Waa’ee Oromoota Goojjam kana beektuu laataa?
Yeroo ammaa Lafti Goojjaam jedhamee waamamu dur durii irra jireessaan Oromootatu irra qubatee jira. Yeroo booda garuu, dhiibbaa mootota adda addaatiin saboonni adda addaa gara kana dhufanii akka qabatan godhameera.
Oromoonni Goojjaam keessa
jiraataa turan Oromoota Maccaafi
Tuulamaati. Kibbaafi Lixa
Goojjaamii kaasee hanga Haroo
Xaanaa ga’utti Oromoon Maccaa
kan qubate yoo ta’u (naannoo
Agawu irraa kan hafe ) gara
Bahaatti immoo irra jireessaan
Oromoo Tuulamaatu irra
jiraata.
—
Goojjaam gara Kibbaa hanga
Haroo Xaanaa ga’utti kan qubatan
gosa Oromoo Jaawwii yoo ta’an
isaanis Jahan Jaawwii
jedhamu.
Jahan Jaawwii kunneen hanga Suudaaniifi Goonder keessa hanga lafa Farxaa Danbiyaafi Fogaraa jedhamutti qubatanii jiru.Gara Kibba Bahaan immoo biyya Daamoot jedhamee beekamu keessa hanga Lumaamee, Dambalaa, Jijigaafi darbees hanga Maccaa ykn lafa Haroo Xaanaa ga’utti qubatanii jiraatu.
Oromoon gosa Tuulamaa immoo
Goojjaam gara Bahaa Diimaa,
Bichanaafi Mooxaa keessa hanga
Gondor Walaqaafi Warrootaa
ga’utti Oromoota Maccaa waliin
walcina akka qubatan himama.
Kanaas Afoolli maanguddootaafi
maqaaleen lafaafi gosoota
naannoo san qubatanii ni
ibsa.
—
Kanaaf Goondor keessatti
maanguddoonni yoo mammaakan “Kan
Oromoorraa hindhalanne Tumtuu
qofa” jedhu. Aadaa Oromoo
keessatti naannoo wan Seera
Gadaatiin buluu dhiisanii seera
cabsan (morman) gosa tumtuu waan
jedhamaniif akka Oromoodhaan
walhinfuuneefi addaan fagaatan
taasifama.
Oromoonni Goojjaam keessa jiraatan Kun kophaatti ofgurmeessuun garee Afreefi Sadachaan naannoo yeroo ammaa jiraatan: Buree, Wambaaraa, Yilmaafi Dheensaa(Kuttaayee Liban) Daamoot keessatti hammeenya mootummaa Goonderiin isaan irratti godhamaa ture rukutaa turan.
Dhawaata dhawaataan garuu
firoomuufi soddoomuu mootummaa
Goonderiin walqabatee Aadaa
Oromoo kanta’e Sirna Gadaa
dhiisuun akkuma Oromoota
Daamootaa isaanis mootummaa ofii
ijaaruu qaban. Mootonni Goojjaam
keessatti beekamaa dhufanis
Oromootumma naannoo san
qubataniidha.
—
Qaccee Mootota Goojjaam
Mootii Bakaafaa
Walatta Israa’eel
Oromoo Daamootaa
Gammachuu/Abiddoo
Abeebee
Yosoodeeq
———————-+—————-Walatta
Israa’eel
Raas Hayiluu 1ffaa
Goshuu
Raas Tasammaa
Raas Aadaal (Nugus Takla
Haymaanot )
Raas Hayiluu 2ffaa
—
Qaccee mootota Goojjaam kana
yoo’ilaalle dhalootaan mootota
Goondariin walitti haamakaman
malee humana oromootaan Mootota
Goondar ta’uun akka sochoo’aa
turan seenaa iraa kan
huubatamuudha.
Mootii beekamaan Bakaafaanis Goojjam Diimaa iddoo Yibabaa jedhamutti akka dhalateefi bakka haadha isaa Oromoo Tuulamaa akka ture seenaan ni addeessa. Intalli Mootii Bakaafaa Walatta Israa’eel kan jedhamtu, Yoosoodeeqitti heerumuun Raashayiluu 1ffaa deesse. Intalli Raas Hayiluu 1ffaa Dinqnesh kan jedhamtu Zawudeetti heerumtee Goshuu deesse.
Goshuun immoo Raas Tasammaa godhate. Raas tasammaan immoo Raas Adaal(Nugus Takla Haymaanot) godhate. Raasa Adal irraa kandhalate mootiin Goojjaam kan dhumaa mootiin Goojjam kan dhumaa Raas Hayiluu 2ffaa kan jedhamuudha. Kunis Mootonni Goojjaamifi Goondor dhaloonni isaanii ammam Oromoodhaan akka walitti makame agarsiisa.
Alaqaa Atsemeen seenaa Oromoo
akka hintaaneen barreessanis
Oromoota Goojjaamiin ilaalchisee
yoo’ibsu “Mootonniifi
Masaafintoonni Goojjaam Oromoota
Amuruuti” jedhee barreessee
ture. Kanarraa ka’uun
Goojjaamonni harra nuti
Oromoodha jechuu yoobaatanillee
biyyiifi lafti Oromoo amma illee
moggaasa Oromootiin kan
waamamaniidha.
—
Barreessaan Bahiruu Taafilaa
jedhamu gara biraatiin Abbaa
biyyaa Goojjam kan ture
Yoosoodeeq intala Mootii Goondor
waanfuudhaniif Oromoonni Gojjam
gartokkoon akka mootummaa
Gondoritti makaman ibseera.
Gojjam gara Bahaa hanga Jaarraa
19ffaatti duraan “Mangista
Samaayaat” jedhamee waamamuun
beekama.
Jaarraa 17ffaa iraa kaasee naannoo kana kan bulchaa kanturan Oromoota akka turan seenaan dubbata.
Barreessaan Jams Bruce jedhamu
akka ibsetti “yeroon ani Gondor
ture namni beekamaan Daamoot
Dajjazmaach Warenyaafi ilma
isaanii Faasil kan jedhamuudha”
jechuun jabeessee
barreesse.
—
Dabalataanis Jams Bruce akka
gabaasetti “Faasil Sanyii isaa
gaafadhee akka naafhimetti
abbaan isaanii akka Oromoo
Maccaa ta’aniidha” jechuun ifa
godha. Malkaa Abbayyaa cee’uun
firoota isaanii Gindabarat
keessa jiraataniin akka walitti
dhufaniifi isaaniinis akka
walbaran barreessaan kun ifa
godhaniiru.
Walitti dhufeenyi Goojjamootaafi Oromoota Gindabarat, akkasumas mootota Goondor waliin ture kun yeroo rakkoon Goojjamitti cime Oromoonni firoottan isaanii Gindabaratiifi Horroo keessa jiranitti akka baqataaniif carraa gaarii uumee akka ture ni himama.
Kunis Oromoota malkaa Abbayyaa
gara gadii turaniifi Oromoota
Goojjaam keessa jiraatan
gidduutti bara dheeraaf hariiroo
gaarii akka uume huubachuun ni
danda’ama. Keessattu Oromoota
Horroo Guduruu waliin irra
caalaa akka maatiitti waliif
tumsaa akka turan ni
himama.
—
Walumaa galatti Oromoon
Booranaa gara kaabaa kun sirna
bulchiinsa sanyiin dhaalamu,
Islaamummaafi Oromummaan
hundeessuun maqaa Muhammadoochii
jedhamuun hanga bara 1916tti
turaniiru.
Mootummaan warra Heebanoo Oromoo Walloo qindeessuun weerara warra Goondarootaa qixaan ofirraa dhorkaa turaniiru. Warra yejjuufis deeggarsa guddaa kennaa turaniiru. Garuu akka warra Yejjuu Habashoota aangoorraa ari’anii sirna bulchiinsa ofii jabeessuu irratti hagas cimoo miti. Irra Caalaa mootummaa giddugaleessa qabatanii Itiyoophiyaa bulchiinsa Oromoo gochuuf qabsoo qixxifachiisa kan godhan Yejjoota.
Yejjoonni Sirna bulchiinsa Kiristaanummaan ofgurmeessanii Sanyii bulchinsa Warra Seeh Yookaan Warra Sheek sochoo’aa turan.
Biiroo Aadaafi Turizimii
Oromiyaa
Muddee 10/2010
Finfinnee
Barreessaa Marsariitii Afaan Oromo Online
