Ucuba ykn Quufa Mormaa: Dr Gurmeessaa
Quufni mormaa kan uumamu gaafa xannachi taayirooyidii
morma keenya fuulduratti argamu dhiita’udha.
1. Hir’ina elementii ayodinii
2. Nyaata ucuba mormaa fidan (goiterogens) baay’isuu
keessumaa raafuu fi ocholoonii baay’inaan nyaachuu.
3. Ulfaa’uu
4. Kukulfanna (inflammation) xannacha taayirooyidii
5. Dhukkuboota akka hashimootoo fi giraaves jedhamaanii
fi kkf dha.
Quufa mormaa haga ta’e ofirraa ittisuuf yoo xiqqaate
kanneen armaan gadii lamaan gochuu dandeenya.
- Nyaata akka raafuu fi ocholoonii yeroo dheeraaf
walitti fufanii nyaachuu dhiisuu
- Ashaboo iodine of keessaa qabu bitannee nyaatatti
daballee nyaachuu. Keessumaa naannoo dhukkubni kun itti
baay’atutti hir’ina iodine waan jiruuf akkas gochuu
qabna.
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa