Jechoota Gootota Hayyoota Oromoo


  1. “Gabrummaa hiddaan buqqifnaa dadhanu ilmaan itti guddifna.”J/Waaqoo Guutuu
  2. “Nuti Oromodha, kan lolluufis Ummataafi biyya Oromiyaatifi males, is in jalatti gabroomnee biyya isiniif kennuuf miti” Mayraa(Muhammad Zaakir)
    3.”Dhiigni kiyya mirga ummata Oromootiif Kan dhangala’u waan ta’eef, dhhiiga gatii malee jigee miti.”Maammoo Muzammir.
    4.”Nama diina jala deemu irra loon afaan hin beekne, diimaa akka farda kiyyaa wayya” Abdaa Huseen sheekuu
    5.”Wanti ummata keenyaaf nuti hojjanne akka bofa walakkaan qaama isaa garaa namaa lixee, yoo harkisan ni cita, yoo gadi dhiisan ni lixa, lixullee summii harcaasuu hin oolu” Haylamaariyam Gammadaa.
  3. “Jeedala ta’ee waggaa(100) jiraachuu mannaa Leenca ta’ee Aadee(Baroodee) guyyaa tokko jiraadhee du’uu naaf wayya” J/Huseen Bunee Daraaraa.
    7″ Meeshaan waraanaa keessan Kutannoo Onnee tiyyaa hin caalu” J/Waaqoo Guutuu.
    8.”Hadaamii Qottoo osoo hin taane damee isheettu jiksa; Nutillee diinota Kenya barbadeessuuf of duratti tarkaanfachuu males of duubatti deebi’uu hin qabnu”B/J/Taaddasaa Birruu”
    9.”Humni guddaan diina ittiin ofirraa qolannu Qawwee osoo hin taane tokkummaadha.” KO.H/Aadam Jiloo
    10.”Akkanumaan dhamaatu malee Ana rasaasni keessan nan ajjeesu” Agarii Tulluu
    11.”Tan afaanii nu baate garaatti deeffanne” jedhe H/Aadam saaddoo waraqaa iccitii siyaasa Oromoo qabdu liqimsee.
    12 ” Gabrummaa irra duuti bilisummaadha” Elemoo Qilxuu.
    13.Finfinneen Handhuura Oromiyaati, Addis ababaan Godaannis gabrummaati” Jaafar Alii
  4. “Fakkaatanii buluu mannaa fagaatanii buluu wayya” SheekBakrii Saaphalloo.
    15 “Lubbuutu bad a males maqaafi seenaan hin badu” J/Taaddasaa Birruu.
  5. A.”Bilisa ta’ee dhaladhe, bilisa ta’ee jiraachuu dadhabus bilisummaa kiyyaaf qabsaawuu irraa humni tokkos man dhoowwu”
    B. “Lubbuu ilma namaa ajjeesuufi qabeenyas saamuun ni danda’ama, garuu kaayyoo, beekumsaafi sammuu namaa ajjeesuufi hatuunis hin danda’amu”
    C “Namni yoo waa fudhate gammada, ani garuu yoo waa kenne gammada”
    Gooticha ABBAA Qabeenya Oromoo Dinquu Dayyaas.
  6. “Beekaa irra kunne malee, seenaan hiyyeessan qabu”Artist Dr.kab/Alii Birraa.

 



Maddi: Kitaaba Qabsoo Ummata Oromoo Fincila Baalee
Amaan Nashaa Huseeniin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here