Afaan Oromoo erga ifatti afaan
hojiifi barnootaa ta’ee tajaajiluu
eegalee waggoonni lakkaa’amaniiru.
Barumsi afaanichaa ammaan tana
caasaalee barnootaa sadarkaa
gadiirraa eegalee hanga dhaabbilee
barnoota olaanaatti kennamaa jira.
Waajjiraalee mootummaa keessumaa
Oromiyaatti afaan hojii ta’ee
tajaajilaa jira.
Kana malees ammaan tana
miidiyaaleen adda addaa
afaanichatti bal’inaan fayyadamaa
jiru.
Fayyadamuun akkuma jirutti ta’ee,
garuu haalli qubeessa afaanichaafi
ittifayyadama jechootaa keessumaa
jechoota hirkatoo (maxxantootaa)
dhimma xiyyeeffannaa olaanaa
barbaaduudha.
Guddina afaanichaa si’eessuufi
bu’uurasaas jabeessuuf haala
ittifayyadama jechoota hirkatoo
buburraa’ee mul’ataa jiru kana
gara tokkotti luuccessaa, darbees
walitti fidaa deemuun daran
murteessaadha.
Xiyyeeffannaan barreeffama kanaas
ittifayyadama jechoota hirkatoo,
ergifannaafi sadarkeessituurratti.
Jecha jechuun, tuuta sagaleewwan
(qubeelee) kanneen hiika kennuuf
walta’aniifi oggaa barreeffamanis
kan walitti maxxanfamanii
katabaman jechuudha. Fakkeenyaaf:
siree, huccuu, ilillii, tolche,
qorsa, matajaboo, Asgorii,
Olaanaa, addadda, waldaafi kkf.
Jechi mataasaa danda’eetu qofaatti
barreeffama. Jechaafi jecha gidduu
bakki duwwaan (tilmaamaan)
jiraachuu qaba. Fakkeenyaaf: mana
guddaa dulloomaa.
Jechoonni hirkatoofi of danda’oo
jedhamanii bakka lamatti qoodamu.
Jechoonni of danda’oon qabiyyeefi
tajaajilaan addaan bahu.
Jechi fufamtoota duraafi booda
ofitti fufata (maxxanfata).
Fakkeenyaaf: osoo isa duraa
hinxumurin kan biraatti cehuun
sitti haahafu. Dhirsaafi niitiin
ijaafi adaamii walitti
ta’uunsaanii namaaf hingalu.
Jechoota hirkatoo jechuun birkii
afaanii isa xiqqaa ta’ee yoo
jechatti hirkate, kanneen hiika
guutuu kennuu danda’an jechuudha.
Yookaan kitaabonni tokko
tokko,‘Some words are unable to
stand alone as independent forms
for phonological preseasons. Such
elements, called clitics are short
unstressed forms that are
pronounced together with another
element as if the two were a
single unit’ jechuun ibsu.
• Jechoonni hirkatoon akka
jechoota biroo yeroo mara of
danda’oo miti.
• Unkaaleen akka jechaa of
hindandeenye kanneen of danda’oo
ta’an jiru.
• Unkaaleen akka dhamjecha hortee
ykn uumamtee jecha horsiisuuf ykn
jecha haaraa uumuuf kan tajaajilan
mti.
• Jechoota hirkatoo jedhaman
keessaa kanneen of danda’an
nijiru.
• Dhamjechoonni uumamtee garuu of
hindanda’an.
• Jechoon hirkatoon otoo hundee
hinfilatiin idduma hundatti
hirkatu.
Afaan Oromoo keessatti kanneen
jechoota hirkatoo
jedhaman al, -ti,-f, -if, -dha,
-illee, immoo, irra, itti, ni, hin
fa’i.
Akaakuuwwan hirkattoota Afaan
Oromoo lama. Isaanis, hirkattoota
duraa ykn duree (‘top or
proclitic’)fi boodaa ykn duubee
(‘enclitic’) jedhamu.
Hirkatoo dureen hundeerraa gara
mirgaatti argamu. Fakkeenyaaf:-
nijiru, hindhufne. Bakki itti
argama duubee ammoo hundeerraa
gara bitaatti. Fakkeenyaaf:
Oromoodha, kan Oromooti.
Afaan Oromoo keessatti kanneen
yeroo mara hundeerratti hirkatan
-dha, -ti, -fi, -f yoo ta’an,
irra, isa/ishee, jirafaan ammoo
yeroo tokko tokko hirkatu.
Jechoonni hirkatoon haala idileefi
al idileetiin fufamanis ni jiru.
Fakkeenyaaf: inni mana (alidilee).
Inni mana jira (idilee).
Jechoonni hirkatoon gareedhaan
oggaa ilaalamanis ‘ti’fi ‘dha’
gochima gargaartuudha. Isa/ishee,
isaan bamaqoota. -‘fi’n
qabsiistuudha. Durduubeewwanimmoo
-tti, -irra, -n fa’i.
Walumaagalatti, hirkattoota duraa
jecha ittihirkatan waliin
ilaaluuf:-
haa- haata’ukaa, haahafu, haatolu,
haadeemnu.
hin- hindabu, hincabu, hinsarmu.
Irra-irrajireessa, irradeebii,
irraajala, irraamaqe, irraagate.
itti- ittafaa, ittaanaa,
ittidhiisi! ittita’e, ittijira,
ittimale, ittitaphate,
nan (nin)- nanbeeka (ninbeeka),
nanfedha (ninfedha.
ni- nibeekna, nimoona, nita’a,
nifedha, nibarbaada, nijira.
waa-waamara beekuun hindanda’mu.
Waamalee manni hinaaru.
•
Hirkattoota duraa
keessaa: haa-, hin-, itti-…
qofaasaaniitti sagalee ta’uun
isaanii hubatamee jechatti
fufamanii yoo barreeffaman hiika
guutuu kennuu danda’u. Haalliifi
amalli isaanii qoratamee akkaataan
amma ittibarreeffamaa jiran
furmaata argachuu mala.
Keessumaa ‘hin’fi ‘haa’n akka
jechaatti qofaatti of danda’ee
akka barreeffamu Koreen Waaltina
Afaan Oromoo altokko ibsaa
tureera.
Hirkattoonni kunniin jechoota
mataa isaaniitiin hiika qabaachuu
baatanis jechoota biroo wajjin
dhaabbatanii hiika jechootaa
irratti dhiibbaa qabu. Jechi tokko
hennaa barreeffamu argaaf kan
hintolle ta’ee yeroo dubbifamu
sochiin ijaa keessumaa kan
ijoollee ilaalcha keessa galuu
qaba.
Sababa isaas fakkeenya ittaanuun
haa ilaallu.
Hin nyaatu (sirrii)
Hinyaatu (dogoggora)
Haagallu (dogoggora)
Haa gallu (sirrii)
• Yeroo dubbatamu, akka fufamtoota
duraatti kan hirkatu nijira. Innis
‘kan’ dha.
Fakkeenyaaf:
1) Kansaa kenniif.
2) Kan ta’uu qabu nita’a.
3) Kan biroo hinjiru.
Hirkattoota duubee
Jechatti yoo fufaman
-f, kanaaf, anaaf, ammaaf,
Galgaloof, namaaf. Fuftuun -f’n
qabiyyee(‘preposition’) waan
taateef nihirkatti.
-dha’n dubbachiistuu dheeraatti
hirkatee gala. Fakkenyaaf:-
beekamaadha.
-ti, ta’uusaati, Oromiyaaan kan
Oromooti.
-fi’n fuftuu (conjuction)
taatuyyuu, sagalee tokko qofa waan
qabduuf, akkasumas, akkaataa
ummanni dubbatu yoo qalbeeffanne
qofaatti barreessuun nifilatama
kanneen jedhanis jiru.
-fi’ yoo osoo hinfufiin
barreeffame mataduree keessatti
-f’ guddaa taasisuu feesisa.
Fakkeenyaaf ‘Magaalaa Fi
Baadiyyaa’.
-f’fi fi’n akkaataa dubbatamanitti
(sagaleeffamanitti) sagaleen isaan
uumamaan qaban tokko waan ta’eef
adda baafachuuf, isa tokkotti
(fuftuutti) ‘i’n dabalameera.
Lameenuu qooda garaagaraa waan
qabaniif isaan adda baafanna.
Lameenuu amala hirkachuu niqabu.
Kana jechuunis, jecha isaan itti
hirkatantu ‘i’, sagalee ofii
dheeressuun ofitti fufatu
jechuudha.
Fakkeenyaaf:
1. Anaaf kennuun haaturuu; mee
dura isaafi isheetti kenni.
2. Dhirsaafi niitiitu wallolee,
walitti araarsi yaa itillee.
3. Obboleessaafi obboleettiitu,
ijaafi adaamii walitti ta’an.
4. Fakkeenyaaf ani achuman ture.
Garuu, waatokko hinturre.
Wayita dubbataman amala fufamtoota
boodaa kan qaban nijiru. Amala
fufamtoota boodaa qabaachuusaanii
kan nuuf akeeku sagaleetu
(qubeetu) liqimfamee hafa.
-illee har’allee, ammallee,
kunillee, tokkollee, ta’ullee….
-iyyuu- “Kanayyuu warri rafnaani
jette sareen.” Ammayyuu ittuman
jira.
-ishee (ishii) -Kun kansheeti.
Afaan Oromoo keessatti kanneen
sagalee tokko qofa qaban ( ‘kaa’,
‘ree, koo…) yeroo dubbataman
nifufamu (ni hirkatu).
Fakkeenyaaf:
-kaa akkanakaa! Jedhikaa! Dafikaa!
Tolekaa! Maalookaa!
-ree haata’uuree!, mitiiree!,
jetteeree!.
-koo Yaadakoo deeggaruun dirqama
miti.
-kee - Yaadakee nandeeggara.
Xumura
Afaan Oromoo barreessuuf akkaataa
hawaasichi ittidubbataa jiru yoo
qalbeeffanne gabaabsanii yaada
ofii ibsuun barbaachisaa ta’uu
hubanna.
Barreeffama keessattis yeroo
hirkattoonni fufamanii
barreeffaman qubeewwan hafuu
qabanis nijiru.
Kunimmoo waraqaa, qalama, yeroofi
humna qusachuuf waan gargaaruuf
barreessitoota biratti bakka
guddaa qaba.
Walitti maxxananii yoo
barreeffaman dubbisuuf daran nama
gargaara. Ijji nama dubbisuu tokko
tokkoo qubeewwanii barbaadee
(ilaalee) dubbisuuf hinrakkatu
waan ta’eef kanneen hirkachuu
qaban walitti maxxansanii
barreessuun dansa.
Asirratti keessumaa jechoota
teknolojii Afaan Oromootiin oggaa
qubeessisnu otoo dheeressuu
baannee gaariidha. Qubeessaa
dheeressinus gabaabsinus
jijjiiramni hiikaa fidu tokkollee
waan hinjirreef hunda tarreessinee
qubeessuurraa otoo of eeggannee
gaariidha.
Fakkeenyaaf teenkooloojii
jechuurra teknolojii,
yuunivarsiitii jechuurra
yunivarsitii, jennee haala
qubeessaasaanii waaltessinee otoo
ittifayyadamnee gaariidha.
Asirratti namoonni Afaan Oromoo
akkuma dubbatamutti barreeffama
jedhan ni jiru. Kun dhugaa ta’uu
danda’ullee, jechoonni ergifannoon
akkanaa hamma hiika ykn ergaa
jechichaa hinjirreetti calluma
jennee qubeelee ittife’uun iddoofi
yeroo fixuu malee faayidaa
hinqabu.
Kana malees mallattoo eertuu
sadarkaa oggaa barreessinu 1ffaa,
2ffaa, 3ffaa akka hayyoota adda
addaarraa qoratameetti itti
fayyadamaa jiruun, gabaasnee 1fa,
2fa, 3fa… jennee barreessuun
iddoo qusachuufi ijatti toluun
faayidaa guddaa qaba.
Sadarkeessituun kun haala kanaan
barreeffamuun jijjiiramni hiikaa
dhufu waan hinjirreef gabaabsinee
ittifayyadamuun kun qorannaadhaan
kan deggarame waan ta’eef
iddoowwan hundatti hojiirra ooluu
qaba.
Hubanneerra yoo ta’e Ingiliffa
keessattis sadarkeessituun kun
oggaa barreeffamtu qubeewwan
dhumaa lamaan qofatu fudhatamee
tajaajilarra oolaa jira; (1st,
2nd, 3rd… jedhame.
Asirrattis namoonni “Afaan Oromoo
akkuma dubbatamutti barreeffamuu
qaba malee” jedhan jiru.
Kunis dhugaadha ta’us hamma dhama
(bu’uura) afaanichaa hinxuqnetti
haala ittifayyadamasaa
ammayyeessaa deemuun waan
danda’amuuf fakkeenyummaa kana
fudhatanii hojiirra oolchuun
misha.
Barreeffama kana gabbisuuf
barreeffama Alamaayyoo Qubee,
Sadaasa 2014fi marsariitiiwwan
adda addaa fayyadamneerra.
Maddi:Gaazxeexaa Bariisaa
Hamma Dubbifame:
404
In this article:Maxxantoota,
Xumura
Written By
Afaan Oromo
Barreessaa Marsariitii Afaan Oromo Online

Click to comment