‘Google niyyuu kan isin jaallatu yoo namni hojii keessan jaallate qofa’. – Dubbisaa Barreessitoota keenyaan gahaa.

Yeroo ammaa barreessitoota Toorarraa(Bloggers), hedduun keenya Feesbuukii qofa haa fayyadamnuuyyu malee Bareessitoota heddu horachaa jirra. Kun Addunyaa gara biraatiin walbira qabamee yoo ilaalamu tasuma kan walhin madaalle ta’uuyyuu, Ikonoomii biyya keennaa irratti hundaayuun jalqabbiin kuniyyuu gaarii akka tahetti tilmaamuun gaariidha.

Haata’uutii jalqabbii kanaanuu ulaagaaleen akka Idil-Addunyaatti hojiirra jiran hoo biyya keenya keessatti maalfakkaata, namoota dhuunfaan toorarratti barreessan dhiisaa dhaabbileen Gurguddaan baajata ofdanda’een, hojjataa dhimma kanaaf ramadee hojjachaa jiruuyyuu ulaagaalee Idil-Addunyaa kana hundas tahuu baatu kanneen hojiirra oolchan jiraa yoo jenne, Deebiin ifa. Innis Hangi muraasni sanuu ulaagaa hunda eeggataa osoo hin taane Dhaabbileen heddu hanga Faayidaa Marsariitiilee(Website/Blog) hanga hin hubatin irra kan jiraniidha.

Kun ammoo Biyya keenya imala amma jalqabdeef miidhaa guddaa fi dhiibbaa duubatti harkisu keessaa isa tokko jedheen amana.
Yaadattuu: gaafa Dr.Abiyi-Ministeerota walitti qabee kana booda hojii keessan Marsariitiidhaan gadi lakkiftanii ummatni waan isin hojjattan gamaggama yeroo jedhu dhaabbileen Mootummaa sanuu sadarkaa Ministeeratti hangam akka rifatan?

Walumaagalatti Qabiyyee Ulaagaa guutuu dhoobuun bu’aa heddu qabaata: Isaan keessaa:
– Hordoftootni keenya jaalalaafi gammachuun erga dubbisanii, maxxansa keessan itti aanus abdiin eeggatu.
-Galii argamsiisuu danda’a. Kunimmoo tooftaalee hedduun, Dhaabbilee ogeessa ogummaa qabu barbaadan irraa ykn Toorarraa(Google) irraa. ‘Yoo hordoftootbi keessan isin hin jaalanne Google illee isin hin jaalatu kan jedhamuufs kanumaaf.
– Qulqullina hojii keessanii olkaasa, dhaabbileefis tahee dhuunfaaf Maqaa(Brand) fi ilaalcha gaarii hawaasa keessatti babaldhisa.
-Dubbistoota hedduu akka uumaman carraa bana. waan gaarii nama heddutu dubbisuu fedha waan taheef.
– Ergaa ykn dhaamsa ykn yaada hin badne ykn yeroo dheeraaf turu akkasumas salphatti barbaadamee argatamu olkaayuuf carraa uuma.
-Ergaa ykn dhaamsa, ykn yaada gareefis tahee miidiyaaf akkasumas qorattootaaf wabii tahu hedduumessuuf. Fkn: Ibsa babaldhaa hedduu namootni akka Jawar Mohammed Yaya Beshir, Birhanu M Lenjiso, Girma Gutema, Birhanemeskel Abebe Segni,fikanneen biroo barreessa turan eessa barbaadnee arganna amma?
fi kkf hedduudha.

Kanas tahee san, Amma furmaanni jiru Hojii Ogummaan deeggarame biyya keessa diriirsuuf deeggarsa Ogumma kennuuf kunoo qophii xumurreerra, Boru Waajjira qabnu guddaa tokko OBN takka jennee hojii eegalla. Dhaabbileen Leenjiifi gahumsa ogummaa kanaa sadarkaa Idil-Addunyaatti Hojjataas tahee dhuunfaa cimsuu barbaaddan Haloo nuun jedhaa.

Waan hanqisa ykn dogoggore na sirreessaa

Obboleessa keessan Abdisa Bencha Jara

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here