Nyaata akkuma nyaanneen wantoota raawwachuu hin qabne – Gorsa Dr-Naafyaad


1, Shaayii dhuguu hin qabnu. 
Akkuma nyaata nyaanneen Shaayii yoo dhugne albuudni ayiranii jedhamu kan nyaata keessatti argamuu kan dhiiga oomishuu keessatti gahee qabuu fi pirootinoonni tokko tokko akka isaan mar’ummaan keessaa xuuxamanii dhiigatti dabalamuun qaama keenyaaf hin oolle godha.
2, Qaama keessan hin dhiqatinaa(shaworii hin galinaa) :
Nyaatin nuti nyaannu garaachaaf keessatti akka bullaahuuf mar’ummaan keessatti akka xuuxamuuf dhiiga barbaada. Nyaata akkuma nyaanneen qaama keenya yoo dhiqanne dhiigni gara miilla keenyaa fi harka keenyaati baayinaan waan deemuuf nyaatni nuti nyaannu akka seeraan hin bulloofnef hin xuuxamne godha.
3, Hirriba hin rafinaa
Akkuma nyaata nyaanneen yoo rafne inzaayimoonni nyaata bulleessan kan garaacha keessatti argaman yeroo ciisnu gara naannoo qoonqoo keenyaa dhufuun akka qoonqoon keenyaaf naannoo laphee keenyaa(singiggoo) nu gubu taasisa.
5, kuduraaf muduraa hin sooratinaa
Akkuma nyaata nyaanneen muduraawwan akka maangoo, papaya, burtukaana, muuzaa fi kkf yoo nyaannu nyaatni nuti nyaannu akka eegamutti akka hin bulloofne godha. Kanaaf nyaata dura sahaatii 1 ykn nyaata booda sahaatii 2 booda nyaachuun filatamaadha.
6, Deemsa deemuu dhiisuu
7,Tamboo aarsuu dhiisuu
Qorannoon akka mirkaneessutti akkuma nyaata soorataniin tamboo aarsuun sadarkaa carraa kaansariin qabamuu nii dabala. Nyaata booda qofa osoo hin taane guutummaatti tamboo xuuxuu dhiisuun filatamaadha.
”’ dabalataan yeroo nyaata nyaannu
-seeraan teenyee nyaachuu qabna.
-suuta jennee nyaachuu qabna
-humnaan ala nyaachuu dhiisuu
-nyaata booda daqiiqaa 30f boqochuu qabna
******* fayyaa hin dhabinaa********
Like fi share gochuu hin dagatinaa.. 



”””””” Dr Naafiyaad”””’

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here