Mallattoo Shamarree sijaallattu akkamiin beekuu dandeesuu? Dhiirotaaf qofa: Gammadaa Olaanaatiin
Shammarroon dhimma jaalalaa irratti iftoominaan dhihaachuuf aadaa fi safuun baayyee isaan danqa. Kanaaf, jaalala ibsachuuf dhimma uumuu ykn mallattoo argisiisu malee fuul-durratti akka argame miirasaanii baasani hin himatani. Kun immoo dhiira baayyee dogongorsiisa. Yeroo tokko tokko shamarroonni utuu hinbeekin dargaggoonni waan jaallataman godhanii fudhatu. Shamarroonis dargaggoo jaallatanitti jaalalasanii ibsachuuf baayyee dhibamu. Eegaa shamarreen tokko yoo dhiira tokko jaalalaaf feetu mallattoo akkamii calaqsiifti?
1) Ija hannaan si’ilaalti:- Utuu isheen
irra deddeebitee hattee si’ilaaltuu yoo argite dhimmichi
jalqabaa jira. Iji keessaan nama hedduu keessa baasee
wal’oraana yoo ta’e dubbii jabeessi. Kun qofti garuu
guarantee miti.
2) Ammas ammas maqaa siwaamti:- afaan
isheerra maqaankee deddeebi’ee dhufa yoo ta’e
garaanshees sibira. Nama biraa waamuuf jettee maqaakee
fayyadamti yoo ta’e onnee ishee seenaa jirta.
3) Siwaliin tahuuf sababa uumti;-
sababa adda addaa fayyadamtee siwaliin ta’uu ykn turuu
feeti yoo ta’e ammas dhimmichii jabaachaa jira.
4) Bakka ati ooltu oolti:- bakka ati
bashannanuuf ykn hiriyyoottankee waliin walarguuf yeroo
baayyee feetu isheenis argamuu baayyifti yoo ta’e
siwaliin bashannanuu kajeeluusheeti ykn jara ati achitti
quunnamtu qoraachuuf tahuu ni mala.
5) Gaffii sitti baayyifti:- waayee
jireenyakee gadi fageenyaan baruu barbaaddi yoo tahe
tarii jaalala siif qabdurraa kan madde waan ta’uu
danda’uuf itti hin qoosin.
6) Nama irra addatti siwaliin odeessuu
barbaaddi:- nama ykn hiriyoottan keessan waaliin yeroo teessanii
odeessitan isheen waan ati odeessiturratti addaan
xiyyeeffatti yoo ta’e keesumaa immoo yeroo morkiin ka’u
sicina gorti yoo ta’e dubbiin dubbii jaalalaatii irratti
baradhu.
7) Baacookee jaallatti:- baacoo ati
baaccu hundumti ishee kofalchiisa, ija ijakee keessa
ilaalala sidhaggeeffatti, baacookeetti gammaddi….
8) Qaamaan sitti sixxi:- mudhii ykn
ciqilee ykn barruu harka kee qabachuu feeti. Sibukkee
taa’uu filatti. Tapha keessa yeroo kofaltu sababa
barbaaddee lapheekeetti hirkatti. Rifeensa mataashee
harkaan fattaalaa si ilaalti… iji ishee hin laafaa,
sagaleenshee jijjiiramaa deema…
9) Waan ati feete feeti/ waan ati jaallatte
jaallatti,
waan ati jibbitu jibbiti
10) Siwaliin jiraachuu akka barbaaddu sitti
himti….
Yoo intala obsa fixachiiftee amma isheen afaanii
baafattee sitti himtutti eeggatte ati dhugaa dhiira
jaallatamuu qabudha. Hin hariifatin, carraa isheef
kenni.
Kana hundumaa goote yoo calliste ati dhiira miti
hospitaala deemi sakkata’ami
Xumureera!