Barnoota Sirna Gadaatiin sagantaalee barnoota digrii 2ffaa fi 3ffaa Yuunvarsiitin Haramaayaatti Eegalamuuf


Yuunvarsiitin Haramaayaa Inistiityuutii Qorannoo fi Qo’annoo Sirna Gadaa hundeessuf hojjechaa jira.

Yuunvarsiitichi prooppoozaala hundeeffama Giddu Gala Qorannoo fi Qo’annoo kanaa marsaa jalqabaatin hayyuuledhaaf dhiyeessee irratti mariisiseera.

Diiniin faakaaltii saayinsii hawaasummaa fi namoomaa yuunvarsiitichaa Dooktar Adnaw Taaddasaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti giddu galichi bara 2010tti Yuunvarsiitii Haramaayaatti hundeeffama.

Seenaan qabsoo Oromoo, ka’umsaa fi laafinsi sirna Gadaa, waraana mootota Ityoophiyaa durii fi Oromoo gidduutti Oromiyaa bahaatti taasifamaa ture, falaasama Oromoo, lakkaawwii guyyaa ummata Oromoo ykn dhahaa fi kkf ammoo dhimmoota giddu galichi irratti xiyyeeffachuun qorannoo adeemsisudha jedhameera.

Giddu galichi saayinsii bulchiinsa sirna Gadaa, sirna diinagdee, mirga namoomaa, saayinsii waraanaa, caasaa aangoo Gadaa, kunuunsa qabeenyummaa fi naannoo, mirga dubartootaa hawaasichi qabu caalmaatti qo’atamanii hawaasa addunyaaf itti dhiyaatanidhas jedhameera.

Giddu galichi ummata qabsoo bal’aa qabu Arfan Qalloo fi Ituu gidduutti hundaa’uun isaa hayyuulee sirna Gadaa fi seenaa Oromoo qorachuu barbaadaniif carraa guddaa uuma kan jedhan hirmaattonni marichaa, walitti hidhamiinsa ummata Oromoo fi Afrikaanotaas cimsa jedhan.

Barnoota sirna Gadaadhan sagantaalee barnoota digrii 2ffaa fi 3ffaa egaluudhaf kan karoorfate yuunvarsiitichi jalqaba garuu hundeeffama inistiityuutii kanaa bara 2010tti dhugoomsuuf hojjataa jira.

Hayluu Abarraatu gabaase.


Maddi FBC Sagantaa Afaan Oromooti

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here