Gaafa daldale hiyyooma.

OTV irratti bu’uura misoomaati,
Transformation dhugoomsanii.
Innis lafa irratti mitii,
Social Media irratti misoomsanii.

Magaalaa Finfinneetuu, dura malee,
Yoomiin nutti agarsiisan duuba???.
Bilillee, Viillaa fi Condominium ala,
Hunduu ciccitaadha, huuba.

Dirsaan akka samii bu’een,
Roobee irratti caamaa.
Takkaa ibsatanii hin beekan,
Ibsaan guyyuu irratti dhaamaa.

Magaalaa taatee garuu,
Daartee akka lafa dhagaa.
Isa uumaan hin uwwifne,
Qullaa qarsaa lagaa.

Bifa kanaan jiraatanii,
Oromoof hin taruu.
Nama moo bineensaa,
Eennu isaan haa baruu?.

Dikee irratti gatan,
Bakka balfaa Qoshee.
Qareeyyii meeqa irratti jigee,
Dhabne ilmaan lanjee fi looshee.

Argatee itti booyee,
Maatiin hin awwaalanne.
Dhabe jedhee itti dhiisee,
Firaaf ollaan hin geegeffanne.

Tv’n Oromiyaa haguugee jira,
Icciitii ifa silaa baasuu.
Waa’ee ergama isaa malee,
Dhimma rakkoo maqaa hin kaasuu.

Mataan isaa hin yaaduu,
Ijji dhugaa hin argu.
Seenaa hin facaafatu,
Kanaaf haqni isaa hin margu.

Diinni nyaachuuf gootota,
Eelee diimaa irratti affeelaa.
Ormi dhiiga keenna xuuxee,
Ittiin wal baase beelaa.

Waan dhageettii hin tollee,
Akkaan nama mararuu.
Sirboota amba affeeraa,
Oromiyaa tiiviin garuu.

Barri kan sirbaas mitii,
Ta’uus memory qabna.
Dhuunfaatti qaroomneerra,
Akkamitti media dhabna?.

Waan isaan nutti himan,
Nuti dura dhageennee.
Website gargaaramnaa,
Oduu internet irra geennee.

Maaf jenna yaa dhiiroo
Gabroonfataa isa bara darbee.
Kan jiru kunii kan ammaatuu,
Waa meeqaan nu xanbee???.


Kadiir Sheek Abdullaxiif

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here